Keessummaan maxxansa kanaaf anaadhufu jenne nama idddoowwan adda addaatti hojiilee tola ooltummaa gara garaa raawwataniifi raawwataa jiran; ofirra namaaf jiraatan; gaalee tokkoon hayyuu abbaa oolmaa lammiifi biyyaati.
Hinhimamneef malee hayyuun kun nama akkuma tola ooltuu Doktara Kabajaa Abbabachi Goobanaa dhaloota jalaa dhufu, harkaqal’eeyiifi hojmaleeyyii gargaaruurratti of kennanii hojjetaniifi hojjetaas jiraniidha. Gabaabinumaan waa’ee keessummaa Bariisaa hanga kana yoo jenne gaaffiilee eenyu isaan, maalis hojjetan isa jedhuuf deebiin gaafdeebii ittaanuun bal’inaan dhiyaateeraa dubbisa gaarii!
Bariisaa: Akka dubbistoonni keenya sirriitti hubataniif maqaa keessan guutuu, yoom, eessatti akka dhalattan nuu ibsaa mee?
Abbiyyee Dinquu: Tole, galatoomaa. Dinquu Gabramaariyaam Boruu Nagawoon jedhama. Bakkin ittidhaladhe akka moggaasa ammaatti Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wancii, naannawa Caboo jedhamutti. Barrin ittidhaladhe lola Maqalee dura, Waxabajjii 19 bara 1927.
Bariisaa: Eenyurraa dhalattan?
Abiyyee Dinquu: Abbaan koo Gabramaariyaam Boruu jedhama. Maqaan kun kan kiristinnaati malee maqaan abbaan kootii Qeensoo Birruu ture. Haati koo ammoo Sinqii Badhaanee jedhamti. Obbolaa dhiiraa sadiifi dubartoota laman qaba ture. Ani ilma lammaffaadha.
Bariisaa: Daa’imummaa keessanitti akkuma daa’ima baadiyyaa kamuu jabbii tiksitaniittuu moo barumsuma wangeelaa qofatti gortan?
Abiyyee Dinquu: Otoon mana barnootaa idilee hinseeniin dura afaan Gi’iiziitiin wangeela (daawwitii) baradhe. Yeroo sana Caboo keessa manni barnootaa hinturre. Otuma teenyee qe’eetti hojii keenya hojjennuu kitaabota babarreessee shilingii sagalitti gurguraan ture. Ishiidhaanin warra koo gargaarayyu.
Daa’imummaa kootti akkuma irranatti sitti hime barumsa bataskaanaa baradhee barumsichaan bataskaana Giyoorgisii Cabootti diyaaqonummaan tajaajilaan ture. Gaafa dabaree maatii kootiis horii tikseera. Kana maddiittis bataskaanni naannawa sanaa waan kitaaba hinqabneef kitaabota ‘Ta’aammira Maariyaam, Ta’aammira Iyyasuusiifi Ta’aammira Iyyasuus’ jedhaman meeshaa shomboqqoo qarameen halluu abbaan koo naa bulbuleen barreessee shilingii sagal sagaliin bataskaanatti gurduraan ture; utuman horii tiksuu jechuudha.
Achii abbaan koo inni horii tiksuu mannaa; horiis beekee hintiksuu jedhee mana barumsaatti na erge. Barumsichaafis deemee waan haalli naa hinqarnanneef (hinmijanneef) isa dhiisee hojii barbaacha gara Finfinneetti qajeele. Utuman hojii barbaaduu Mana Barnootaa Jarmanitti carraa hojii argadhee gale.
Bariisaa: Umrii keessan meeqatti mana barnootaa idilee galtan?
Obbo Dinquu: Daaw’itii umrii koo waggaa torbattin fixe. Sana booda boqonnaa xiqqaa fudhadhee achumattin ‘qaddasaa’ ture; hanga umrii koo waggaa 16tti. Oggaa umriin koo 16 guutun hojii barbaacha gara Finfinnee dhufe.
Barumsa idilee kan kanfaltiidhaan baratamun hordofe. Isas fuudhee waggaa lama booda ergan mucaa tokko godhadheen barumsa ammayyaa kana jalqabe. Umrii koo 25ttin kutaa sadaffaa seene. Kanaanis digrii koo argachuuf waggaa lama natti fudhate. Bara 1953 kutaa 3ffaa seeneen bara 1958 kutaa 8ffaa fixe.
Bariisaa: Abbiyyee Dinquufi Aadde Adaanachi Magarsaa ijoollee meeqa godhatan?
