Yaa’aa Arbooraa: Jila Waaqa ittiin kadhatan

Sirni Gadaa Oromoo mataa olqabatee har’a biyyarra darbee beekamtii addunyaa akka argatuuf baay’een wareegama qaalii itti kanfalaniiru. Yeroo sirna qofa mitii Oromoollee balleessuuf shirri xaxamaa turetti keessumaa Booranniifi Gujiin sirnichi akka hinbadneef bara dheeraa aarsaa kanfalaniiru; haala mijataa hintaane keessattillee akka adda hincinne ifaajjaniiru.

Wayita ammaammoo utuu (Originality)saa hingadhiisin dhaloota dhufutti dabarsuuf waanti hojjetamu dinqisiisaadha. Tibba kanas Godina Booranaa, Aanaa Areeroo, Araddaa Badhaasaatti jilli Abbaa Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsootiin gaggeeffamu adeemsifameera.

Nutis kana ilaalchisuun Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Booranaa Aadde Xunnaalee Godaanaa dubbisneerra. Isaaniis ibsa Gaaxezaa Bariisaaf kennaniin, jilli akka godinasaanitti gaggeeffamuutti jiru, jila ja’aan Booranatti jilataman keessaa tokko yoo ta’u, jila isa guddicha Argooraafi Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsootiin gaggeeffamu ta’uu himu.

“Jilti kun waggaa saddeettan Gadoomasaa keessatti waggaa afur fixee gara waggaa shanii keessatti kan raawwatamuudha. Kanaanis jalqabarra galma dhaabani. Galma bakka sadii dhaaba. Galmi inni dhaabu kuni Galma Gadoomaa jedhama. Turtii waggaa sadeetii keessatti dhufee dhufee baalliisaa kennuuf yeroo garri waggaa lamaa hafu Galmi Gadoomaa kun dhaabata. Sababni guddaan galmichi dhaabamuufis kadhannaa Waaqayyoo gaggeessuudha. Kanas caasaa isaa dabalatee waan gadoomasaa keessatti isa mudateef ummataaf illee Waaqa kadhata” jedhu.

Akkasaan nuuf ibsanitti, yommuu kadhatanis “Waaq nuu roobi, Booran Booranitti dabarsi. Ummata teenya, lafti teenya nagaa tolchii” jechuun Waaqa kadhatu. Kadhannaan yommuu gaggeeffamus, barraaqa ganama sa’aatii 12:00tti dhibaayyuu alaa jedhanii, utuu waa tokko hin nyaatiniifi hindhugin loon keessa ba’anii, ulaa manasaaniirraa gara kiloomeetira shanii fagaatanii baasasaanii waliin taa’anii Waaqa kadhatu.

Yommuu bakka kadhannaa deeman agabuu kan deeman yoo ta’u, kopheetiin illee hinseenan. Kophee alatti baafatanii seenu. Bakka kadhannaa sanas seenuu kan danda’u warra caasaa Abbaa Gadaa ta’e malee namni biraa seenuu hindanda’u. Haala kanaan kan ganama barraaqaa sa’aatii 12:00tti eegalan galgalas hanga sa’aatii 12:00tti osoo waa tokko hin nyaatiiniifi hindhugin turu. Bakka isaan jiran kanas namni biraa hindhufu; dubartiinis bira hindeemtu; qofaatti ba’anii Waaqayyoon kadhataa oolu.

Naannawaa sa’aatii 10:00tti aannan okoleen fidaniif. Aannan kunis aannan Kalbaawu (itittuu) yoo ta’u, kanas kan fiduuf ijoolleedha. Caasaa bakka sana jiru hundaafiyyuu ijoolleesaaniitu fidee dhufaaf malee, namni biraan deemuu hindanda’u. Aannan kanas ni unatu malee hindhugan. Isa isaan irraa hafes ijoollee xixiqqoo aannanicha fidantu dhuga.

Galgala sa’aatii 12:00tti utuu loon hingalin dafanii dacha’u; warri loonii arguu hinqaban. Dafanii gara manaa yookiin dhiibuu warraa seenan jechuudha. Warrillee arguufi beekuu hinqaban. Yommuu gara manaa deemanis nama hindubbisan, waan dansa malee hamtuullee hindubbatan. Akkasumas, hintaphatan; hinkolfanis. Kana malees gar dhibii (bakka biraa) eessayyuu hindhaqan. Ardaa jilaatii baanaan garuma manaa deeman.

Dhibaayyuu alaa sadiif walitti aansuun taasifatanii, erga isa fixanii booda horii qalanii eebbifatu. Haala kanaan Galma Gadoomaa ijaaraafi dhibaayyuu alaa taasifachaa torban tokkoof erga turanii booda gara dhibaayyuu manaatti deebi’u.

Gadaa Booranaa keessaa gadaan kun Gadaa Fiixeedha. Fiixee keessammoo Gadaa Awwaxuufi Konnituutu jira. Gadaan Abbaa Gadaa Kuraa jaarsoo Fiixee keessaa kan Arbooti. Gadaan Awaxxuu jila adeemsifatee kan xumure yoo ta’u, Konnitu adeemsifataa jira. Hala kanaan gadoonni sadeen walqooduun, gadooma keessaa ba’uuf waan Waaqayyoo kadhachaa, ummataaf kadhachaa, bifa warri amantii kiristaanaa ‘somaafi sagada’ jedhanii kadhataa jiru.

Yaa’i Arbooraa kun erga eegalee Roobii darbe torban kan ga’e yoo ta’u, gaafa sanas dhibaayyuu manaa taasifataniiru. Dhibaayyuun manaa kunis guyyoota lama erga adeemsifameen booda dheengadda xumurameera. Erga dhibaayyuu manaa xumuraniin booda galma gadoomaa ijaaramuu qaban sadii keessaa tokko ijaaranii lama waan isaan hafeef isas ilaalaniifi ayyaana edatanii kan ijaaran ta’a.

Yaa’a kanaaf dhangaan addatti qophaa’u horii qalu. Horiin kunis guyyaa jalqabaa ta’uu mala. Gaafa dhibaayyuu alaafi manaa xumuranis horiin dabalataa qalamee nyaatama.

Akka waliigalaatti, “aadaan tunin aadaa jabduudha. Booranni yeroo lafti bona ta’ee, yeroo gannaa hinjedhu. Rakkoo bonaa keessatti aadaa kana kabajachaa jira. Aadaan kun ammoo gubbaarratti hinbeekamu. Kanaaf mootummaan akka malee xiyyeeffannaa kennuufii qaba. Ummanni kun beela’ee dheeboteet aadaa kana tolfata. Aadaa sana waan beela’eef ykn waan dheeboteef hintolfadhu hinjedhu; horii hinqabu hintolfadhus hinjedhu. Horiin Booranaa gumaan tokkollee yoo hafe sanumaan aadaasaa tolfata. Aadaafi nama walbira hinqabatu.

Yaa’aa kanarratti amma Abbaan Gadaa wayyaa illee hinuffatan, baddoo uffatanii, kophee baafatanii deemanii, qoraattii keessa deemanii adeemsifatu. Kun Booranni hagam aadaasaa akka kabaju mul’isa. Mootummaanis kana hubachuun aadaan naannawaa sanaa hawwata turizimii akka ta’uuf hojjetuu qaba. Boorana keessa sagantaan addaddaa yeroo yerootti adeemsifama waan ta’eef utuu itti hojjetamee gaarii ta’uu kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You