Keessummaan Gaazexaa Bariisaa torban kanaa Daarektara Olaanaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) Obba Dajanee Itichaati. Hojiilee gurguddoo waldichi hundeeffamasaarraa kaasee hanga ammaatti fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuuf raawwateefi bu’aalee galmaa’an irratti xiyyeeffachuun gaafdeebii Bariisaan isaan waliin taasise akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineerra.
Bariisaa: WMOn yoom hundeeffame? Kaayyoon hundeeffamasaas maal ture?
Obbo Dajanee: WMOn kufaatii sirna Dargii booda bara 1985hundaa’e. Yeroon yeroo itti hawaasni naannichaa rakkoolee bu’uuraalee misoomaaf daran saaxilame ture. Bu’uuraaleen misoomaa yeroo sana turan magaalota keessatti daanga’anii waan turaniif hawaasni baadiyyaa jiraatu rakkoolee gara garaatiif saaxilamaa ture. Sababa rakkoo daandii, buufata fayyaafi ambulaansiitiin dubartoonni ulfaafaa baay’inaan du’aa turaniiru. Daa’imman hedduunis dhukkubsatanii tajaajila wal’aansa fayyaa utuu hinargatiin du’aa turan.
Hawaasni keenya baadiyyaa jiraatu bishaan dhugaatii qulqulluu waan hinarganneef dhibeewwan daddarboo isaan walqabatee dhufaniin miidhamaaa ture. Yeroon sun yeroo mootummaa ce’umsaa waan tureef rakkoo bu’uuraalee misoomaa keessumaa baadiyyaatti babal’atee ture humna mootummaa qofaan furuun waan hindanda’amneef hirmaannaa hawaasaa bal’aa gaafata ture. WMOnis yeroo mootummaa ce’umsaa sana namoota muraasa dhalattoota naannichaa ta’aniin hundaa’ee hojii eegale.
Kaayyoon hundeeffama waldichaa inni guddaan rakkoo bu’uuraalee misoomaa keessumaa baadiyyaatti babal’atan furuudhaan fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuudha. Oromiyaa magariisa taate ijaaruun, ummata fayya buleessa ta’eefi beekumsa gonfate horachuun, du’a haadholiifi daa’immanii hir’isuun dhimmoota gurguddoo waldichi xiyyeeffannaan irratti hojjechaa tureedha. Warri yeroo sana waldicha hundeessan yaada malee qarshii waan of harkaa hinqabneef waldichi hojiilee hunda hawaasa hirmaachisuun hojjechaa ture. Qonnaan bulaan ijoolleesaa akka barsiifatu barsiisuun, du’a haadholiifi daa’immanii hir’isuun, wabii nyaataa mirkaneessuun, hojiin kunuunsa qabeenya uumamaafi eegumsa naannawaa dhimmoota ijoo waldichi xiyyeeffannoo olaanaan irratti hojjechaa tureedha.
WMOn humna misooma ta’ee rakkoolee mootummaan naannichaa bira gahee hinfurre hawaasa naannichaa hirmaachisuun akkasumas buusii miseensotarraa walitti qabuufi deggersa dhaabbileen arjoomtotaafi abbootiin qabeenyaa biyya alaa taasisaniin rakkoolee hawaasaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa ture. Waldichi madda galii mataasaa uummachuufi teelee toonii (Occasional Fund Raising) adda addaa qopheessuudhaan galii achirra argatuun hojiilee misoomaa fayyadamummaa hawaasa mirkaneessan hedduuraawwachaa ture.
Bariisaa: Hojiilee misoomaa waldichi erga hundaa’ee as raawwateen bu’aaleen galmaa’an akkamitti ibsamu?
Obbo Dajanee: Waldichi erga hundaa’ee waggoota 28 yoo ta’u, waggoota kana keessatti manneen barnootaa 894 ol haaraa ijaaruudhaan ijoolleen umuriinsaanii barumsaaf gahe carraa barumsaa akka argatan taasiseera. Manneen barnootaa kuma tokkoofi 800 ol keessatti dareewwan dabalataa ijaareera. Du’a haadholiifi daa’immanii hir’isuudhaaf buufataalee fayyaa 279 ijaaruudhaan meeshaalee wal’aansaa barbaachisaniin akka guutaman taasiseera. Paarkiiwwan 52 naannicha keessa jiran keessattis biqiltuuwwan gara garaa dhaabuudhaan hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti bal’inaan hirmaachaa tureera.