Abbiyyee Dinquu: Ijoollee saddeet godhanne; diira afuriifi dubartoota afur. Ijoolleen guddise afuris nan qaba. Waliigalaan ijoollee 12n qaba. Hundasaaniiyyuu ijuma tokkoonin ilaala. Ijoollee 15 ta’aniif akaakayyuu ta’eera.
Bariisaa: Mana barnootaa mootummaa yoom, erga gaa’elatti seentanii akkamiin barnoota ittifuftan?
Abbiyyee Dinquu: Erga ijoolleen tokko dhalateen mana barnootaa mootummaa gale. Kutaa 3ffaan gale. Kutaa 1ffaafi 2ffaa kanin bataskaanatti baradhetu naa qabame. Kutaa 3ffaa hanga 8ffaatti Finfinnee, Mana Barnootaa Raas Abbabaa Aragaay jedhamuttin baradhe. Oggaan kutaa 8ffaa qaqqabu qormaata ministirii fudhadhee Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Kookaba Tsibaahitti hanga kutaa 12ffaatti baradhe.
Bariisaa: Sana booda hoo?
Abbiyyee Dinquu: Sana booda Yunivarsitii galee bara 1965 digrii koo fudhadhe. Achii Iluu Abbaa Boor dhaqee waggoota 10f tajaajile. Waggoota kurnan kanneen keessaa waggoota lamaaf barsiisummaadhaan, waggoota kaan akka moggaasa yeroo sanaatti Kutaa Biyyaa Iluu Abbaa Booritti adeemsisaa hojii ittaanaa Ministeera Barnootaa ta’ee ramadamee hojjedhe. Booda ammoo guddinaan gara Kutaa Biyyaa Baaleetti adeemsisaa hojii ta’ee dhaqe. Achis waggoota 10n hojjedhe.
Sana booda ADWUIn gale. ADWUIn waggoota lamaaf na hojjechiisee gara barbaaddanitti galuu dandeessu jennaan ani Finfinnee filadhee as gale. Biiroo Barnoota Oromiyaa dhaabbannee utuman achi hojjedhuu soorama bahe. Soorama bahus waanin hojii kanaaf fedhii guddaa qabuuf Cabootti dhaabbata mitmootummaa (NGO) tokko dhaabe.
Bariisaa: Hojii barbaacha Caboodhaa gara Finfinnee akkamitti dhuftan, maaliinis dhuftan, umrii keessan meeqatti?
Abbiyyee Dinquu: Caboodhaa hanga Finfinneetti karaa Bodda jedhamuun lafoodhuma umrii koo 16tti dhufe. Hiriyaan koo Abbaa Bulloo (Dabal Moluu) jedhamus na wajjin ture.
Bariisaa: Maaliif Caboodhaa hanga asiitti lafoo dhuftan?
Abbiyyee Dinquu: Faraankaan hinqabu kaa.
Bariisaa: Konkolaataan ykn tajaajilli geejibaa tureeraa garuu?
Abbiyyee Dinquu: Eeyyee, konkolaataan tureera. Yeroo sana qarshii tokkoon ni dhufama ture. Ani yeroo sana qarshii tokko mitii faraankaa sadiifi meezoo qofan harkaa qabaayyu. Warri waanin hojjedheen deebi’a jedheeniif galaa qoccoo (warqee) naa qopheessanii isa baattadheen deeme.
Bariisaa: Caboodhaa hanga Finfinneetti guyyaa meeqa isinitti fudhate (karaa konkolaataarra bakka Daariyaan jedhamuu hanga Finfinneetti kiiloo meetira 137 fagaata)?
Abbiyyee Dinquu: Guyyoota lamaafi walakkaatti Finfinnee qaqqabne.
Bariisaa: Galaa qabattanii baatan sana daandiitti nyaattan moo akkam ture mee?
Abbiyyee Dinquu: Lakki, warruma bira bullutu ijoollummaa keenya mararsiifatanii nuu laataayyu. Utuma homaa hinrakkatiin Finfinnee qaqqabne.
Bariisaa: Guyyoota lamaan karaa bultanitti kadhattanii bulaa turtan moo…?
Abbiyyee Dinquu: Eeyyee, nu bulchaa jennaanii, nu gaafatuu, nutis dhugaa jiru ittihimnaa, isaanis dhugaa ittihimnu amananii nu bulchu. Akkuma isaan nu amananii nu bulchan nutis amanamnee bullee galatteeffanneenii nagaadhaan qe’ee sanaa deemna.
