Dargaggoota gabrummaa araadaa jalaa bahuuf wal’aansootti jiran

Biyya rakkoon siyaasaa walxaxaafi gara hinqabne dhaqaa gala dhukkeerraa kaasaa jiru keessatti rakkoon biroo itti dhalatee iddoo qabate.

Biyya ummanni goota waliinii hinqabne, alaabaa waliinii hinqabneefi seenaa irratti waliigalu dhabuudhaan dhimmootuma xixiqqoorratti afaan waldarbaa ture dhimmi walqixatti isaan miidhu dhufee ulaa garaa garummaa itticufe.

Jaarsota umrii jaarsummaatiin jireenyaan waldhaansoo osoo walqabanii jiranii waldhaansoo birootti hirmaachuuf dirqamanii dargaggoota umrii malee soorama bahan sooruu dirqaman, dubartootni harka tokkoon daa’ima dugdatti baatanii harka tokkoon diina, diina caaluu hiyyummaadhaan kokkee walqabanii ijoolleesaanii umrii malee sababa araadawwan gara garaafi eeggatummaaf saaxilaman baraaruuf dhama’an iddoowwan heddutti arguun baramaa dhufeera.

Abdiin biyyaa inni borii, humni omishaa guddaan har’aa, kan ari’ee qabuu danda’uufi dheessees miliquu danda’u dargaggeessi biyyattii hedduun sababoota gara garaatiin araadatti galuudhaan jiruu idileesaa yemmuu dagatu arguun eega jalqabamee bubbuleera.

Wantoota dhimma araadaa kanaaf sababa ta’an keessaa inni guddaan abdii murannaa jireenyaa yemmuu ta’u, namootni osoo jireenyatti abdii hinmuratin akka taphaatti erga araada kana keessa galanii booda gara jireenyarraa abdii kutachuutti galanis hedduudha.

Hunda caalaa kan nama gaddisiisu immoo dargaggoota jalqabarratti yookiin kutaalee barnootaa hanga kurnaffaafi kutaa 12ffaa xumuranii xiyyeeffannoofi firii gaariin barachaa turanii sanaan booda gaafa qormaanni biyyaalessaa dhufu carraan dugda ittigalte, isaan carraa sanis darbanii yunivarsiitii waggoota hedduuf baratanii erga eebbifamanii carraa hojii dhabanii maatii waggaa 20f isaan barsiisaa turerratti deebi’anii ba’aa ta’uun abdii isaan kutachiise araadawwan gara garaatiif isaan jilbiiffachiise heddumminaan mul’achaa jiraachuun yaaddoo guddaa uumaa jira.

Araadni immoo yeroo tokko tokko gaafa hamileen namaa gara malee laafee waan qabaniif gadi lakkisan wallaalanitti, gaafa guyyaan namatti dukkanaa’eefi lubbuun ofii namatti bushaayetti, gaafa of balleessuufuu namni booda hindeebinetti carraa gaarii argachuun ofitti hawwattee maamila taasifatti.

Sababa kamiinuu taanaan araada keessa galuurra erga keessa galanii booda bahuun kan ulfaatu ta’uu immoo dargaggoota waggoota hedduuf araadawwan gara garaa keessa turanii yeroo ammaa immoo achi keessaa bahuuf tattaafachaa jiran ragaa bahu.

Dargaggoo Buundaroo Juullaa Godina Shawaa Bahaatti Jiraataa Aanaa Adaamii Tulluu Jidduu Kombolchaa yemmuu ta’u, barnootasaa hanga kutaa 10ffaa xumurutti xiyyeeffannoodhaan hordofaa turuu dubbata. Barnootni inni sirnaan barachaafi hordofaa ture sun garuu gaafa firiin qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa deebi’utti waan hineeggamne qabatee dhufuu kan himu dargaggoon kun, qabxichi hanga eeggamee gadi qofaa osoo hintaane kolleejjota dhuufaatiifis kan hingeenye waan ta’eef fedhiin inni barumsaaf adeemsa dheeraa imaluuf qabus gabaabumatti gufatee hafuu dubbata.

Akka yaada dargaggoo kanaatti: Maatiin harka qal’eessi “Mucaan keenya baratee gaafa tokko ofirra darbee nus gargaaruu danda’a” jechaa humna hinqabneen na barsiisaa ture gaafa ani qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa irratti hafee gara qe’eetti galu ana caalaa yemmuu gaddan argee sammuun kiyya na geeddarame. Osoo qabxiin kiyya kolleejjiidhaafis dhuunfaan kan na barsiisu ta’eeyyuu maatiin kun sana caalaa na barsiisuus hindanda’an, anis sana caalaa isaan rakkisuu hinbarbaanne ture.

