Damee ispoortii keessatti hirmaannaa dubartootaa cimsuun barbaachisaadha

Finfinnee: Guddinaafi babaldhina misooma ispoortii biyyaa takkaa keessatti hirmaannaan dubartootaa iddoo olaanaa waan qabuuf dameen kun akka hinlaafneef mootummaafi ummanni tumsuu akka qaban ibsame.

Waggoota dheeraadhaaf ispoortii Oromiyaa keessatti sadarkaalee adda addaatti hoggansa damee ispoortiirra kan turan Aadde Abarraash Taadassaa Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, biyya kamittuu taanaan ispoortiin hirmaannaa dubartootaatiin ala eessayyuu ga’uu akka hindaneenye eeraniiru.

Itoophiyaan taphawwan Olompikii, shaapiyoonaa atileetiksii addunyaafi taphawwan Afrikaa guutuurratti akkaakuu ispoortii atileetiksii qofan meedaaliyaa argachaa jirti kan jedhan Aadde Abarraash, ispoortiiwwan kaaniinis meedaaliyaafi waancaa argachuu akka qabdu dubbatu. Kanaafis hirmaannaa dubartootaa cimsuun murteessaadha jedhan.

Waggoota dhihoodhaa as Itoophiyaan meedaaliyaawwan baayi’ee argachaa kan jirutu atileetota dubartootaatiin waan ta’eef qabxiin kun duubatti akka hindeebine qaamoleen dhimmi ilaallatu tokko ta’ee hojjechuu akka qabus tuqaniiru.

Guddinaafi babaldhina ispoortii dubartootaa kanaaf bu’uura guddaa kan ta’e shaampiyoonaan dubartoota Itoophiyaa sirnaan ittifufu akka qabus Aadde Abaraash kan ibsan.

Biyya teenyatti dubartiin ispoortiirratti akka hinhirmaanne seerri barreeffamaan taa’e jiraachuu baatus akka dubartiin golaa hinbaaneef hacuuccaa guddaan turuus yaadachiisanii, Daraartuu Tulluu olompikii Baarseloonaatti mo’achuushetti dubartootaaf balbala saaquushee dubbatu.

Haaluma kanaan ammaan tana dubartoonni Itoophiyaa atileetiksii qofaan osoo hindaangeffamin akkuma dhiiraa kubbaa miilaa, teenisa miinjalaafi dirree, tekuwaandoo, kubbaa saaphanaafi kachootiin shaapiyoonaawwan biyyoolessaarratti hirmaachuudhaan qabxii boonsaa galmeessaa jiraachuu dubbatu.

Waan kana ta’ef hirmaannaan dubartoonni misooma ispoortii keessatti qaban akka laayootti ilaalamuu hinqaban jedhaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You