“Xiyyeeffannoon Baale yeroo ammaa argachaa jirtu Oromiyaarra dabartee kan itti biyya soortuudha” – Obbo Abdulhaakim Aliyyii

Argama gaaddisa tumaa seenaa Odaa Roobaa, iddoo madda Oromoo isa jalqabaa, haadha duudhaafi seenaa gabbataa, biyya qabsoo sirna jal’ataa, argama gootota ummataa, biyya waan hunda ummanni irraa ilaale, Baale.

Dacheen madda hayyootaafi goototaa, omisha qonnaatiin Oromiyaarra darbitee biyya soortu, iddoowwan aadaafi seenaa hedduu qabduufi kanaanis turistoota hedduu jaalalan ofitti waamtu Baale, waggoottan hedduuf xiyyeffannoo mootummaa dhabdee qabeenya uumamaa qabdu ofiifis, ormaafis fayyaduu dadhabdee turuushee Bulchaan Godina Baalee ragaa bahu.

Waggoottan muraasa jijjiiramaan as jiran keesatti garuu xiyyeeffannoo olaanaa kan argatte Baale, jijjiiramaan booda xiyyeeffannoo jiruufi keesattuu rakkoolee misooma bu’uraa godinichaatiif furmaanni akkamii akka dhufaa jirurratti Bulchaa Godinichaa Obbo Abdulhaakiim Aliyyii Keessummaa Bariisaa Torban kanaa ta’aniiru. Gaaffiifi deebii isaan waliin taasifnes akka armaan gadiitti dhihaateera.

Bariisaa: Mee sochii misooma Qonnaa Godinichaa irraa eegalluu?

Obbo Abdulhaakiim: Bareedaadha. Garuu duraan dursee Gaaazexaan keessan sochii misooma qonnaafi hawaas dinagdee godina keenyaa yeroo hunda hordofee gurra ummataatiin gahaa waan jiruuf dursinee isin galateeffachuu barbaanna.

Gara gaaffii keetiitti yemmuu siif deebi’u immoo, waa’ee dinagdee yemmuu haasoofnu irra jireessaan waa’ee qonnaati kan haasoofnu. Qonna keessatti immoo akkuma beekamu horsiisa beeyladaafi lafa qotanii jiraachutu hammatama.

Kana keessaayis akka godina keenyaatti kan beekamuufi hawaasni godinichaa baay’inaan irratti bobba’ee jiraatu lafa qotanii sanyii garaa garaa omishuudha. Akka godina Baaleetti qonni qotamu roobaan waggaatti yeroo lama omishuuf kan nama dandeessisu yemmuu ta’u, isaanis qonna gannaafi arfaasaati.

Kun akkuma jirutti ta’ee immoo haaluma tarsiimoo mootummaan damee qonnaa irratti qabateen jallisiitti fayyadamnee bona qamadii omishuu eegallee jirra. Kanaaf haala walii galaatiin yemmuu ilaallamu sochiin qonnaa godinichaa haala gaarii irra jira jechuun kan nama dandeessisuudha. Hanqinni roobaa aanota gammoojjii godinichaa keessatti mul’atu akkuma jirutti ta’ee jechuudha.

Godinni Baalee haala qilleensaa garaa garaa kan qabu yemmuu ta’u, isaanis baddaa, badda dareefi gammoojjiidha. Kanaaf ganna bara darbee irraa kaasee aanaalee jaha kanneen isaan haala qilleensaa gammoojjii qabaniifi aanaalee muraasa badda daree keessatti argaman dabalatee hanqinni roobaa mul’ataa jira.

Kanarraa kan hafe aanaaleen baddaa keessatti argaman garuu bara darbes omisha gaarii kan kennan yemmuu ta’u, baranas callaa gaarii ta’etu irraa argama jedhameet eeggamaa jira.

Bariisaa: Mee keessattuu Baale qamadiin beekamti waan ta’eef asirratti hoo maal fakkaattu?

Obbo Abdulhaakiim: Sirriidha. Omishni qamadii Baale keessatti omishamu akka Oromiyaa qofatti osoo hintaane, akkuma biyyaattuu iddoon olaanaan kan kennamuufiidha. Gama kanaan immoo aanaalee godinichaa keessaa aanaaleen akka Agaarfaa, Sinaanaa, Diinshoo, Goobbaafi Gooroo aanaalee pooteenshaala yookiin humna omisha qamadii olaanaa ta’e qabaniidha. Aanaalee armaan olitti siif ibse kanneen qofatti barana tarsiimoo mootummaan qamadii alaa galu biyya keessatti omishuuf qabate giddu gala taasifachuun, qonni gara kilaastaraatti akka dhufuufi makaanaayizeeshiiniitti akka galamuuf hojii bal’aatu hojjatame.

