Lakkoofsi ummata addunyaa yeroo ammaa gara biliyoona torbaa ol yoo ta’u, achi keessaa kan Itoophiyaa miiliyoona dhibba tokkoofi 10 akka caalu himama.
Lakkoofsi namaa yeroo yeroon dabaluun walqabatee fedhiifi dhiheessiin walmadaaluu dhabuun gaga’amni dinagdee, hawaasummaafi kan biroo lammiilee qoraa jira. Gaaga’ama kanaaf saaxilamoo kanneen ta’an keessaa dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifaman isaan ijoodha.
Dhaabbilee barnoota olaanaa wajjiin walqabatee yeroo ammaa yunvarsiitiiwwan mootummaa qofti lakkoofsisaanii dabaluun 45 irra kan gahan yoo ta’u barataan waggaa waggaan ogumma gara garaan achi keessaa leenji’ee bahu hundinuu hojii uummachuu caalaa hojii barbaduu hojiisaa godhateera.
Kaan aadaa hojii biyya keenyaa komata, kaaanimmoo dinagdee biyyaa sababeessa; isa kanaaf iccitiin milkaa’inaa eessaafi akkamiin argama isa jedhuuf Gaazexaan Bariisaa keessummaa tokko qabattee dhiyaatteetti. Keessummaan keenya torbee kanaas ilma hawaasa horsiisee bulaa keessaa bahuun barsiisaa ‘TTI’irraa ka’anii ogummaa barnoota ammayyaanis of ijaaruun sadarkaa abbaa qabeenyaarra ga’an Obbo Isheetuu Siraawudha. Dubbisa gaarii!
Bariisaa: Obbo Isheetuun eenyu? Eessatti dhalatanii guddatan?
Obbo Isheetuu: Ani ilma horsiisee bulaati, jabbii re’eefi loowwan tikseen guddadhe. Bakki dhalootakoo godina Gujii Lixaa Bulee Horaadha. Akkuma umriinkoo barnootaaf gaheen maatii kiyya waliin gara Yaabal’ootti galuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa hanga lammaffaa achumattin xumure.
Bariisaa: Obbo Isheetuun barsiisaa ‘TTI’ turtan; kana malees ogeessa fayyaallee akka turtan himama ogummaa lamaan kanneen akkamiin horattan?
Obbo Isheetuu: Dhugaadha jalqaba barsiisaa ‘TTI’n ture. Kolleejjii barsiisotaa Roobeettin baradhe. Akkuman achii eebbifamee baheen namoota qubee Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf barsiisuu eegale keessa ani isa tokkodha. Waggoota muraasaaf aanaa Mi’oo, kan duratti Hiddii Lolaa jedehamu keessatti takkaan barsiisoota Amaariffa malee qubee hinbeekne takkanimmoo barattoota olguddatan qubee barsiisaan tureera.
Deemsa keessa garuu yeroo boqonnaakootti ogummaa fayyaa Narsii dippiloomaa baradheen barsiisummaarraa gara ogeessa fayyaattin jijjiirame.
Bariisaa: Ogummaa fayyaa kanahoo eessatti barattan?
Obbo Isheetuu: Maatrikii irra deebi’een fudheen qabxiikoo waanan fooyyeffadheef Wallagga Lixaa, Ayiraa Gullisoo galeen ogummaa fayyaan leenji’een ba’e. Sana booda Kolleejjii Saayinsii Nagellee Booranaatti ramadameen barsiisummaa ogeeyyota fayyaarrattin bobba’e.
Turtii waggaa lamaan booda carraa barnootaa naaf laatameen Yunivarsiitii Jimmaatti BSC Narsiin eebbifameera. Achiin boodas ogummaa fayyaa itti leenji’e sanaan barsiisaa dinagdeen of ijaaruu akkan qabu murteessee fala dhahuun jalqabe. Mul’annikoo kolleejjii fayyaa banuu ture; ifaajjee barbaachisu ergan taasisee booda Kolleejjii Fayyaa Kuukkuu Bulee Horaatti baneen barattoota hedduu leenjisee hojiitti bobbaaseera.
Bariisaa: Maqaa Kuukkuu jedhu kolleejjii keessaniif baastaniittu, maal jechuudha maqichi?
Obbo Isheetuu: Maqaa durii Bulee Horaan itti beekamtu ture yaadanoo sanafin maqicha fayyadame.
