“Oromoon qabsoo dur dabarse caalaa amma qabsoo wal sirreessuu cimaa taasisuu qaba” – Obbo Guyyoo Dooyyoo

 Natsaannat Taaddasaatiin

Keessummaan keenya torban kanaa Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Gorsaa Dhimma Yeroo kan ta’an Obbo Guyyoo Dooyyoo Guyyoo yoo ta’an, gaafdeebii isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti isiniif dhiheessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Obbo Guyyoo: Naannoo Oromiyaa, Godina Booranaa, Aaanaa Dirree bakka addaa Roomsi jedhamuttan dhaladhe. Horsiisee bulaan Booranaa oyiruu waan hinqabneef loowwansaa waliin godaana. Anis bakkan itti dhaladhe dhiiseen gara Mi’oo deeme. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa Mi’ootti, sadarkaa lammaffaa ammoo Yaaballoottin baradhe. Ani ijoollummaa kootti re’ee, jabbii, loowwaniifi gaala bakka margi jirutti godaanuun hanga Keeniyaatti deemee tikseera. Ijjoollummaa kootii hangan barumsa kutaa 12ffaa xumurutti horii tiksaan baradhe.

Barumsa koo kutaa 12ffaa xumuruun bara 1997 Yunivarsitii Finfinneetti digirii koo tokkoffaa Filoosoofiin qabxii gaarii galmeessiseen eebbifame. Yeroo sana barattoonni qabxii gaarii galmeessisan Yunivarsitiitti hafanii barsiisu turan. Ani yeroo sana yunivarsitiitti hafuuf carraa argadhus rakkoon maatii waan naquunnameef hafuu hindandeenye. Ji’a ja’a booda Yunivarsitii Baahir Daaritti barsiisummaan hojii jalqabe.

Turtii booda Yunivarsitii Finfinneetti deebi’een Filoosoofiidhaan barumsa koo digirii 2ffaa baradhe. Yeroo yerootti deemee qorannoowwan gara garaa hojjechaa waanan tureef barumsa digirii koo lammaffaa waggaa tokkooofi ji’a sadiittin xumureen Yunivarsitii Baahir Daaritti deebi’een hojii barsiisummaa koo itti fufe. Ji’a shani ergan hojjedhee booda Yunivarsitii Bulee Horaatti Daarekteera Quunnamtii Hawaasaa (Public Relationship) ta’uun ramadame.

Yunivarsitii Bulee Horaatti koree tokko hundeessinee qorannoo adda addaa hojjechaa turre. Ani walittiqabaa korichaa ta’uun ‘Institute of Gada and Culture Studies’ jedhu hojjenne. Ani yunivarsitichatti qorannoowwan garagaraas hojjedheera. Yeroo ammaa yunivarsitichatti barumsi Sirna Gadaa hanga digirii sadaffaatti kennamaa jira. Yunivarsiticha keessa naannawaa waggaa ja’aa ergan hojjedhee booda gorsaa Pirezdaantii Oromiyaa ta’een dhufe.

Bariisaa: Dur miseensa ABO taatanii qabsaa’aa akka turtan odeeffanneerra. Akkamitti gara dhaaba kanaatti makamtan?

Obbo Guyyoo: Bakkan itti dhaladhee guddadhetti ABOn waan haaraa miti. Dur ijoollummaa kootti yeroon loowwan tiksu, yeroon waggaa sadiif Keeniyaa keessa tureefi yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barachaa ture guyyaa guyyaa waraana ABO waliin oolla. Yeroo sana waraanni ABO Oromoo bilisa baasuuf akka qabsaa’an waan nutti himaniif hiriyoota koo waliin baradhu biroo waliin Roobii Roobii yeroo hunda mana barumsaa hafnee Keeniyaatti leenjii waraana ABO fudhachaa turre. ABOn yeroo sana barumsaafi leenjii cimaa nuuf kennaa ture. Barumsa ABO fudhattee yoo qabsaa’uullee dadhabde mootummaa waliin waliigaltee jiraachuu hindandeessu.

Ani yeroon Yunivarsitii Bulee Horaatii hojjechaa ture barattoota waliin baay’een waliigala. Hanga yeroo mootummaa jijjiiramaatti rifeensi mataa koo dheeraa waan tureef halkan sa’aatii 8:00titti dhufanii manaa nafuudhanii Adaamaatti of argee beeka. Rakkoo hedduu keessa darbee har’a gaheera.