Waldichi hawaasni gammoojjii jiraatu sababa hongeetiin qe’eesaarraa akkahin buqqaaneef jallisiiwwan xixiqqaa misoomsuudhaan wabii nyaataasaa akka mirkaneeffatuufi kuduraafi fuduraa omishee galii mataasaa argatee rakkoo isa mudate akka dandammatuuf hojiilee gurguddoo raawwateera.Kanarraa ka’uun ummanni Harargee “WMOn lafee dugda kooti, agartuu ija kooti” jedha.
Waldichi erga hundaa’ee as rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu furuuf pirojektoota kuma tokkoofi 920 ol hojjechuudhaan hawaasi bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatu taasiseera. Pirojektoota giddugala dargaggootaas bakkeewwan gara garaattiijaaruudhaan meeshaalee barbaachisaniin guuteera. Walumaagalatti waldichi waggoota 28 darban keessatti pirojektoota kuma shaniifi 800 ol baasii qarshii biiliyoona 12.6 oliin hojjechuudhaan hawaasni naannicha miliyoona 26 ol ta’u kallattiin fayyadamoo taassiseera.Kanaafuu WMOn gaaddisa uummata Oromoofihumna misoomaa mootummaa naannichaati.
Waldichi rakkoolee hawaasaa mootummaan bira gahee hinfurre hiikuudhaan du’a haadholiifi daa’immanii hir’isuu, ijoolleen carraa barumsaa akka argatan taasisuu, hawaasi bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatu gochuun hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduu raawwateera.
Haala siyaasaa duraan turerraa ka’uun mootummaan waldicharraa shakkii guddaa waan qabuuf waldichi yeroo hundaa’e akka barbaadetti socho’ee hojjechaa hinturre.Rakkoon siyaasaa Oromoorra gahaa ture kallattiidhaanis ta’e alkallattiidhaan waldicharras gahaa tureera. Rakkoon siyaasaa kun waldichi ummatatti gadi bu’ee akka hinhojjenne taasisuun sochii waldichaa daangessaa ture. Bara 1989 hanga bara 2002tti waldichi baay’ee akka dadhabu taasifamaa tureera.
Waldichiifi manaajimantiin waldichaa bara 2003 irra deebi’amee sirriitti erga ijaaramee booda karoora gurguddaa karoorfachuun hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun waldichaan raawwatamaniiru. Bara 2003 dura miseensonni waldichaa miliyoona tokkoo gad turan sochii bara 2003 booda taasifameen dachaan dabaluun waggaa tokko keessatti miseensi waldichaa hanga miliyoona shaniitti dabale jira. Waldichi yeroo ammaa hanga gandaatti gadi bu’ee kallattiidhaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun laphee ummataa keesssa galeera.Ummanni Oromoo waldicha akka eenyummaasaatti ilaalaa.Deggersi ummanni waldichaaf taasisuus garmalee dabalaa dhufeera.
Waldichi yeroo dhibeen Koviid-19 mudatetti mootummaa bira dhaabbachuudhaan hawaasni dhibechaan akka hinqabamneef barsiisaafi yoo akka tasaa qabame ammoo dafee gara mana yaalaa deemee akka yaalamuufgahee guddaa taphateera.Kana malees ambolaansota 110 bitee aanaalee naannichaatiif raabsuudhaanlubbuu lammiilee baraaruudhaaf hojii guddaa hojjeeera.
Waldichi kanaan dura daandii kiilo meetira 437 ol ijaareera.Manneen barnootaafi dallaa manneen barnootaa hedduus ijaareera. Pirojektoonni ijaaraman waan dulloomaniif yeroo dhiyoo as kan hindulloomne dhalootarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Kana milkeessuuf ammoo mana barumsaa bultii addaa ijaaree barattoota ciccimoo akka biyyaatti qofa utuu hintaane akka addunyaatti dorgomoo ta’an itti barsiisaa jira.Manni barumsichaa rakkoo qulqullinni barnootaa akka biyyaattis ta’u naannootti gaaffii keessa galee jiru furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Bariisaa: Bu’aa manni barumsaa bultii addaa WMO galmeessisaa jiru akkamitti ibsitu?
