“Injifannoon atileetota keenyaa meedaaliyaadhaa oli” – Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee: Olompikiitti aannee ummata addunyaa biratti hawii olaanaadhaan kan eegamuufi hordofamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa barana ALA Adoolessa 15-24 bara 2022tti yeroo 18ffaaf Ameerikaa, Magaalaa Oriiganitti adeemsifameera.

Shaampiyoonicharratti biyyoonni miseensoota Waldaa Atileetiksii Adduynaa 180 kan hirmaatan yoo ta’u, atileetoonni kuma tokkoofi 700 akkaakuuwwan ispoortii 50n hirmaataniiru. Biyyoota shaampiyoonicharratti hirmaatan keessaa 45 gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa gabate meedaaliyaa keessa kan galan ammoo torba qofa. Biyyoonni 45 gabatee medaaliyaa keessaa galan meedaaliyaawwan 147 kan argatan yoo ta’u, isaan keessaa warqiin 49, meetiin 49fi nahaasii 49 turan.

Qopheesituun shaampiyoonichaa Ameerikaan meedaaliyaawwan warqii 13,meetii 9fi nahaasii 11 dimshaashumatti meedaaliyaa 33 argachuun addunyaarraa tokkoffaa ta’uun xumurteetti. Itoophiyaan ammoo meedaaliyaa warqii afur, meetii afuriifi nahaasii lamaan walumaagalatti meedaaliyaa 10niin addunyaarraa lammaffaa, Afrikaarraa tokkoffaa ta’uun xumurteetti. Jamaayikaan ammoo warqii lama, meetii torbaafi nahaasii tokko waligalatti medaaliyaa 10 argachuudhaan shaampiyoonicha sadarkaa sadaffaan xumurteetti.

Jilli Atileetiksii Itoophiyaa Robbii darbe galgala wayita biyyatti deebi’u minsitiroonni, ittigaafatamtonni dhaabilee adda addaa, pirezidantonni waldaalee ispoortii, kilaboota atileetiksiifi maatiin isaanii Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Booleetti argamuudhaan simannaa taasisaniiruuf. Borumtaasaa ammoo bakka bulan Hoteela Iskaayi Laayitii kaasee addabaaba’ii Masqalaa, Araat kiiloo, Piyaasaafi Meeksikoorra nanaana’uudhaan jiraattota magaalaa Finfinneefi naannawaasheetiin simatamaniiru.

Jill kun dhumarratti gara Masaraa Mootummaatti imaluudhaan Pirezidaantii Saahilawarqi Zawudeefi ministirootaan simatamaniiru. Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu simannaa jilichaaf taasifame ilaalchisuun ummataafi keesummoota argamaniif galata dhiyeesaniiru.

Komaandar Daraartuun akka jedhanitti, “Dhaloonni har’a argaman kunneen firiiwwan gootota atileetota keenya duriiti. Seenaan injifannoo keenyaas dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe waan ta’eef gootota qabxii amma argame kana duba hiriiranii galata guddaan dhiyeessaaf” jechu. Atileetonni Itoophiyaa dorgommii shaapiyoonaa adda addaa gara fuladuraatti adeemsifamanirratti baayi’na meedaaliyaa kana caalaa akka argamsiisaniif jabaannee ni hojjenna jedhu.

Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee sagantaa simannaafi galateeffannaa atilileetotaa Masara Mootummaatti adeemsifamerratti badhaasa adda addaa kenaniiru. Haaluma kanaan Komaandar Daraartu Tulluf Warqii giraama 40, meedaaliyaa warqiifi meetii kan argamsiste Atileet Gudaaf Tsagaayeef qarshii miiliyoona lama, Latasanbat Gidayi, Taamiraat Tolaafi Goyitatom Gabrasillaaseef tokkoon tokkoon isaaniif qarshii milyoona 1.5 akkasumas atileetota meedaaliyaa meetiifi nahaasii argamsiisaniifi jila atileetotaaf qarshii kuma 700 hanga 50 badhaasaniiru.

Pirezdaanti Saahilawarqi ergaa dabarsaniin “Atileetonni keenya gannaafi haala qilleensa qorraa kanatti Itoophiyaati ifti guddaan akka ifu nuf godhaniiru. Maqaa biyya keenyaas haala gaariidhaan akka ka’u nuuf godhaniiru. Injifannoon kun meedaaliyaadhaan oli.” jedhu.

Addaan nubaasuf yaaliin godhamus, sadarkaa ummataatti rakkinni akka hinjirre atileetonni keenya mul’istaniiru kan jedhan Pirezidaantittiin, waliigaluu dhiisuu dandeenya, garu wal hinjibbinu. Injifanichi dukana keessa ifti akka jiru nutti mul’iseera jedhu.

“Komaandar Daraartuu Tuulluu, kaleessa dirreewwan Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti injifachuudhaan alaabaan Itoophiyaa olkaasteetti. Har’a ammoo Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa hogganuudhaan injifannoon atileetiksii galmaa’aa ture akka ittifufu taasisaa jirti. Kanaafuu Komaandar Daraartuu maqaa ummata Itoophiyaatiin nan galateffadha” jedhaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Atileeti Daraartuu Tulluuf badhaasa addaa yoo badhaasu, atileetota meedaaliyaa warqii argamsiisaniif tokkoon tokkoon isaaniif lafa kaaree meetira 500n, kanneen meetii argamsisaniif lafa kaare meetira 300, nahaasa kan argamsiisaniif ammoo laf kaare meetira 250, hirmaatotaaf ammoo akkuma sadarkaasaaniitti qarshii badhaaseera.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 19ffaan ALA Hagayyaa 18-27 bara 2023tti Magaalaa guddoo Hangaarii, Budaapeestitti kan adeemsifamu ta’uu Waldaan Atileetiksii Addunyaa beeksiseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014

Recommended For You