Dajanee Bulchaatiin
Dorgommiin taphoota ispoortii garagaraa irratti hundaa’ee gaggeeffamuufi ‘Betting’ jedhamu waliigala addunyaarraa biiznasii qarshii tiriiliyoona sadii ol kan sochoosu ta’uu ragaaleen garagaraa ni agarsiisu. Jalqabni isaa Ameerikaa kan ta’e dorgommiin kun, gara Afrikaatti kan gale Ardiiwwan akka Awurooppaafi Eeshiyaa keessatti daran erga babal’ateen boodadha. Dhaabbatichi addunyaarratti babal’atee bu’a qabeessa erga ta’ee bubbuleera.
Dhaabbileen qumaara kana dorgomsiisan gosoota ispoortiiwwanii kuma 55 olirratti hundaa’anii daaw’attootaafi deggartoota ispoortii garagaraa waliin waldorgomu. Ispoortiiwwan kanneen keessaas dorgomtoota qumaara kanaatiin filannoon jalqabaa kubbaa miilaa yoo ta’u, innis dorgomtoota dhibbantaa 65 qaba. Isatti aansuun taphni teenisiifi kiriikeet jedhaman tokkoon tokkoon isaanii %12 qabatanii ittaanu.
Dorgommiin taphoota ispoortii gabaa biyya keenyaatti erga seenee as mormiiwwaniifi deggarsa garagaraa keessummeesseera. Keessumaa Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii, Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa, duulli miidiyaalee garagaraa, akkasumas gaariidha, yaraadha warreen jedhan ifatti wal mormaniiru. Dorgommiiwwan caarraa akka hogganuuf labsiidhaan eeyyamni kan kennameef bulchiinsi lotarii biyyaalessaati. Dorgommii kanaafis eyyama kan kennuufi haaressu akkasumas kan to’atu Bulchiinsa Lootarii Biyyaalessaati. Bulchiinsichi dhaabbilee kanneen to’achuuf akka isaaf mijatuuf qajeelfama baasee ture yeroo darbe fooyyesseera. Qajeelfamicharra lakkoofsi 172/2013 akka jedhutti, umrii dogomtootaa, iddoo manneen dorgommichaa ittibanaman, hamma badhaasaa, kaffaltii baasii eeyyamaafi haaromsa waliin keeyyatoota walqabatanii jiran fooyyesseera.
Bu’uura qajeelfama haaraatiin manneen dorgommii taphoota ispoortii ‘Betting’ naannoo mana barumsaa, manneen yaalaa, akkasumas manneen amantaarraa akka fagaatan kan ajajuudha. Iddoowwan eeraman kanneenirraa yoo xiqqaate meetira dhibba shanii ol fagaachuu akka qaban akeeka. Hammi badhaasa isaaniis qarshii miiliyoona tokko akka hincaalle jedha. Kana dura eeyyama haaromsuuf qarshiin ture gara kuma 100tti guddateera jedha. Eeyyama haaraa baasufimmoo kuma 500 akka kaffalu murtaa’eera. Dorgommicharratti umriin hirmaattotaa xiqqaan 18 kan ture 21tti olguddateera jedha. Uffata mana barumsaa namni uffate kamiyyuu dorgommicharratti akka hinhirmaanne dhorka.
Seensa ‘Betting’ gara Itoophiyaatti
Yeroo ammaa biyyoota Afrikaa 30 ol keessatti dorgommichi ni adeemsifama. Dhaabbileen dorgomsiistotaa kanneen seeraan alaa dabalatee naannoo kuma lamaa ol akka ta’antu dubbatama. Biyyoota ‘Betting’ itti baay’atu keessaammoo Afrikaan Kibbaa sadarkaa duraa yoo qabattu, Naayijeeriyaafi Keeniyaan immoo ittaananii argamu. Yeroo ammaa kana ardittii keessatti baay’inni dhaabbatichaa saffisa olaanaadhaan akka deemaa jiru ragaan ni mul’isa.
Dhaabbanni dorgommii taphoota ispoortii kun gara Itoophiyaatti kan seene ALI bara 2005 akka ta’e Bulchiinsi Lotarii Biyyaalessaa ni hima. Haata’uutii garuu bara 2011 irraa eegalee saffisa olaanaadhaan akka dabalaa jiru mul’ata. Yeroo ammaa kanas dhaabbileen kunniin naannoo 50 ta’uufi isaan keessaas tokkichi isaa naaannoo damee 60 ol iddoo garagaraatti akka qabu ragaan jiru nimul’isa.
