Dhiibbaan ‘laaniinaa’ rooba Bonaafi Arfaasaa darbe hir’ise, roobni gannaa akka cimu taasiseera” – Aadde Caalii Dabalee

Waggoota 30 oliif dhaabbata maqaa duriitiin Ejensii Meetiworolojii Biyyaalessaa moggaasa ammaatiin immoo Inistitiyuutii Meetiworolojii Biyyaaleessaatti sadarkaalee gara garaatiin tajaajilaa kan turaniifi jiran, qe’ee Oromoo ganamaa, Galaan iddoo Koyyee, maqaa ammaatiin Koyyee Faccee jedhamutti dhalatanii kan guddatan, roorroo Oromummaasaaniitiin irra ga’aa ture injifatanii har’a fakkeenya dubartoota hedduu kan ta’an Aadde Caalii Dabalee keessummaa Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Bara 1982 irraa kaasee waggoota 32 darbaniif dhaabbatichatti sadarkaa ogeessaarraa eegalee tajaajilaa kan jiran Aadde Caaliin, yeroo ammaas Inistitiyuutii Meetiworolojii Biyyaalessaatti Daarektera Raaga Haala Qilleensaafi Akeekkachiisaa ta’uun tajaajiluurratti argamu. Turtiin Gaazexaan Bariisaa dubartii cimtuu tana waliin taasises haala armaan gadiitiin dhihaateeraa dubbisa gaarii!

Bariisaa: Gaafdeebii nu waliin taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa!

Aadde Caalii: Isinis kabajjanii na dubbisuuf dhufuu keessaniif ulfaadhaa!

Bariisaa: Hayyee mee dursaatii dubbistoota keenyaan walbaraa, Aadde Caaliin eenyu? Eessatti dhalattaniifi haala guddina keessanii?

Aadde Caalii: Ani Caalii Dabaleen jedhama. Iddoon dhaloota koos asuma funyaan Finfinnee jala, bakka moggaasa yeroo sanaatiin Koyyee, yeroo ammaa immoo Koyyee Faccee jedhamuttin maatii qonnaan bulaa Oromoorraa dhaladhe.

Iddoon dhaloota kootii funyaan Finfinnee jala ta’us garuu haalli guddinaafi barnoota kootii isuma ijoollee baadiyyaatiin kan walfakkaatuudha. Kana jechuun akkuma ijoollee baadiyyaa yeroo sanaa daandii dheeraa miilaan adeemnee barachaaturre. Barumsaaf jecha daandii miilaan sa’aatii tokkoo ol ta’u adeemnee Aqaaqiitti barachaa turre.

Bariisaa: Funyaan Finfinnee jalatti dhalattanii akkamitti mana barnoota dhiheenyatti dhabdan?

Aadde Caalii: Yeroo sana Koyyeefi Finfinnee gidduu bu’uuraaleen misoomaa akka ammaa hinturre. Dacheen kan qonnaatiif dheediinsa looniiti. Daandii mijataafi manni barnootaas nannawa sanatti hinargamu. Kun immoo seenaa ijoollee Koyyee qofa osoo hintaane kan ijoollee naannawa Finfinnee jiranii hedduu kan dabalatu natti fakkaata. Kanaaf Koyyeerraa kaanee hanga Aqaaqiitti sa’aatii tokkoo ol miilaan imallee barachaa turre.

Animmoo ijoolleen naannawa sanaa hedduu yeroo sanatti waan hinbaranneef fedhii barumsaa qabaachaa hinturre. Akka ani baradhu kan na dirqisiisaa ture abbaakooti. Ani ijoollee waliin mandara keessa oolee taphachuun barbaada malee barumsaaf fedhii hin qabu ture. Dhiibbaan abbaakootii garuu namo’atee akkan baradhu na taasiseera.

Bariisaa: Gaafasa maaliif barnoota jibbitan?

