Bayyanaa Ibraahimiin
Qabeenya uumamaafi iddoowwan hawata turiizimii sadarkaa addunyaatti maqaa gaarii ta’an kan qabdu Itoophiyaan, humna damee tutiizimii irratti qabdu kana gara maallaqaatti geeddartee dinagdee biyyattii utubuuf garuu yaaliifi tattaaffii garaa garaatiin alatti waan argachuu maltu argachaa hinturre.
Iddoowwan hawata turiizimii heddumminaan qabaachuun qofti damicha misoomaaf oolchuun akka hindanda’amnes haalawwan waggoottan dheeraa darbanirraa hubachuun ni danda’ama.
Qabeenyi uumamaafi bakkeewwan turistoota baay’inaan harkisuu danda’an qabaachuu amanuufi iddoowwan sana misoomsanii madda galii cimaa turiizimii taasisuufi kun immoo deeggarsaafi xiyyeeffannoo hoggantootaa malee ulfaataa akka ta’e hojiiwwan gama iddoo hawata turiizimii babal’isuutiin waggoottan afran darbanitti hojjataman ilaaluun gahaadha.
Pirojektiiwwan bashannanaa, paarkiiwwaniifi misoomni qarqara lagaa waggoottan muraasa darbanitti kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin hojjataman filannoo iddoowwan hawata turiizimii isaan biroo ta’anii tajaajiluu eegalanii jiru.
Pirojeektiiwwan kunniin immoo magaalaa guddittii biyyattii qofa keessatti kan daangeeffame osoo hintaane, gola naannolee biyyattii hedduu keessatti ijaaramaa jiraachuunsaanii sirniifi hoggansi yeroo ammaa jiru iddoowwan hawata turiizimii turan misoomsee faayidaaf oolchuu qofa osoo hintaane, pirojeektiiwwan maallaqa olaanaa gaafataniifi gaafa ijaarsisaanii xumurame immoo maallaqa olaanaa maddisiisuudhaan dinagdee biyyaa haalaan utubuu danda’an horachuudhaaf sochiin jiru olaanaadha.
Hojiin gama misooma iddoowwan hawata turiizimii babal’isuuf taasifamu kun immoo tarsiimoodhaan kan deeggarameefi dameen turiizimii dameewwan akka saayinsiifi teknolojii, albuudaafi kanneen biraa isaan yeroo ammaa xiyyeeffannoo addaatiin mootummaan irratti hojjachaa jiru keessaa isa tokkos ta’uu danda’eera.
Xiyyeeffannoon addaa sadarkaa federaalaatti damee kanaaf kenname akkuma jirutti ta’ee, handhuura Itoophiyaatti kan argamtuufi qabeenya uumamaafi turiizimii Itoophiyaan ittiin beekamtu keessaa irra jireessaaf haadha kan taate Oromiyaanis damichaaf haala mijataa hinbaramiin uumtee nama raajutti jirti.
Xiyyeeffannoo damichaaf kennameefi fedhii iddoowwan hawata turiziimii naannichaa misoomsuuf jiru kan agarsiisu inni jalqabaa dhaabbata haaraa hojii kana qofarratti xiyyeeffatee hojjatu hundeessuusheeti.
Dhaabbata seektara kana hogganu hundeessuun qofti gahaa waan hinturreef nama aadaafi eenyummaa ofiitti boonu, kaka’umsa aadaa ofii beeksisuufi maallaqatti geeddaru, kutannoo birokiraasiiwwan mootummaa darbanii deemu qabdu dubartii cimtuu dhaabbatichaaf muuduunis akka tarkaanfii sirrii mootummaa naannichaatti kan ka’uudha.
Kana immoo ragaa kan bahu naannolee biyyattii hunda, hawaasa tanaan dura seektara turiizimii Oromiyaa beekuufi nama jijjiirama waggoottan lamaan dhaabbatichi haaraan /Komishiiniin Turiizimii Oromiyaa/ erga hundeeffameen booda arge hundatu ragaa kana bahuu danda’a.