Bariisaa: Turtiin hiriyaa keessan, Abbaa Bulloo wajjin ture erga Finfinnee qaqqabdanii akkam ta’e? isinoo akkamitti carraa barumsaa argattan?
Abbiyyee Dinquu: Wajjumaan hojiin galle. Ani carraa argadheen Mana Barnootaa Jarman gale. Inni ammoo kan dhuunfaa argate. Nama baratu argeen garmalee na dharraassise. Barnootaaf carraa guddaan qabaayyu. Utuman kanaan jiruu fuudhi jedhanii Cabootti na galchan.
Cabootti fuudheen hojii kootti deebi’e. Waggaa lama keessattis mucaan koo Saaraa jedhamtu dhalatte. Erga isheen dhalattee booda anis ittuma cabsee waaree dura hojii koo hojjetaa waaree booda rakkina koo mana barnootaa sanatti himee eeyyama gaafadhee, isaanis naa eeyyamanii barumsa koo jalqabe.
Kanaanis waan barattoonni ganama baratan barreessaan halkan halkan garagalfachaa, isan ofii irratti argame dareetti argamee barreeffachaa waggoota sadii keessatti hanga kutaa 8ffaatti raawwadhe. Yoo qormaata darbuu dadhabe galeen qaddasa jedheen tureeyyu. Garuu milkaa’ee qormaata darbee kutaa 9ffaatti Mana Barnootaa Kookaba Tsibaahitti, waggoota afuriif hanga kutaa 12ffaatti baradhe.
Bariisaa: Bu’aa ba’ii hanga kanaa keessatti qabxii akkamii galmeessistan mee?
Abbiyyee Dinquu: Otoon hojjedhuun baradhaayyu. Kanaanis qabxiin dhufe xiqqaadha. Kanaaf dippilomaadhaanin gale.
Bariisaa: Sadarkaa dippilomaatti maal barattan?
Abbiyyee Dinquu: Jeneraal idukeeshiniin Yunivarsitii Finfinneetti baradhe. Waanin dippilomaa koorratti qabxii olaanaa galmeessiseef achumaan akkan digrii baradhuuf na dabarsan. Kanaanis meejariin koo Amaarinyaa, maaynariin koo Ingiizinyaadha. Kana booda hojiif gara Iluu Abbaa Booritti hojiif ramadame. Maatii koo fudhadhee achi waggoota 10f ture.
Bariisaa: Naannawa Cabootti manneen barnootaa akka ijaarsiftan quba qabnaatii manneen barnootaa meeqa ijaarsistan, eessa eessatti?
Abbiyyee Dinquu: Manneen barnootaa 11s naannawa sanatti hojjechiiseen ture. Kanaafis dhaabbata ‘Save the Children’ jedhamutu gargaarsa nuu kennaa ture. Utuma achitti hojjennuu bakka rakkisaa ta’etti manneen barnootaa akka ijaaraman taasiseen ture. Manneen barnootaa ijaarsise keessaa kanneen bakkawwan Sakiiruu, Toolkaa, Qal’aa Waldoo, Qaaqee, akkasumas Coriifi Waraabus tureera. Utuman waljalaa akka banamu taasisee akka itti barsiifamu gochaa jiruu manneen barnootaa sadii naa eeyyamanii garuu manneen barnootaa 11 akka ijaaraman taasiseera.
Bariisaa: Manneen barnootaa sun har’a maalirra jiru?
Abbiyyee Dinquu: Manneen barnootaa 11 sana keessaa jahansaanii amma mootummaan fudhatee kanneen gara kutaa 8ffaatti guddatanis jiru.
Akkasitti sanaan booda bulchaan dhaabbata mitmootummaa kun rakkisaa ta’ee waan argineef addaan kunnee, anis sana booda soorama kootiin jiraadhee, waanin giriin kaardi qabuuf haadha warraa koo faana ijoollee keenya Ameerikaa jiran bira waggaa waggaadhaan deddeebi’aan ture.
Bariisaa: Keessumaa damee barnootaatiin naannawa ittidhalattaniif maal maal hojjettan mee?
Abbiyyee Dinquu: Akkuman irranatti ibsuu yaale manneen barnootaa Cabootti akka ijaaraman taasiseera. Oggaa manni barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaaramus keessan jira. Manneen barnootaa naannawa sanatti walga’anii akka wallaalummaan Caboodhaa baduuf tattaafadheera, amman ni bada jedheen yaada.