Gara makaanaayizeeshiiniitti galuuniifi kilaastaraan omishuun immoo eenyuunuu caalaa kan fayyadu qonnaan bulaa akka ta’es hubannoo bal’aa uumuudhaani gara hojiitti kan galame.

Haaluma kanaan barana lafa hektaara kuma 154 kilaastaraan gurmeessuudhaan qamadiin qofti akka facaafamu kan taasifame yemmuu ta’u, walii gala lafti akaakuuwwan sanyii garaa garaatiin barana akka godinichaatti uwwifame lafa hektaara kuma 225.

Kana keessaa immoo kan sanyii qamadiitiin uwwifame lafa hektaara kuma 154n alatti kan jiru hundisaa gosoota sanyii mi’eessituu garaa garaatiin kan uwwifameedha.

Bariisaa: Baaleetti mi’eessitoota akkamiittu omishama ?

Obbo Abdulahaakiim: Yeroo baay’ee namni Baaleen kan beeku omisha qamadiifi garbuutiin. Haa ta’uu malee godinichi omisha mi’eessitoota akaakuu adda addaatiinis beekamaadha. Kanneen keessaa immoo; Abasuudaa gurraacha, sunqoo dimbilaala, maashoo, saliixaafi kanneen biroo heddutu omishama.

Mi’eessitootni kunniin immoo lafa bal’aa ta’e irratti bal’inaan kan omishaman waan ta’aniifi gabaa alaatiif dhihaatanii sharafa alaa argamsiisuu keessattis shoora olaanaa ta’e kan taphataniidha. Keessattuu mi’eessitootni akka maashoo, abasuudaafi saliixni alatti ergamanii sharafa alaa argamsiisuu keessattis isaan ga’ee olaanaa qaban ta’uusaaniitiin lafa bal’aa ta’erratti bal’inaan akka omishaman taasifamaa jira.

Kanaaf Baaleetti qamadiifi garbuu qofaa osoo hintaane, sanyiiwwan mi’eessituufi dibata garaa garaas kan omishaman ta’uunsaa hubatamuu qaba. Kun akkuma jirutti ta’ee garuu, tarsiimoon yeroo ammaa mootummaan akka biyyaatti omisha qamadii dabaluudhaan isa alaa bitamu bakka buusuu waan ta’eef nutis humna akka godinichaatti qamadii omishuuf qabnu fayyadamnee kallattii sanaan omishuu eegallee jirra.

Hojiileen kallattiifi tarsiimoo mootummaan baase bu’uura godhachuun godinichatti raawwatamaa jiran immoo dhiheenyuma kana ministira muummee biyyattii dabalatee qaamota garaa garaatiin daawwatamee jira. daawwatamuu qofaas osoo hintaane, haalli hojichi ittiin adeemaa jiru gaarii ta’uusaatiin cimee akka itti fufuufis nu jajjabeessaa jiru.

Bariisaa: Xiyyeeffannoo hangasiitiin hojjachaa barana omisha hangam eegdu?

Obbo Abdulhaakiim: Omishaafi omishtummaa qamadiitiin walqabatee riikaardii akka biyyaatti jiru kan harkaa qabu godina keenya. Bara darbe omisha gannaatiin aanaa Agaarfaa ganda Alii baadiyyaa jedhamutti lafa hektaara tokkorraa omisha qamadii kuntaala 104 argameera. Kunis omishaafi omishtummaa hanga ammaa biyyattii keessa jiruun sadarkaa duraa irratti akka argamu kan isa taasisuudha. Kun immoo omisha guddaa akka ta’e namuufuu ifaadha.

Kana malees omishoota xixiqqoofi isaan kilaastaraan omishaman walitti dabaluudhaan avreejii isaa yemmuu ilaallu, omishni qamadii yeroo ammaa godinichatti hektaara tokkorraa argamaa jiru kuntaala 60fi 70 gidduu kan jiru ta’uu adda baafannee jirra. Kunis omishaafi omishtummaan akka godinichaatti jiru gaarii ta’uusaafi abdiis kan namatti horu ta’uusaatu irraa hubatama.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaa akka godinaatti dabalaa jiru kanaaf iccitiinsaa maali?