Bariisaa: Qabsoo Oromoon taasisaa tureefi jiru akkamitti ilaaltu?

Obbo Guyyoo: Jaal Leencoo Lataa, Jaarraa Abbaa Gadaa wabeeffachuun akka natti himanitti, qabsoon Oromoo boqonnaa sadii keessa dabarti. Boqonnaan inni jalqabaa Sirni Gadaafi eenyummaan Oromoo waan cabee tureef Oromoo bakka gara garaa jiraatu waa’ee Oromummaafi eenyummaasaa barsiisuufi amansiisuudha. Boqonnaa inni lammaffaan ummanni Oromoo rakkoofi hacuuccaa jala jiraachuusaa Oromoo bakka adda addaa jiraatu hunda walqixa amansiisuu yoo ta’u, Oromoon sirna hacuuccaa kana harka keessaa waan qabuuf boqonnaan kunis baay’ee rakkisaadha. Ijaarsi Itoophiyaa Oromoo miidhus Oromoon adda durummaan harka keessaa qaba.

Bara Minilik gorsaan isaafi ajajaan waraanaa Oromoodha. Oromoon hangi tokko hoggansa keessa waan tureef hacuuccaa Oromoorra ga’aa ture hinfudhatu ture. Kanaafuu hacuuccaa Oromoorra ture Oromoo hunda walqixa amansiisuun rakkisaadha ture. Boqonnaa sadaffaan ummata hacuuccaa jala jiru walqixa amansiisuufi bilisoomsuudha. Kunis boqonnaa baay’ee cimaadha. Qabsoon qawwee akkuma jirutti ta’ee qabsoon ummanni Oromoo eenyummaasaa akka beeku gochuu qabsoo guddaadha. Gaazexaan Bariisaa eenyummaa Oromoo beeksisuu keessatti qabsoo cimaa taasiseera. Gaazexichi bakka waggaa 40 dura turetti hafuunsaa garuu baay’ee na gaddisiiseera.

Qabsoon qawwee duubatti deebi’uu danda’a, qabsoon ijaarsa ummataa garuu duubatti hindeebi’u. Qabsoon ijaarsa ummata Oromoorratti garuu bal’inaan waan hinhojjetamneef dhaabbanni Siyaasa Oromoo wal diiga malee wal hinijaaru. Dhaabbileen siyaasa Oromoo Gaaddisa Siyaasaa jalatti walitti qabamu ijaarra jedhanii utuu hinijaaramiin waldiigan. Kanaafuu hundumtuu inni barates ta’e hinbaranne qabsoo ijaarsa Oromoorratti hanga danda’u gumaachuu qaba. Ani guyyaa guyyaan barreeffama Oromoo ijaaru utuun hinbarreessin hinbulu. Barreeffaman dhimma ijaarsa ummata Oromoorratti barreesse yunivarsitoota biyyoota alaa adda addaa deemee dhiheesseera, maxxansiisees ummata biraan gaheera.

Waa’ee eenyummaa Oromoorrattis artikiloota gara garaafi kitaabota shan barreesseera. Yeroo ammaa ammoo bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaas aadaa, duudhaafi eenyummaa keenya ganamaatti deebina jedhee hojjechaa jira. Yeoo barnoonni Gadaa kariikulamii barnootaa keessa galu ani koree keessan ture. Yeroo Manni Murtii Aadaa hundaa’us koree keessan ture. Qorannoon waa’ee aadaafi eenyummaa Oromoorratti taasisaa ture hojii kanarratti baay’ee nagargaareera.

Qabsoon qawwees ta’e qalamaa jalqaba sammuu keessatti waan uumamuuf ijaarsa sammuu Oromoorratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Sammuun qalamaan ijaarame baay’ee cimaadha. Yeroo Itoophiyaa ijaaruuf jedhan jalqaba Oromummaa cabsuuf yaalaa turan. Oromummaa cabsuuf jalqaba amantii, eenyummaafi aadaa isaa cabsanii maqaasaa jijjiiran. Eenyummaan namaa ni ripha malee hinbadu.

Bariisaa: Safuu, aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo cabee ture bakkatti deebisuuf maaltu ta’uu qaba jettu?

