Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO)n barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa waldichaatti kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti barachaa turaniifi yunivarsiitota biyyattii adda addaarraa qabxii olaanaa galmeessisuun barana eebbifaman 11 Wiixata darbe mana barumsaa bultii addaa waldichaa damee Adaamaatti badhaaseera. Barataa mana barumsichaa kan tureefi dhiyeenya kana Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaarraa koorsiiwwan 60 fudhate hundatti ‘A+’ galmeessisuun kan eebbifame Raajii Ashannaafii saganticharratti badhaafamaa addaa ture.
Waldichi tokkoon tokkoon barattootaa qarshii kuma 20fi meedaaliyaa kan badhaase yoo ta’u, abbaan qabeenyaa Warshaa Qorqorroo Adaamaa tokkoon tokkoon barattootaa qarshii kuma 100 waliigalatti qarshii miliyoona 1.1 kan badhaasan yoo ta’u, abbaan Qabeenyaa Yunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa Raajii qarshii kuma 150 badhaasaniiru. Kana malees abbootiin qabeenyaa biroon barattoota kunneen badhaasaniiru. Raajiin addatti waancaas badhaafameera.
Raajii Ashannaafii akka jedhutti, qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, abbootii qabeenyaafi hayyoota gama hundaan mana barumsichaaf deeggarsa taasisaa turaniifi jiran galateeffateera. Manni barumsichaa barattoota qaqqaxalee hedduu horachuudhaan bu’aa deeggarsa isaanii ifatti agarsiisaa waan jiruuf deeggarsi gama hundaan mana barumsichaaf taasifamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu gaafateera. Barattoonnis carraa argame hundatti fayyadamuun milkaa’ina olaanaadhaaf hojjechuu akka qaban yaadachiiseera.
Barattuu Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) kan turteefi barana Yunivarsiitii Jimmaarraa qabxii olaanaa galmeessisuun kan eebbifamte Boontuu Habtaamuu akka jettutti, qonnaan bultoonni mana barumsaa bultii addaa WMOtiif xaafiifi sangaa kennuudhaan deeggaraa jiru. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaas mana barumsichaa qarshii kennuudhaan deeggaraa jiru. Manni barumsichaa kan hawaasaati, barattoonni mana barumsichaatti baratanii bahaniifi yunivarsiitiiwwan adda addaa irraa eebbifamanii bahanis hawaasa rakkatee isaan barsiise tajaajiluuf qophii ta’uu eerti.
Hundeessaafi Walittiqabaan Boordii waldichaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa saganticharratti akka jedhanitti, barattoonni kunneen kan badhaafaman har’a utuu hintaane guyyaa carraa mana barumsichaatti barachuu argataniidha. Manni barumsaa bultii addaa waldichaa bakka barattoonni ciccimoon itti barataniidha. Karaafi seenaa tureen addunyaa waliin dorgomuun hindanda’amu. Addunyaa waliin dorgomuuf guyyaa guyyaan dabalaa, guddachaafi jijjiiramaa deemuu qabna. Addunyaa waliin dorgomuu kan dandeenyu ammoo kaayyoofi galma keenya beeknee sirriitti yoo baranne qofaadha jedhu.
WMOn hojii barnootaatiin milkaa’eera. Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnoota naannichaa bu’aa manni barumsaa bultii addaa WMO galmeessisaa jirurraa ka’uun mana barumsaa bultii addaa torba ijaaraniiru. Yeroo ammaa Oromiyaa keessa manni barumsaa bultii addaa sagal banameera; kun waan guddaadha. Barattoonni badhaafamanis ta’e yeroo ammaa barumsarra jiran imala daandii dheeraa jalqaban milkeessuuf caalaatti of qopheessuu akka qaban gorsaniiru.
