Sirni Awwaardii Gaaddisaa jalqabaa maatii barreessaa Gaaddisaa Birruufi Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin qophaa’e Sanbata darbe haala daran miidhagaadhaan Finfinnee, Hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti adeemsifameera.
Sirnicharratti miseensonni waldichaa, maatiin barreessaa hangafticha Oromoo, Gaaddisaa Birruu akkasumas miseensi Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Doktar Diimaa Nagoo dabalatee keessummoonni adda addaa argamaniiru.
Keessummaan kabajaa sagantaa badhaasa ogbarruu kanaa kanaa kan ta’an Doktar Gammachuu Magarsaa hirmaattotaaf ergaa dabarsaniiru.
Maqaan awwaardichi ittiin moggaafame kun hayyuu Gaaddisaa Birruu har’a lubbuudhaan hinjirre kitaaba asoosamaa jalqabaa, KUUSAA GADOO jedhamu barreesseefi Waldaa Barreessitoota Oromiyaa hundeesseefi dura taa’ummaan waggoota afuriif tajaajileerraati.
Guyyaa du’aan boqochuu waggaa tokkoffaa barreessichaa sababbeeffachuunis saganticharratti sirni yaadannoofi dungoo qabsiisuu maatii Gaaddisaa Birruufi hirmaattotaan adeemsifameera.
Ijoolleen barreessichaa waa’ee abbaasaanii ilaalchisuun haasaa taasisaniiru; dhaamsas dabarsaniiru. Pirezidaantiin Waldaa Barreessitoota Oromiyaa, Lalisaa Idiris waa’ee awwaardichaa ilaalchisuun haasawa gabaabaa taasiseera.
Barreessitoota hangafoota keessaa Barreessaafi Gaazexeessaa Namoo Daandii (Dhaabaa Wayyeessaa) barreessaa Xahaa Abdii, barreessaa Abdii Qophee, Barreessituu Maaramee Harqaa, barreessaa Asafaa Tafarraa Dibaabaa (PhD), barreessaa Kumsaa Burraayyuu, barreessaafi Gaazexeessaa Isaayyaas Hordofaa badhaafamoo Gaaddisaa Awwaardi ta’aniiru; shanansaanii karaa bakka bu’ootasaanii badhaasa addaa qophaa’eef, barreessaa Isaayyaasiifi Doktar Asafaan ammoo bakkatti argamuun badhaasasaanii fudhataniiru.
Seenaafi bu’aan hojii badhaafamtoota kanneeniis tokko tokkoon bal’inaan dubbisaan dhiyaateera.
Badhaasni maqaa Barreessaa Gaaddisaa Birruutiin qophaa’es Doktar Diimaa Nagawootiin maatiif kennameera.
Badhaasota irranatti eeraman keessummoonniifi ogeessonni adda addaa kan kennan yoo ta’u, kanneen keessaa Barreessaa Toleeraa Fiqruu; walittiqabaa Boordii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa, Barreessaafi Gaazexeessaa Kidaanuu Zallaqaa; Artisti Abaaboo Warqinaa; Gaazexeessaafi Barreessaa Hinseenee Makuriyaafaan ni eeramu. Sirni badhaasaa Gaaddisaa kun waggaa waggaadhaan kan ittifufu ta’uunis ibsameera.
Gaazexaan Bariisaas seenaa gabaabaa barreessitoota hangafoota ogbarruu Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaachuun marsaa jalqabaa kanaan badhaafamanii kan barreessaa Gaaddisaa Birruurraa eegaluun isin dubbisiisuu yaala.
Seenaa Gabaabaa Obbo Gaaddisaa Birruu
Onkoloolessa 6, bara 1950 abbaasaa Obbo Birruu Waaqaafi harmeesaa Aadde Bajigee Gonfaarraa Godina Arsii, Aanaa Leemmoofi Bilbilootti dhalatee guddate.
Barnootasaa sadarkaa 1ffaa (kutaa 1ffaa- 8ffaa) Mana Barnootaa Boqqojjiitti erga baratee barnootaasaa sadarkaa 2ffaa (9ffaa- 10ffaa) Mana Barnootaa Raas Dargee gaafasii Mana Barnootaa Asallaa har’atti barate.
Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Asmaraafi Jimmaatti barnoota dippiloomaa baratee xumure.
Barnoota booda Godina Arsii, manneen barnootaa kanneen akka Boolloo, Hayilee Abbaa Marsaafi Boqojjii jedhamanitti waggoota jahaaf tajaajileera. Yunvarsitii Finfinneetti BA digriisaa jalqabaa Ingiliffaafi Ogbarruudhaan barateera.
Ergasii Akkaadaamii Afaanota Itoophiyaatti ramadamee waggoota sagalii oliif tajaajileera. Barnootasaa digrii lammaffaa (MA) Ogbarruudhaan achuma, Yunvarsitii Finfinneetti fudhate. Dabalataanis, dippiloomaasaa dhaabbata, ‘American School for International studies’ jedhamurraa waldhabbii furuu (‘conflict resolution’)dhaan fudhateera.
Waajjira Gargaarsa Oromiyaa keessa waggoota sadiif akkasumas dhaabbilee mitmootummaa garagaraa keessa waliigalatti gara waggoota 18f tajaajila kenneera.
Barreessaa Gaaddisaa Birruu nama ogummaawwan adda addaa kanneen akka barsiisummaa, qophii galmee jechootaa, ogbarruu, qunnamtii ummataa, qophiifi hojiirra oolmaa pirojektiifi kanneen biroo gonfateedha.
Gama hojiilee ogbarruutiin yoo ilaallee:
- Asoosama Kuusaa Gadoo jedhamu bara, 1983/1991
- Galmee jechoota Afaan Oromoo namoota kaan waliin bara, 1983/1991
- Barruulee birmata jedhamu bara, 1985/1993
- Kitaaba ‘peace and reconciliation’ jedhamu Afaan Oromoofi Amaaraatti jijjiiruu, bara 1993/2001
- Asoosama Dhaamsa Abbaa jedhamu, bara 1994/2002
- Fedhii gamtokkeefi ogbarruuwwan gaggabaaboo biroo, bara 2001/2009
- Namummaafi ogbarruuwwan gaggabaaboo barreessitoota biroo waliin, bara 2004/2012
- Asoosama ‘burreen bifa tokkoo miti’ jedhu bara 2007/2015 hojjeteera.
Bu’uuressitoota Waldaa Barreessitoota Oromiyaa keessaa tokko. Waldichas Pirezedaantii ta’ee waggooa afuriif’ tajaajileera. Magaalaa Buraayyuutti mana barumsaa ‘Lalisees Talent’ jedhamus hundeesseera.
Dorgommii Ameerikaatti taasifameen ogbarruu, ‘Waxala Qaccee Gaabbii’ jedhamu dhiyeessuudhaan tokkoffaa bahee badhaasa maallaqaafi maxxansa ogbarrichaa bara 1995/2003 fudhateera. Dorgommii achuma, Ameerikaatti taasifameen “Fedhii Gamtokkee’ dhiyeessuudhaan sadaffaa bahee badhaasa maallaqaa bara 1996/2004 fudhateera.
Abbaa ijoollee afurii (dhiira lama, dubara lama)ti. Obsa qabeessa, utubaa ogbarruu Oromoo, hubataafi amala toleessa.
Barreessaa Gaaddisaa Birruu dhukkubsatee osoo wal’aansarra jiruu ALA gaafa guyyaa 19/07/2021 umuriisaa ganna 63ffaatti du’an addunyaa kanarraa boqote.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014