Ergasii garuu amalliifi haalli kiyya hundi geeddaramee namni dur jaalalaafi kabajaan hawaasa waliin jiraatu gara namaan walitti bu’uu baay’isuu, hanna keessa galuufi waliigalatti immoo araada akaakuuwwan hedduutiif jilbeeffachuutti gale.

Amala dur hinbaramne yeroo hawaasa keessatti calaqqisuu eegalu immoo maatiin akka tasgabbaa’ee jiraatu jedhee yemmuu intala ittifuudhus akkuma xiqqoo waliin bubbuleen tasgabbii waaraatti deebi’uu dhabuudhaan intala ittiheerumte ofirraa ari’ee iddoo argatetti nyaateefi dhugee araadasaa jabeeffachuutti ka’e.

Bakka ittifakkaate oolee bakkuma ittidhihetti bule. Akeekni jiruus tasuma harkaa waldhahee mandara itti dhalatetti waan ilmi namaa hintaane ta’ee yeroo hunda mata duree oduu ganda sanaa ta’e. Haati abbaa malee isa guddiftee hamma humnasheetti barsiiftes maqaasaatiin ummata keessa baatee galuu qaanfattee ilmasheetiif osoo jiruu boottee baafatte.

Yeroo lammaffaadhaaf mucaa kana gorsitee akka qalbii ofiitti deebi’uuf intala biraas ittifuutu gurbaan sirratuu didee haadha jiruun dhibe. Dargaggoon kun araada akaakuuwwan heddu keessa galuudhaan jiruufi jireenya hinbaramne keessa galee yeroo tokko osoo araada guuttachuuf jecha waan namaa hatu qabamee hidhama. Yeroo kaan immoo machaa’ee namaan wal-lolee hidhama. Haati Waaqni rakkises umriishee maanguddummaatiin dargaggeessa kana sooruuf hallayyaa bu’aafi tabba ba’aa ooltu sanaaf amma Waaqni waan awwaate fakkaata.

Dargaggoon dur araadaan sammuunsaa qabamee hojii xireeffatee ture sun gara hojiitti deebi’uu qofa osoo hintaane, araadawwan gara garaa waggoota hedduuf keessa gangalachaa ture sana jalaa bahuuf wal’aansoo cimaa qabateera.

“Waggoota araada akkaakuuwwan hedduu waliin turetti akka dhala namaatti jiraachaa hinturre” kan jedhu dargaggoon kun, haa ta’uu malee dargaggoota akkasaa araadawwan gara garaa keessa waliin turan wajjin murteeffatanii gara hojiifi jiruu idileetti deebi’aa jiraachuu hima.

“Miidhaa araadawwan gara garaa keessa turuu baruun keenya haala sana keessaa akka baanuuf nu gargaareera” kan jedhu immoo Dargaggoo Dinagdee Boxee, nama araadawwan gara garaatiin qabame immoo orma dhiisii maatiinsaatuu hinjaalanne waan ta’eef waggootni darban jireenya keessatti mudaa hamaa kaa’anii kan darban ta’uu dubbata.

Miidhaan sababa araadawwan gara garaa keessa galuudhaan namarra gahu lakkaa’amee kan hinxumuramne ta’uufi araada keessa seenuun waan salphaa ta’us keessaa bahuun garuu daran ulfaataa akka ta’es ni kaasa. Haa ta’uu malee namni murteeffatee araada kana keessaa bahuu akka qabu of amansiise inuma raawwata.

Araada waggoota hedduuf waliin turan akka salphaatti keessaa utaalanii bahuun salphaa waan hintaaneef, dargaggoota amala walfakkaatoo qaban waliin ta’uudhaan hojii isaan ko’ommachiisuun yeroosaanii dabarsuuf filataniiru.

Kana gochuusaaniif immoo faayidaawwan akaakuu lamaa kan argatan yemmuu ta’u, isaan keessaa inni tokko sa’aatii dur araadni itti isaan qabutti hojirratti waan dabarsaniif araadicha ni dagatu, inni biraa immoo hojii sa’aatii dheeraa irratti dabarsaa jiraniin galiisaanii cimsatanii jireenyasaanii akka sirreeffataniifis kan isaan gargaaruudha.

Walumaagalatti, sababni araadota akaakuuwwan adda addaatti nama galchuu danda’an hedduun jiraatanis, malootni ittiin araada waggoota hedduu keessa turan jalaa bahuun ittiin danda’amus akka jiru muuxannoo dargaggoota kanaa irraa hubachuun ni danda’ama. Kana waan ta’eef namni dogoggora hinraawwanne hinjiru. Rakkoon garuu dogoggoruu sana osoo hintaane dogoggorarraa barachuu dhabuudha.

Caasaan mootummaa sadarkaadhaan jiru immoo dargaggoota akkanaa jajjabeessuufi kanneen birootiif fakkeenya akka ta’aniif deeggarsa danda’ame hundaanis isaan cinaa dhaabbachuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiitiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014

Recommended For You