Obbo Guyyoo: Safuu, aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uuf gatii guddaa kaffaluu qabna. Rakkoon Oromoo yeroo ammaa deemee deemee bakka hineegamnetti argame. Rakkoon Oromoo yeroo ammaa hayyoota Oromoo baranne jedhan biratti mul’ataa jira. Rakkoon hayyoonni Oromoo baratan uuman ammoo warra hinbaranne biratti ajandaa taati. Akka aadaafi safuu Oromootti quxusuun hangafasaa ni kabaja, ni ajajamaafis. Aadaafi safuun kun waan badeef Oromoon yeroo ammaa walkabajee dubbii walii dhaggeeffachaa hinjiru. Namni maqaa wal hinballeessiin, wal hinabaarin hinjiru.

Sirna Gadaa keessatti Oromoon Oromoo maqaa walballeessu, hinabaarus. Dhaloota maqaa wal balleessu, wal abaaruufi wal hinkabajne kana sirreessuun ammoo yeroo dheeraa nama fudhata. Dhaloota kana sirreessuufi duudhaasaa ganamaatti deebisuuf barumsi Sirna Gadaa manneen barnootaa sadarkaa jalqabaarraa hanga yunivarsitiitti kennamaa jiru cimee itti fufuu qaba. Barnoonni Sirna Gadaa kennamaa jiru cimee kan itti fufu yoo ta’e waggaa 10 booda dhaloota jijjiirama qabu horachuun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa keessatti baratan naamuusa gaariifi amala addaa qabu. Barumsa isaanii malee waan biraa keessa hingalan. Naamuusa barattoonni mana barumsichaa qaban qaamaan dhaqee argeera. Mootummaafi hayyoonni Oromoo karoora waggaa 10nii baafatanii aadaafi safuu Oromoo ganamaa deebisuurratti waliin kan hojjetan yoo ta’e dhaloota kana jijjiiruu danda’u. Dhaloota ammaa kana jijjiiruun qabsoo cimaa gaafata.

Yeroo ammaa Itoophiyaan marii biyyaalessaa adeemsisuuf socho’aa jirti. Ajandaan marii biyyaalessaa ajandaa warri baratan uumaniidha. Marii biyyaalessaa kanarratti maalirratti akka waldhabnuufi eenyu waliin akka waldhabnu beekamaadha. Seenaa, eenyummaa, afaaniifi aadaarratti eenyu waliin akka waldhabne beekamaadha.

Seenaa Itoophiyaa Abbaa Baahiree irraa ka’ee namatu barreesse. Seenaan dogoggoraa dur barreeffame kun dur barreeffame. Seenaa dogoggoraa dur barreeffame kana sirreessuuf hayyoonni irratti hojjechaa jiru. Seenaan kun sirrachuu baannaan dhaloota ittaanu gidduuttis waldhabdee uuma. Dhaaba siyaasaarratti yoo waldhabnellee dhaaba qorannoo Oromoorratti tokko ta’uu qabna. Oromoon qabsoo dur dabarse caalaa amma qabsoo wal sirreessuu cimaa taasisuu qaba. Oromoon diinasaa sirreessee of sirreessuu dadhabuu hinqabu. Oromoon dirree diinni qopheesseefitti waliin haasa’uurra balbalasaa cufatee waliin mari’achuufi walgorfachuu danda’uu qaba.

Fakkeenyaaf walga’ii TPLF namni tokkoyyuu hindhaga’u. TPLF balbalasaa cufatee dhoksaan erga mari’atee xumuree booda warra kaan waama. Oromoonis utuu gad ba’ee abalu akkasi jedhee maqaa wal hinballeessin dura balbalasaa cufatee waliin mari’achuu, walgorfachuufi walsirreessuu qaba. Walga’iirrattis maqaa walxureessuu hinqabu. Akkuma dhaloota kana sirreessuun waggaa kudhanii ol fudhatu hoggantoota caasaa mootummaa keessa jiran qulqulleessuunis yeroo fudhata.

Bariisaa: Ummanni Oromoo aarsaa kaffalaa jiru keessaa akkamitti ba’uu danda’a?