Haala dorgommichaa
Haalli dorgommii ‘Betting’ jalqabuma balbala isaanii yoo olseenan filannoowwan hedduu namaaf dhiyeessu. Dorgomaan akka fedhii isaatiin tartiiba tapha har’aa, boruu, torbanii ilaalee akka fedha isaatiin filata. Akkasumas gosoota taphaa keessaa kubbaa miilaa, teenisiifi kanneen biroos filachuun achumaan biyya taphichaas filata. Kana booda tilmaama taphootaaf kenname irraa ka’uun dorgoma. Sababa haala dhaabbii wayitaawaarraa ka’uun gareen tilmaama mo’ichaa olaanaa argate qabxii xiqqaa baata. Gareen tilmaama gadaanaa qabummoo qabxii guddaatu kennamaaf. Kana malees kaardiiwwan taphicharratti kennaman, baay’ina goolii, rukuttaa dalgaa (corner)fi kanneen kana fakkaatan hedduudhaan waldorgomu. Dhaabbileen dorgomsiistotaa tokko tokkommoo namoota tikeetii qarshii 100 bitaniif daballii (bonus) kennuun yeroo dhiyoo asitti baratameera.
Namni tilmaamni isaa milkaa’ee dorgommicha injifate qarshiin inni qabsiise haalli ittihojjetamu qarshii naaf ba’a jedhee qabsiise keessaa %15 irraa muramee mootummaadhaaf galii ta’ee kan hafe kennamaaf. Algoorizimiin taphoota dorgommichaa hojjetu nijira. Abbootiin qabeenyaa algoorizimichaa Itoophiyaa keessatti miti kan argaman. Ogeeyyii olaanodhaan ilaalamee herrega hojjetamuudha. Dhaabbileen ‘Betting’ hedduun dorgomtoota isaanitiif tikeetii kan isaan gurguran odeeffannoo warreen kanarraa argatanirraa ka’uuni. Gargaarsa intarneetitiin sa’aatiirraa sa’aatiitti odeeffannoowwan argatan haaromsaa dorgomsiisu. Dhaabbileen kunniin qaama odeeffannoo kana irraa argataniif kaffaltii ni raawwatuuf.
Bu’aafi kasaaraa
Inni kun dhimma ijoo barreeffama kanaati. Yeroo adda addaatti Bulchiinsi Lotarii Biyyaalessaa dhaabbata ‘Betting’ kana guutummaatti miidhaadha jennee fudhachuu hinqabnu jechuun beeksisaa ture. Kana malees to’annoon isarratti taasisu cimseen ittifufa jechuudhaan dubbata. Inni kun hagam hojiirra oolaa jira kan jedhu garuu gaaffii guddaafi kan namoota hedduuti. Yeroo jalqabbiifi saffisaan dorgommichi guddachaa turetti sagaleen baay’een miidiyaalee heddurraa dhaga’amanis amma gara callisuutti deemaniiru. Waantichi garuu dhaloota miidhuu isaa hin dhaabne.
Akka carraa ta’ee yeroo dheeraa booda qarshii haga ta’e namni muraasni argachuu mala. Inumaa irra deddeebii yeroo dheeraafi qarshii hedduu erga dhabanii boodadha kan akka carraatti yeroo tokko argachuu danda’an. Haata’uutii garuu namni dorgommii kanaan jireenyi isaa daandii irraa goree qilee seene, gammachuun dugda ittigaragalfate, maatiin jalaa bittinaa’ee, maamila rakkoofi gadadoo ta’e, hojii jibbe, lakkofsa hinqabu. Abdii guyyaa tokkon injifadha jedhuun irradeddeebiin qarshiisaa dhangalaasee dorgoma. Rakkoowwan hedduuf qarshiin osoo isa barbaachisuu dorgommichi araada itti ta’ee qarshii qabu rakkoo isaatiif fayyadamuurra ‘Betting’ dorgomuutu isa gammachiisa.
Abbaan warraa maatiin manaa osoo beela’anii dheebatanii waanti hedduun osoo isaan barbaachisuu isa isaaniif guutuu dhiisee alaa ‘Betting’ dorgoma. Hojjetaan mootummaa mindaasaa ji’atti altokko eegee argatu, ijoolleen qarshii maatiirraa argataniin yoo argachuu baatan immoo hatanii yookaan meeshaa mana keessa jiru gurguranii, keessumaa barattoonni yunivarsiitii baratan qarshii maatiin ofiif rakkatanii akka isaan hinrakkanneef isaaniif ergan haala nama gaddisiisuun ‘Betting’dhaaf galii taasisu. Kunneen akka fakkeenyaatti ka’an malee hawaasni sadarkaa hojiifi jireenyaa garagaraarra jiru hundi dhibee qumaara kanaan rakkachaa jira.