Obbo Abdulhaakiim: Daballii omishaafi omishtummaa kana keessatti qaamootni gahee qaban hedduu ta’anis Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa abbaa shoora hedduu akka ta’etti kan ilaalluudha. Kunis yeroo hedduu gosoota sanyii filatamoo haaraa qorannoodhaan bahan haadhoo qonnaan bulaa godinichaatiif raabsuudhaan, yoo sanyiin filatamaan haaraa bahe sun qonnaan bultoota hedduu bira gahuu dadhabe immoo haalli qonnaan bultootni carraa duraa argatan sun qonna ittaanurratti warra kaaniif dabarsan mijachuusaatiin giddu galichi omishaafi omishtummaa qonna godinichaa dabaluu keessatti shoora olaanaa bahachaa jira.

Inni biraa immoo hawaasni godina Baalee guddistuu callaa garaagaraa fayyadamuu irrattis hubannoo gaarii qonnaan bultoota godinoota biraatiif fakkeenya ta’uu danda’u qabaachuusaati. Bara darbe hanga tokko hanqinni sanyii filatamaafi xaa’oo nu mudatee kan ture ta’us, hubannoon qonnaan bultootni keenya xaa’oo fayyadamuu irratti qaban olaanaa waan ta’eef iddoo jiru irraa barbaadamee akka dhihaatu qaamota dhimmi ilaallatu dirqisiisuudhaan haalli isaaniif itti dhihaate ni jira.

Haalli qilleensaa iddoowwan omisha qamadiitiin beekaman keessatti argaman kunniinis omisha qamadiitiif mija’aa ta’uunsaaniifi biyyoon gabbataan jiraachuunsaas omishaafi omishtummaadhaan sadarkaa duraarratti argamuu godinichaatiif shoora guddaa kan qabuudha. Kanaaf haalootni kunniin omisha qamadiitiin godinichi sadarkaa duraarratti akka argamu taasisaniiru jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Aanaalee gammoojjii godinichaa keessatti hongee uumameen walqabatee dhiibbaan jiru maal fakkaata?

Obbo Abdulhaakiim: Aanaalee gammoojjiifi horsiisni loonii itti baay’atu keessatti rakkoo hanqina roobaatiin walqabateen dhiibbaan namaafi beeyladarratti qaqqabuunsaa waan hinoolleedha. Haa ta’u malee deeggarsa nyaata namaafi loonii qaamolee garaa garaatiin taasifamuun cinatti, horsiisee bultootni kunniin loon isaanii waliin akka aanota baddaa godinichaatti akka godaanan taasisuudhaan lubbuu namaafi beeylada hedduus baraaruun danda’amee jira.

Kunis ta’ee garuu hamma tokko iddoo hundatti bifa walfakkaatuun hatattamaan raawwatamuu dhabuusaatiin walqabatee aanota horsiisee bulaa kanneen keessatti miidhaan qaqqabuunsaa waan hinhaalamneedha.

Bara kana gaagura kanniisaa isa hammayyaa qofa kuma 21 qonnaan bulaa biraan ga’uudhaaf karoorfannee hojjachaa jirra. Kanaaf immoo muka ijaarsa gaaguraatiif oolu daandii dheeraa hanga Jimmaafi Iluu Abbaa Booraa irraa bitamee haalli itti dhihaataa jiru jira.

Aanaalee akka Dalloo Mannaa, Harannaa Bulluqiifi Barbaree keessatti immoo omishni bunaa bal’inaan waan jiruuf achirrattis xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjachaa jirra. Kana keessatti immoo bunni muknisaa moofa’e muramee sanyii haaraa omisha gaarii ta’e kennuun akka bakka buufamu, omishni kun immoo baay’ina qofaan osoo hintaane, sadarkaa qulqullinaa ala erguuf dandeessisuun akka omishamuuf hojii bal’aa ta’etu hojjatamaa jira.

Kun immoo galii qonnaan bulaa dabaluu bira darbee rakkoo sharafa alaa yeroo ammaa biyyattii mudachaa jiru furuu keessattis ga’ee olaanaa ta’e akka bahatu hubachuun barbaachisaa ta’a. Dabalataanis dinagdee biyyattii dhiibbaa garagaraa jala seenee jiru kana jajjabeessuufi qonnaan bulaa keenya gara invastaraatti ceesisuudhaaf warshaaleen buna gogaa gara gabaa Addunyaatti ergan aanaalee akka Dalloo Mannaafi Barbaree keessatti baay’inaan dhaabamaa jiru.