Bariisaa: Isinoo yeroo sana magaalattiifis namaafis keessummaadhaa akkamitti Mana Barnootaa Jarmanitti hojii argattan, odeeffannoodhumasaa akkamitti argattan?
Abbiyyee Dinquu: Duraan dursee Jarman Lagaasiyon hojjetaa waanin tureef achittin odeeffannoo kana dhaga’e. Gargaarsa dubartii Faranjii tokkoonin hojicha argadhe.
Bariisaa: Erga barumsa keessan fixxanii haalli jireenyaa keessan akkam ta’e?
Abbiyyee Dinquu: Jireenya koo keessatti fuudhuun koo daran na gargaare. Mana barnootaa Jarman keessa guyyaa guutuun hojjechaa ture. Haati warraa koo dhufnaan ishii naa fudhatanii waaree duraa booda dabaree hojjechaa turre. Isheetu akka haadhaatti na barsiise.
Bariisaa: Dhaabbanni Mitmootummaa Cabootti hundeessitan sun maal jedhama?
Abbiyyee Dinquu: Dhaabbaticha, dhaabbata NGO biyya keessaati. Garuu ‘Save the Children’ Ameerikaatu nu gargaaraa ture. Sakiiruu lala socheedhaan utaalanii ce’an malee kan miilaan deemanii ce’an miti, waan bu’aa baq’ii qabuuf. Daandii daran rakkisaadha. Hojii kanarratti namoonni adda addaas na onnachiisaa turan; akka manni barnootaa achitti banamuuf. Kanaanis manni barnootaa mooraa bataskaanaa keessatti akka banamu ta’e. Dhaabbanni Ameerikaa kun qarshii kuma 400 nu eeyyamee tokko Qaaqee kan Torongee jedhamtu ijaarre.
Kan biraa Saakiiruuttis hojjenne. Kan hafeen ammoo Waldoo Qal’aatti ijaarsisne. Otoo manni barnootaa Waldoo Qal’aatti hinijaaramiin dura barattoonni oggaa mana barnootaa dhaqan saree diidaatiin rakkataa turan. Kanneen lagni itti guutee kufanis turaniiru. Rakkoo kana hambisuuf manni barnootichaa akka ijaaramu taasisne.
Bakki Xaalfam jedhamu namoota ciccimoo qaba. Ummannis hojjetee bulaadha. Garuu mana barnootaa hinqabu. Isaanis na mararanii Arroojjii bakka amma Toolkaa jedhametti manni barnootaa akka banamuuf taasise. Bakka Axaaddiyee jedhamuttis baneen turee inni dadhabaa ta’ee bajannis dhumnaan diminish ta’e. Haala kanaan walumaagalatti manneen barnootaa kutaa tokkoffaa hanga 8ffaatti barsiisan 11 ijaarsiseera. Kanneen duubatti deebi’anis jiru; fakkeenyaaf kanin Waraabutti hojjedhuuyyu Maasiitti ijaarame. Kanin bakka Cor jedhamutti hojjedhuuyyu Holqatti ijaarratan. Garuu ka’umsa ta’eeraaf. Bakka Gugguftee jedhamu manni barnootaa tokko tureera. Waan Daariyaanitti dhiyoo ta’eef jedhamee oolmaa daa’immanii ta’ee ture. Amma manneen barnootaa sana mootummaan of harka galchee gaggeessaa jira.
Bariisaa: Dinqiidha. Hojiilee kanneen oggaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa keessa hojjettan raawwattan jechuudhaa?
Abbiyyee Dinquu: Lakki, ergan soorama baheeyi. Oggaan waajjira barnootaa mootummaa keessa hojjetaa turetti Iluu Abbaa Booriifi Mattuutti qarshii walakkaa miliyoonaa kadhadhee ijoollee haadhaafi abbaa hinqabne 300f oolmaa daa’immanii ijaarsiseera. Jiraattonni Iluu Abbaa Booris qarshii tokkoofi saantima 95 ijaarsa oolmaa daa’immanii kanaaf buusaniiru.
Ennaan jijjiiramee Baale deemes haaluma walfakkaatuun ijoollee haadhaafi abbaa hinqabneef oolmaa daa’immanii guddicha kadhadhee ijaarsiseera.
Bariisaa: Oggaa damee barnootaarratti hojiilee barnootaa hanga kanaa hojjetan kan maqaa keessaniin moggaafame jiraa?
Abbiyyee Dinquu: Lakki, hinjiru.