Aadde Caalii: Maal sitti fakkaate, yeroo sana hawaasa naannawa keenya jiraatu keessaa kan ijoollee barsiifatu abbaakoo dabalatee namoota lama qofa turan. Jara lameeniin ala warri kuun ijoolleesaanii hinbariisan. Loon tiksuun, magaalattis dhihoo waan ta’aniif daldalaafi jireenya hawaasummaa biroorratti waan xiyyeeffataniif anis akkuma ijoollee warra kanii mandara keessa taphachaa ooluu waanin barbaaduufi umrii sanatti immoo mi’aan barnootaas natti hinmul’atu waan ta’eef, kan mi’aa barnootaa hubate abbaankootu dirqiin na barsiise.

Obboleessi koo hangafni hangafa kootii tokko waliin daandii siin jedhe sana miilaan imallee baranne. Yeroo shiiftiin kiyyaafi kansaa gargar ta’e immoo tikseen warra keenyaa harreedhaan hanga mana barnootaatti nagaggeessee barachaa ture.

Bariisaa: Barumsarratti immoo akkam turtan laata, waan fedhiin ala seentaniif?

Aadde Caalii: Erga barumsa jalqabee booda garuu ciminaan hordofuu waan ittifufeef kutaa jalqabaatii kaasee hangan 12ffaa xumurutti qabxii gaariidhaan dareerraa dareetti darbaa ture. Sadrkaa 1ffaa hanga 8ffaa gidduudhaa ol bahee hinbeeku. Erga barumsa eegalee booda umriinis dabalaa waan deemuuf mi’aan barnootaafi gorsi abbaakoos naa galaa waan deemeef dhibbaan narraan gahe tokkollee hinjiru.

Ergan kutaa 12ffaa xumuree booda garuu qabxiin seensa yunvarsiitii waan najalaa gadi bu’eef kallattiidhaan yunvarsiitii galuu hindandeenye. Sababnisaas yeroo ani 12ffaa gahu obboleessi koo waliin mana barnootaa deemnuufi wajjin qo’annu dursee waan yunvarsiitii galeef nama na deeggaruufi waliin imalu dhabuun uumamee ture. Qabxiin koo seensa yunvarsiitiis gahaa ta’uu baatu garuu abbaankoo kolleejjii dhuunfaa tokkotti maallaqaan na barsiisee Elektiriisitiidhaan dippilomaa koo fudhadhe. Sanaan garuu digrii jalqabaa Herregaan akkasumas digrii lammataa immoo Meetiworolojiidhaan fudhadheera.

Bariisaa: Dhaabbata Meetiworolojiitti yoom makamtan?

Aaddee Caalii: Akkuman dura sitti himuuf yaale, barnoota kutaa 12ffaa booda qabxiin seensa yunvarsiitii waan naa hinguutiniif abbaankoo maallaqaan kolleejjii dhuunfaatti na barsiise. Elektiriisitiin dippilomaa fudhadhee akkuma eebbifameen dhaabbanni Meetiworolojii kun beeksisa baase.

Anis deemee dorgomee akka carraa ta’ee dubartoota lamaan yeroo sana dhaabbatichatti makaman keessaa nama tokko ta’ee darbe. Sanaan booda akkuma achi galeen Naqamtetti ergamee waggoota afuriif wiirtuu dhaabbatichaa achi jirutti tajaajileera.

Kana jechuun bara 1982n dhaabbata Meetiworolojii kanatti mindeeffame. Ergan waggoota afuriif Naqamtetti tajaajilee booda garuu biyya Hindiitti ergamee waa’ee meetiworolojii waggaa tokkoof baradhe. Kolloojjii Barsiisotaa Kotobee irrayyis muummee barnoota herregaatiin digriikoo jalqabaa fudhadhee ture.

Bariisaa: Elektirisitiifi Herrega barachuun qofti gahaa ture jechuuf?

Aadde Caalii: lakki. Dhimmichi kallattiidhaan kan gaafatu nama muummee barnootaa Meetirooloojii barateedha. Garuu barnootni kun yeroo duraa sana biyyattii keessayyuu waan hin turreef, warrootuma barnoota itti dhiheenyaa qabutu hojjachaa ture. boodarratti gaafa barnootni meetrooloojii kun Yunvarsitoota biyyattiitiin kennamuu eegalan garuu anis Yunvarsiitii Maqaleetti digrii koo lammataa Meetiwolojiidhaan fudhadheera.