Bariisaa: Baale qabeenya turizimiitinis kan beekamtu taatus rakkoon bu’uraalee misoomaa danqaa guddaa akka ta’etu himama, rakkoo kanneen furuuf kallattiin jiru maal fakkaata?

Obbo Abdulhaakiim: Baale iddoowwan hawwata turizimii hedduu kan qabduufi turizimiin immoo madda galii guddaa akka ta’e beekamaadha. Seektaroota kallattii xiyyeeffannoo argatan kanneen akka qonnaa, albuudaafi dameewwan hafanii yeroo ammaa xiyyeeffannoo guddaafi kallattii mootummaa kan ta’e damee turiizimiiti.

Iddoowwan damee turiizimii jalatti hammatamuu danda’aniifi gama kanaanis galii olaanaa ta’e argamsiisuudhaaf humna olaanaa qaban keessaa Baale ishee tokko. Kana qofaas osoo hintaane, iddoowwan seena qabeeyyiifi hawwata turiizimii Oromiyaan qabdu keessaa irra caalaan Baaletti argamu yoo jenne arbeessuu hinta’u.

Paarkiin Gaarreen Baalee iddoowwan hawwata Turiizimii godinichaa keessaa isa tokko yemmuu ta’u, paarkichi “paarkii tokkicha addunyaa heddu” jedhamuun kan beekamuudha. Sababni maqaan akkasii kennameef immoo paarkii tokkicha kana keessatti gosootni bineensotaafi shimbirrootaa hedduu waan jiraniifi. Bineensotni baay’inaan jiraachuu qofaa osoo hintaane immoo, gosootni shimbirroofi bineensaa paarkicha qofaa keessatti argaman jiraachuusaaniitiin.

Qaamuma paarkii gaarreen Baalee kan ta’e immoo baddaan Saannatee Jeedala Diimtuu dabalatee bineensotni akka Tuqaa guddaa kan argaman achitti. Wanti si ajaa’ibu immoo Tuqaan guddaan kun nyaata Jeedala Diimtuu isa guddaa ta’ee kan tajaajiluudha. Kanaan alattis lafti olka’aan akka biyyaatti sadarkaa lammaffaa irratti argamu Tulluu Diimtuunis kan argamu achuma baddaa Saannatee sana keessatti.

Kanaaf iddoowwan amma siif kaase kunneeniifi isaan biroo hundi iddoowwan hawwata turiizimii yeroo hedduu turistootaan daawwatamaniidha. Bosonni Harannaas qaamuma Paarkii Gaarreen Baalee ta’ee kan argamu gara jala baddaa Saannatee kanatti.

Holqa Soof Umariifi Dirree Sheek Huseen dabalatee iddoowwan seena qabeeyyiin gammoojjii Baalee keessatti argamanis iddoowwan hawwata turiizimii guddaa ta’us, akkuma atuu gaaffii kee irratti kaafte rakkoo daandiifi bu’uraalee misoomaa birootiin bu’aa irraa eeggamu argamsiisuu hindandeenye.

Dirreen Sheek Huseeniifi Holqi Soof Umar akka bulchiinsaatti Baalee Bahaa jalatti kan bulaniidha. Godinni haaraa Baalee Bahaa immoo rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf malee Baaleen adda qooduufii miti. Namni yookiin turistiin Baaleen daawwachuuf dhufe tokko osoo Dirree Sheek Huseeniifi holqa Soof Umar hinga’iin hindeebi’u.

Holqa Soof Umar fudhannee yemmuu ilaalle akkuma yeroo darbe Ministirri Muummee Doktar Abiyyi gaafa daawwannaa sana jedhanitti akka Afrikaattuu kan isatti qixxaatu hinjiru. Dirree Sheek Huseenis yoo fudhanne akkasuma jechuudha. Dirreen Sheek Huseen seenaa waggaa kuma tokkoo olii kan qabuudha.

Iddoowwan seena qabeessaafi hawwata turizimii hanga ammaatti beekamaniifi daawwatamaa jiran qofaa osoo hintaane, iddoowwan seena qabeessa ta’aniifi yeroo dheeraadhaaf dagatamanii turan hedduus yeroo ammaa eeruu ummataatiin argamanii qoratamaa jiru.

