Kutaa 3ffaa
Sirni Awwaardii Gaaddisaa jalqabaa maatii barreessaa Gaaddisaa Birruufi Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin qophaa’e Adoolessa 23 bara 2014 haala daran miidhagaadhaan Finfinnee, Hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti adeemsifameera.
Barreessitoota hangafoota keessaa Barreessaafi Gaazexeessaa Namoo Daandii (Dhaabaa Wayyeessaa) barreessaa Xahaa Abdii, barreessaa Abdii Qophee, Barreessituu Maaramee Harqaa, barreessaa Asafaa Tafarraa Dibaabaa (PhD), barreessaa Kumsaa Burraayyuu, barreessaafi Gaazexeessaa Isaayyaas Hordofaa badhaafamoo Gaaddisaa Awwaardi ta’aniiru; shanansaanii karaa bakka bu’ootasaanii badhaasa addaa qophaa’eef, barreessaa Isaayyaasiifi Doktar Asafaan ammoo bakkatti argamuun badhaasasaanii fudhataniiru. Seenaafi bu’aan hojii badhaafamtoota kanneeniis tokko tokkoon bal’inaan dubbisaan dhiyaateera.
Gaazexaan Bariisaas seenaa gabaabaa barreessitoota hangafoota ogbarruu Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaachuun marsaa jalqabaa kanaan badhaafamanii kan barreessitoota Gaaddisaa Birruu, Masqaluu Baalchaa (badhaafamaa bara jireenyaa)fi kan Kumsaa Buraayyuu maxxansawwan keenya kanaan duraatiin isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaan ammoo kan badhaafamaa Isaayyaas Hordofaa isin dubbisiisna.
Seenaa jireenyaa Gaazexeessaafi Barreessaa Isaayyaas Hordofaa
Haala dhalootaafi guddinaa
Abbaansaanii Shaambal Baashaa Hordofaa Miijanaa Goolee jedhamu. Sanyiinsaanii Oromoo Leeqaa Naqamteeti. Hojiinsaanii gargaaraa fayyaa waajjira poolisii koonyaa Naqamtee turan. Utuu poolisii hinta’in dura baroota 1930moota keessa waardiyyaa ulfinaa Mooticha Hayilasillaasee turan.
Mooticha Hayilasillaasee wajjin Itoophiyaa keessa biyya baay’ee deemaa akka turan Isaayyaasitti himaa turan. waantota ittihiman keessaa tokko waa’ee qabamuu Balaay Zallaqaa ture. Bara Dajjaazmaach Balaay Zallaqaa Mooticha Hayilaillaseerratti fincilan Goojjam Bichanaatti duulanii Dajjaachi Balaay Zallaqaa obboleessasaanii Laaqawu Zallaqaa wajjin qabanii bara 1935 gara Finfinneetti akka fidan Obbo Isaayyaasitti himaniiru.
Kana malees haala mootichaas baay’ee itti himu ture. Oggaa mootichi halkan halkan keellaa masaraa mootummaasaanii (Yuniversitii Finfinnee Siddisti Kiiloo ammaa) keessa qilleensa fudhachuuf miilaan qofaasaanii deddeeman akka hinmukoofneef waardiyyaa isaanitti dhihoo jiru haasofsiisuu barsiifata qabu.
Halkan gaaf tokko mootichi akkuma amalasaanii utuu keellaa keessa olii gadi deemanii iddoo abbaan Isaayyaas dhaabatan dhaqanii maqaafi biyya dhalootasaanii gaafatan. Abbaan Isaayyaasis kabajaan akka Afaan Amaaraa jalaa hinbadne of eeggachaa gaaffii isaaniif deebii kennan. Mootichis erga maqaafi biyya dhaloota abbaa Isaayyaas baranii booda Afaan Oromootiin yemmuu isaan haasofsiisan Hordofaan baay’ee dinqisiifaman.