Obbo Dajanee: Kaayyoo manni barumsaa bultii addaa ijaarameef inni gurguddaanqulqullina barnootaa mirkaneessuu, barattoota gidduutti miira waldorgommii uumuu, barattoonni dandeettii addaa qaban dandeettiisaanii akka baasaniif haala mijeessuufi manneen barnootaa naannicha keessa jiraniif giddugala muuxannoo taasisuudha. Manni barumsichaa hojiilee waggoottan saddeet darban keessa raawwateen giddugala muuxannoo ta’eera.Barataafi barataa akkasumas manneen barnootaa aanaafi aanaa, godinaafi godina gidduuttis miira waldorgommii uumeera. Manni barumsichaa yeroo ammaa naannicharra darbee naannolee biyyattiif giddugala muuxannoo ta’eera.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnees mana barumsichaarraa muuxannoo fudhachuudhaan mana barumsaa bultii addaa lama ijaareera.Manni barumsaa bultii addaa WMO dhaloota ijaaruun lammiilee bor biyyattii geggeessan horachuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa bu’aa manni barumsichaa galmeessisaa jiru caalaatti guddisuuf mana barumsaa bultii addaa torba ijaaraniiru.Yeroo ammaa Oromiyaa keessa mana barumsaa bultii addaa sagaltu jiru.Akka naannoo Oromiyaatti barattoota miliyoona 10 oltu jiru.Barattoonni mana barumsaa addaatti baratan garuu barattoota hafaniif moodela.
Dhiyeenya kana Yunivarsitii Saayinsiifi Tekinolojii Adaamaarraa (A+ 60) fiduun barumsasaa digirii tokkoffaa kan xumure Raajii Ashannaafii barataa mana barumsaa addaa WMO ture. Manni barumsichaa barattoota naamuusa gaarii qabaniifi qabxii olaanaa galmeessisuun sadarkaa addunyaatti dorgomoo ta’an hedduu horachuun beekama.Barnootni bu’uura guddina biyya tokkooti.Biyyoonni guddatan barumsaanis guddataniiru.Oromiyaas ta’e biyyattiin qabeenya guddaa qabdi.Sammoo barattootaa qaruufi qabeenyaakeenyaatti fayyadamuudhaan biyyattii ceesisuufi guddisuu ni dandeenya.
Barattoonni mana barumsaa bultii addaa WMO irraa bahan yunivarsitoota addunyaa beekamoo ta’anitti dorgomanii darbuun yunivarsitoota bebbeekamoo addunyaa gara garaatti barachaa jiru. Barana Yunivarsitii beekamaa ‘Massachusetts Inistitute of Technology (MIT) Ameerkaatti argamutti dorgomee kan darbe akka Afrikaattuu barataa Raajii qofa. Kanaafuu WMOn abdii uummataafi ijoollee keenyaati.Akkasumas abdii humna misoomaa mootummaa naannichaati. Jijiirama naannichatti argameeficarraaOromoon har’a argate kana kan ittiin ceesisuu dandeenyu ijoollee keenya sirnaan barsiifachuudhaani waan ta’eef waldichi lammii bor biyyattii geggeessu horachuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Manni barumsaa bultii addaa barattoota dhiiraafi shamarranii, akkasumas barattoota baadiyyaafi magaalaatiif haalli mijatee jennaan walqixa hojjechuu akka danda’an mirkaneesseera. Fakkeenyaaf barataa Raajiin Godina Qellem Wallaggaa Gidaamiirraa dhufe. Barattoonni mana barumsaa bultii addaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaatti seenaa biyya kanaa keessatti herregaan qabxii 100kan fide barataa mana barumsaa bultii addaa WMOti.
Barana barataa mana barumsichaa kan ta’e Kookeet Tesfaayee Fiiziksii 100 fedeera. Barattuu Siifan Fiixaa Herregaan qabxii 100 fiddeetti. Barataa mana barumsaa bultii addaa kan ture Caalaa Adaanee ammoo Kooriyaatti altokkotti damee barnootaa lama ‘Airospace’fi Computer Engineering’ dhaan akka addunyaatti qabxii olaanaa galmeessisaa jira.Manni barumsaa bultii addaa WMO lammilee bor biyyattiis ta’e addunyaa ceesisuu danda’an, naamuusa qabaniifi aadaafi duudhaa Oromoo beekan horachaa jira. Waldichi gama kanaan daandii milkaa’inaarra jira.
Bariisaa: Icciitiin milkaa’ina mana barumsaa bultii addaa WMO maaliidha?