Bariisaa: Maaliif, isinis hingaafannee? Yaadannoodhaaf ta’uu hinqabuuyyuu?
Abbiyyee Dinquu: Anis hingaafanne. Na hinbarbaachisne.
Bariisaa: Biiroo Barnootaa Oromiyaatti sadarkaa maaliirra turtan?
Abbiyyee Dinquu: Biirichatti gargaaraa bulchiinsaa ta’ee hojjedheera. Siyaasaan si hin amannu jedhanii, kanaanis maqaa takka si hubanna jedhuutiin sadarkaa koo gadi buusan. Ani siyaasa keessa hinseenne, miseensas hinturre. Erga sirna dinagdee walmakaa (‘mixed economy system’) ta’ee booda ji’a ji’aaf miseensa paartii Dargii na taasisan.
Achumaan ADWUIn dhufee, inni ammoo oggaa hunda hidhu na hinhiine. Ati hojii kee hojjetadhu, seenaa kee dhageenyeerra, ati waa keessa hingalle. Nu barsiisi, ijoollee keenyaafis iddoo bulmaataa kenni naan jedhan. Bilisummaanis na hojjechiisan. Booda gara barbaaddan deemuu dandeessu jedhanii nu gaggeessinaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa ijaarre.
Bakka bajata hinqabnetti akkan ramadamu taasifamees tureera. Booda namichi kun nu biraa deemnaan biiroo nutti cufuudha jedhanii jarri warra bulchiinsaa akkaan hafu na taasisan. Haala koo ilaalanii akkan hojii koo jalqabu ta’e. Ekispartii olaanaa ta’een hojii jalqabe. Sadarkuma kanaanin yeroon geenyaan soorama bahe.
Bariisaa: Sektara barnootaa keessa hojjechuu keessaniin namoota baay’eef ifa taataniirtu. Hojii tola ooltummaa akkanaa hojjechuu keessanitti maaltu isinitti dhaga’ama? Oolmaan akkanaa boqonnaa sammuu akkamii nama gonfachiisa?
Abbiyyee Dinquu: Gama tola ooltummaatiin kanin irranatti ibse malee ennaan Iluu Abbaa Boor jiru Daariyaanitti ijoolleen ni fuuna malee hinbarannu jedhanii galanii mana taa’aa turan. Sababiisaa gaafannaan hojii hinargannu hoo maaliif baranna jedhanii barnoota didaniiyyu. Kanaaf maal haa goonu jedhee daarektarri mana barnootichaa naan mari’atan. Achumaan warri kutaa 12ffaa fixanii ‘D’ tokkollee qabaatan Iluu Abbaa Booritti ergaa jedheen baay’inaan warra kutaa 12ffaa xumuranii taa’aa turan hunda fudhadhee, ‘TTI’ Jimmaatti ergee waggaa tokkoof akka leenji’an taasise.
Baales deemnaan haaluma kanaanin ittifufe. Iddoo hir’inni humna namaa jirutti ijoollee Cabootiif waadaa seenee akka ‘TTI’ galanii leenji’an gochaan ture. Kanaanis ofis fayyadanii biyyasaanii akka tajaajilan taasiseera. Hojii kanaaf Iluu Abbaa Booris ta’e Baale naa qarnate. Eddan gara Biiroo Barnootaa Oromiyaa dhufees ijoolleen Caboo baratanii hojii malee akka hinteenyeef waadaa galeen ture isa hamman danda’e raawwachiisaan ture.
Bariisaa: Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Daariyaanitti akka banamuuf tattaaffii cimaa taasistaniirtu. Mee waa’ee kanaa xiqqoo natti himaa?
Abbiyyee Dinquu: Akkana. Eeyyee achi keessattis gumaacheera. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa hiriyaa ilma koo, Yaa’iqoob tureeyyu. Akkan ani abbaa Yaa’iqoob ta’es ni beeka. Adeemsuma keessa Daariyaaniifi Gindo (Ammayya)tti dabalatee manneen barnootaa sadii eeyyamamee sadarkaa irraa hir’isanii tokko Buraayyuu geessanii achitti ijaaran.
Sanarra namoota Koloneel Taaddasaa Hundee, Dagguu Gulummaa akkasumas jaarsolii Caboo biroo dabalannee hogganicha bira seenne. Dhimma keenyas ittihimanne. Achumaanis carraan mana barnootaa Daariyaaniif kenname akkamitti gara biraatti akka naanneffame gaafanne? Innis siyaasuma yeroo sanaa sodaatee carraan kenname akka bakka biraatti naanna’u taasisuu nutti hime.
