“Warra kaan caalee osoo hintaane carraan argadhetti fayyadameen qabxii gaarii fide” -Eebbifamaa Raajii Ashannaafii “Raajiin yommuu dhalate waan narratti ta’erraa ka’een Raajii jedhee moggaase” – Aadde Saaliyaa Huseen (Harmee Raajii)

Tibba darbe barataan Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaarraa Muummee Fiiziksiifi Herregaa barachuun koorsiiwwan 60 fudhate hundatti ‘A+’ fiduun biyyaafi addunyaa dinqisiiseera. Eebbifamaan kun qormaata kutaa 12ffaallee akka Itoophiyaatti lammaffaa ba’ee ture; Eebbifamaa Raajii Ashannaafii.

Dargaggeessa waggaa 22 kan ta’e Raajiin Godina Qellem Wallaggaa, Magaalaa Gidaamitti dhalatee kan guddate yoo ta’u, qaxalummaan isaa ijoollummadhumarraa kan eegaledha. Barnoota sadarkaa tokkoffaa yommuu xumurus akka aanaasaatti dorgomuun Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) seenee barateera. Gaazexaan Bariisaas barataa qaxalee kana dubbiseera.

Raajiin akka jedhutti, yunivarsiitii kan seene qabxii 647 fiduun Itoophiyaarraa lammaffaa ba’eeti. Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti muummee ‘Applied Natural Science’ filatee seene. Yeroo mana barnootaa Bultii Addaa WMO ture qabxii olaanaa fiduuf kitaabota yunivarsiitiitti ittiin barataman illee dubbisaa ture. Kanaaf barnooti waggaa tokkooffaa itti hinulfaanne. Waggaa lammaffaatti meejarii lamaan (Dual Major) digirii tokko ‘Applied Physics’ fi Applied Maths’ walduukaa jalqabe. Barnoota kanneen walduukaa barachuun koorsiiwwan akka itti baay’atu godheera. Garuu gaafa seemistararratti seemistarri dabalamaa deemu xiqqoo irraa namaaf salphataa waan deemuuf isa hinrakkisne.

“Haala qo’annaakoo waliin walqabatee wanti ijoollee kaanirraa adda na godhu guyyaatti sa’aatii dheeraa hindubbisu. Halkan akkuma nama kamiiyyuu sa’aatii torba nan rafa, sa’aatii 4:30 ykn 5:30tti rafeen subii 11:00tti ka’ee ispoortiin hojjedha ykn Macaafa Qulqulluun dubbisa. Yeroo qormaataammoo irra deebi’een dubbisa. Yeroo baay’ee ijoolleen hindubbistu naan jedhu. Ani garuu wantan yeroo itti kennuu qabu hunda yeroo kenneefiin raawwadha. Ani gannas yeroon mana turu guyyaa guutuun dubbisa, galgalas hangan rafutti inuman dubbisa. Yeroo mana barumsaatti deebi’ullee nan dubbisa. Waliigalasaa yoo ilaalte hamma barataa halkan keessaa sa’aatii 10:00tti taa’ee dubbisuu ta’uu danda’a” jedha.

Inni biraan fakkeenyaaf barnooti Fiiziksii yommuu baratamu koorsiin tokko xumuramee yommuu isa biraatti darbamu inni haaraan isa duraarratti akka hundaa’uufi innis isa haaraa itti dabalame intarneetiirra barbaadee akka dubbisu hima. Barsiisotasaarraas dursee baafata koorsii gaafachuun dubbisa. Yoon isa dubbisu sana hubachuu baatellee waan jalqabuuf isa barbaachisu ni beeka. Gaafan koorsicha eegalu ani guutummaatti qophaa’eera jechuudha.