Bariisaa: Barsiisota isin waliin dur barsiisaa turanillee kolleejjii keessan keessatti qacartanii hojjisiisaa turtan jedhama dhugaadhaa?
Obbo Isheetuu: Dhugaadha. Barsiisota na waliin barsiisan miti na barsiisaa turanillee of jalatti qacaree hojjisiiseera. Kana gafan jedhu ciminakoo ibsuuf osoo hintaane miirri kutannoo ani jireenya injifadhee dinagdeen of humneessuuf qabu naaf milkaahuusaa ibsuufani.
Bariisaa: Naannawaan horsiisee bulaa carraa barnoota ammayyaa argachuurratti keessumattuu sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanaa galanii barachuurratti hanqinni jira. Isin hudhaa kana furuuf gama kanaan waan hojjettan qabduu laata?
Obbo Isheetuu: Kolleejjiin kiyya ijoollee Gujii, Burjii, Boorana, Yaabal’oo, Bulee Horaa hedduu fageenya deemanii barachuu hindandeenye carraa nannawaasaaniitti barachuu akka argatan taasiseera. Kanamalees carraa hojii naannawaasaaniitti banatanii hawaasa rakkatee isaan guddise tajaajiluu akka danda’an haala mijeesseefiira.
Kanamalees haala jiruuf jireenya naannawaa horsiisee bulaa kanan itti guddadhe waan ta’eef sirriittin beeka. Kanaaf barattoota humneessuuf warreen harka qalleeyyii ta’an hedduu tola ogummaa fayyaan leenjisuun har’a Hospitaala godinoota garagaraa keessa hojjechaa jiru. Hojii ani gama kanaan hojjedheen hawaasni hedduu fayyadamaa ta’eera.
Rakkinni maal akka ta’e gubadhee waanin argeef ilmaan horsiisee bulaas barnoota ammayyaan akka of ijaaran hanga humnikoo danda’e deggareera.
Bariisaa: Barataa harka qalleeyyii tola leenjisaa akkuma turtan warreen kaffaltii barnootaa dhabanillee duubee leenjisaa akka turtan odeeffanneerra; dhugaadhaa?
Obbo Isheetuu: Eeyyee dhugaadha barataan lafa abbaasaa gurguree barachuuf ture akka lafasaa hingurgurreef carraa duubee barachuu akka argatu taasiseera.
Barataan sun leenji’ee erga bahee hojii uummatee maallaqakoo naaf kenneera. Namni of jijjiruuf kutannoo qabu gaafa nama mudatu yoo deggaran hinbadu. Sababnisaas “halkan rimeessa waan dhalee bulu hinbeekan” akkuma jedhamu hiyyuumatti hinhafaniitii caalanii argamuunis inuma jira.
Abbaan barataa kanaas oolmaa ani oole sana amanamummaan naaf deebisanii hedduu na galateeffataniiru. Anis isa kanatti nan gammada hamma humni ofii dandahe jiraatti waliif yaaduun waldeeggaruun murteessaa ta’uu beeka.
Bariisaa: Waliigala barataan bilisaan kolleejjii keessanitti baratee eebbifamee hojiitti bobbahe hammami ? Akkamiin adda baastanii deggaraa turtan?
Obbo Isheetuu: Akka daataa of harkaa qabnuutti dhibbarraa dhibbantaan 10 bilisaan kan baratan yoo ta’u, barattoonni 80 ol kolleejjicharraa bilisaan baratanii hojiitti bobba’aniiru.
Barattoonni kunniin warreen haadhaafi abbaa akkasumas, gargaarsa hinqabne, warreen maatiinsaanii dhibee ‘HIV’ Eedsiin jalaa du’aniifi rakkoo addaa qaban yoo ta’an duubnisaanii qoratamee deeggarsa kana akka argatan taasifamaa turan.
Kun anaaf boqonnaafi gammachuu guddaa naaf kenneera sababnisaas nama rakkate gargaaranii hiyyummaa sammuu jalaa baasuu caalaa wanti nama gammachiisu hinjiru.
Bariisaa: Kolleejjiin Fayyaa Kuukkuu dhaloota hedduuf biddeena ta’uurra darbee ogummaa badhaase amma maalirra jira?
Obbo Isheetuu: Kolleejjichi kankoo duwwaa miti kan uummata Oromooti jechuun dandahama. Sababnisaas namoota hedduu qacaree hojii uumeefii kumaataammoo leenjisee ogummaa gara garaa badhaaseera. Warreen achii bahanii doktara ta’an jiru, kaanimmoo barsiisota ogeessa fayyaa ta’aniiru. Walii gala hamma hojiirra turetti bu’aa guddaa buuseera.