Keenya yoom nuu kennitaree jennee gaafannaan, inni bara dhufu nuun jedhe. Nutis, egaa aangoon si’anaa barcumarra nama hintursiisuu otoo eessayyuu hindeemiin ammuma Obbo Alamaayyoo Ijjiguutti (bulchaa godinaa yeroo sanaa) naa barreessin jedheen. Innis yeruma sana waraqaa barreessee Alamaayootti erge; karaa ilma koo waan oolmaa baay’ee walbiraa qabnuuf.
Xalayichis Obbo Alamaayyoo Ijjiguu bira qaqqabe. Innis abbaa oolmaa nuu ta’ee nuu eeyyame. Worlid Viizhiniinis ijaarsa mana barnootichaa akka nu gargaaraniif daran tattaafanne. Kana egaa waanti Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Daariyaaniin walqabatee hojjedhe.
Otoo yeroo sana haalan ibse kanaan hintattaafanne ta’ee ykn xalayicha hinbarreessisu ta’ee manni barnootichaa yoomumayyuu hineeyyamamuuyyu. Erguma eeyyamameeyyuu akka hafuuf qaamoleen gara garaa rakkoo guddaa uumaa turan. Ta’us Waaqni nu gargaaree; sochii ummannis harka walqabee taasiseen, Worlid Viizhiniinis gargaarsa kennu gara keenya taasisee Manni Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Daariyaan baname.
Manni barnootichaa bu’aa ba’ii danuu keessa darbee malee akka laayyootti kan baname miti.
Kan biraa haa hafuutii otoo namoonni Obbo Daandir Hayileefi Dagguu Iddoosaa jedhaman mana ofiitti galchuu baatanii mannumti barumsaa sadarkaa tokkoffaanuu hinbanamu ture. Ta’us nutis akka Daandir (daarektara duraanii mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Caboo Wancii) biyya jaalatuus baay’ee deeggarree, jajjabeessinee, anumtuu akka dhuunfaatti yaadaafi gorsaan daran gargaareera.
Egaa nuti, warri Caboo afran Mana Barnootaa Jarman keessa jiraannu halkan halkan taa’aa bullaayyu. (Isaanis Ita’aa Hundeessaafi Dhaabasaa Rafuufaa jedhamu). Jara kanneen wajjin hojjechaa turre. Isaan wajjin halkan halkan walittiqabamnee mana barnootichaatiif maallaqa buusaa turre. Kanaanis hamma namni barate barnootaaf yaaduu danda’u gama keenyaan yaalii taasisneerra.
Bariisaa: Yoom soorama baatanii?
Abbiyyee Dinquu: Bara 1989n soorama bahe. Sana booda Dhaabbata Mitmootummaa keessa hojjedheera. Ani ennaan hojiirra jiru Caboodhaaf ijoolleesaan hojii galche malee bu’aa guddaan ani buuse jedhee yaadu kanin ergan soorama bahee hojjedheedha. Sana booda kanin naannawa sanatti mana barnootaa ijaarsise.
Bariisaa: Oolmaa isin keessumaa Iluu Abbaa Booritti, Baaleefi Cabootti raawwattanirraa ka’uun maqaa masoo ykn addaa isinii hinbaasnee?
Abbiyyee Dinquu: Warra ani gargaare otoo hintaane warrumti biyya Baaleellee Abbiyyee Dinquu naan jedhuuyyu. Isaanis warra ijoolleensaanii rakkattee hojii dhabde mana mana keessa deemeen akka dorgoman gochaan ture. Baay’een gargaaraayyu. ‘NGO’n ijoolleen haadhaafi abbaa hinqabne ittibaratan ijaaraa waan turreef Abbaa Biyyaa, Abbaa Keenya jedhanii na waamaa turan. Maqaan koo waliigalaa garuu, Abbiyyee Dinquudha.
Bariisaa: Caaboo miilaan guyyaa lamaaf walakkaa imaltanii keessaa deebitanitti waggaa meeqa booda deebitan, haala kamiin?
Abbiyyee Dinquu: Dhufee asumattin hafe. Garuu ennaa miinjee ta’e ykn cidhi wayiifi dhimmoonni hawaasummaa biroon mudatan dhaqaan ture. Yeroon ofii kootii fuudhus dhaqeera. Kanaa achi asumattin hafe.
