Namni yoo dhukkubsatee mana yaalaa deemu, qoratamee dhukkubasaa addaan baafatee beekee, yoo kan qoricha qabu ta’e qoricha isaa fudhatee fooyya’uuf, yoo danda’ame ammoo fayyuuf dha. Kana jechuun namni tokko yoo mana yaalaa deemu dhukkuba isaa haakiima isa yaaluuf taa’etti himachuu, qorannoo dhiigaa, ykn kan fincaanii, ykn ammoo raajii ka’uufi kkf keessa kan darbu yoo ta’eyyuu maniinsaa inni guddaan qoricha dhukkuba isaaf ta’u argachuudha.
Yeroo tokko tokko hawaasa keessatti kan arginu, sadarkaa mana yaalaa deemufi qoratamuu irra utaaluudhaan akkanumaan dhukkubsatanii qoricha fudhachuun ni jira. Yoo ilaalan dhukkubsatanii kallattiin qoricha fudhachuun karaa gabaabaa fakkaachuu mala, rakkoon isaahoo maali?
Maalumaafuu qorichi maalii? Qorichi yoo uumamu kayyoo uumamuuf qaba, ykn baakteeriyaa ajjeesuuf, yookaan dhukkubbii qaama keessaa balleesuuf, kaan ammoo seelota kaanserii ajjeesuuf uumamu. Keemikaalonni ykn qorichoonni jennu kun kaayyoo uumamaniif kana yeroo raawwatan, faayidaa uumamaniif cinaatti miidhaa geessisan hedduu qabu.
Miidhaa geessisu taanaan maaliif kennamuree kan jedhuuf ammoo qorichi tokko kan dhala namaaf kennamu faayidaan inni qabu yoo miidhaa inni geessisuu ol ta’e qofadha. Gama kan biraan yoo ilaalle qorichi tokko yoo haga barbaachisuu ol kan kennamu ta’e miidhaa haga battalatti lubbuu dabarsuutti deemuu mala.
Qorichoonni haala umurii irratti, ulfaafi ulfa ta’uu dhiisuurratti, nama guddaaf daa’ima ta’uu irratti hunda’uun kennamu. Kana qofaa miti waa’een qorichaa waan hedduu kaasuu dandeenya. Walumaa galatti kan jechuu barbaanne, qorichi yoo dhuukkuba barbaadameef, haga barbaachisuun, dheerina yeroo barbaachisuunfi umuriifi waan kana fakkaatanirratti hundaa’ee hinkennamne qorichummaansaa hafee summii ta’a jechuu dandeenya. Yoo haalaan fayyadamne garuu qoricha ykn furmaata ta’anii tajaajilu. Kanaaf qorichoonni “summiilee faayidaa qaban” jechuu dandeenya.
Yeroo tokko tokko mataa dhukkubbii, garaa dhukkubbii, dhukkubbii dugdaa, qufaasisaa… fi kkf jechuun kallattiidhaan mana qorichaa deemuun qoricha akkanaa naa kenni jechuun qoricha bitachuu dandeenya ta’a. Qorichi fudhannu sun garuu miidhaa akkamii akka nurraan ga’uu maluufi hagam akka nu fayyaduu danda’u hoo ni beeknaa? Fakkeenyuma salphaa kaasuuf, dhukkubbii mataaf jennee qoricha ‘ibuprofen’ jedhamu mana qorichaatii akka barbaanne bitanna.
Qorichi kun garuu kalee dhala namaa hedduu akka hubuu danda’u ni beeknaa? Kana jechuun qorichi kun faayidaa hinqabu yookaan ammoo kalee waan miidhuuf fudhatamuu hin qabu jechuu osoo hintaane, tarii yoo dhukkubbii salphaaf jennee fudhanne miidhaansaa faayidaa isaa akka caaluu malu ni beeknaa? Yookaan ammoo yeroo hedduu irra deddeebinee yoo fudhanne qorichi kun garaacha keenya madeessuudhaan haga garaachi garmalee dhiigee, dhiiga balaqqamsiisuutti akka geessisu nibeeknaa?
Yeroo tokko tokko ammoo qorichootni eegumsiifi kunuunsi qorichaaf godhamuu qabu hingodhamneef alaa gara biyyaa seenan akkasumas biyya keessa turan haala garaa garaatiin dhukkubsataa ykn fayyadamaa bira ga’an ni argama. Kun ammoo qorichi kun yookaan yeroon itti darbee, ykn haalli tempireecheraa itti toluu baatee hojii ala ta’uu danda’u. Qorichoonni akkasii dhukkuba akka fayyisaniif ykn fooyyessaniif oomishaman fayyisuu ykn fooyyessuu dadhabuu isaanii qofa osoo hintaane miidhaan isaan fayyaa namaa irraan ga’an hedduu ol’aanaadha. Kanaaf of eeggannaa olaanaa taasisuun dirqamaadha.
Walumaa galatti qorichoonni mana yaalaa irraa yoo nuuf kennaman of eeggannoowwan armaan gadii kana taasisuun dirqama.
1. Yeroo hundumaa qorichi yeroo nuuf ajajamee bitannu, guyyaan isaa kan itti hindarbine ta’uu haalaan mirkaneeffachuun dirqama ta’a.
2. Qoricha yoo bitannee mana gallu, mana keessa lafa iji ijoollee hin argineefii qaqqabanii fudhachuu hindandeenye kaa’uudha.