Deemsa keessa garuu sababa hinmalle natti barbaaduun sirni wayyaanee kolleejjiinkoo akka cufamu godheera. Yoo xiqqaate marsaa shaniif barattoota eebbisiiseera.
Bariisaa: Kolleejjin keessan erga cufamee maal malattan silaa jireenyi wal’aansoodha?
Obbo Isheetuu: Qabsoo jireenyaa waanin beekuuf muummee biizinasiin sadarkaa dippiloomaatiin leenjii kennuuttin jijjiire. Deemsa keessa kolleejjicha gara kolleejjii teknikaatti jijjiiruun yeroo ammaattis ogummaa konkolaachisummaatiin barattoota simatee leenjii kennaa jira. Kuni yoo cabe kanaan akkuma jedhamu jireenya mo’achuuf qofa osoo hintaane lammii nu booda jirutti abdii akkasumas ogummaa horuuf konkolaachisummaan leenjii kennaa jirra.
Bariisaa: Jireenya xiiqii qabdee akka injifattuuf bu’uura kan siif buuse eenyudha akka fakkeenyaatti maal kaastu?
Obbo Isheetuu: Harmeen kiyya naaf fakkeenya gaariidha, abbaa malee ijoollee shan guddistee nama nu gooteetti. Anis takkan oolmaashii deebisuuf lammessoommoo ofiis dinagdeen cimee argamuuf kutannaan na keessa jira. Santu na onnachiise akka fakkeenya gaariitti nagargaare.
Bariisaa: Harmeen keessan hojii akkamiirratti bobbahanii isin guddisan?
Obbo Isheetuu: Jalqaba akkuman siif kaase ani ilma maatii horsiisee bulaati. Maatiin kiyya horsiisee bultummaan cinatti daldala gara garaa hojjetu.
Abbaan keenya nurraa du’us haati keenya mana daadhii banattee daldalaa turte. Nutimmoo geeshoo tumnaafii, yeroo maamilli baay’atummoo daadhii buusna. Akkasuma osoo jennuu hadhaa’a jireenyaa dandamannee sadarkaa ofirra darbee nama biraaf wabii ta’uurra gahuu dandanyeera.
Bariisaa: Obbo Isheetuu yeroo boqonnaa keessanii akkamiin dabarsitu?
Obbo Isheetuu: Barsiisaa wayitan turetti yeroo boqonnaa hedduun qaba kanaaf yeroo boqonnaakootti daldala nan hojjedha. Meeshaalee elektirooniksiifaa gurguraan ture. Kanamalees, wayitan kolleejjii fayyaa barsiisaa turetti sa’aa boqannaakootti kilinika dhuunfaatti qacaramuun maallaqa walitti qabachaan ture.
Barsiisummaa cinaatti daldaluun, ogeessa fayyaa ta’anii hojjetaa yeroo boqonnaa kan dhuunfaa hojjechuun hojii dabalataa uummachuun dinagdee ofii cimsuudha. Kun yoo ta’een alatti jireenyi hininjifatamu kutannaa ani gama kanaan qabu dandiinkoo milkaa’inaan akka guutamu naaf taasiseera.
Bariisaa: Ogeessa fayyaafi barsiisota naannoo keenyaa itti fayyadama yeroorratti maal gorsitu?
Obbo Isheetuu: Barsiisaanis ta’e ogeessa fayyaa yeroo boqonnaa gahaa qabu, yeroosaanii kana mana karanbullaa ykn puuliitti qisaaseessuurra ogummaa dabalataa uummachuun daldala keessa galanii of jijjiiruu qabuun jedha.
Keessumattuu barsiisonni gama kanaan of jijjiiraa jiran hedduudha. Ta’us kan hanga ammaa dammaqee dinagdeesaa cimsuuf hojiitti hinseenne kumaatama waan ta’eef fooyya’uu mala.
Bariisaa: Eebbifamtoota hojii barbaadan caalaa hojjetaan hojiirra jiru hojii mootummaa gadhiisee hojii mataasaa uummachuuf sodaata kun maaliif isinitti fakkaata?
Obbo Isheetuu: Hojjetaan mootumma peerolii mallatteessee miindaa nyaachuu bare hojii mataakee uummadhu miliyeenara taata osoo jedhame hindhagahu. Sababnisaas rakkatee waan du’u isatti fakkaata.