Bariisaa: Maatiin hoo, keessumaa abbaafi harmeen keessanoo achitti hafanii?
Abbiyyee Dinquu: Isaan dhufanii na gaafataa turan. Yeroo sana gatiin geejibaa Walisoo hanga Finfinneetti qarshii tokko ykn lama ture. Kanaaf abbaan koofi haati koo lafoo Waliso bu’anii achii geejibaan dabaree dhufanii na gaafataa turan.
Labsii wayiitiin addaan cite malee yeroo sana namoonni Caboo Finfinneetti deddeebi’anii hojjetaa turan. Nutis mana keenyatti saleenii hafnee namoota baay’inaan keessummeessaa turre. Namoota baay’eetu dhufee nu bira bula ture.
Bariisaa: Yeroo sana Finfinneetti waanti ittiin nama keessummeessan rakkisaa hinturree? Galii addaa kamiinis keessummeessaa turtan mee?
Abbiyyee Dinquu: Waanuma jiruun keessummeessina. Ennaan barnoota sadarkaa lammaffaa baradhu galgala galgala lotoriifi gaazexaas nan gurguraayyu. Garaan kee hinjibbiin malee ykn nama jaalannaan waan ittiin nama bulchitu hindhabdu. Bunas yoo qabaatte obaaftee bulchita. Yoo ta’uu baate waanuma ofii ittiin bultuun bulchitee galchita. Utuma warri guguddaan ykn baalabbaatonni jiranii namni mana koo dhufee hinkeessummoofne hinjiru.
Waanuma qabnurratti fuula ifaadhaan simannee keessummeessina. Isaanis gammachuudhaan taphataa bulanii deemu. Yeroos ittidabarfatu. Akka har’aa kana malaammaltummaan hinbaay’anne. Waanuma ofiitiin bulamaa ture. Hamma qabnutti homaa hinsiissannu.
Anuu eddan Yunivarsitii seenee sooressan ta’e. Partaayimii of bira dabarseen nama rakkateefuu galchaayyu. Mana Barnootaa Yaareed barsiisummaa hanga kutaa 12ffaas naa eeyyamamee ture. Gartokkee nama rakkatee kenneen isa hafe ofii fudhadhee hojjedhaayyu.
Barattoonni yoo partaayimii rakkatan garuma koo dhufaa turan. Namootaanis walbarree afaanuma gaarii walitti dubbanna. Yeroo gannaa tokko Ba’idamaariyaamitti hiriyaa koo tokko wajjin nuu eeyyamanii ijoollee barsiisaa turre. Dur mindaan yeroo bonaa kanfalamu tibba gannaa kanfalamaa hinturre. Isa yunivarsitiifi yeroo gannaa barsiisnuun ittiguuttachaa turre.
Yunivarsitiinis warra bultii qabuuf waa nuu kanfalaa ture. Egaa kun kun waan jiruuf mana keessatti waan beela hinqabneef namootas hanga humna keenyaa gargaaraa turre. Maallaqa guddaa dhabnus waan namaa laannu hindhabnuuyyu. Haati warraa koos waanuman ani hojjedhu hojjetaa turte.
Ijoolleen sanuma keessa ni dhalattii, ennaan barnoota yunivarsitii fixu ijoolleen torba dhalatte kaa. Barachaatuman ijoollee godhadhe jechuudha. Mucaa tokko qofatu Iluu Abbaa Booritti dhalate malee hundisaanii utuman yunivarsitiitti barachaa jiruu Finfinneetti dhalatan.
Warri guddisnes hojii qabatanii of danda’aniiru. Warruma guddinse keessaa kan numa bira teessee maastireetii barachaa jirtus jirti. Kan dhalles kan guddisnes ijuma tokkoon kunuunsinee sadarkaa kanaan geenye.
Bariisaa: Silas waanti durii har’a hinjiru. Garuu isin nama ofirra namaaf jiraataa as ga’eedha. Dhaloonni jalaa dufaa jiru maal isinirraa barata mee, maalis gorsitu?
Abbiyyee Dinquu: Yeroo ammaa waanti rakkina ta’ee mul’ate namni dhiifama walii gochuu diduudha. Anis akka namni dhiifama waliigodhun hawwa. Dhiifama waliigochuun Waaqarraa barachuu qabna. Waaqayyo dhiifama nuu gochuun cubbuufi salphina keessaa nu baase. Nutis akkasumas salphina keessaa walbaasuuf dhiifama waliigochuu, walii obsuu qabna. Tokkummaadhaan waliin jiraatees ciminaan akka hojjetun gorsa. Inni rakkina keessaa mataa baafate isa dadhabaa otoo hintuffatiin gargaaruu, tokko ta’uu barbaachisa. Mootummaanis cimatee akka biyya bulchuuf utubuu barbaachisa.