Bara 1998 irraa kaasee immoo dhaabbatichatti gara kutaa raaga haala qilleensaatti dhufuudhaan odeeffanoowwan giddugaloota kutaalee biyyattiiirraa dhufan bu’uura taasifachuun haala qilleensaa, roobaa, bubbeefi ho’insaa raaguutti galee jechuudha.

Hojiin raaga haala qilleensaa kun irra jireessaan haala waliigala qilleensa Addunyaatiin walittidhufeenya waan qabuuf carraa biyyoota adda addaatti leenji’uu, barachuufi daawwachuu hedduu argadheera. Kana keessaa biyyootni akka Ameerikaa, Ingiliz, Afrikaa Kibbaa, Hoolaandi, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Burundiifi biyyoota hedduu argeera.

Bariisaa: Ragaaleen haala qilleensaa dhaabbata keessaniin kennaman hangam faayidaarra oolaa jiru?

Aadde Caalii: Haala qilleensaa raagame dura ka’umsi ragaa sanaa maal akka ta’e hubachuun daran barbaachisaadha. Inistitiyuutiin Meetiworolojii Biyyaalessaa meeshaalee teknolojii odeeffannoo haala qilleensaa, ho’iinsaa, bubbeefi roobaa funaanuu danda’an kutaalee biyyattii hunda keessaa qaba.

Kanaaf, odeeffannoowwan meeshaalee sanaan funaanaman yeroo yeroon walitti qabamanii haalli qilleensaa, ho’insaa, roobaafi bubbee magaalaa ykn iddoo tokkoo maal akka ta’uu danda’u raagni kennama jechuudha. Waan kana ta’eef raagni raagamu odeeffannoo gahaafi kanaafis raaga dhibbantaa hedduun dhugummaatti dhihaate ta’uu namni kamuu hubachuu qaba.

Kanaaf raagni haala qilleensaa nuti yeroo yeroon kenninu warra qonnaatiif, warra bishaanirra hojjatuuf, warra pirojektota gara garaa eegaluuf, balaliinsa xiyyaaraafi walumaagalatti haala waliigalaa hawaas dinagdee biyyattii keessatti iddoo olaanaa kan qabuudha.

Fakkeenyaaf, “Iddoo akkanaatti guyyaa akkanaa haala qilleensaa akkasiitu jira” gaafa jennee ragaa kenninu qaamotni bakka akkasiitti waa hojjachuuf karoora qaban akka itti yaadaniifi raagni haala qilleensaa kenname sun waan isaan hojjachuuf yaadan waliin kan hinadeemne yemmuu ta’ee argame immoo hojii sana akka tursiifataniif isaan gargaara.

Balaliinsa xiyyaaraa fa’a yemmuu fudhattu ammaa sochiinsaa hundi odeeffannoo raaga haala qilleensaa dhaabbatichaan kennamurratti guutummaan kan hirkateedha. Xayyaarri tokko gaafa iddoo tokkorraa gara biraatti balali’uuf yaalu ka’uudhaafis ta’ee qubachuudhaaf ragaa haala qilleensa naannawa irraa ka’uufi itti qubatuu dhaabbaticharraa argachuun dirqama.

Haala qilleensaa duumessaa’aafi hurriin itti baay’atu keessatti balalliin xayyaaraa hindanda’amu waan ta’eef dhimmootni akkasii immoo kan qoratamaniifi tilmaamanis dhaabbilee meetiworolojiitiin waan ta’eef ragaan kutaalee biyyattii gara garaarraa fudhaanamee dhihaatu faayidaa lakkaa’amee hindhumne kan qabu ta’uun hubatamuu qaba.

Bubbeefi kallattiisaarratti ragaa funaanamerraa ka’amee yemmuu ibsi kennamu ummanniifi qaamoleen dhimmoota walfakkaatanirratti hojjatan ragicha sana fudhatanii tarkaanfii dursanii balaa to’achuu akka fudhataniif isaan gargaara.