Daarektarri Olaanaa WMO Obbo Dajanee Itichaa akka jedhanitti, waldichi barattoota Oromiyaafi biyyattiirra darbanii sadarkaa addunyaatti dorgomoo ta’an horachuun daandii milkaa’ina dhalootaa ta’eera. Barattoonni mana barumsaa bultii addaa waldicharraa baratanii bahan yunivarsiitota biyya keessaattis ta’e biyyoota alaatti baratan qabxii olaanaa galmeessisaa jiru. Waldichi barattoota addunyaarratti dorgoman horachuun kaayyoosaa ganamaa qabatee ka’e milkeessaa jira.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Baay’isaa gamasaaniin akka jedhanitti, barnootni dhala guddisuu waan ta’eef hirmaannaa hawaasaafi qaamolee maraa gaafata. Egeree keenya milkeessuufi biyya keenya jijjiiruu kan danda’an dhaloota har’aa waan ta’aniif barattoota qaxalee akka Raajii, raajii hojjetanii Oromiyaas ta’e biyyattii boonsan baay’inaafi qulqullinaan horachuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Raajiin raajii hojjetee dhaloota ammaatiif fakkeenya gaarii (moodela) ta’eera. Barnootni dadhabbii guddaa keessa darbanii kaayyoo ofii galmaan ga’uu gaafata. Kaayyoo ofii galmaan ga’uun ammoo sammuufi qalbii guutuudhaan hojjechuu, yeroo ofiitti sirriitti fayyadamuun kutannoofi murannoo cimaan hojjechuu gaafata.
Raajiifi hiriyoonni isaa biroon dhama’anii hojjetanii injifannoo boonsaa galmeessisuun badhaafaman gara fuulduraattis cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, barattoonni isaan duuba jiran ammoo daandii Raajiinfaan saaqan hordofuun dhaloota isaan booda jiraniif fakkeenya gaarii akka ta’aniif gorsaniiru.
Barumsi guyyaa dhalatanirraa jalqaba waan ta’eef deeggarsi maatii (haadhaafi abbaa) olaanaadha. Haatiifi abbaan ijoolleen aadaa, duudhaafi safuu beekanii akka guddatan taasisuu, barsiisonni oolmaa daa’immanii irraa kaasanii hanga yunivarsiitiitti jiran ammoo sammuu barattootaa qaruu keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif dhaamaniiru.
WMOn dhaloota misoomsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuufi egeree biyyaa milkeessuuf manneen barnootaafi dhalootarratti hojjechuun dirqama ta’uu himanii, biyyi kun bor maal fakkaatti yoo jenne, waan har’a mana barumsaa keessatti ta’aa jiru, har’a maal fakkaatti yoo jenne ammoo waan kaleessa mana barumsaa keessatti ta’e fakkaatti. Biyya ijaaruufi egeree ofii milkeessuudhaaf dhaloota har’aa barsiisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. WMOn hojii misoomaa kamuu caalu sammuu dhalootaa qaruurratti xiyyeeffatee hojii hojjechaa jiruun bu’aa olaanaa galmeessisaa jiraachuu eeraniru.
Barattoonni barumsarra jiran qalbiisaanii sassabbatanii yeroosaaniitti sirnaan fayyadamuun kan hojjetan taanaan Oromiyaa keessaa barattoonni akka Raajii kumaatamaan kan argaman ta’uu himanii, seenaa dinagdeefi teknolojii biyyattii jijjiiruu kan danda’an barattoota ciccimoo akka Raajiiti. Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Ambaasaaddara Barnootaa kan ta’an Obbo Shimallis Abdiisaa dhiphina sagantaatiin sirna badhaasichaarratti argamuu baatanis Raajii Ashannaafii qaamaan dubbisuuf sagantaa kan qabatan ta’uu Obbo Girmaan himaniiru.
Hoggantoonniifi barattoonni waldichaa guyyuma sana mooraa Mana Barumsaa Bu’uura Boruu Gaara Nagawoo Magaalaa Adaamaatti argamu keessa biqiltuu dhaabaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014