Waaliyaan qophii “CHAN”f tapha michummaa jalqabe

 Finfinnee: Waancaa kubbaa miilaa taphatoonni kilaboota liigii biyya keessaaf taphatan qofti irratti hirmaataniifi “CHAN” jedhamuun beekamu kan jalqabame ALA bara 2009 magaalaa guddoo Kotdivaar, Abijaanitti ture.

Walmorkichi waggaa lamatti al tokko kan adeemsifamu yoo ta’u, isa jalqabaa irratti biyyoota Afrikaa 54 keessaa tapha gulaalaa darbuudhaan kan hirmaatan biyyoota saddeet qofa ta’u seenaan isaa ni mul’isa.

Suuta suuta biyyoonni miseensota Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaa gaaffii waan dhiheesseef walmorkichi yeroo ammaa biyyoota 16 jidduutti gaggeeffama. Walmorkiin jalqabaa kan Kotdivaar qopheesiterratti Riippaabilikiin Dimokiraatawaa Kongoofi Gaanaan tapha waancaaf dhiyaachuun Kongon 2-0n mo’achuudhaan waancaa jalqabaa seena qabeessaa fudhateetti.

Inni lammaffaan bara 2011 Sudaanitti kan adeemsifame yoo ta’u, Tuuniziyaan Angoolaa 3-0n mo’achun shaampiyoona taateetti. Kan sadaffaa ALA bara 2014 Afrikaa Kibbaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, Liibiyaan Gaanaa liigooreedhaan 4-3n mo’achuudhaan waancaa kana fudhatteetti.

Waancaan sadaffaan ammoo Ruwaandaatti yoo gaggeeffamu, Rippaabilikiin Kongoo Maalii 3-0n mo’achuun yeroo lammaffaaf shaampiyoonaa taate. Waancaa shanaffaan bara 2018 Morookoon yoo keessummeessitu qopheessituun waancaa Morookoon Naayijeeriyaa 4-0n mo’achuudhaan waancaa hambifatte.

Taphni waancaa shanaffaan kan gaggeeffame ALA bara 2020 Kaameeruun magaalaa Yaawundeetti yoo ta’u, Morookoon Maalii 2-0n mo’achuudhaan waancaa lammeeffatte.

 Walmorkiin kun yeroo ja’affaadhaaf ALA bara 2022 magaalaa guddoo Aljeeriyaa, Aljeersitti kan gaggeeffamu yoo ta’u, biyyoonni Afrikaas tapha gulaalaa godhachaa jiru.

Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa (Waaliyaan) walmorkii kanarratti hirmaachuuf gulaalaa marsaa lammaffaa garee Ruwaandaa wajjin tapha dhaqaaf deebii ALI Hagayyaa 20fi 29 bara 2014 adeemsisuuf qophiirratti argama.

Qophii kanaaf kan isa gargaaru tapha michummaa lama garee kubbaa miilaa Ugaandaa wajjin taasifata. Qabxiin isaa maxxansaaf nu dhaqqabuu baatus kaleessa tapha duraa Istaadiyoomii Yunivarsitii Saayinsiifi Teeknolojii Adaamatti tasifateera.

Haaluma walfakkaatuun tapha lammaffaas boru sa’aatii kudhan irratti achumatti akka taasifatu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera. Waaliyaan tapha “CHAN” kanaaf torban lama dura taphattoota kilaboota liigii biyya keessaaf taphatan 23f waamicha taasisuufiidhaan Adaamaatti shaakala jalqabuun isaanii kan yaadatamuudha.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014      

Recommended For You