“Qonna magaalaatiin kaappitaala qarshii miliyoona saddeetii horadheera; waggoota afur booda ammoo namoota biyyattiif doolaara fidan keessaa tokko ana” – Dargaggoo Eeliyaas Jabal

Dargaggoo Eliyaas Jabal jiraataa Magaalaa Jimmaa, Ganda Ifa Bulaati. Dhalatee kan guddates achumatti ta’uu kan hime dargaggoon kun, barnootasaa kutaa 10ffaa xumuree teknolojii maashiniin leenjii 10+2 akka qabu kaasa.

Barnoota barate kanaan mindeeffamee hojii mootummaa hojjechuuf kaka’umsa akka qabu yoo himu, wantichi yeroo dheeraa akka itti fudhatuufi yeroosaa akka gubu hubatee mul’atasaa gara misooma qonna magaalaatti akka geeddaru isa taasiseera.

Eliyaas ilma qonnaan bulaa ta’uu yoo himu barnoota itti leenji’etti hojjechuu caalaa misoomni qonnaa xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uu hubachuun misooma sanarratti bobba’uu eegaluu dubbata.

Qonnaan bultoonni naannawaasaa hedduu waggaatti tokko qofa omisha qonnaa hojjetu, kuni ta’us xiyyeeffannoo kennanii waan hinhojjenneef galiin isaan argatan gadaanaa ta’uu akka hubate dubbata.

Lafa gahaa qabaatanii utuma dachee omishaaf mijatu qabanii dinagdeen hiyyoomuun qonnaan bulaa akka garaa isa gube kan hime Dargaggoo Eliyaas, dameen qonnaa osoo xiyyeeffannoo argatee galii gahaa akka argamsiisu hubachuun mul’atasaa qonnatti jijjiiruu kaasa.

Turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhetti, omisha kuduraafi muduraarraa guyyaatti qarshii kuma jaha akka argatu hima.

Omishaalee kuduraafi muduraa inni irratti xiyyeeffatee hojjetaa jirus anaanaasii, paappaayyaa, avokaadoo, damma, horsiisa lukkuufaadha.

Galiisaa guyyaa kuma jaha kana keessaa harki caalu gurgurtaa anaanaasiirraa kan argamu yoo ta’u, isa qofarraa guyyaatti qarshii kuma shan argataa jira.

Eliyaas erga misooma qonna magaalaa kana eegalee waggaa afur kan lakkoofsise yoo ta’u, yeroo ammaatti kaappitaallisaa qarshii miliyoona saddeet gahuu ibseera.

Dinagdeensaa kun caalaatti akka guddatuuf ammallee cichee hojjetaa kan jiru Eliyaas raafuu, qoosxaa, anaanaasii, paappaayaa, avokaadoo, hundee diimaarrattis xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu dubbata.

Kana malees horsiisa lukkuu, hanqaaquu, gaagura ammayyaafi aadaafi galii dammaarraa argatuun dinagdeen of humneessaa kan jiru yoo ta’u, eeggattummaa jalaa bahee ofirra darbee dargaggoota birootiif carraa hojii uumuu danda’eera.

Yeroo ammaattis isa dabalatee namoota 26f carraa hojii uumuu kan kaase Dargaggoo Eliyaas, qonna magaalaa kana cinatti hojii daldala gara biraallee hojjetaa jiraachuu nutti himeera.

Hojjetoonni isa jalatti mindeeffamanii hojjetan kunneenis wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbanii ilmaansaanii itti barsiifachaafi guddifachaa jiru.

Dhalli namaa miira kutannoo qabaannaan dinagdeen of jijjiiruun salphaadha kan jedhu dargaggoon kun, baratanii hojii barbaacha yeroo ofii gubuurra hojii tuffachuu keessaa bahanii of kennanii hojjechuun akka bu’aaqabeessa nama taasisu addeessa.

Naannawasaa namoonni akkumasaa cimanii hojjetanii ofirra darbanii namoota birootiif carraa hojii uuman akka jiranis nutti himeera.

Dargaggoonni keenya osoo humna qabanii araadaan sakaalamanii dinagdeen, hawaasummaan, namummaan miidhamuu hinqaban kan jedhu Eliyaas, miira hojii tuffachuu keessaa bahanii aadaa hojii uummachuu gabbifachuu akka qaban dhaama.

“Ani namoota 25f carraa hojii uumeera inni kaanis akkasuma osoo hojjetee namaaf wabii ta’uurra darbee dinagdee biyyaa ol guddisuu keessatti shoora guddaa taphata. Na biratti carraa hojii argatan kanneen keessaa 15 dubartoota” jedha.

Omisha dammaarraas galii gahaa argachuuf of kennee hojjetaa jiraachuu himee, yeroo ammaattis gaagura ammayyaa 250fi gaagura aadaa 500tti fayyadamuun dinagdeesaa cimsaa jira.

Misooma kuduraafi muduraa inni yeroo ammaa irratti bobbahee hojjetaa jiru gahaa akka hintaane ibsee, misoomicha babal’isuun dinagdeen namoota biyyaaf bu’aa buusan keessaa isa tokko ta’uuf hojjetaa jiraachuu eera.

Akka ibsasaatti, yeroo ammaa kaappitaallisaa qarshii miliyoona saddeet kan gahe yoo ta’u, waggoota afur booda namoota galii alergiirraa doolaara guddaa argamsiisan keessaa tokko ta’uuf hojjetaa jira.