Bariisaa: Yeroowwan adda addaatti kitaabota maxxansiistaniirtuutii qabiyyeen kitaabota keessanii maalirratti xiyyeeffata?
Abbiyyee Dinquu: Hanga ammaatti kitaabota laman maxxansiisee ummata biraan gahe. Sadaffaa barreessee gara xumuraattin jira. Lamaan maxxanfaman keessaa tokko kanin hiikeedha. Matadureensaaniis Amaariffaan, “Yasawun Sigaa Silaballaawu Ya Igzi’aabiheer Qaal; akkasumas “Babeeta Kiristiyaan…” jedhamu. Keessumaa qabiyyeen isa lammaffaa dhuma yerootti gidiraa hunda obsanii gara gammachuutti ce’uun akka danda’amu ibsuurratti kan xiyyeeffateedha.
Bariisaa: Kitaabota kanneen gara Afaan Oromootti hiikuuf maaltu yaadame?
Abbiyyee Dinquu: Kitaabonni kunniin otoo gara Afaan Oromootti hiikamanii natti tola. Namoonnis na gaafataa jiru. Fedhiinsaas jira jechuudha. Anis otoo lubbuun jiruu kitaaboleen kunniin gara Afaan Oromootti hiikamanii dhaloota kana bira ga’anii nan gammada.
Bariisaa: Biyya keessaniif keessumaa naannawa ittidhalattaniif maal hawwitu mee? Waanti isin gaddisiisuufi isin gammachiisu hoo?
Abbiyyee Dinquu: Ani biyya alaas deemee, biyya keessas keessumaa Iluu Abbaa Booriifi Baale argeera namni keenya rakkina qaba. Wallaalummaan akka baduuf yeroo Dargii barumsi bu’uuraa kennamee ture. Garuu dhabiinsa yeroorraa kan ka’e barumsichi dadammaqina kenne malee hafuura namaa hinjijjiirre ykn sadarkaa (haala) jireenyaa keessa turanirraa gara ittaanutti hinceessisne. Namni keenya ammas rakkina keessa jiraachuun na gaddisiisa.
Waanti na gammachiisu ammoo isa hojii dhabee rakkataa ture hojii galchee, isa rakkate keessumaa ammoo daa’imman haadhaafi abbaa hinqabne hamma humna koo gargaaruun koo na gammachiisa. Daa’imman kunniin akka nyaatan, uffataniifi baratan gochuun koo hunda caalaa na gammachiisa. Kanin ofii kootii argadhurra isan namaa taasisutu na gammachiisa.
Ijoolleen koo biyya keessas ta’e ala jiran of danda’uunis na gammachiisa. Ammumayyuu otoo waan na harka dhufee namoota rakkatan gargaaruufin yaada. Wiirtuu namoonni harka qal’eeyyiifi daa’imman haadhaafi abbaa hinqabne itti gargaaraman tokko maqaa haadha warraa koo Aadde Adaanach Magarsaafi Ilma koo Yishaaqiin (lamaanuu lubbuudhaan hinjiran) Cabootti ijaarsisee xumureera.
Bariisaa: Yaadaafi kaka’umsa gaarii kanaaf qaamoleen mootummaa naannawichaa (godinaafi aanaa) deeggarsa akkamii taasisaa jiru?
Abbiyyee Dinquu: Kun hojii afuuraa waan ta’eef kak’umsuma mataa kootiin kanin hojjedhuudha. Kanaaf isaan hirmaachisuun na hinbarbaachisne.
Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan?
Abbiyyee Dinquu: Dhimmi nageenya biyyaa waa hunda dursuu qaba. Nageenyi qabeenya kamuu ol waan ta’eef isaaf dursa kennanii hojjechuu barbaachisa. Nagaan barbaadamu akka bu’uuf warri mufii qaban hundi walitti dhufanii mari’achuu qabu. Ummanni, mootummaas ta’e qaamni kamuu gara nagaatti dhufanii waan nagaa yaaduu qabu. Biyya nageenyi hinjirre guddinnis ta’e homtuu hinjiru. Hawwiin koos akka biyyi nageenya guutuu argattuudha. Kanaafis ani Waaqayyo nan kadhadha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014