Obbo Dajanee: Icciitiin milkaa’ina mana barumsichaa barattoonni yeroosaanii sirriitti akka itti fayyadaman taasisuu, barumsarratti muuxannoo namoota adda addaa qooduufii, daandii milkaa’ina isaanii borii itti agarsiisuu, abjuu isaanii borii akkamitti akka milkeeffachuu danda’an itti mul’isuufi barattoota gidduutti miira waldorgommii uumuudha. Barsiisonni mana barumsichaas yeroo hundumaa barattoota bocuun daandii milkaa’ina borii qabatanii akka socho’an taasisu.
Kana malees barattoonni ilaacha siyaasaafi amantiirraa bilisa ta’anii, barumsasaanii qofarratti xiyyeeffachuun qabxii olaanaa akka galmeessisan taasisuurratti xiyyeeffatamee barsiifama. Icciitiin milkaa’ina mana barumsichaa hojiilee sammuu barattootaa qaruurratti hojjetamaniidha.
Bariisaa: Barnootaan walqabsiisee fuuldurattoo maal hojjechuutu yaadame?
Obbo Dajanee: Waldichi gara fuulduraattis bu’uura boruu irraa kaasee sammuu barattootaa qaruurratti xiyyeeffatee ni hojjeta. Waldichi aanaalee Oromiyaan qabdu hunda keessatti kutaa 5ffaa hanga 7ffaatti daree tokko tokko moodela taasisuuf ni hojjeta. Dareewwan moodela ta’an barsiisota ciccimoodhaan akka barsiifaman ni taasisa. Akkasumas meeshaaleen laaboraatooriifi mana kitaabaa akka guutaman ni taasifama.
Kun barattoonni qabxii olaanaa galmeessisuun gara mana barumsaa addaa dhufan baay’inaafi qulqullinaan horachuuf gargaara. Waldichi sammuu barattootaa qaruuf hanga mana barumsaa bu’uura boruutti gad bu’ee hojjechuudhaan dorgomtoota ciccimoo baasuuf hojjechaa jira.
Yunivarsitiiwwan biyyattii keessa jiran barattoota keenya waan hinmadaalleef waldichi barattoonni mana barumsaa bultii addaarraa ba’uudhaan carraa barumsa alaa hinarganne biyya keessatti digiriisaanii tokkoffaa akka barataniif Yunivarsitii Saayinsiifi Tekinoloojii Odaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti ijaaruuf lafa fudhateera.Yaada kana mootummaanis amanee fudhateera.
Bariisaa: Waldichi yeroo ammaa sadarkaa akkamiirratti argama?
Obbo Dajanee: Waldichi yeroo ammaa miseensota miliyoona 7.5 ol qaba. Godinaalee Oromiyaa hunda (21) irratti dameelee banatee, waldaalee bu’uuraa kuma saddeetiifi 900 ol horateera.Kana malees Ameerkaatti damee banatee halkaniifi guyyaa haamilee guddaan hojjechaa jira.Gara fuulduraatti ammoo biyyoota adda addaa keessatti dameesaa banachuuf hojjechaa jira.Hirmaannaan hawaasaa hojiilee waldichi hojjechaa jiruuf haamilee guddaa ta’eera.Barana hawaasni keenya rakkoo qaala’iinsa jireenyaa, hongeefi nageenyaaf saaxilamee utuu jiruu ijoolleekoo barsiifachuun qaba jechuudhaan mana barumsaa bultii addaa WMOtiif deggersa xaafii kuntaala kuma tokkoofi 800 ol akkasumas sangoota, dammafi buna taasiseera.
Hawaasni Gammoojjii Baalee hongeef saaxilamee utuu jiruu xaafii kuntaala 130 ol mana barumsichaaf deggersa taasiseera.Hawaasni Oromoo abdiin keenya ijoollee keenya jechuudhaan waldicha bira dhaabbatee ijoolleessaa barsiifachaa jira. Buusiin miseensota waldichaas dachaadhaan dabalee jira.Deggersi waldichi dhaabbilee arjoomtota biyya alaarraa argatus dachaadhaan dabaleera.