Kun miira kutannoo dhabuudha malee hojii uummachuun kan nama boonsu ture. Kanamalees aadaan hojii mootummaa gadhiisanii kan mataa ofii uummachuu osoo babal’ate dhaloonni hojidhabdummaan rakkatullee hir’ata ture. Dhimmi kun dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha. Hawaasni keenya gama kanaan dammaquu qaba, kanamalees hirkattummaa mootummaa jalaa bahee of dandahuun dhaloota isa duuba jiraniif carraa hojii uumuu qaba.
Gabaabaatti ogummaa tokkoon of daangessanii du’aafi jireenya gidduu jiraachuun dhaloota kanarraa ka’uu qaba. Aadaan waliin nyaachuu qabnu waliin hojjechuurrattis osoo mul’ate gaariidha. Bariisaa: Aadaa waliin hojjechuu Oromoon qabu akkamiin ilaaltu? Keessumattuu dinagdeen walcimsuurratti maal taajjabdan?
Obbo Isheetuu: Nuyi Oromoonni waliin nyaachuu malee waliin hojjechuurratti hanqina qabna. Akka saboota kaanii waliin hojjetanii duroomuuf carraaquun hinjiru walsakaaluutu heddummaata. Kunimmoo Oromoon dinagdeen akka hinhumnoofne godheera. Kanaaf aadaa waliin nyaachuu qabnu waliin hojjechuurrattis agarsiisuu qabna.
Bariisaa: Aadaa hojii Oromoon qabu akkamiin ilaaltu?
Obbo Isheetuu: Aadaa bareedaa qabna aadaan hojii keenyaa garuu fooyya’uu kan maludha. Ilmi Oromoo haala mijataa dachee omishaaf tolu qilleensa naannawaa omishaaf gaarii ta’e osoo qabuu hinhojjetu. Hojii tuffachuufi hojii filachuun nama keenya dinagdee keessaa baaseera; hiyyummaa nyaachiseera. Kanarraa kan ka’e ormi dhufee qe’ee keenyarratti halkan muraasatti duroomaa jira.
Dargaggeessa Oromoo tokko kophee qulleessii maallaqa argadhu osoo jette tole hinjedhu. Inni kaan biyya ormaarraa dhufee kophee qulleessee, konkolaataa miiccee mana shayee banata; hoteela banatee keessatti waardiyyaa nu qacarata.
Nuti ilaalcha akkasii keessaa bahuu qabna. Qabeenya keenyatti haalaan fayyadamuu qabna. Yoosan dhaloota duubaafis waa ol keenyee darbuu dandeenya. Magaalaa Finfinnee keessatti waardiyyaan dhaabbilee gara garaarraa kaasee hanga dakaatti jiru ilma Oromooti. Kun maaf ta’e jennee yoo ilaalle hojii tuffachuun kan walqabatudha.
Dinagdeen of ijaaruuf hamma kaanetti hojii tuffachuun hojii filachuun hafuu qaba. Yoo kun hintaane ormi qe’ee keenyatti dinagdeen nu caallaan waardiyyaa taanee hafuun inuma jira. Kanaaf dammaqinaan hojii osoo hintuffatiin kutannoon yoo hojjenne karri milkaahinaa hundumaafuu banaadha.
Bariisaa: Iccitiin milkaa’ina qabatamaan itti amantani dhalootaafis gala ta’u maalidha?
Obbo Isheetuu: Fiigichi maraatooniis ta’e kamiyyuu tarkaanfii tokkoon jalqaba. Kun kan nu agarsiisu dhamaatee guddaa booda milkaa’inni akka jirudha. Innis dorgommii jireenya waliin nuyi taasisnuun kan dhugoomudha. Cimnee galma geenyaan badhaasa argachuun inuma beekama.
Bariisaa: Tattaaffii carraa hojii uummachuuf taasifamu keessatti namni keenya wal harkatti bisheessuun hinjiruu laata?
Obbo Isheetuu: Yeroo tokko Bulee Horaatti mana nyaataa xiqqoo tokko bane hojjechuu wayitan eegalu, “namni guddaa ogeessa yaalaa ta’e, barsiisaa Yunivarsiitii Bulee Horaa ta’e akkamiin nyaata daldala” jedhanii odeessaa turan. Ani akkaataa maallaqni itti argamu waanan bareef jechi namootaa homaa na hindinqine.