Obbo Guyyoo: Oromoon aarsaa kaffalaa jiru keessaa ba’uudhaaf of sirreessuufi abbaa sirraa’uu qabu karaa kamiiniyyuu sirreessuu qaba. Oromoon walsirreessuu qaba. Mootummaanis dargaggoota gurmeessuudhaan dhaloota Oromoo fakkaatu ijaaruu erga jalqabee waggaa lama ta’eera. Kana bu’uura godhachuun manneen barnootaallee maqaa ‘Ifa Boruu, Abdii Boruu’ jedhuun moggaafamaa jiru. Barsiisonnis naamuusa barattoota kanaaf ta’urratti leenji’aa jiru. Hayyoonniifi dhaabbileen siyaasaa Oromoos dhimma kanarratti tokkummaan waliin hojjechuu qabu.

Bariisaa: Adeemsa marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhuu hanga ammaatti jiru akkamitti ilaaltu? Gara fuulduraatti ammoo maaltu ta’uu qaba jettu?

Obbo Guyyoo: Yaadni marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsisuu waggaa sadiin dura ka’ee irratti mari’atamaa ture. Walga’icharratti Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Lidatuu Ayyaalawuufi Geetaachoo Raddaa barreeffama ka’umsa marii dhiheessaniiru. Marii biyyaalessaarratti muuxannoo guddaa kan qaban Afrikaa Kibbaarraa, Taabuu Imbeekiifi Hoggantuun Marii Biyyaalessaa Yamaniifi Hogganaan Marii Biyyaalessaa Tuuniziyaa maricharratti argamaniiru. Hoggantoonni kunneen muuxannoo marii biyyaalessaarratti qaban nuuf qoodaniiru.

Yaadni marii biyyaalessaa kun yeroo sanarraa ka’ee ittifufe. Adeemsa marichaa hanga ammaatti jiruun Oromoon harka duwwaa marii kanatti akka hinseeneef ana, Leencoo Lataa, Doktar Diimaa Nagawoo, amma Lubbuun kan hinjirre Galaasaa Dilboo waliin taanee koree ‘Intra Oromoo Steering Committee’ miseensa torba qabu tokko hundeessine. Koreen kun miidiyaatti ba’uu baatus Oromoon harka duwwaa marii biyyaalessaa kanarratti akka hinhirmaanneef hojjechaa jira. Gumiin Balalis kanarratti hundaa’uudhaan jalqabe.

Mariin biyyaalessaa kun milkaa’uufi milkaa’uu dhabuunsaa harka Oromoo jirti. Itoophiyaa keessaa lafti irratti waldhaban lafa Oromiyaati. Afaan irratti waldhaban Afaan Oromooti. Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barumsi kennamuun dubbii kaaseera. Mariin biyyaalessaa kun sadarkaa sadii qaba. Inni duraa sadarkaa qophiiti. Inni lammaffaa Komiishinii Marii Biyyaalessaa ykn Koree ijaaruu yoo ta’u inni sadaffaan ajandaa marichaa qopheessuudha.

Koree dhaabuun hojii guddaadha. Ummanni nama koricha keessa jiru ilaala. Ummanni Oromoon 100 koricha keessa jiraachuurra namni inni itti amanu tokko jiraachuudha filata. Kanaafuu filannoo koreerratti of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha. Adeemsa marii biyyaalessaa hanga ammaatti jiruun Komiishiniin Filannoo Biyyaalessaa hundaa’eera. Ajandaa marii biyyaalessaa kan qopheessu komiishinii kanaadha. Muuxannoo biyyoota addunyaarra jirurraa ka’uun ajandaan baay’annaan mariin biyyaalessaa hinmilkaa’u. Ummanni Itoophiyaa hundi waan himatu waan qabuuf ajandaan marichaa baay’ee xiqqaachuunis rakkoo qaba.

Waan ummanni himatu hunda fudhachuun ykn ajandaa gochuunis hindanda’amu. Mootummaan ajandaan marii kanaa waggaa sadii qabate. Rakkoo Itoophiyaa keessa jirurraa ka’uun marii biyyaalessaa kanaaf waggaan sadii ni xiqqaata jedheen yaada. Ajandaa waggaa sadii keessatti dhumuu danda’u koree filatametu qopheessa.