Mootiin moototaa Afaan Oromoo kan beekaniifi kan dubbatan itti hinfakkaane. Motichi Hayilaillaaseen Afaan Oromoo akkuma Oromoo Harargeetti qulqulleessanii akka dubbachuu danda’an Isaayyaasitti himu turan.
Shaambal Bashaa Horofaa Miijanaa bara waardiyyaa ulfinaa Mooticha Hayilaillaasee turan sana miseensoti garee waraanaa waardiyyaa ulfinaa keessa kan waliin jiran “Namni bareeda akkakee akkamitti maqaa fokkisaa Hordofaa jedhamtee waamamta, maqaa Amaaraatti geeddaradhu” jedhaniin. Shaambal Baashaa Hordofaa garuu, “Abbankoo maqaa Oromoo garii naaf moggaase hingeeddaru. Maqaankoos akkuma bifakoo bareeda” jedhanii didan.
Obbo Isaayyaas yeroo waa’ee abbaasaanii dubbatan; kitaabota barreessan keessatti oduufi seenaa kutaalee biyyaa tokko tokko barreessan kan abbaansaanii itti himan akka ta’e ibsu. Fakkeenyaaf kitaabotasaanii “Hawwii”fi “Yoomi Laataa?” jedhaman keessatti qoodi abbaasaanii guddaadha. Sabboonummaan Oromoo Obbo Isaayyaas keessa amma jirus kan abbaasaaniirraa dhaalan akka ta’e Obbo Isaayyaas ni dubbatu.
Abbaansaanii bara Xaaliyaanii Faashistiin Itoophiyaa weerare barumsa ammayyaatii kutaa lammaffaa ga’anii turan. Mana barumsaa ergamoota wangeelaa Siwidinii Naqamtee keessatti waan guddataniif amanitiidhaan Kiristaana Piroteestaantiidha. Isaayyaasis amantiidhaan Kiristaana Prooteestaantiidha. Bara sana Onsimoos Nasiib /Abbaan Gmmachiis/ barsiisaasaanii turan.
Obbo Isaayyaas Hordofaan Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamtee, Ganda 07 keessatti bara 1945 Bitootessa 2 dhalatan. Hangafootisaanii lamaa; Mitikkee Hordofaafi Dammallaash Hordofaas magaalaadhuma Naqamteetti dhalatan, abbaansaanii hojii waardiyyummaa mooticha Hayilasillaasee dhiisanii bakka dhalootasaanii, erga Naqamtetti deebi’anii booddeedha.
Biyya dhalootasaaniitti kan isaan fudhatan Faranjoota ergamoota Siwidinii, weerara Xaliyaanii dura Naqamtee keessatti isaan barsiisaniifi Xaliyaaniin biyyaa Itoophiyaa keessaa kan isaan baaste turan. Yeroo Xaaliyaaniin mo’amtee Itoophiyaa keessaa ari’amtu, yeroo Itoophiyaatti deebi’an haadha Isaayyaasfaa wajjin Finfinneedhaa fuudhanii Naqamtetti deebi’an.
Abbaansaanii bara 1911 ji’a Sadaasa 11 Naqamtee, ganda Daalootti dhalatanii achuma jiraachaa turan. Obboloota Isaayyaasfaa 13 haadha warraa gara garaarraa horatanii bara 1992 ji’a Amajjii 11 boqotanii Magaalaa Naqamtee, Waldaa Makkaana Yesuusii Daaloo (iddoo amma Yuniversitiin Wallaggaa irratti ijaarametti dugda duubatti) awwaalaman. Obbo Isaayyaas abbaa isaaniif ilma sadaffaadha.
Haati Isaayyaas Hordofaa Aadde Geexee Gabragiyoorgis jedhamu. Kutaa biyya Harargee, konyaa Gursum, Magaalaa Funyaanbiraatti naannawa bara 1920 dhalatan. Abbaansaanii Qanyaazimaachi Gabregoorgis Oromoo Shawaa Sooddoo Jiddaati. Haatisaanii ammoo Amaara Minjaari.