Kanarraa kan ka’e Bulee Horaa keessatti hoteela gamoo abbaa darbii lamaa nan qaba. Hoteelichi siree ciisichaa 30 caalu qaba. Achi keessattis dargaggoota 30 oliif carraa hojii banee miindaa gaariis kaffalaafiin jira. Kanneen kaleessa wayitan mana nyaataa xiqqoo banadhu na hamachaa turan amma na faarsuu eegalniiru. Kana yeroon jedhu of jajuuf osoo hintaane namni keenya hojiirratti aadaa walcimsuu horachuu akka qabaatuuf yaadeenii.
Bariisaa: Obbo Isheetuun yeroo ammaatti maalirra jiru, maddi galiisaanii guddaa maalidha?
Obbo Isheetuu: Bulee Horaatti Hoteela Iswiit jedhamu banee tajaajila mana nyaataafi ciisichaa kennaan jira. Achirraa galii guddaan argadha. Isa cinattimmoo Saaytii Bunaa ijaarrachaan jira. Saayitiin bunaa kun Ganda Maaxeleemaa keessatti yoo ta’u ijaarsisaa hektaara shan irratti gaggeeffamaa jira. Ijaarsi saayitii bunaa kun yoo xumurame maashinii buna miiccu dhaabuuf hojjetaan jira. Yoo Rabbi jedhe yeroo gabaabaa keessatti xumuramee dargaggoota 500-1000 ta’aniif carraa hojii yeroo bana jedheen abdadha.
Bariisaa: Ijaarsi warshaa buna miiccu kanaa baasii hangam fixa jedhamee yaadama?
Obbo Isheetuu: Maashinii galchuu dabalatee ijaarsi mankuusaa bakka bunni afamuufi wantoota barbaachisoo gara garaa dabalatee miliyoona 40 gaafachuu danda’a tilmaama jedhuun qaba.
Bariisaa: Misoomni isin qabattanii kaatan kun achuma Bulee Horaatti daanga’ee hafamoo babal’atee hawasa fayyadamaa taasisa laata?
Obbo Isheetuu: Mul’ata dheeraafi fagoo qabaachuun barbaachisaadha. Anis ilaalchakoo bal’isee yaadaa waanin tureef yeroo ammaatti hoteela dabalataa abba darbii afur naannawaa Bishan Gurrachaatti ijarsisaan jira. Ijaarsi Hoteela kanaa hanga xumuraatti qarshii miliyoona 30 fixuu danda’a. Ijaarsisaas saffisaa kan jiru yoo ta’u, darbii 1ffaan xumurameera; yeroof isuma keessatti hojii jalqabuuf sochiitti jirra. Hoteelichi hojiitti yoo gale namoota 40 oliif carraa hojii uumuu danda’a.
Bariisaa: Dhaloonni ammaa kun rakkoo gahumsa barnootaamoo kan ogummaa horachuu dhabe jettu?
Obbo Isheetuu: Dhaloonni ammaa irri jireessi barnoota ammayyaan kan of guutedha. Ta’us qacaramee yoo hojjeteen alatti mul’ata hojii uummachuu of keessaa hinqabu. Kanarraa kan ka’e barnoota isaan baratan digriis haa ta’u mastarsii tiworiidha malee hojiitti hiikameera jechuun hindanda’amu. Eebbifamanii lafa taa’uun tiwooriidha hojiitti hiikuunimmoo namummaa jireenya keenya ittiin jijjiirrudha.
Dirqama isa baranne sanaan waajjira keessa qacaramnee hojjechuu qabna jedhanii yaaduu mataansaa fafummaadha. Hojii dhuunfaa banatanii hojjechuun isa reefu eebbifamu dhiisiitii kan hojiirra jiruufuu bu’aansaa hingalle .
Bariisaa: Hojii dhuunfaa ofii hojjechuun murteessaadha, isin itti milkooftaniittu. Hiriyoonni keessanis fayyadaamaa akka ta’aniif hojii hojjettan qabduu laata?
Obbo Isheetuu: Dhugaa dubbachuuf barsiisotaa na waliin Yunivarsiitii Bulee Horaa barsiisan gorsaan ture. Yoo qofaa hojii uummachuu dadhabdan walitti gurmaa’aa mana barumsaa dhuunfaa banaatii dinagdee keessan fooyyeffadhaa jechaan ture.