Maricharratti gaheen mootummaa loojistikii dhiyeessuufi bakka marichi itti adeemsifamu qopheessuudha. Dhaabi siyaasaa waraanarra jiru ammoo yoo qawwee lafa kaa’e maricharratti hirmaata. Yoo akkasitti maricharratti hirmaate wabiin nageenyasaa eegamuufii danda’a. Mootummaan koree waliin ta’uun dhimma kanarratti hojjechuu qaba. Erga kun xumuramee booda gara boqonnaa lammaffaa mariitti seenama.

Marii kanarratti waan hinsirraa’in tokkotu jira. Innis ummatas ta’e qaamoleen mootummaa hedduun maricharratti hubannoo gahaa hinqaban. Marii biyyaalessaa yeroo jedhamu waan mootummaan abbummaan geggeessu se’anii yaadu. Marii biyyaalessaarratti garuu mootummaan akka qaama hirmaataa tokkootti hirmaata waan ta’eef sagalee addaallee hinqabu. Ummanni mariin biyyaalessaa har’a yoo jalqabe bor maaltu murtaa’a jedhee eeguu hinqabu. Mariin biyyaalessaa har’a jalqabee bor waanti murtaa’u hinjiru.

Mariin biyyaalessaa kun waggaa sadii kan fudhatu yoo ta’u, akkaataa sadiin hojiirra oola. Maricharratti dhimmoonni walamansiisanii irratti waliigalanii walii mallatteessan ni jiraatu. Dhimmoonni irratti walii galuu hindandeenyes ni jiraatu. Dhimmoota irratti walii hingalamne murtee ummataatiin furmaata argatu. Dhimmoonni walitti araarsuun hindanda’amne fakkeenyaaf kan akka seenaa ni jiraatu.

Dhimmoota akkasii waan darbe homaa gochuun waan hindanda’amneef araaraan dhiisuun barbaachisaadha. Waanti marii biyyaalessaa keessaa ba’u murtee ykn ajaja utuu hintaane yaada furmaataa mootummaaf dhiyaatu ta’uusaa ummannis hubachuu qaba. Mootummaanis yaada furmaataa maricharratti dhiyaatan garaa bal’atee fudhachuu danda’uu qaba. Mariin biyyaalessaa kun Sadaasa bara 2015 irraa eegalee gara mariitti kan seenamu ta’a.

Akka seera marii biyyaalessaatti qaamni kamiyyuu qawwee qabate irratti hinhirmaatu. Sudaan marii biyyaalessaa yeroo adeemsisaa turte qaamni baay’een hidhatee bosona jiru maricharratti hinhirmaanne. Marii biyyaalessaarratti harka tokkoon qawwee qabatanii irratti hirmaachuun hindanda’amu. Mariin biyyaalessaa mormii utuu hintaane dhimmoota irratti walii hingalamnerratti mari’atanii waliigaluudha. Mariin biyyaalessaa marii ummataati. Namni marii barbaadu hundi haalduree tokko malee maricharratti hirmaachuu danda’a. TPLF maricharratti hirmaachuu danda’a, garuu namaan waliigaluu hindanda’u. Haala amma jiruun ABOn maricharratti hirmaachuuf carraa hinqabu, waan ta’u garuu walumaan ilaalla.

Bariisaa: Rakkoon nageenyaafi qaala’inni jireenyaa akka Oromiyaattis ta’e Itoophiyaatti mudatee jiru akkamitti furmaata waaraa argachuu danda’a?

Obbo Guyyoo: Mootummaan utuu rakkoon qaala’insa jireenyaa kun akkas hinhammaatin ummanni rakkoo keessaa ba’uu qaba jedhee irratti hojjechaa ture. Utuu mootummaan karoora kana qabatee hojjechaa jiruuti qaala’inni jireenyaa kun kan dhufe. Rakkoon qaala’insa jireenyaa kun ammoo sababa qaba. Akka Oromiyaatti rakkoo omishaafi omishtummaa kana furuuf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Nama nyaatee gara hinqabne nama hundumaatu ajajuu barbaada. Kana ammoo qabatamaan agarreerra.

Mootummaan ummata rakkoo keessaa baasuuf karoorfatee utuu hojjetaa jiruu dhiibbaa biyya alaafi keessaatiin rakkoon qaala’iinsa jireenyaa kun mudateera. Dhiibbaan siyaasaa, waraanni, dhibeen Koviid- 19fi weerarri awaannisa gammoojjii sababoota gurguddoo rakkoo qaala’ina jireenyaa kana hordofsiisaniidha.