“Kunimmoo qabatamaan nidhugooma. Isinis dhuftanii gabaastu” kan jedhe Dargaggoo Eliyaas, mul’atasaa kana milkeeffachuufis gama daldalaafi omisha qonna magaalaa kuduraafi muduraatiin dinagdeesaa fooyyessuuf tattaafataa jiraachuu dubbata.

Yaada, hudhaan dargaggootni keenya hojii akka hinuummanne taasisu maalinni jedhuuf deebii nuu kenneen, aadaan hojii keenyaa dadhabaa ta’uun dhaloota miidhuu himee, kunis hundeerraa cabuu qaba jedha.

Miirri hojii tuffachuufi filachuu dhaloota sakaaluun gara amala fafummaatti geessaa waan jiruuf amala kana cabsuufimmoo qabeenya uumamaa uumaan nubadhaasetti fayyadamuun gamnummaa ta’uu kaasa.

Dargaggeessi waa kalaqee ofirra darbee maatiisaa akkasumas osoo biyyasaatiif wabii ta’uu danda’uu humnasaa bakka hinmalletti fixuun sirrii miti jedhee, aadaa hojii keenyaarratti dargaggootaaf hubannoo kennuun dhimma ijoo ta’uu eera.

Yoo kun hintaane lakkoofsi dargaggoota dhaabbilee olaanaarraa eebbifamanii bahaa jiranii yeroorraa yerootti dachaan dabalaa waan jiruuf, jiruufi jireenya egereerratti yaaddoo guddaadha jedha.

Dargaggoota hedduu dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii bahaniif barbaachi hojii, hojii itti ta’aa waan jiruuf dhimmi kun aadaa hojii uummachuu akka fakkeenyummaatti ka’u kanaan dhabamsiifamuu qaba.

Inni guddaan dhala namaa jijjiiru miira kutannoo qabaachuudha kan jedhe Dargaggoo Eliyaas, isa kana hojiitti hiikuufimmoo dadhabuun, dhama’uun, ifaajuun dirqama waan ta’eef of kennee hojjetaa tureera.

Bu’aan dadhabiisaas osoo yeroo dheeraa hinfixiin waggoota afur booda ija godhachuu eegaluusaatiin namoota qonna magaalaatiin milkaa’an keessaa isa tokko ta’uu danda’eera.

Milkaa’inni isaaf dhufe kun dargaggoota biroofis akka ta’uuf hawwii qabu ibseera. Hawwiinsaa kun akka dhugoomuufimmoo dargaggoonni miira hojii tuffachuufi filachuu keessaa bahuun hojjechuun irraa eegama.

Akkuma, ‘Biiftuu jirtu sussuku’ jedhamu humna dargaggummaa amma jiruun oliifgadi fiiganii kufanii ka’anii hojjechuun boruuf waa olkeewwachuun dhaloota dhufuuf abdii jireenyaa ta’ee tajaajila.

Yoo kun hintaane dargaggoonni deebi’anii maatiifi biyyarratti ba’aa taanaan dhaloota boriis gadadoofi hiyyumaaf saaxiluu ta’a. Hiyyummaan hojii tuffachuun, hojii filachuufi masluufummaan kan nama nyaatu waan ta’eef kutannaan hojiitti bobba’uun barbaachisaadha.

Akkuma geeraraan, boqqolloon birraa dhufa baaduun afraasaa dhufa eessa abbaakootii fideen walitti nyaadhee ilaala jedhe hojiin nama barbaada; namni hojii barbaada; lameenuu walitti dhufuu dhabuun deegniifi hiyyumni dargaggoota jilbeeffachiisaa jiru.

Kanaaf, kana jalaa yeroon miliquuf dargaggoonni dhaabbatanii of ilaaluu qabu. Keessumaa kanneen dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii hojii barbaacha hojiisaanii godhatan dargaggoota naannawumasaanii mil’achuun otoo hojii hintufatiin milkaa’inatti bahan ilaaluu qabu. Maddi milkaa’inaa kutannoo qabaachuu aadaa hojii filachuufi tuffachuu keessaa bahuufi of jijjiiruuf tattaafachuudha.

Kanamalees amala fafeerraa bilisa ta’uu humna ofiitti ganama osoo biiftuun hinlixiin dhimma bahuun dinagdeen of humneessuun haxxummaadha. Akkuma dhaloonni dinagdeedhaan of hinhumneessine karadeemaaf jilbeeffata jedhamu eeggattummaa jalaa bahuufi hiyyuma injifachuun kutannoo malee rasaasa hinbarbaadu.

Walumaagalatti Dargaggoo Eliyaas nama jabaa, duwwaarraa ka’ee kaappitaallisaa qarshii miliyoona saddeet gahe yoo ta’u, rasaasni milkaa’ina kanatti isa baase miira kutannaa inni hojichaaf kenneedha.

Kanamalees turtii waggoota muraasaa booda kaappitaalasaa dachaan dabaluuf alergiirratti bobba’ee doolaara argamsiisuuf hojiitti seenuunsaa imalli jireenya kutannoofi qabsoo kan barbaadu akka ta’e kana nama agarsiisu waan ta’eef milkaa’inatti bahuuf hunduu tattaafachuu qabaan dhaamsa keenya waliigalaati.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You