Raajiin, “Dhiphinniifi sodaan kan dhufu qophaa’uu dhabuurraati. Animmoo dursee dubbiseera waan ta’eef of dhiphisaa barataa hinturre. Koorsii tokko dubbisee fixeera taanaan sababan itti dhiphadhee hirriba dhabuuf hinqabu. Akkan barnoota kootti milkaa’u kan na taasise Waaqaa gaditti kutaa sagalii kaasee mana barumsaa bultii addaa WMO kessatti barachuu kooti. Mooraa sana keessatti Dilbata ganama hanga sa’aatii ja’aa qofatti waldaa akka deemnu nuuf eeyyamu malee gadi nun baasan. Kanaaf yeroo hunda miira barnootaa keessan jira jechuudha. Inni kun na keessatti guddatee yemmuun yunivarsiitii galullee wantoota dubbifaman ‘PDF’ dhaan bilbilarratti qabadheen deema. Akkasumas, feesbuukii fayyadamurra tiwitariifi wikipidiyaarratti wantoota barnootaa maxxanfamanin ilaala. Yeroon buna dhuguuf taa’uullee bilbilakoorraa dubbisaan dhugee ka’a” jedha.

Yommuun taa’ee qo’atus miira guutuudhaan yeroofi sammuusaa kenneen akka dubbisu kaasee, ijoollee baay’een kitaaba gaggaragalchu, irra darbanii ilaalu; kunimmoo qayyabannaa jechuuf ulfaataa ta’uu dubbata. Akkasumas namarraa maaliin argadha, namni maal naa godha, yunivarsiitiin maal naa kenna jedhee akka hineegneefi ofiisaa akka hojjetuufi yemmuu waa dhabus baay’ee akka hinaarre hima.

“Qabxiin fideen walqabatee walitti kuufamee gaafa ba’u namatti haaraa ta’e malee ani semisteerarratti fiffidaan ture. Gaafan baradhu garuu qabxiirratti xiyyeeffadhee miti hojjetaa kanin ture. Kanin gale ‘Applied Physics’dha kanin ta’uu barbaadu ‘Theoretical Physics’dha. Kunneen lamaan koorsiiwwan ijoorratti (Core) tokko ta’u malee addaddaadha. Kanaafuu waggaa lammaffaa semistara lammaffaa akkuma xumurreen sababa Koronaatiin mana waan turreef deebi’een ilaaluu eegale. Wantoota na barbaachisan hunda barsiisota koofi weebsaayitiiwwan garagaraarraa akkasumas, namoota yunivarsiitiiwwan beekamoo biyya alaatti baratan irraa fudhadhe. Ani egaa yeroos kanin dubbisaa ture waan fedhakoo sana bira ga’uuf malee qabxiif hinturre jedha.

Imala barnootaasaa keessatti deeggarsi barsiisotasaa gaarii akka tureefi haala danda’ameen waa’ee barnootaa qofa osoo hintaane, kaayyoo ofiif jiraachuu, akkamiin barachuufi wantoota jireenya isaaf ta’ullee isa gorsaa akka turan ibsa.

“Yunivarsiitii gaafa seenamu waan baay’een nama mudachuu danda’a. Ani dursee kitaabota addaddaa dubbisaan ture. Gaafan gara yunivarsiitii seenus xiyyeeffannaa koo barnoota koo qofarra taasisuuf karoorfadheen seene. Akka carraa ta’eemmoo hiriyaan waliin baranneefi qabxii gaarii qabu na waliin yunivarsiitiicha seene. Jalqabarra isa waliin walitti dhihaadhe; isa booda barattoota yaadi keenya waliif ta’u hiriyoomfachuun eegale” jedha.

“Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, lafarratti gatii dadhabbii ofiitiif gammaduu caalaa wanti jiru hinjiru. Kanaaf hundi keenyayyuu gammaduu barbaanna. Keessumaa yeroo dargaggummaatti waan amma nu gammachiisu qofa yaadna. Fakkeenyaaf gadi baanee kubbaa taphannee gammannee deebi’uu barbaanna ta’a. Garuu wanti nuti barbaannu gammaduu erga ta’ee wanta hamma dhumaatti nu gammachiisu barbaaduu qabna. Kanaaf isa bor gammannuuf jennee har’a hamma ta’e gammachuu keenyarraa hir’isuu qabna. Har’a qayyabannaa dhiisuun sammuu kootti toluu danda’a; garuu bor iftaan itti fufee na gammachiisaa? isa jedhu yaaduu barbaachisa” jechuun gorsa.

