Oromiyaatti bunni biliyoona 1.4 ol dhaabame

Finfinnee: Oromiyaatti hanga Adoolessa 14 bara 2014tti biqiltuun bunaa biliyoona tokkoofi miliyoona 45 ol dhaabbamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise. Buna baay’inaafi qulqullinaan omishuun fayyadamummaa ummataa dabaluuf hojjetamaa jiras jedhame.

Bara kana hanga Adoolessa 14 bara 2014tti biqiltuun bunaa bililiyoonni tokkoo ol kan dhaabame yoo ta’u, dhaabbiin biqiltuu bunaa bara kanaa haala kanaan dura baratamee hinbeekneen lafa dhangaggummaa biyyeen miidhameefi omishaafi omishtummaan isaa xiqqaate akkasumas, buna dulloomeefi dhibee garagaraan miidhame buqqisuun sanyii buna filatamaa omishitummaan isaa gaarii kilaastaraan dhaabuun bakka buusuu giddu galeessa godhatee gaggeeffamaa jiraachuu Hogganaa Ittaanaafi Itti gaafatamaan Damee Misooma Bunaa, Muduraa, Shaayeefi Mi’eessituu Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahammmadsaanii Amiin himaniiru.

Oromiyaatti bara kana biqiltuu bunaa biliyoona tokkoofi miliyoona 189fi Kuma 58 fi 366 dhaabuuf karoorfamee, hanga Adoolessa14 bara 2014tti Biqiltuun Bunaa Biliyoona tokkoofi miliyoona 45fi kuma 634fi 73 (%88) Godinaalee 18, aanalee 145 keessatti dhaabameera jedhan.

Haaluma walfakkaatuun qophii biqiltuu bunaa bara 2015f sanyiin bunaa kiloogiraama kuma 536fi 276 facaasuuf karoorfame keessaa kuma 514fi 983 (%96) facaafamuu Obbo Mahammmadsaaniin ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You