Itoophiyaan odeeffannoofi raaga haala qilleensaa waliigalaa kan roobaa, kan bubbeefi kallattiisaa, kan ho’insaa waggoota shantamaa ol kuufame lafaa qabdi.

Raagni haala qilleensaa kennamu kun immoo yeroo yerootti hojiiwwan qo’annoofi qorannoo gara garaa taasisuudhaan teknolojii haaraa dhimmichaaf oolaniin walsimsiisuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Barana roobni gannaa turee waan eegaleef ittifufiinsisaa maal ta’uu mala?

Aadde Caalii: Gaaffii kana deebisuuf haalota roobaa bonaafi arfaasaa darbanii ilaaluun dirqama. Meetiworolojiin waqtiilee sadii beeka. Isaanis Ganna, Bonaafi Arfaasaadha. Waqtiin bonaa kutaalee biyyattii hedduuf yeroo qilleensi gogaafi qorraan akkasumas aduun itti heddummaatuudha.

Kutaaleen Oromiyaa kibbaa, Gaarreen Baaleefi Sumaaleefi Naannoo Sabaafi Sablamoota Kibbaa ollaa Booranaa jiran rooba waggaa yeroo lama argatu. Roobni waggatti naannoleen armaan olitti eeraman argatan kunniinis waqtii bonaafi arfaasaati.

Iddoowwan kunniin tanaan dura waggoota dheeraadhaaf waqtiin itti isaan rooba argatan kan ture bonniifi arfaasaan darbe garuu rooba tanaan dura barame sana hinfidneef. Kunis sababa mataasaa danda’eefi haala qilleensa addunyaatiin kan walitti dhufuudha.

Kunis sababa ‘laaniinaa’ti. Laaninaan kun immoo galaana Paasifik irratti kan uumameefi biyyoota bahaafi giddugalatti argamaniif taatota rooba bonaafi arfaasaa uumuu danda’anirratti dhiibbaa dhaqqabsiisuun kan dadhabsiisuudha.

Sababuma kanaan bonaafi arfaasaa darbetti kutaaleen Oromiyaa kibbaafi gartokkeen Naannoo Ummattoota Kibbaa olla sana jiranii, naannoo Sumaaleefi Gadina Baaleetti hongeen akka uumamuuf sababa ta’uu danda’eera. Ragaa kanas dhaabbatichi dursee himeera.

Dhiibbaan laaniinaa galaana Paasifikiirratti mul’atee garuu rooba bonnaafi arsaafaa hambisuu qofa osoo hintaane, rooba gannaarratti dhiibbaa faallaa ta’e, rooba idileen olii kan qaqqabsiisuudha jechuudha.

Kanaaf gaaffii keetiif deebiin as jira jechuudha. Roobni ganna baranaa kan baay’ateefi hammaanis idileefi idilee ol ta’e kun dhiibbaa laaniinaatiin roobni bonaafi arfaasaa hir’ate sun gannatti immoo hammaa ol akka roobu waan taasisuuf jechuudha.

Bariisaa: Ji’oota hafanitti haalli roobaa akkamii jiraachuu akka maluufi of eeggannoo taasifamuu qabu dhaamaa?

Aadde Caalii: Roobni cimaan idileefi idileen olii yeroo ammaa roobaa jiru kun ji’a kanas ittuma fufa jedhamee eegama. Kanaaf ummanni raaga haala qilleensaa yeroowwan adda addaatti dhaabbatichaan kennamu hordofuudhaan tarkaanfiiwwan of eeggannoo barbaachisu fudhachuutu isarraa eegama.

Qaamootni hojiiwwan gara garaatiif raaga haala qilleensaa dhaabbatichaan kennamutti fayyadamanis raagawwan yeroo yerootti kennaman faana bu’uudhaan haala barbaachisaafi sirrii ta’een hojiirra oolchuu qabu. Keessattuu hawaasni baadiyyaa yeroon kun kan lolaan cimaan itti uumamuu ta’uu dagachuu hinqabu.

