Hidha guddicha dhaloota abbaa carraafi abbaa injifannoo taasise

Biyyoonni Addunyaa duroomte keessa jiran fayyadamummaa ibsaasaanii akka gaariitti kan mirkaneeffattan yoo ta’u, sadarkaan guddinasaaniis akkuma sana kan daran fooyya’eedha.

Kan biyyoota Afrikaa yoo ilaalle garuu guddina dinagdeesaaniitti hudhaa guddaa ta’ee kan jiru anniisaa (energy) haala salphaadhaan hojiilee gara garaa hojjechuuf gargaaru dhabuudha. Fakkeenyaaf biyya keenya, Itoophiyaa yoo ilaalle dinagdeen keenya duraanii qonna aadaarratti kan xiyyeeffate waan ta’eef guddina barbaadamu argamsiisuu hindandeenye.

Keessumaa yeroo mootummaan guddina dinagdee industiriidhaan utubame babal’isuuf xiyyeeffannaa kennee hojjetuufi jireenya ummataa hundeerraa faooyyessuuf tattaafataa jiru kanatti qoondi anniisaa elektirikii daran olaanaadha.

Kanumarraa ka’uun rakkoolee humna ibsaatiin walqabatan furuuf mootummaafi ummanni harka walqabatanii erga Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa abdii egeree biyya kanaa ijaaruun eegalamee waggoonni lakkaa’amaniiru.

Waggoonni lakkaa’amuu qofa miti; amma keessumaa erga mootummaann jijjiirama Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu gara aangootti dhufee pirojektichatti lubbuu horuun xiyyeeffannaan kennamee waan hojjetameef bu’aa abdachiisaan mul’ataa jira.

Kanaanis Itoophiyaafi ummannishii kaleessaafi dheengadda gammachuu tarree galee dhufe keessa jiru; gammachuu anniisaa maddisiisuu eegaluu tarbaayinii lammaffaafi guutiinsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa marsaa sadaffaa. Dhalootaafi hoggansa amma jiruun seenaan addaas galmaa’eera. Waanti alaalatti hawwamaa tures dhugoomeera. Kan kuunnoo jedhan kunoo ta’eera.

Kanas, Seenaa keessatti waalamatu jira; seenaa keessa darbuufi seenaa hojjetanii darbuu. Seenaa keessa darbuun carraa yoo ta’u, seenaa hojjetanii darbuunimmoo carraadhasi, injifannoodhasi. Dhaloonni kun dhimma Hidha Abbayyaarratti abbaa carraatisi abbaa injifannootisi.

Bara gaaffiin dhaloota kumaatamaa deebi’u keessatti argamanii wayita lagichi hidhamu ijaan arguun, harkaan tuquun, miillaan irra deemuun, abbaa carraa wayita nama taasisu, ijaarsasaaf maallaqasaanii, beekumsasaaniifi humnasaanii kanneen arjooman akkasumas gartuu goototaa gama dippiloomaasiifi miidiyaatiin Abbayyaaf falmuudhaan seenaa hojjetan ta’uunimmoo abbaa injifannoo nama taasisa” jechuun ibsan Doktar Abiyyi Ahmad Ministirri Muummee Itoophiyaa.

Kunoo amma Hidhi Haaromsaa yaada waraqaarra darbee, ijaarsisaa xumuramee, bishaan jabaa bobaa jalatti qabatee humna maddisiisuu jalqabeera. Har’a Abbayyaan oduu durii utuu hinta’in dhugaa qabatamaadha. Komee sirbaatiin sheenawuu keessaa bahee Itoophiyaa ifasaatiin miidhagsuuf, humna ta’uu jalqabeera. Gargaarsa Uumaafi onnee Itoophiyaanotaatiin ijaarsisaa guutummatti xumurree kan garaa keenyaa akka guuttannu hinshakku.

Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsa Guddichaa marsaa 3ffaa milkaa’inaan xumurameera. Akkuma Doktar Abiyyi jedhan, dhugaa qabannee kaanee gudunfaa keenyaan ijaarree akkaataa dubbanneen utuu eenyuunuu hinmiidhin, guutiinsa bishaanii marsaa 3ffaa yeroo yaadame keessatti xumuruu danda’uu keenyaaf ilmaan Abbayyaa hundi baga gammanne!

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You