Abbaansaanii Qanyaazimaach Gabragoorgis bara Atsee Minilik Harargee gabroomfatan loltummaadhaan duulanii achuma Harargee, koonyaa Gursum, magaalaa Funyaanbiraatti ijoollee horanii utuu jiraatanii boqotan. Haati Isaayyaasfaas sababii kanaan achitti dhalatanii guddatan.
Haala barnootaa
Obbo Isaayyaas haala kanaan dhalatanii erga guddatanii yeroo umriinsaanii barumsaaf ga’u bara 1949 umrii waggaa 4tti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ergamoota wangeela Siwidinii Naqamtee galanii hanga kutaa 3ffaatti baratan. Kutaa 4ffaa-10ffaatti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qadaamaawii Hayilasillaasee Naqamteetti baratan.
Achiis manni barumsaa ‘Kompireensiivii’ Naqamtee 1963tti bara tajaalila jalqabe achitti darbuudhaan 11faa-12ffaatti baratanii bara 1964tti maatiriikii fudhatanii qabxiin maatiriikii Yuniversiitii isaan galchu waan hinguunneef waggaa tokkoof hojii dhuunfaa hojjechaa turnii bara 1966tti Inistitiiyuutii Leenjii Barsiisotaa Asmaraatti waggaa tokkoof baratanii barsiisummaadhaan ji’a Waxabajjii bara1966tti eebbifaman. Sana boodas yuniversitii Finfinnee jala kan ture Kolleejjii qonnaa Haramaayaa duriitti ogummaa qonnaa “crop prodaction and protection technology” baratanii bara 1976 dippiloomaadhaan eebbifamaniiru. Erga soorama ba’anii booda kolleejii “Leadstar Theological irraa ALA Adoolessa 28 bara 2019 digrii jalqabaatiin eebbifamaniiru.
Barsiisummaadhaan
Obbo Isaayyaas erga haala kanaan barsiisummaan eebbifamanii booda ji’a Fulbaanaa bara 1967 kutaa biyya Wallaggaa, konyaa Jimmaa Arjoo, Aanaa Leeqaa Dullachaa, mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Baandiraa jedhamutti ramadaman. Barri kun bara warraaqsi Itoophiyaa ka’ee mootummaan Hayilasillaasee aangoo gadhiise ture.
Kan aangoo mootummaa qabate Dargiin ummattoota Itoophiyaarraa deggeersa argachuuf “walqixxummaan sabootaa sirna Soshaalizimii ijaarru keessatti ni kabajama (ni mirkanaa’a).” Sababiin jedheef, ummata baay’ee daguun gorsee of cina hiriisisuu danda’ee ture. Isaaayyaasis sababii kanaan sochii sabummaa keessatti qooda fudhachuu jaqaban.
Mana barumsaa isaan barsiisan keessatti barattootisaanii sabasaanii, Oromoof akka dhaabbataniif barreeffamoota Oromummaa cimsan bifa walalootiin barreessanii barattooti ganama ganama sirna alaabaa Itoophiyaa fannisuuf hiriiran irratti nidubbisu ture.
Barattoonnis fakkeenyasaanii fudhatanii Afaan Oromootiin walaloo barreessanii dubbisu turan.Isaanis horii isaaniitiin badhaasa meeshaa barumsaa bitanii barattoota walaloo Afaan Oromootiin barreessanii dubbisaniif badhaasa kennudhaan jajjabeessaa turan.
Gaafa jalqaba mana barumsaa kanatti ramadamanii daree ja’affaa barumsa hawaasummaa bara sana “Social Study” jedhamu barsiisuuf seenan; “Attam bultan ijoollee?” jedhanii Afaan Oromootiin nagaa gaafatan. Haalli kun garuu barattootatti haaraa ta’e. Sababiinsaas barsiisaan kamuu daree keessatti Amaariffaan malee Afaan Oromootiin dubbachuu hindanda’u. Dhorkaadha.