Kanaaf dargaggoonni yemmuu baratan keessumaa kutaa 11ffaafi 12ffaa yemmuu ga’an waan ta’uu barbaadan sirriitti adda baafatanii waan sana yaadaa deemuun hojjechuu akka qaban kan himu Raajiin, hiriyaa gaafa baafatanis nama kaayyoosaanii waliin deemu ta’uu akka qabu hubachiisa.

“Waan hunda Waaqayyo akka godhu nan amana, garuu wanti kennaa jedhu hinjiru jennee utuu fudhannee wayya. Waan hunda gabbifachuu ni dandeenya jedheen yaada. Fakkeenyaaf namni ispoortiidhaan ‘chestii’n baasa jedhee hojjetu ’chestii’ ni baasa. Kanaaf dandeettii hunda shaakalliidhaan gabbifachuu dandeenya jechuudha. Barnootarrattis akkanuma.”

“Ani akkan barnoota Herregaa jaalladhuuf miciree herregaa kan na keessa kaa’e kutaa afuriifi shanitti barsiisaa na barsiiseedha. Barnooti herregaa ni ulfaata kan jedhamuuf akkaataa itti nuti yaadnuufi jireenya guyyuu keessatti yaadnutu addadda. Herrega keessatti garmalee yaaduu osoo hintaane duraaduuba jiru hordoftee hojjechuudha. Kanaaf fagootti ni ulfaata jechuurra yaalanii ilaaluu barbaachisa.”

“Utuman barnoota Herregaa jaalladhuu sababan dhibee sukkaaraa dhukkubsadhuuf ‘Medicine’ baradheen dhukkubicharratti hojjedha jedheen yaada ture. Gaafan deebi’ee yaadu garuu ‘Medicine’ sababuma sukkaara na dhukkubuufi hawaasa biratti kabajamaa ta’eefin jaalladhe natti fakkaate. Ergan kutaa 11ffaa seenee garuu keessakoo dhaggeeffachuun Fiiziksii barachuuf murteesse” jedha.

Meejarii lama ‘Dual Major’ jechuun digirii tokko ta’ee koorsiiwwan Fiiziksii hundaafi Herrega keessaammoo kanneen koorsiiwwan meejariifi filatamoo ta’an fudhadheeni. Digrii lama jechuu osoo hintaane herregarraa koorsii dabalataa 12 qofan fudhe jechuudha.

Carraa biyya alaa wajjiin walqabatee, yemmuun waggaa sadaffaa xumuru Ameerikaa Kaabaatti Hawaasa Fiiziksii Itoophiyaa onlaayinii barnoota gannaa qopheessanii turuufi innis leenjicharratti hirmaachuu eeree, achirrattis nama wantan inni barachuu barbaadu barate yunivarsiitii biyya alaadhaa barsiisu argachuufi isa qunnamuuf murteessuusaa hima. Hawaasni Fiiziksii kun guyyaa sadaffaarratti barattoota 10 dandeettii gaarii qaban fudhachuuf  dorgomsiisnaan barsiisicha argachuusaa ibsa.

Haala kanaan baasiiwwan isa barbaachisan hunda waldichiifi barsisichillee dhuunfaasaadhaan isa danda’uun yunivarsiitiiwwan 10 ta’anitti iyyata galfachuusaa kaasa. Qabxiin yemmuu dhufus yunivarsiitiiwwan sadii isa fudhachuusaaniifi kanneen keessaa inni hunda caalu ‘MIT’ (Massachusetts Institute of Technology) tokko ta’uu hima. Akkasumas, Xaaliyaanii yunivarsiitiin ‘ICTP’ (International Centre for Theoretical Physics)n sagantaa waggaa tokko dheeratuun isa fudhachuu dubbata.

