Gootichi Maaraatonii Oriigan Atileet Taammiraat Tolaa maal jedha?

Fifinnee: Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti hirmaachuu kan eegalte jalqabaa kaasee Shaampiyoonaa ALA bara 1983 magaalaa guddoo Filaandii, Heelsinkitti adeemsifamerratti. Shaampiyoonaa kanarratti Atileeti Kabbadaa Baalchaa sa’aatii 2:10.27 xumuruun meedaaliyaa meetii jalqabaa argateera.

Itoophiyaan shaampiyoonaa lammaffaa bara 1985 Xaaliyaanii magaalaa Roomitti adeemsifametti osoo qophii ga’aa hintaasisin dorgomicharratti hirmaachuu baattus bara 1987 irraa kaasee shaampiyoonaawwan gageeffaman hundarratti hirmaatteetti.

Itoophiyaan baranas Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa, magaalaa Oriiganitti adeemsifamerratti hirmaachuudhaan meedaaliyaa warqiifi meetii afur, afuriifi nahaasa lama walumaagalatti meedaaliyaawwwan 10 argachuudhaan addunyaarraa qopheessituu shaampiyoonichaa, Ameerikaatti aanuudhaan lammaffaa, Afrikaarraa tokkoffaa ta’uudhaan xumurteetti.

Shaampiyoonicharratti maaraatonii dhiirota gidduutti adeemsifametti tokkoffaa ba’uun kan injifate Atileet Taammiraat Tolaati. Atileet Taammiraat dorgommicha sa’aatii 2:05.36 tokkoffaa ba’uun mo’achuurra darbee sa’aatii dorgommii maaraatoonii shaampiyoonichaas fooyyessuudhaan injifannoo dachaa galmeessiseera.

“Namni hojii hojjetu marattuu milkaa’uuf yaalii godha. Anis waytan gara Oriigan deemu nan injifadha jedheen yaadaa ture. Shaampiyoonichas injifannoon xumureera” kan jedhu Atileet Taammiraat, shaampiyoonicha injifachuu qofa utuu hintaane riikardii maaraatoonii shaampiyoonichaa fooyyesuusaattis baay’ee kan gammade ta’uu eera.

Shaampiyoonicharratti gareen waliin hojjechuu keenyaan milkoofneerra kan jedhu Atileet Taammiraat, kanaafis Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu qooda olaanaa qabu. Komaandar Daraartuu dabalatee leenjistoota akkasumas qaamoolee garecha waliin turan mara galateeffateera.

Olompikii Riiyootti, fiigicha meetira kuma kudhaniin meedaaliyaa nahaasaa argadheera kan jedhu atileetiin kun, waggaa shan dura bara 2017 shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Landanitti adeemsifametti maaraatooniidhaan lammaffaa ba’ee medaaliyaa meetii kan argate ta’uus eereera.

Shaampiyoonaa baranaa kanatti ammoo maaraatoniidhaan meedaaliyaa warqii argachuuf karoorfatee hojjechuudhaan milkaa’uusaa kan himu atileetiin kun, Shaampiyoonaa Atileetiksii bara dhufu Bulgaariyaa, Budaappestitti adeemsifamuufi Olompikii waggaa lama booda Faransaay, Paariisitti adeemsifamurrattis biyyattiif medaaliyaa warqii argamsiisuuf karoorfatee cimee kan hojjetu ta’uus dubbateera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa baranaarratti atileetonni ciccimoofi bebbeekamoon addunyaa waan hirmaataniif dorgommicha injifachuun milkii guddaadha kan jedhu Atileet Taammiraat, shaapiyoonicharratti Itoophiyaan injifannoo boonsaa galmeessisuun addunyaarraa sadarkaa lammaffaa, Afrikaarraa ammoo lammaffaa ta’uun xumurteetti.

Ummanni keenya kaleessa wayita Komaandar Daraartuun, Haayilee Gabrasillaasee, Gazaahany Abarraa, Qananiisaa Baqqalaa, Xirunash Dibaabaafi Masarat Daffaar faa wayita mo’atanii gara biyyaa deebi’an simataa ture baranas atileetota Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa baranaarratti hirmaachuun injifannoo boonsaa galmeessisan wayitasaan gara biyyaatti deebi’an sirna ho’aan simateera.

Simannaa ummanniifi mootummaan biyyattii nuuf taasisan dorgommiiwwan gara fuulduraatti nu eeggatanirrattis injifannoo boonsaa akka galmeessifnuuf kan nu kakaasuudha kan jedhu atileetiin kun, qajeelfamaafi leenjii nuuf kennamu sirriitti hojiirra oolchuudhaan injifannoo caalu galmeessisuuf cimnee ni hojjenna jedha.

Injifannoon har’aa kun gala boruuti kan jedhu Atileet Taammiraat, atileetonni qajeelfama Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi leenjistootaa sirriitti hojjirra oolchuufi shaakala gahaa injifannoo boriif isaan qopheessu taasisuu akka qaban dhaameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014

Recommended For You