Gara gaaffii keetiitti yemmuu deebi’u, iddoowwan hawwata turiizimii kanneen sirnaan misoomsanii faayidaa maluuf oolchuu irratti rakkoo guddaatu ture. Akkuma walii galaattuu jijjiirama kanaan dura Baale xiyyeeffannoo waan hinqabneef misooma argatte tokkos hinqabdu. Misooma keessaa immoo inni guddaaniifi murteessaan daandii gahaa qabaachuudha.

Iddoowwan hawwata turiizimii asii olitti siif kaase kunneen hundi turizimii hedduu hawwachuu kan danda’an yemmuu daandii gahaa qabaataniidha. Kanaaf gama kanaan rakkoon guddaan akka jiru namuufuu ifaadha.

Rakkoon daandii Baalee immoo kan gara iddoowwan seena qabeessaafi hawwata turiizimiitti geessu qofaa osoo hintaane, akkuma waliigalaattuu humna qonnaan misoomuu qabduun, beeyladaafi turizimiin misoomuu qabduun yemmuu madaalamu daandii hinqabdu jechuun ni danda’ama. Daandiin aspaaltii Baale qabdu isa Diinshoofi Goobba jidduu jiru qofaadha.

Haata’uu malee, jijjiiramaan asitti xiyyeeffannaan Baale argachaa jirtu kan abdii guddaa namatti horuudha. Daandiiwwan sarara hedduu argannee jirra kanneen keessaa; Goobbarraa hanga Dalloo Mannaafi achirraayyis hanga Nageellee Booranaatti fulla’u, hojjachuudhaaf ministirri muummeen qaamaan ilaalanii waadaa galanii jiru. Yeroo ammaa qorannoon ijaarsa daandii kanaa xumuramee caalbaasiin ba’uuf jedha.

Akkasumas, Roobee hanga Gooroo, achirraanis hanga iddoo seena qabeessa Soof Umar kan diriiru daandiin aspaaltiis hojjatamuudhaaf sadarkaa caalbaasii irra akka jiru Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii irraa hubanneerra. Dabalataanis daandiin tanaan dura calqabamee sababa kontiraaktaraa kanneen birootiin gufatee ture Roobee hanga Gaasaraa, achirraan immoo hanga Gindhiiriitti fulla’u ariitiin akka hojjatamuuf kontiraaktara dura lafarra harkisaa turerraa fuudhamee nama dafee hojjachuu danda’utti kennuudhaaf caalbaasiinsaa bahee jira.

Inni biraa immoo Alii irraa ka’uudhaan Agaarfaa qaxxaamuree godina Arsiitiin kan walitti baasu daandiin aspaaltii dursee eegalames yeroo ammaa sadarkaa gaarii irratti argama. Iddoon ati dura naaf kaafte Dirree Sheek Huseeniif immoo Abroo irraa daandii aspaaltii achitti geessu hojii keessa galee jira. Inni dirree Sheek Huseenitti geessu kun immoo akka carraa kontiraaktaroota warra Chaayinaa tokkotu fudhate waan ta’eef si’annaa gaarii ta’een hojjatamaa jira.

Kanaaf ijaarsi bu’uraalee misoomaa keessattuu daandiin walqabatee waggoota muraasaan asitti Baale keessatti eegalamaa jiran kunniin kan abdii namatti horaniidha jechuun ni danda’ama. Kun immoo ummata Baalee qofaaf osoo hintaane, hawaasa biyyattii daawwannaafis ta’ee sababa hojii biraatiin gara godinichaatti dhufuuf aara galfii guddaadha.

Omisha Baale ittiin beekamtu gara gabaa giddu galeessaatti yeroodhaan dhiheessuu keessattis xiyyeeffannoon yeroo ammaa ijaarsa daandiitiif kenname kun shoora olaanaa akka qabu waan wal nama gaafachiisuu miti.

Hojiiwwan kanneen hunda keessatti garuu xiyyeeffannoon Ministira Muummeefi Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Baaleef kennan akka salphatti kan ilaallamu waan hintaaneef galatatu isaaniif mala.

Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif galatoomaa!

Obbo Abdulhaakiim: Isinis yeroo hunda nu jala buutanii waan hojjannu ummataan gahaa jiraachuu keessaniif ulfaadhaa.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You