Kun seera sirna barumsaa Itoophiyaa bara sanaa ture. Gaafa sana Obbo Isaayyaas, “Maaltu haaraa isinitti tahe ijoolle? Isin ijoollee Oromoo mitii ?” jedhan. Ijoolleenis sagalee tokkoon “Eeyyee!” jedhan. Isaayyaasis “Anis Oromoodha. Kanaaf ta’eef Afaan Oromootiin deebii naa kennuu qabdu” jedhanii maqaasaanii hanga akaakayyuusaaniitti, “Ani Isaayyaas Hordofaa Miijanaadha” jechuun of beeksisan. Barattoonnis tokko tokkoon ka’anii maqaasaanii hanga akaakayyuusaaniitti himan. Barattooti %99.7 Oromoodha. Kanneen hafan saboota biroo ta’anii garuu abbootiinsaanii achitti dhalatanii guddatan waan ta’eef kanneen Afaan Oromoo dubbtaniidha.
Kana booda erga barumsa hawaasummaa Afaan Oromootiin barsiisanii raawwatan booda kan Afaan Oromootiin barsiisan akka dabtarasaaniirratti garagalchataniif gabatee gurraacharratti Amaariffaan barreessaniif.
Haala yeroo sanaa ilaalu Afaan Oromootiin walaloo barreessanii yeroo jalqabaatiif mana barumsichaa keessatti faaruu Afaan Oromoo kan barsiisan Isaayyaas Hordofaadha. Fakkeenyaaf ;
“Ka’ii ! Ka’ii ! ka’i ni kaanaa (2)
Yoo wajjin kaane biyya guddisnaa!”
Kan jedhuufi faaruulee garabiraa baay’ees barsiisaniiru.
Gochasaanii kana, barsiiftoti Oromoo hiriyootisaanii wajjin barsiisan kan deggeeran yoo ta’u, daayirektarriifi barsiisaan mana barumsichaa kan ilaalcha biraa qaban; “Barsiisaa Isaayyaas sirna barumsaa Ministeera Barumsaa Itoophiyaa ala barattoota Afaan Oromootiin barsiisaa jira” jedhanii waajjira manneetii barumsaa konyaa Jimmaa Arjootti himatan. Himannaan isaanii garuu duraa fashalaa’e.
Faaruu Afaan Oromoo malees tiyaatirii Afaan Oromoos barreessanii barattoota hojjechiisuudhaan warra ijoollee fi barattootaaf dhiheessuf qopheessanii agarsiisaa turan Haala kanaan hojji barsiisummaan waggoota lamaaf erga tajaajilaa turan booda, ji’a Bitootessa bara 1969 Finifinnee dhufanii Raadiyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromootti yeroof mindeeffamanii hojjechuu jalqaban.
Gaazexeessummaan
Gaazexeessummaa mootummaa keessatti
Obbo Isaayyaas haala kanaan bara 1969tti Raadiyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo keessatti erga mindeeffaman booda, tajaajila oduu Itoophiyaatti jijjiiramanii bara 1969 ji’a Hagayyaa keessa Rippoortarii Tajaajila Oduu Itoophiyaa (TOI), damee Naqamtee ta’anii dhaqan.
Turtiisaanii kutaa biyya Wallaggaa keessatti hojii gaazexeessummaasaaniirratti dabalanii barreessaa koree aadaa hawwisoo kuta biyyichaa ta’uudhaan konyaalee kutaa biyya Wallaggaa gara garaafi magaalaa Naqamtee keessatti yeroo tuuti hawwisoo aadaa Wallaggaa ummataaf tapha aadaa dhiheessan waltajjii gaggeessuudhaan nitajaajilaniiru. Ummati Oromoo mirga isaaf akka qabsaa’uuf dadammaqsu turan.
Walaloon sirbaa tuuta hawwisoo Wallaggaa kun utuu waltajjii irratti ummataaf hindhihaatin koree aadaa kutaa biyyichaatiin gulaalamuu qaba. Koreen kun walaloo kana yeroo gulaalu jechoota sirna cunqursaa balaaleffatu akkasumas kan sabboonummaa cimsu keessaa baasaa ture .
Ittifufa
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014