Waancaa Addunyaa eenyufaatu fudhate?

Finfinnee: Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’dhaan kan qophaa’u Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa biyyoota miseensota waldichaa jiddutti waggaa afuritti al tokko akka adeemsifamu, biyyoota qopheessitootaafi mo’attoota walitti aansinee barreeffama Gaazeexaa Bariisaa torban sadan darbaniirratti dhiheessuun keenya ni yaadatama. Har’as itti fufuun kan torban arfaffaa akka kanaan gadiitti dhiheessinerra.

Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa saglaffaa ALA bara 1970 kan keessummeessite Meeksiikoo yoo taatu waancaa kana kan qopheessite yeroo lammaffaafi. Biyyoonni 16s ramaddii afuritti hiramuun irratti hirmaataniiru. Kanaanis Meeksiikoon waancicha ni hambifatti jedhamee eegamus sadarkaafuu darbu hindandeenye.

Walmorkii kanatti Biraazil Ingiliiziin 6-1n yoo mo’attu, Chikoozilaavaakiyaafi Peeruun haala walfakkaatuun 4-2n, Rumaaniyaa 3-2n, Uraaguwaay 3-1n mo’achuun Xaaliyaan wajjiin tapha waancaaf dhihaatte.

Dhumarrattis Biraaziil Xaaliyaanii 4-1n mo’achuun waancicha kan dhuunfaa godhachuu dandeesse. Seenaa walmorkii waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessattis biyya duraa ta’uudhaan galmee waldichaa keessatti galmaa’uu dandeesseetti.

Waancaa kanaaf walmorkiiwwan 32 adeemsifamaniiru. Walumaagalatti galchoonni 95 kiyyoodhaan yoo walargan isaan keessaa 19 kan galche garee Biraazil yoo ta’u, galchoota kanneenis Jarziinhon torba, Peeleen afur, Riivaliinon sadii, Tostaa’on lama, Kaarloos Albertoo, Kiloodoo Aldoonaafi Jarsiin takka takka galchaniiru.

Yeroo sana taphattoonni Jarsiinhoo, Jar, Roobeertoo, Peelee, Seesaar, Albeertoo, Biriitoo, Kiloodoo Aaldoo, Antooniyoo, Tostaa’ofi Fiiliksi dhaabbiidhaan Biraaziliif taphataa turan.

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa Meeksiikootti adeemsifame kanarratti taphattoota gareewwan 16 hirmaatan keessaa tilmaamni olaanaa kan kennameef sagal qofaafi. Isaan keessaa torba kanneen Awurooppaa yoo ta’an, lama ammoo kan Ameerikaa Kibbaa turan.

Taphatootta tilmaamni olaanaa kennameef keessaa Mootii Kubbaa Miilaa jedhamee kan moggaafame taphataan Biraaziil, Peeleen isa tokko.

Walmorkii kanarratti galchoota kudhan haala dinqisiisaan kan galche taphataan Jarman Gaardi Muulaar filatamuun taphataa beekamaa waldaa kubbaa miilaa addunyaa ‘FIFA’ ta’uun badhaasa addaa yoo badhaafamu, taphataa beekamaa dorgommichaa ta’uun ammoo Peeleen badhaafameera.

Peeleen walmorkii waancaa kubbaa miilaa addunyaa sadiirratti biyyasaaf hiriiree taphachuun moggaasa Mootii Kubbaa Miilaa Addunyaa argateera. Yeroos irraa kaasee tapha kubbaa miilaa dhaabuudhaan kabajaan kubbaa miilaatiin gargar baheera.

Itti fufa

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You