Ummanni bal’aan rakkoo qaala’ina jireenyaafi nageenyaatiin yeroo miidhamu, namoonni yeroo rakkoo kana akka carraatti itti fayyadamanii durooman ni jiru. Yeroo nagaan jiru namni hundinuu nagaan ba’ee gala, dafqee hojjetee bula. Namni yeroo nagaa dorgomee hojjechuu hindandeenye yeroo nageenyi boora’u keessa fayyadamuu barbaada. Godina Booranaatti ummanni balaa hongeefi beelaatiin rakkachaa jira. Namni yeroo kana fayyadamuun sooromus ni jira. Qaala’inni jireenyaa ummanni hanga waan nyaatu bitachuu dadhabutti dhiibbaa guddaa uumaa jira.

Raashiyaafi Yukireen waraana keessa akkuma seenaniin Itoophiyaatti gatiin boba’aa torban tokko keessatti dabale. Yeroo sana namoonni boba’aa bootteedhaan bosona keessa dhoksan hedduun qabamaniiru. Mootummaan guyyaa tokkotti boottee boba’aa 200 qabeera. Dhiibbaan rakkoon qaala’ina jireenyaa akka addunyaatti jiraatus namoonni qaala’inni qaala’inni jireenyaa akka hammaatu taasisuun ofiisaaniitii qofa sooromuuf socho’anis ni jiru.

Namoota rakkoo nageenyaafi qaala’ina jireenyaa mudate akka carraa gaariitti itti fayyadamuudhaan sooromuuf socho’anirratti mootummaan ammas to’annoofi hordoffii cimaa taasisuun tarkaanfii irratti fudhachaa jiru cimsee itti fufuu qaba. Gabaa guddaan biyya kanaa Markaatoodha. Markaatoo keessatti daldaltoonni vaatii hinkunne hedduudha. Kana ofii kootii deemee argeera. Rakkoo walitti kuufame kana furuun yeroo barbaada.

Bariisaa: Miidhaan barana balaa hongee Godina Booranaa dabalatee godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti mudateen qaqqabe yeroo ammaa sadarkaa maaliirratti argama?

Obbo Guyyoo: Rakkoon balaa hongee godinaalee Oromiyaa Boorana, Baaleefi Harargee, Arsii gamtokkotti mudate hordofuun miidhaan qaqqabe baay’ee hamtuudha. Godinaalee kunneenitti beelladoonni hedduun hanqina nyaataatiin du’aniiru. Sababa balaa kanaatiin bakka tokko tokkotti namni sadarkaa lubbuun darbuurra gaheera.

Gargaarsa lammiilee balaa hongeef saaxilamaniif dhufu kaabiineetu qooddata. Gargaarsa ummata Booranaatiif dhufe nama hedduutu qooddate. Namoota gargaarsicha qooddatan keessa qaamni mootummaas ni jiru. Ummanni sababa hongeetiin beelaaf saaxilame yeroo ammaa sadarkaa yaaddessaarra jira. Yeroo ammaa waanti hundinuu siyaasa ta’eera. Roobniifi beellis siyaasa ta’eera. Yoo dhugaa dubbattu warri jibbu jira. Yoo sobdu ammoo warri badu jira.

Buusaan Gonofaa ummata beela’aairu du’arraa baraaruuf waan qabuun bira dhaabbachaa jira. Rakkoon kun kan hammaate Oromoon Oromoodhaaf na’uu dhiiisee miti. Hanga Oromoon barana Boorana gargaare addunyaanuu wal hingargaarre. Namni barana rakkoo ummanni Booranaa keessa jiru ijaan argee birrii miliyoona ja’aan bishaan boollaa baaseef jira. Gargaarsi ummata kanaaf godhamu qaama biraan nyaatamuusaatu rakkoo kana hammeesse malee gargaarsi ummata balaa hongeefi beelaaf saaxilameef taasifamuu dhabee miti. Miidiyaan rakkoo ummata Booranaa mudatee jiru ilaalchisuun abbaa kanaa jedhus hinjiru. Warri Ameerkaafi Awurooppaas ummata Tigiraayiin ala ummata Booranaafi kanneen biroo balaa hongeefi beelaatiif saaxilamaniin abbaa kanaa hinjenne.