Wayita dhaabbilee mitimootummaa garaagaraa keessa hojjechaa turanitti waa’ee maqaa isaaniifi ummata Oromoo namootni baay’inaan akka isaan gaafachaa turan kan himan Komishinarri Komishinii Turiizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa, yeroo kanatti “aadaan Itoophiyaa beekamtii qabu ummata Oromoo, aadaafi eenyummaakoo of keessatti kan qabate akka hintaanen hubadhe” jedhu.
Sabni Oromoo ummata lakkoofsa guddaa qabuufi giddugala biyyattiitti argamu ta’ullee beekamtiin qabu xiqqaa ta’uunsaa akka isaan quuqaa ture himu.
Kanaaf eenyummaa ofii agarsiisuu, akka beekamu gochuufi nama ofitti qabuuf turiizimiin mala isa salphaa akka ta’e hubachuun damee kanarratti hojjechuuf fedha horachuusaanii dubbatu.
Komishinar Laliseen “Oromiyaan miidiyaa idileefi hawaasummaa irratti akka beekamtu gochuun barbaada. Gama turiizimiifi qabeenyaan humna guddaa akka qabnu akka beekamu nan barbaada. Oromiyaan hawataalee turiizimii aadaafi uumamaa hedduu qabaattus guddinni damee kanaa garuu kan naannolee biroo waliin yeroo madaallamue gadaanaa ta’uunsaa xiiqiidhaan akkan hojjadhuuf na gargaareera. Nuti Oromiyaan giddugala biyyattiitti argamna. Kunimmoo turiizim konfiransii dabalatee carraawwan biroo irraa akka fayyadamnu nu dandeessisa” jedhu.
Haa ta’u malee kana hojjechuun akka hindanda’amneefi hawataalee turiizimii jiran illee adda baasuun kan hindanda’amne ta’uu ibsu. Iddoowwan hawwataalee turiizimii Oromiyaan qabdutti bu’uraalee misoomaa isaan bu’uraafi kanneen turiizimiin walqabatan kan akka hoteelota, loojiiwwaniifi kunneen biroon haala barbaadamaniin jiraachuu dhabuunis rakkoo ta’uu kaasu.
Turiizimiin, bu’aa dinagdeefi ijaarsa biyyaaf qaburraan kan ka’e mootummaan dameen kun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa hubachuu eeranii, hundeeffamni Komishinii Turiizimii Oromiyaallee xiyyeeffannoo mootummaan damee turiizimiif laate kan agarsiisu ta’uu himu. Kana malees haalli dameen turiizimii kanaan dura itti beeksifamaafi gurguramaa ture boodatti hafaa ta’uu kaasanii, yeroo dijitaalawaa keessa jiramu kanatti miidiyaa baramoo qofarratti hirkachuun damee turiizimii tursiisuun akka hindanda’amne dubbatu. Hojii damee turiizimii irratti hojjatamu kana caalatti bu’a qabeessa taasisuuf miidiyaa hawaasaa dabalatee miidiyaa dijitaalaatti fayyadamuu akka barbaachisus hubachiisu.
Komishiniin isaanii fuula feesbuukii ‘Visit Oromia’ jedhu banuun suuraalee qabeenya turiizimii Oromiyaa dhaadhessaniifi odeessaalee adda addaa hawaasa biyya keessa jiraniifi biyyoota alaa jiran hundaaf qoodaa jiraachuu kan himan Komishinar Laliseen, maloota dijitaalaatti fayyadamuunis gabaa turizimii idil addunyaa hawwachuuf akka hojjetan himu. Gabaawwan Afriikaa, baha giddugaleessaa, Ameerikaa, Awurooppaafi baha fagoo irratti akka xiyyeeffataniifi kaayyoon isaanii iddoowwan turizimii akka Itoophiyaatti jiran keessaa Oromiyaa ishee jalqabaa gochuu, kanaafis baay’ee hojjechuu akka barbaachisu ibsu.
