Saaphanni hattootarratti diriiruu eegale cimee ittifufuu qaba

Hattummaa hamaan caasaalee mootummaafi hoggantoosaanii akkasumas jaarmiyaalee mitmootummaatti raawwatameefi ummataaf ibsame tibbana qilleensa biyya keenyaa guutee ykn dhuunfate ture; hattummaa Kominishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa waliiniitiin walqabatanii uumaman jechuu keenya.

Kanaanis akka dursee raagee, qophaa’ee yaaddoo balaa sababoota garagaatiin uumaman ittisuuf imaanaan kan kennameef Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa matuma komishinarichaarraa eegalee maqaa gargaaramtoota kumootaan lakkaa’amaniitiin hattummaa hamaa keessa seenuunsaa gochi badii lammiifi biyya miidhu kun hammam hidda akka gadifaggeeffate kan agarsiisuudha.

Gocha hattummaa kanaan qarshii miliyoonni 472, qamadii kuntaalli miliyoonni 512 kan qarshii biliyoona walakkaa akka baasu tilmaamame; zayitii liitirri kuma 77; ruuzii kuntaala kuma afur faayidaa dhuunfaatiif ooluun qisaasameera.

Qabeenyi ummataafi mootummaa maatiidhaan otoo hinhafiin itti duulamee saamameera, hatameera. Kana keessatti maqaansaa hattummaafi waliin dhahuudhaan miidiyaaleedhaan irra deddeebiin kan ka’uufi moggaasa tola ooltummaatiin guyyaa saafaan saamicha caasaadhaan deeggarame raawwachuun kan beekame ‘Elshaadaay Riiliif and Divilopmanti Asooseeshiin’ jedhamu ni eerama. Qabeenya mootummaa biyya hiyyeettii tanaatiin qarshii olaanaadhaan manni kireeffameera, manni jireenyaafi konkolaataan bitameera; otoo hinhojjenne mindaan kanfalamaa tureera.

Waliindhahiinsiifi waanbadummaan Finfinneetti manneen jireenyaa waliiniirratti tibbana mul’ates gocha qaanessaafi lammii daran gaddisiiseedha. Biyya guddina dinagdeefi fayyadamummaa haqaqabeessa mirkaneessuuf tattaafataa jirtutti gochoonni leyyaasisoon akkanaa mul’achuun yakka guddaadha.

Hattummaan saamichiifi waanbadummaan irratti eerre lamaanuu waan ijaafi qalbii ummataa keessa jiraniif kan ittiqaqqabame ta’uun ni mala. Otoo tokko tokkoo caasaa mootummaa, dhuunfaafi kanneen maqaa dhaabbata mitmootummaatiin socho’aniifi hoggansasaanii sirnaan sakatta’uun danda’amee dhoksaawwan danuun ni argamu.

Walumaagalatti hattummaan gocha yakkaa faayidaa hinmalle argachuuf raawwatamu kun gocha ittiyaadameefi ittiqophaa’amee haala hamilee, safuufi duudhaa hawaasaa faallessu raawwatamu waan ta’eef ummanni akka ummataatti, mootummaanis akka mootummaatti cichanii xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu.

Gochi hannaafi waanbadummaan akkanaa naannoo kamittuu, caasaa kamittuu sadarkaa dhuunfaa, gareefi jaarmiyaatti kan uumamu waan ta’eef taatee malaammaltummaa akkuma biyyaattuu yaaddoo ta’aa jiruufi akka agarsiisaatti ummataaf ibsame kanarraa baratanii kiyyoo hattoota ittiin qaban bal’inaan diriirsuu qabu.

Keessumaa mootummaan hattoota aangoofi imaanaa kennameefiin of golganii akka muka qottoo deebi’anii isuma, biyyaafi ummata nyaatan of keessaa seecca’uufi gingilchuufi seeratti dhiyessee murtii kenname ummataaf ibsuu qaba. Sanaafis saaphana hattoonni ittiin guuraman gaaraa hanga dakaatti diriirsuu qaba; ummannis mootummaa cina hiriiruufi waantota naannawasaatti raawwatamanis mil’achuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You