Bariisaa: Akka waliigalaatti raawwiin hojii mootummaa naannoo Oromiyaa bara bajataa 2014 maal fakkaata? Kallattiin hojii bara bajataa 2015 ammoo maal maalirratti xiyyeeffachuu qabu?

Obbo Guyyoo: Jijjiiramaa as bajatni mootummaa naannoo Oromiyaa waggaa waggaan harka guddaadhaan dabalaa jira. Rakkooleen naannicha keessa jiranis akkasuma dabalaa deemu. Gama qonnaatiin bakki jijjiiramni guddaan itti mul’ate jira. Akka fakkeenyaatti Godina Baaleefi Arsiitti rooba malee qamadiin misooma jallisiitiin omishamaa jira. Gama biraadhaan ammoo bakkoota gara garaatti sababa rakkoo nageenyaatiin lafti utuu hinqotamin ba’a. Fakkeenyaaf Godinaalee Gujiifi Wallaggaatti sababa rakkoo nageenyaatiin lafti bal’aan hinqotamiin jira. Godinaaleen Oromiyaa tokko tokko ammoo balaa hongeef waan saaxilamaniif lafti qonnaa omisha malee hafe. Kilaastara qonnaa fayyadamuun omishni qonnaa guddaan bakka tokko tokkotti argamus rakkoon bakka gara garaatti mul’ate bu’aan gama qonnaatiin argamaa jiru akka dhokatu taasiseera.

Rakkoon nageenyaa mootummaas ta’e ummanni tasgabbaa’ee akka hinhojjenne taasisaa jira. Kanaafuu barri bajataa 2014 bara Oromoon rakkoo jajjabaaf saaxilameedha. Sababa rakkoo nageenyaatiin namni nagaa hedduun sababa tokko malee lubbuusaa bara itti dhabeedha. Sababa kanaan daa’imman hedduun haadhaafi abbaa malee hafaniiru.

 Haalli Oromoon bara bajataa darbe keessa ture baay’ee gaddisiisaadha. Kanaafuu mootummaan bara bajataa 2015tti nageenya tasgabbeessuuf marii biyyaalessaa kana milkeessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Mariin biyyaalessaa biyya waraanni keessatti adeemsifamaa jiru keessatti waan hinadeemsifamneef nageenya buusuun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.

Mootummaan bara bajataa kana keessoosaafi diinasaa qulqulleessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Biyya mariin biyyaalessaa keessatti adeemsifamu keessatti waraanni waan hin adeemsifamneef barri 2015 Itoophiyaaf bara kamiyyuu caalaa waggaa nageenyi mirkanaa’aan itti eegamuudha. Ummanni qotee buluufi horsiisee buluu waan hindandeenyeef mootummaan bara dhufu dhimma nageenya mirkaneessuurratti karoora qabatee xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qaba. Bara dhufu kana akka Oromiyaattis ta’e biyyaatti jijjiiramni guddaan ni dhufa jedhamee eegama.

Bariisaa: Hojiin tajaajila lammummaatiin hojjeetamaa jiru misooma mootummaan hojjetu deggeruu keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Guyyoo: Biqiltuu sadarkaa biyyaatti dhaabaman keessaa harki caalu Oromiyaa keessa dhaabaman. Hojiin kun harki caalu tajaajila lammummaatiin hojjetamaa jira. Biqiltuuwwan dhaabaman hedduun qabataniiru; eegumsiifi kunuunsi barbaachisus taasifamaafii jira. Manneen barnootaafi harka qalleeyyii hedduunis hojii tajaajila lammummaatiin ijaaramaniiru; ijaaramaas jiru. Lammiin lammiif kan jedhu aadaa Oromoo keessa jira. Dhaabbanni Buusaan Gonofaas aadaa walgargaarsaa kana daran cimsuuf jecha kan hundeeffame.

Akka aadaa Oromootti namni beelaan du’uun ollaa ykn gosa namicha du’eef qaanii guddaadha. Buusaan Gonofaa aadaa walgargaarsa Oromoo durii gara mootummaatti deebisuun aadaa walgargaarsaa daran cimsuuf yaadamee kan hundaa’eedha. Buusaan Gonofaa kun guyyaa guyyaan lammiilee sababa hongee bara darbeetiin beelaaf saaxilaman bira ga’uun haala isaan keessa jiran guyyaa guyyaan gabaasaa jira.

