Naannooleen Kibbaafi Hararii bajata bara 2015 mirkaneessan

Finfinnee: Manni Maree Naannoo Kibbaa Baajata bara 2015 dhiyaate qarshii biliyoona 46.3 ol raggaase. Manni Maree naannichaa yaa’iisaa idilee kaleessa taa’een, bajata bara 2015 dhiyaate qarshii biliyoona 46fi miiliyoona 316fi kuma 524 raggaaseera.

Manni marichaa yaa’iisa idilee 2ffaa, marsaa 6ffaa bara hojii 1ffaa geggeesseen wixinee bajataa dhihaateef qorachuun raggaasise. Bajanni ragga’e kunis naannichaatti hojiiwaan adda addaa bara 2015 keessa hojitamaniif kan ooludha jedhameera.

Bajata kana keessaa harki 18 gahee jiddugala naannichaaf kan qoodamu yoo ta’u, kan hafe immoo godinootaafi aanaalee addaa kan qoodamu ta’uu yaa’ii kanarratti eerameera.

Gama biraatiin, Kaabineen naannoo Hararii wixineen bajata bara 2015 qarshii biliyoona 3.4 akka ta’u murteesse.

Kaabineen naannichaa walga’ii Roobii darbe geggeesseen karoora bajata bara 2015 naannichaarratti mari’ateera. Kaabineen naannichaa bajata Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee naannichaan dhiyaate irratti mari’achuun akka ragga’uuf Mana Maree Naannichaaf qajeelcheera.

Bajanni kunis qarshiin biliyoona 1.3 ta’u galii naannichaarraa kan walitti qabamu yoo ta’u, kan hafe immoo mootummaa federaalaarra kan argamudha jedhameera.

Bajata karooraa kana keessatti qabame keessa harki guddaan hojii pirojeektoota ittiin raawwachuu, misooma waaraa itti fufnisaa qabu ittiin cimsuufi kanneen biroof akka oolu ibsameera.

Kana keessaas harki 51 bajata kaappitaalaa yoo ta’u, 49 immoo baasii idileef kan oolu ta’uu karoora bajataa kanarraatti eerameera. Bajanni naannichaaf bara kana ramadame kan bara darbeen yoo madalamu harka 14 caalmaa akka qabu eerameera.

Pirezdaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii akka dubbatanitti, bajatichi naannichaatti karoorawaan kaa’aman milkeessuuf qabeenyaa mootummaaf dursa kennuun kan hojjetudha jechuusaanii TOI irraa odeeffanne.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You