Akkuman dura siif kaase namni keenya waliin nyaachuu malee waliin hojjetee dinagdeesaa fooyyessuurratti hanqina guddaa qaba. Ilaalchi akkasii kun yoo cabeen alatti dinagdeen of jijjiruun waan dandahamu miti.
Dargaggoonni keenya hedduu eebbifamanii mana taa’aa jiru. Waan hunda mootummarraa eegu, kun fagoo nama hindeemsisu. Hojiin mootummaa dhaba hinwayyuudha malee osoo cimanii hojjetaniitii hojii dhuunfaarraa bu’aan argamu nama dhuunfaa mitiitii biyya kan jijjiirudha.
Bariisaa: Lakkoofdi eebbifamtootaa waggaa waggaan dachaadhaan dabalaa waan jiruuf, barataa yunivarsiitiirraa eebbifamee lafa taa’uuf maal gorsitu? Keessumaa mindeeffamuu qofa eeggachuurra, hojii akka uummataniif?
Obbo Isheetuu: Eebbifamtoota dabalatee warreen biroollee leenjii ogummaa gaggabaaboo addatti osoo fudhatan bareedaadhan jedha.
Kana mudannookoorraa siif kaasuun danda’a. Harmeen koo wayitii boqonnaakootti warra uffata hodhu bira taa’ee akkan ilaalu nataasisaa turan. Kana malees hojii daldala xixiqqaa kanneen akka elektirooniksii keessatti qooda akkan fudhu na onnachiisaa turan, achirraa muuxannoon horadhe qaba.
Ogummaa gara garaan leenji’anii muuxannoo horachuun haala yeroo kamiyyuu dandamatanii keessa darbuu kan nama dandeessisuufi dinagdee ofiis dachaan cimsachuu keessatti kan nama gargaaru waan ta’eef leenjii gaggabaaboo fudhachuun barbaachisaadha. Miirri kutannoo jiraannaan dinagdeen guddachuun ofirra darbanii nama biraaf abdii ta’uun danda’ama.
Bariisaa: Hudhaan dargaggoota hojii barbaadanis ta’e hojjettoonni mootummaa hojii akka hinuummanne gadi’e maalidha laata?
Obbo Isheetuu: Hojjetaa mootummaas ta’e kan hojii barbaadu kamuu jalqaba araadarraa bilisa ta’uu mala. Yoo bilisa ta’e yeroo argatu hundayyuu qisaasessuu hindanda’u. Waan hojjetu yoo dhabe garuu yeroo gubuuf jecha qama’uun, dhuguun, tamboo aarsuun mudachuu danda’a. Kunimmoo mul’ata keenya booddeetti harkisuu mala.
Kanaaf hojjetaan boqonnaasaa qisaaseessuurra hojii itti maallaqa argachuu dandahu kalaquu qaba. Inni hojii barbaadus karaa itti maallaqa argachuu dandahurratti carraaquu mala. Yoo kun hintaane araadni hammaacha dhufuun jireenya keessaa nama baasuu dandaha.
Bariisaa: Ogeessota barnootaa, fayyaa hojjettoota mootummaa hojiirra jiraniif dinagdeen akka of ijaaran maal gorsitu?
Obbo Isheetuu: Namni kamuu ogummaa gara garaan kan of ijaaredha. Ogummaasaa kanatti fayyadamuu kan dandahu walitti dhufee kaampaanii tokko banachuu danda’a. Fakkeenyaaf barsiisaan walitti dhufee mana barumsaa banachuu danda’a, ogeessi yaalaa mana yaalaa banachuu danda’a. Kanaaf ogummaa hiranne tiworii (yaaaddidama) qofa goonee yoo ilaalle miidhamaa waan taanuuf peerolii mallatteessinee nyaachuurra hojii uummannee dinagdee keenya fooyyessuun faladha.
Bariisaa: Mul’anni keessan egeree maalidha?
Obbo Isheetuu: Mul’anni kiyya hojjedhee dinagdeekoo ol guddisee kan lammiikoos guddatee biyya badhaateefi hiyyummaa seenaa goote arguudha. Isa kanaafimmoo akkuma waliin nyaachuuf wal waamnu waliin hojjennee dinagdee ofis ta’e kan biyya keenya ijaaruuf hirkattummaa peerolii mallatteessanii nyaachuu jalaa baanee jirra jechuu qabna.
Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif maqaa Gaazexaa Bariisaan galatoomaa isiniin jenna.
Obbo Isheetuu: Isinilleen galatoomaa horaa bulaa!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014