Rakkoon isaa kana qofa miti. Keessumaa barattoota irratti rakkoolee kallattii heddu fidee dhufa. Barattoonni dorgommicharratti hirmaatanii qarshii baasan dorgommicha malee carraan waa’ee barumsaa yaaduusaanii dhiphaadha. Kanaafis yeroo mara halkan dabalatee bilbila isaanii daqiiqaa daqiiqaadhaan ija irraa hinbuqqisan. Kunimmoo barumsa isaaniirratti dhiibbaan inni fidu xiqqaa miti. Kana jechuun immoo dhaloota mancaasaa jira jechuudha. Biyyas daandii hintaanerra oofaa jira. Sababnisaas abdiin biyya tokkoo dhaloota isheeti. Dhaloota baratetu biyyaafis ofiifis dhiibbaa uumuu danda’a.
Qeerroon biyyattii humni hojjetee jijjiirama fiduu danda’u hojii nuffee karaa qaxxaamuraan qarshii argachuuf guyyaa guyyaadhaan mana qumaaraa kana iddoo jireenyaa godhatee balbala isaanii irraa hindhabamu. Aadaan hojiifi dafqa ofiitiin hojjatanii buluu badee fedhiifi hawwiin dadhabbii ofii malee qarshii argachuu akkamalee dabalee jira. Inni kuun hiriyaadhaan kuun immoo soba dhaabbatichaa “Dorgomaa injifadhaa” jedhuun akkasumas ‘Betting’ yoo dorgomne malee deeggarsi taphaa keessumaa kubbaan miilaa miira nuuf hin kennu jechuudhaan gowwomfamanii erga itti seenanii booda araada keessa galuudhaan yeroo booda guluffii gaalaatifillee qarshii qabsiisanii dorgomuu eegalu.
Inni biraa ammoo araada taphichaatiin qabamuudha. Keessumaa yeroo ammaa namoonni hedduun araada taphichaatiin liqimfamanii jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti dorgommicharratti yoo hirmaataniin ala rakkoo hedduu kanneen akka mukaa’uufi gadduutiif saaxilamu. Kana malees faallaa labsiifi qajeelfama gubbaatti ilaalletiin daa’imman xixiqqoon dhorkaa tokko malee akka barbaadanitti dorgommicharratti hirmaachaa jiru. Kanaafimmoo qaamni labsii baase hordoffii, to’annoofi tarkaanfii barbaachisu taasisaafi fudhachaa hinjiru.
Yeroo adda addaatti Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii dhimmicharratti sodaafi yaaddoo inni qabu ibsuudhaan dorgommicha guutummaatti akka balaaleffatu irradeddeebiin ibsaa jira. Kanaafis akka sababaatti kan inni kaasu tokkoffaan, akkuma gubbaatti kaasne maatiin daa’immanii keessumaa dhiironni sababa ‘Betting’ dorgomuutiif waantota mana keessatti guutamuu qabaniifi barbaachisan hedduun osoo jiranii cinatti dhisuun qarshii isaan alatti baasan yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo daa’imman umriin hinguddanne iddoowwan adda addaatti (naannawa dallaa manneen barumsaa dabalatee) dorgommicharratti hirmaachuun balaa inni boru biyyarratti fidu yaaduuni. Sadaffaan akka biiroo biyya keessattiifi biyyaaf hojjetu tokkootti rakkoon inni gama maraan fidee dhufu gamanumaan kan isa yaaddesse ta’uu yeroo adda addaatti ibsaa ture ibsaas jira.
Furmaata
Inni jalqabaa hubannoo uumuudha. Karaalee adda addaatiin maatiin ijoollee isaaniii gorsuu akkasumas hiriyaan hiriyaadhaaf, karaalee manneen amantaatiin hawaasni hanga danda’ameen qumaara kana keessa akka hingalleefi yoo ittiseenee jiraatemmoo akka keessaa ba’uuf gargaarsa nurraa eegamu taasisuutu nurraa eegama. Dabalataan ammoo qaamni mootummaa gibira dhaabbata kanarraa argamu qofa ilaaluun eeyyama kenne gadi fageenyaan irradeebi’ee ittiyaadutu irrajiraata. Dhaloonni qarshiin hinbitamus hingurguramus! Furmaanni dhumaammoo labsiifi qajeelfama qofa baasuu osoo hintaane gadi fageenyaan hordoffii cimaa ta’e irratti gaggeessutu irraa eegama.
Walumaagalatti ‘Betting’ farra dhalootaati. Maatii diiga, ijoollee beelessa, hojii jibbisiisa, abdii kutachiisa akkasumas rakkoowwan hawaas diinagdee hedduu ofkeessatti hammatee jira. Kanaaf hawaasni bal’aan kana hubatee akka irraa ofqusatu dhaamna. Dabalataanis qaamni mootummaa hanga danda’ameen rakkoo gama kanaan dhufu hordofuufi qolachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014