Deggersa mootummaan lammiilee beela’aniif taasisaajiru caalaa deggersa lammiin lammiif taasisutu caala. Hojii tola ooltummaa caalaa hojiin tajaajila lammummaatu namoota keessatti fedhii hojiifi walgargaaruu uuma. Hojii kanaan namoonni harka qalleeyyiin baay’een gargaaramaniiru; gargaaramaas jiru. Manneen barnootaa hedduunis hojii tajaajila lammummaa kanaan ijaaramaniiru; ijaaramaas jiru.

Bariisaa: Rakkoo saamicha lafaafi ijaarsa seeraan alaa keessumaa Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinneetti adeemsifamaa jiru furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Guyyoo: Yeroon Yunivarsitii Bulee Horaa irraa gorsaa bulchiinsa gaarii ta’ee gara Waajjira Pirezdaantii Oromiyaa dhufu rakkoon saamichaafi ijaarsa seeraan alaa rakkoo bulchiinsa gaariin kan walqabatuudha. Rakkoo bulchiinsa gaariin walqabatee namoonni beenyaa tokko malee lafa isaaniirraa ka’an turaniiru, namoonni lafa mana jireenyaa argachuuf ulaagaalee barbaachisan guutanii utuu lafa mana jireenyaa hinargatiin hafanis jiru. Kanaan walqabatee komiin guddaan ka’aa tureera.

Waa’een dhimma lafaa sirna haaraan qoratamee lafti guddaan bal’aan baankii lafaatti deebi’eera. Baankiin lafaafi bulchiinsi lafaa walto’ata. Bulchiinsa lafaarratti hordoffiifi to’annoo jiraatus fedhiin lafaa baay’ee dabalaa waan dhufeef ammayyuu saamichi lafaa guddan ni jira. Namoonni keenya lafa mana jireenyaa argatan baay’een rakkoo qarshii waan qabaniif lafa argatan dabarsanii gurgurachaa jiru. Lafti Oromiyaa bara Oromoon biyya bulchu caalaa saamame jedheen yaada.

Ummanni keenya baay’een lafa isaa gurguree konkolaataa bitata. Lafti Oromiyaa magaalaa qofatti utuu hintaane daangaa hedduurrattis saamameera. Daangaa Karrayyuurrattis lafti Oromiyaa saamameera. Akkaataan bulchiinsa lafa Oromiyaa ammayyuu rakkoo qaba. Mootummaan naannichaas bulchiinsa lafaa dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaadu ta’uusaa hubatee irratti hojjechaa jira.

Waa’een lafa Finfinnee waan tureedha. Finfinneen lafa qofa utuu hintaane wiirtuu siyaasa biyyattiis waan ta’eef dhimmi Finfinnee salphaatti kan hiikamu miti. Masaraa Mootummaafi Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Boolee Finfinnee keessaa baasuuf hojjetamaa jira. Buufanni Biyyoolessaa Boolee Bishooftuutti akka jijjiiramuuf hojjetamaa jira. Masaraan mootummaa hundumtuu itti waldorgomu Araat Kiiloo keessaa baanaan wantoota hedduutu jijjiirama. Mootummaan Naannoo Oromiyaallee waan sirreeffatu qaba. Innis gaaffiin abbummaa Finfinneeti. Kan siyaasa barbaadu gara Bishooftuufaa haa deemu.

Finfinneen, magaalaa guddoo naannoo Oromiyaa taatee utuu jirtuu naannawaan Finfinnee Oromiyaadha kan jedhu afaan gara fuulduraatti sirrachuu qabuudha jedheen yaada. Finfinneefi Oromiyaan waldhabe jedhu. Kana jechuun Finfinneen Oromiyaa miti jechuudha. Finfinneen lafa Oromiyaa saame kan jedhus afaan sirrachuu qabuudha jedheen yaada. Waa’een daangaa bulchiinsa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa ajandaa ta’ee jirurratti ammaaf odeeffannoo wayitaawaa siif kennuu hindanda’u. Dhimma kanarratti namni ajandaa bocatu waan jiruuf dhimma kana utuun sirriitti hinqulqulleeffatiin dubbachuu hinbarbaadu.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014

Recommended For You