3. Lafa kaa’amuu qabus seeraan kaa’uu! Fakkeenyaaf, qoricha sana irratti hundaa’uun, lafa qabbanaa’aa kaa’amuu qaba yoo ta’e lafa qabbana kaa’uufi lafa aduun jiru irraa fageessuu!
4. Qadaada ykn cuftuu qodaa qorichi keessa taa’u sana haalaan jabeessanii cufanii kaa’uu! Kunis waantonni adda addaa mana keessaa qorichatti dabalamuun miidhaa biraatiif akka nu hinsaaxilleef jechuudha.
5. Baay’ina ykn hanga qoricha fudhatamuu qabuufi yeroosaa sirriitti eeganii fudhachuudha. Fakkeenyaaf qoricha guyyaatti si’a/al sadii fudhatamu akka namaaf galuuf jecha yeroo baay’ee: – ganama, guyyaafi galgala akka fudhatamu jedhama, garuu sa’aatii 24:00 keessatti sa’aatii saddeet saddeetiin fudhatamuu qaba! Qoricha guyyaatti alsadii akka fudhannuuf nuuf kenname kana, ganama sa’aa kudha lama (12:00), guyyaa sa’aatii saddeet (8:00) irrattiifi halkan sa’aa afur (4:00) irratti fudhachuun haala sirrii ta’eedha.
6. Qoricha qodaasaa keessaa baafnee iddoo biraa ykn qodaa qulqullina hinqabne keessa kaa’uu dhiisuu! Yoo danda’ame ammoo qodaa ittiin qorichi nuuf kenname sana keessaa baasuu dhiisuudha.
7. Yeroo mallattoon dhukkubaa baay’inaan jiraatu, qoricha baay’ee altokko fudhachuun waan altokkoon nama fayyisu namatti fakkaata; garuu miidhaa guddaa namarraan ga’a. Akkasumas qoricha fudhachuu eegallee yoo mallattoon dhukkubaa nutti fooyya’e, waan fayyine nutti fakkaatee qoricha sana addaan kutna.
Qoricha eegallee yoo addaan kutnu, dhukkubni sun yoo lammata nu qabate carraan qoricha sanaan yaalamee fayyuu isaa gadi bu’aa ta’a, jechuunis dhukkubni sun qoricha sanaan walbara jechuudha. Dogoggorri akkanaa kun baay’inaan waan mul’atuuf, guyyaa meeqaaf akka fudhatamuu qabu adda baafannee fudhachuutu nurra jiraata!
8. Qorichi guyyaa ajajameef fudhatamee yoo irraa hafe, lafa namniifi bineensi ga’uu hindandeenyetti gatuu, ykn ammoo boolla qotnee awwaaluun dirqama. Qoricha yeroo tokko dhukkuba tokkoof kenname olkaa’anii yeroo biraatiif fayyadamuun tasumaa sirrii miti. Kunis qorichi sun mana keessatti yeroon itti darbuufi akkasumas yoo haalli qilleensaa mijachuu baatellee waan summaa’uu maluufi.
9. Waa’ee qoricha kennamuu hubannaa ga’aa argachuu; kunis miidhaa inni namarraan ga’uu danda’u gaafa ogeessi fayyaa nutti himu haalaan qalbeeffachuu. Yoo waan nuuf hingalle jiraate haalaan gaafannee hubachuun mirga keenya waan ta’eef gaafachuudha.
10. Yeroo dogoggoraan qorichi ajajame sun baay’inaan fudhatamu, gara mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaatiin ilaalamuu. Akkuma armaan olitti ibsinetti qorichi yoo baay’isnee haga barbaachisuu ol fudhanne summii waan ta’uuf hatattamaan mana yaalaa deemnee yaala ga’aa fudhachuu qabna jechuudha.
11. Qoricha maatii keessaa nama tokkoof ajajame namni biraan akka hin fudhanne yookiin akka irraa hinqooddanne gochuun dirqama. Mallattoon dhukkubaas tarii yoo kan walfakkaatu ta’e mana yaalaa deemuun qoratamnee qoricha nuu ta’u fudhachuudha malee, qoricha maatii keessaa nama tokkoof kenname fayyadamuun tasumaa balaa guddaa akka qaqqabsiisu beekuun barbaachisaadha.
12. Qoricha bakka hinbarbaachifnetti fudhachuu dhiisuu dha. Fakkeenyaaf qoricha bifa waraansaan kennamu, mana yaalaatti deddeebi’anii waraannachuu dhiisaanii namoota naannoo jiran irraa muuxannoo qofaan waraananiin fudhachuu balaa hamaaf nama saaxila.
13. Gorsa addaa waa’ee qoricha sanaan walqabatee kennamu hunda qalbeeffachuu! Fakkeenyaaf, nyaatas ta’e dhugaatii akkasumas qoricha biraa qoricha sanaa wajjin fudhatamuu hinqabne fudhachuu dhiisuufi kkfdha!!
Walumaagalatti
Qorichatti haalaan fayyadamuu dhabuu yoo jennu maal jechuu keenya?
* Qoricha guyyaatti garaagarummaa sa’aatii nutti himameen fayyadamuu dhabuu.
* Utuu ogeessaan hinilaalamin ofumaa qoricha bitnee fayyadamuu,
* Qoricha amma guyyaa jedhamee fudhachuu dhiisnee addaan kutuu,
* Baay’ina qorichaa guyyaatti fudhannu irraa seeraan ala hir’isuu
* ofeeggannoo yeroo qoricha fudhannuu gochuu qabnu dhiisuu dha.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014