Haa ta’u malee naannoo Oromiyaa keessatti dhimmootni damee turiizimiif qormaata ta’an hedduu yemmuu ta’an, isaan keessaa immoo yaaddoon nageenyaa isa tokkoofi isa guddaadha. Dhimma nageenyaatiin walqabatee iddoowwan tokko tokkotti wantootni hinmijatne jiraachuun akkuma jirutti ta’ee, “yeroo baay’ee ilaalchi Oromiyaaf jiru sirrii kan hintaanedha” jedhu.
“Waa’ee naannichaa hubannoon dogoggoraa baay’etu jira. Naannicharratti duulli miidiyaa hedduus ni jira. Tokko tokko dhugaarratti kan hundaa’edha. Kanaaf hawaasniifi mootummaan ittigaafatama fudhachuu kan qaban natti fakkaata,” jedhu.
Haa ta’u malee dhugaa lafa jiruufi duula ummata Oromoo akkasumas naannicha irratti taasifamu baay’eensaa soba waan ta’eef, olola sobaa kana immoo ragaa qabatamaatiin dura dhaabbachuun murteessaa akka ta’e kaasu.
Akka damee turiizimiitti immoo damichi dhimmoota iddoowwan hawata turiizimii misoomsuufi beeksisuu qofaa osoo hintaane, ofiisaatiifi qaamota garagaraa affeeree bakkeewwan kanneen daawwachuudhaan daawwatootni biroo ofitti amanamummaadhaan akka dhufan kan taasisan ta’uusaas ni dubbatu.
Mootummaan Itoophiyaa kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin fooyya’iinsa/riifoormii dinagdee biyya keessaa madde waggoota kudhaniif hojiirra oolchuuf karoorfachuunsaa ni yaadatama. Fooyya’iinsi dinagdee kun carraa hojii uumuu, hiyyummaa hir’isuufi guddina waliigalaa fiduudhaaf kan kaayyeeffate akka ta’e himama.
Akka ibsa Komishinar Laliseetti, dameeleen dinagdee shan jechuunis qonna, omisha, albuuda, turiizimiifi tekinooloojiin quunnamtii odeeffannoo (ICT) immoo riifoormii dinagdee biyya keessaa madde kanaan kan xiyyeeffannoon olaanaa itti kennamedha. Xiyyeeffannoo mootummaan damee turizimiif kenne damee turizimii irratti haalaan hojjechuuf carraa kan uumuudha. Waggoota ittaanan shanan keessattis akka naannoo Oromiyaatti damee turizimiin walqabatee namoota kuma 500 ta’anif carraa hojii uumuuf karoorfameera.
Carraa hojii uumamuun dabalataan hawaasni damee kanarraa akka fayyadamufis inisheetiivootni dabalataa jiraachuu kaasanii, falaasama misooma turizimii hawaasa giddugaleessa godhachuufi dargaggootaan hogganamu akka qabu himu. Invastimantiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran hawaasa naannoo waliin michooma kan hinqabne turuu himanii, komishiniichi garuu hawaasa giddugaleessa godhatee akka hojjetu himaniiru.
Torbeen Turizimii Oromiyaa guyyoota afuriif Finfinnetti sagantaawwan garaa garaatiin adeemsifamaa ture immoo hojiiwwan waggoottan lamaan darbanitti dhaabbatichi raawwate agarsiisuudhaan naannolee haaraa hundeessuu barbaadaniif immoo muuxannoo gaarii hiruudhaaf kan isaan gargaare ta’uus ni dubbatu.
Hojiiwwan misooma turizimii babal’isuufi misoomaaf oolchuu irratti carraawwan jiran, rakkoolee babal’inaafi misooma damee kanaatiif gufuu ta’aniifi tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhatamuu qaban irrattis gadi fageenyaan mari’atanii kallattii kaa’uudhaaf sagantichi murteessaa ture.
Walumaagalatti, seenaa waggoota dheeraafi iddoowwan uumamaafi namtolchee turistoota baay’inaan harkisuu danda’an kan qabdu Itoophiyaan, xiyyeeffannoo yeroo ammaa damee kanaaf kennametti fayyadamuudhaan duula turizimii utubaa dinagdee biyyaa taasisuuf eegalameef kan tumsuu qabu qaamota dhimmi ilaallatu hunda.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014