Sammuu kee eeggadhu

Uumaan gaafa nama uume badhaasa addaa tokko dhala namaaf kenne. Badhaasa dhala namaa qofa ilaallatu! Dachee kana Uumaa gaditti akka to’atuuf aangoo guutuu kenneef. To’achuu akka danda’uuf immoo sammuu yaadu kenneef.

Waanti uumama namaa adda godhu sammuu isa hogganu qabaachuusaati. Ofiisaa of hoggana! Akka joobiraa koochoosaa diriirsee ilmaansaatiif eegumsa godhuutti qaamota hundaaf ittigaafatamummaa fudhatee hojjeta. Kennaa guddaadha! Sammuun dhala namaa kun yaaduu, karoorsuu, xiinxaluufi murtee kennuu, to’achuu, tilmaamuu danda’a. Addunyaa callabboofi lafa onaa turte kana teknolojiidhaan kan miidhagse sammuu namaati.

Sammuu namaa, bineensota biraarraa qabiyyee addaa qabaatee qofa osoo hintaane hojii addaa waan hojjetuufi. Uumaan sammuu namaaf eeggannaa cimaan akka barbaachisu beekee lafee akka sibiilaatiin golgee qaamota hunda gararraatti teessoo kenneef.

Qaamota hunda akka hogganuuf dandeettii ajaa’ibsiisaafi ittigaafatamummaa guddaa kenneef. Kanaafi, yoo lukti bakka malee deeme, harki yakka hojjete, ilkaan sobee seeqe, arrabni, garaafi onneen yoo dogoggoran, kan balleessaa isaaniif aarsaa kanfalu, kan of ceepha’u, kan ittigaafatamus sammuudha.

Qaamoleen biraa yoo dhukkubsatanis murteesaa eeggatu. Yoo miidhamanis kan furmaata qopheessuuf sammuudha. Walumaagalatti sammuun gaggeessaa kutaalee qaamaa maraa waan ta’eef hundumaaf dhukkubsata.

Yeroo kutaa qaamaa keenya keessaa tokko jeeqamuufi miirri keenya dhiphatu mataan keenya maaliif dhukkubsata? Sagalee guddaa qofa dhagahuudhaan utuu gurra hindhukkubiin maaliif sammuun si dhukkuba? Caalaatti mataan keenya kan dhukkubsatu yeroo qaamonni biroon nu dhukubaniidha.

Sababnisaas sammuun keenya furmaata dhiyeessuudhaaf ofiin of hurkisiisa. Anniisaa hundaaf qopheessa. Anniisaa ampuulii tokko ibsuu danda’u! Yoo qaamni dadhabe kan ajaja dabarsu sammuudha. Lukti yoo cabe akka hindeemne, yoo beelofte akka nyaattuuf, yoo kufte akka kaatuuf, yoo dadhabde akka boqottuuf, yoo dhukkubsatte akka yaalamtuuf ajaja dabarsa.

Ajaja qofa miti sammuun madda furmaata fayyaafi gaggeessaa qaama maraati! Dhiyeessee hojjetee furmaata fida. Qaamonnikee biroo akka boqotan ni taasisa. Ofiisaa garuu yeroo hunda hojjeta. Kan har’aa yoo dalage kan boruu karoorsa. Yeroo teessu ni yaada. Yeroo raftuus hojiisaa hindhaabu. Sammuun yoo hojii dhaabe sombikee qilleensa hinharganu; onneenkee dhahannaasaa ittihinfufu. Yoo gogaa keenyatti qorre kan diilallaa’u sammuu keenya.

Moccorraa xiqqoof kan dhiphatu sammuudha. Gaaffii qaamota maraatiif saffisaan deebii sirrii kenna. Foddaa ijaatti fayyadamee ilaala. Dibbee gurraatti fayyadamee dhagaha. Qaamni yoo dhukkubsate sammuun ni iyyataaf; sammuun yoo miidhaame ofiin iyya. Yoo ofiif iyyuu dadhabe garuu qaamni isaaf birmatu hinjiru. Sammuun maddaafi kuusa yaada waamaraa waan ta’eef gaggeessaa qaama maraati!.

Namoonni sammuun miidhaman warra qaamaan dhukkubsatan caalaa miidhamoodha. Nama ta’uukeef ragaan jiru sammuukee qofa. Qaamonni nama hundaa cimdii cimdiidhaan uumaman. Sammuun garuu uumama qeenxee gahumsa hunda caalu qabuudha.

Haa ta’u malee lukti kee lamaan yoo cite namtolchee hojjetattee jiraachuu dandeessa. Harkis akkasuma. Onneen kee, sombi kee yks qaamonni kee biraa yoo miidhaman jijjiirraa gochuu ni dandeessa. Kaleen, agartuun (ijji)fi gurri kee tokko yoo hojii dhaabe lama waan qabduuf tokkoon jiraachuu ni dandeessa. Sammuun kee yoo miidhame garuu jijjiirraa biraa argachuu hindandeessu.

Kutaa qaamaakee kamiifuu jijjiirraa gochuu ni dandeessa. sammuukeef osoo jijjiirraa gootee garuu maaltu ta’a jettee yaadda? eenyummaakee jijjiirteetu akka haaraatti uumamtamoo? waan kanaan dura beektu akka haaraatti deebitee barattaa? Hogganaa jijjiirraa hinqabneedha. Kanaaf yoo sammuun kee miidhame faana miidhamta.