Rooba hanga ammaatti roobaa tureen dacheen bishaan quufteerti. Haroofi lageen hedduunis bishaaniin guutamaniiru. Kanaafuu gaafa dacheen bishaan quufte roobni sanaan booda roobu lolaa uuma. Haroofi lageen gara garaas bishaan hamma barbaadaniifi danda’an ofitti fudhatanii waan guutamaniif kana caalaa keessummeessuu dadhabanii bifa lolaatiin gadi lakkisu jechuudha.

Kanaaf haroowwan xixiqqoon guutuudhaan nama fudhachuun, riqichi guutee daa’immaniifi maanguddoota akka hinfudhanneef yeroon ittaanu kan of eeggannoon cimaan itti taasifamuu qabuudha.

Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa yoo qabaattan?

Aadde Caalii: Dhaamsaafi ergaa of eeggannoo dhimma kanaan walqabatu armaan olitti ibseera. Amma garuu waantin dhaamuu barbaadu dhimma amma dubbachaa tureen ala kan ta’e waa’ee tokkummaa Oromooti. Oromoon saba bal’aafi lafa gabbataarra jiraatutu tokkummaa dhabuudhaan waggoota hedduuf diinaan cabee jiraataa tureedha.

Kanaaf yeroo akka amma keessa jirru kana fa’atti walirratti duuluun, maqaa walballeessuun, kutaadhaan walqooduun dhaabbachuu qaba. Waajjirootuma mootummaa keessattis Oromoon walirratti duuluu dhiisee tokko ta’uudhaan alagaa akka sabaatti itti duulaa jiru ofirraa qolachuu danda’uu qaba.

Dhugaa siin jedha dhimmi kun hedduu nayaachisa. Baay’achuun keenya akka nuti hintokkoomne nu taasisuu hinqabu. Baay’achuun keenya akka gurmuufi humnaatti nu fayyaduu qaba.

Tokkummaan Oromoofi injifannoon Oromoo immoo eenyuyyuu caalaa nu warra funyaan Finfinnee jalatti guddateef hiikaa addaa qaba. Sirnoota darbanitti bar dararaa ummanni Oromoo naannawa Finfinnee jiraatu arge inni biraa hinagarree. Dur gaafa mana barnootaa oollu bar maqaa Oromoo qabaachuu qofaaf nutti qoosuu, Afaan Amaaraa dubbachuu dadhabuu keenyaaf nutti kolfamaa turee.

Maqaa “caalii” jedhu kana akkan jijjiiruuf hiriyyoonniifi barsiisotni mana barnootaas na cinqaa turanii bari. Ani garuu yeroo sanatti waanan xiqqoo tureef dubbiin naa galuu baatus, abbaan koo dhaga’ee maqaa gaarii ani intala tiyyaaf baase eenyuyyuu geeddaruu hindanda’u jechuun akka jarri abdii murtu taasise.

Garuu ijoolleen naannawa keenyaa dhiibbaa kanaaf maqaasaanii geeddaratan, aadaafi safuusaanii dagatanii kan ormaa fudhatan, afaansaaniitiin barnoota dhabanii adda kutuuf dirqaman hedduudha. Har’as yeroo baadiyyaa Oromiyaa hedduu keessatti Afaan Oromootiin baratanitti Oromoota Finfinneefi naannawashee jiraniif Afaan Oromootiin barachuun yemmuu gaaffii kaasu argaa jirra.

Kun immoo tasuma waan fudhatama qabuu miti. Namni kamuu afaan dhalootaa ofiitiin barachuun mirga ta’uun hubatamee, qaamotni bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Oromiyaas babal’ina manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinneefi naannawasheetti eegalan cimsanii ittifufuu qabu.

Kun akka ta’uuf immoo Oromoon irree tokkoon diina dura dhaabbatee mirgasaa qe’eesaatti kabajsiisuuf tokkummaasaa jabeeffachuu qaba.

Bariisaa: Yeroo bal’aa nuu kennitaniif guddaa galatoomaa

Aadde Caalii: Isinis galatoomaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You