Sana booda warra ‘MIT’f barreessuun waggaa tokkoof ‘ICTP’ akka baratu waan isaaf eeyyamaniif torbanoota muraasa booda gara Xaaliyaan deemuun barnootasaa waggaa tokkoo akka eegaluufi waggoota shanan ittaananiif ammoo ‘MIT’tti PhDsaa akka itti fufu ibsa.

“Ergan xumuree boodas deebi’ee hawaasakoo tajaajiluun barbaada. Wantin baradhu Tiyooratiricaal Fiiziksiin kallattiidhaan waan ummata fayyadu miti. Garuu imaammata barnootaarratti sirna barnootaa bocuun barbaada. Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii addaa WMOn ijaaruuf karoorfate keessatti muummee Fiiziksii banuudhaan hanga sagantaa PhD Tiyooratiricaal Fiiziksii qopheessuu keessatti hirmaachuun piroofeesara Fiiziksii ta’uu barbaada. Akkasumas, yunivarsiitiiwwan Dambi Doolloofi Sayinsiifi Teknolojii Adaamaadhaa barsiisuu nan barbaada” jedha.

Akka Raajiin ibsutti, utuu barnootasaa hinxumurin waggoota lama sadii booda Hawaasa Fiiziksii Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jiranitti makamuun biyyasaa dhufaa barnoota gannaa barsiisuurratti hirmaachuu jalqaba.

“Ani karoora gaarii qabadhee waanin hojjedhu garaa guutuun hojjedha. Qabxii qofaaf osoo hintaane wanticha baree itti gammaduufin hojjedha. Eeganii dhabuudhaanis of hinmiidhu. Qabxii gaarii kanin fide ijoollee warra kaan caaleen jechuun natti ulfaata. Carroomee kutaa 9-12tti mana barnootaa gaariitti, yunivarsiitiis bakka nagaa qabutti baradheeni. Kanaaf namoota birootiin akkas ta’uu qabdu jedhee qeequun natti ulfaata. Ani carraan argadhetti fayyadamee milkaa’eera. Qarreefi qeerroon keenyas utuu carraa ani argadhe kana argatanii waan ta’uu danda’an agarsiiseera. Kanaaf ijoolleen hammakoo carraa xiqqooshee argattaniin carraa keessan hinballeessinaan” jedha.

Harmeen Raajii, Aadde Saaliyaa Huseen Mahaammadis yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, isaan akka maatiitti ijoollee barsiifachuurratti ejennoo cimaa waan qabaniif ijoolleensaanii barnootarratti cimoo ta’uu kaasu. Raajiinis ijoollummaasaarraa kaasee nyaata diduu qofaan akka isaan rakkisaa ture, barnootasaarratti qaxalee ta’uufi amala gaarii akka qabu dubbatu.

Abbaan ijoolleesaanii waan irraa du’eef ijoolleesaanii qofaa akka guddisan kaasanii, sababa ofiisaanii baratanii hinfixneef hammam yoo rakkatanillee ijoolleesaanii barsiifachuun murtoosaanii ta’uu himu. Yommuu Raajiin dhalatu wanta isaanirratti ta’e irraa ka’uun ‘Raajii’ jedhanii moggaasuu eeranii, innis guddatee akka maqaasaa Raajii hojjechuunsaa daran isaan gammachiisuu eeru.

Amalaafi cimina inni ijoollummaasaatti qabu ilaaluun bakka guddaa akka inni ga’u tilmaamaa turuusaanii himanii, isaan garuu akka inni Doktara ta’u barbaadaa turuufi boodarra fedhasaa sababa waliin ibsinaaniif yaadasaa kabajuufii kaasu.

“Maatiin ijoolleensaanii akka jabaatan barbaannaan yeroo kennuufi qabu. Macaafni Qulqulluunis “Ijoolleen kennaa Waaqayyooti” waan jedhuuf ijoollee Waaqayyoo nutti kenne kununsinee guddisuufi barsiisuun dirqama keenya. Cimanii akka barataniif ammoo akkasaan ‘faashinii’ hordofan ykn televizyinii ilaalan gadi dhiisuun barbaachisaa miti. Hordooffii barbaachisu taasisuun dirqama maatiiti” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You