Sammuu keetiif eeggannaa gochuun mirga kee osoo hintaane dirqama keeti. Dhukkubsataa ykn fayyaa, du’aa ykn jiraataa ta’uunkee kan beekamu yoo sammuunkee fayyaa ta’e qofa. Sammuunkee fayyaa taanaan qaamakee kamiifuu jijjiirraa godhachuu dandeessa. Kanaaf akkuma qaamoota keenya biroof eeggannaa goonu sammuu jijjiirraa hinqabneef dursa haa kenninu. Fayyaa sammuu keenyaaf dursa haa kenninu

Maraachuun hanaga qullaa buusanittii?

Dhibee sammuurratti hawwaasni keenya amantii, aadaafi duudhaasaarratti hundaa’uudhaan yaadota garaagaraa dhiyeessa. Maal kana qofa namoonni muraasni immoo dhibeen sammuu abaarsa Rabbiiti yookiin dhahicha Seexanaati jedhanii amanu. Dhibee sammuu wayita jedhamu huccuu ofirraa gatanii qullaa daandiirra fiiguu qofa kan ittifakkaatu ni jiram! Namoota qullaa buusanii daandiirra jiraatan kanneeniifiyyuu namoonni gaaffii waliif dhiyeessan ni jiru. Fakkeenyaaf namni dhibee sammuu qabu tokko daandiirratti lubbuusaa oolfachuuf konkolaataa jalaa yoo baqate, namni kun “Sobee maraate malee utuu maraateera ta’ee jalaa hindheessu ture”, jedhuun.

Namoota gariidhaan immoo yoo doorsifamee sodaatee “Elaa, lubbuusaa beekaam!” jedhuun itti ga’isuun kanuma jirtu. Qullaa buusuun maraachuu utuu hintaane mallattoo dhukkuba sammuu keessaa isa tokko. Yeroo baay’ee namoota yeroo dheeraaf dhukkubsataniifi battala qalbiinsaanii dabarte irratti mul’achuu danda’a.

Namoonni fayyaa ta’anii wayita akka malee aaraan (danfan) uffata ofiisaanii ofirratti ciranii nyaatan, yookiin qullaa of buusanis jiraachuu malu. Yaadni biraan callisanii boohuun mallattoo dhibee sammuu keessaa isa tokko. Haa ta’u malee namni yeroo haadhasaa duuteef yoo boohuu baatees rakkoo miiraa qaba jechuudha. Sababiinsaa namni yoo xiqqaate haadharraa dhalateef gadduu qaba waan ta’eef.

Karaa biraa imimmaan miiraa (emotional tear) miira qabbaneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Haa ta’u malee akka qorannoowwan garagaraa ibsanitti, dhibee sammuu jechuun namni tokko dandeettii waan tokko hubatee raawwachuu, fedhii yookiin amalasaa duraarratti jijjiiramni haaraan ifa ta’e yoo jiraateedha.

Kana jechuun miiraafi dandeettii kanaan dura qabu yoo dhabe yookiin yoo gad bu’e jechuudha. Jijjiiramni kunis hojii guyyaa guyyaa, jireenya hawwaasummaafi hariiroo namoota wajjin qabnurratti hubama fiduu danda’uu qaba yoo ta’e sammuun miidhamaa jiraachuu agarsiisa.

Namni tokko dhukkuba sammuu qaba jechuuf waan huccuu ofirraa baaseef qofa osoo hintaanee ulaagaafi mallattoolee agarsiiftuu dhukkuba murtaa’ee guutuu akka qabutti hubachuutu nurra jira. Fakkeenyaaf giinga’uu, sireerratti fincaa’uun, araadaan qabamuu, miira saalqunnamtii dhabuufi humnaa ol qabaachuun, waanuma salphaaf dhiphachuufi wantoota biroo akka hawaasa keessatti akka fayyummaatti ilaalaman garuu mallattoo dhukkuba sammuu ta’an kaasuun ni danda’ama. Kanaaf namoonni keenya ykn maatiin keenya yeroo jijjiiramni amalaafi ofto’achuu dadhabuu kana malees rakkoo sammuu isaan mudatu gara ogeessa yaala sammuutti fudhachuun ogeessa mariisisuun barbaachisaadha. Hanga qullaa buusaniitti eeguun gaarummaa hinqabu. Namni hundiyyuu yoo yeroon yaalame fayyuu ni danda’a.

Kanneen hundaaf hubannaa uumuun fayyaalessummaa dhuunfaa keenyaati. Kana qofa osoo hintaane namoonni dhibee sammuu qaban akka nama miidhaniifi hamoo ta’anitti yaaduun ni jira. Garuu kan dhibee geessisan namoota dhibee sammuu qaban muraasa qofa.

Namoonni dhukkuba sammuu qaban dhukkubsachuusaanii waan ofirratti hinbeekneef gargaarsa namoomaa hunda keenyarraa barbaadu. Kanaaaf ofitti qabnee kunuunsa gochuufiin gaarummaa guddaadha. Maarree har’aa kaasee dhibee sammuurratti callisuufi namoota dhibee sammuu qaban baqachuun haa dhaabbatu!

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014

Recommended For You