Waldichi yeroo ammaa humnasaa cimsatee mootummaa naannichaa bira goruudhaan humna misoomaa mootummaa naannichaa ta’uun hojii milkaa’aa raawwachaa jira. Waldichi madda galii isaa guddisuuf hojiilee gara garaa raawwachaa jira. Magaalaa Adaamaatti gamoo abbaa darbii 11 ijaaraa jiru ji’oota sadan dhufan keessatti kan xumuru ta’a. Gamoon qabeenya uummata Oromoo ta’e kun maallaqa argamsiisu qofa osoo hintaane bakka ummanni Oromoo itti walga’ee yaada isa ceesisuu danda’u itti waljijjiru, maddisiisuufi itti mari’atuudha.
Waldichi Magaalaa Finfinnee keessattis gamoo aadaan Oromoo keessatti calaqqisu ijaaruuf lafa kaaree meetira kuma 50 ol bulchiinsa magaalattiirraa argateera. Lafa argaterratti moolii guddaa sadarkaasaa eeggate kan aadaan Oromoo keessatti calaqqisuuf bakka bashannanaa gaarii qabu naannawaa Lagahaar (Laga Harree)fi Dambalitti kan ijaaru ta’a. Rrakkoo mana jireenyaa hamaa magaalaa Finfinne keessatti mul’atu furuudhaaf lafa kaaremeetira kuma 15 irratti appaartaamaa abbaa darbii 23 ijaaruuf diizaayiniin gamichaa hojjetamaa jira. Gamoowwan waldichi ijaaru hundi aadaa Oromoo haala ibsaniin kan ijaaraman ta’u.
Waldichi manneen barnootaa sadarkaadhaa gad ta’aniifi sababa rakkoo nageenyaatiin diigaman ijaaruu, buufata fayyaa ijaaruufi hawaasa bishaan dhugaatii qulqulluu hinarganneef bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuuf hojii hundeeffamasaarraa kaasee jalqabe cimsee kan itti fufu ta’a. Kana malees hojii qonnaa ammayyeessuufi misooma jallisiirrattis xiyyeeffachuun omishtummaa guddisuun wabii nyaata mirkaneessuuf ni hojjeta. Hawaasni keenya kanniisa horsiisuufi horii furdisuudhaan galii dabalataa akka argatuufis deggersa barbaachisu ni taasisa.
Waldichi kunuunsa naannawaafi eegumsa qabeenya uumamaarrattis hirmaachuun Oromiyaa magariisa taateefi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuu, badhaadhina maatii mirkaneessuufi lammii beekumsa gonfate horachuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Bariisaa: WMOn waggaa waggaadhaan biqiltuu dhaabuurratti bal’inaan hirmaachaa ture. Waldichi barana biqiltuuwwan hangam dhaabuuf karoorfatee hojjechaa jira?
Obbo Dajanee: Waldichi kanaan dura paarkiiwwan 52 Oromiyaa keessa jiran, manneen barnootaafi bakkeewwan adda addaa biqiltuu dhaabaa tureera. Baranas biqiltuu miliyoona 6.5 hirmaannaa miseensotaafi tola ooltotaatiin dhaabuuf karoorfatee hojjechaa jira.Yeroo ammaa manneen barnootaa keessatti sagantaan badhaasa gaabii adeemsifamaa jira.Sagantaa kanaan barattoonni hojii tola ooltummaatiin manneen barnootaa keessa biqiltuuwwan dhaabaa jru.Barattoonni shamarranii sadarkaa tokkoo hanga sadiitti bahan ammoo maatiisaaniitti gaabii itti uwwisaa shamarran barsiisuu malee akka hinheerumsiifneef gorsaafi barsiisaa jiru. “WMOn gaabii isin intala keessan heerumsiiftanii uffattan gaabii Abbaa Gadaa isinitti uwwisaa jira” jechuun manneen barnootaa aanaalee keessa jiran hundatti sagantaa biqiltuu dhaabuufi sagantaan badhaasa gaabii adeemsisaa jira.
Bariisaa: Dhaamsa ykn ergaa dabarfattan yoo qabaattan?
Obbo Dajanee: Hojii waldichi hojjechaa jiru caalaatti milkeessuudhaaf hirmaannaafi deggersi miseensonniifi dhaabbileen deggertootaa waldichaaf taasisan yoomiyyuu caalaa cimsanii itti fufuu akka qabaniifi deggersa hanga ammaatti waldichaaf taasisaniifis nan galateeffadha. Deggerrsa caasaan mootummaa gubbaadhaa hanga dakaatti waldichaaf taasisaniifis galannikoo guddaadha.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014