Mul’ata urjiiwwan sadan Yunivarsiitii Ambootti qabxii afuriin eebbifaman

Mootummaan Oromiyaa damee misooma barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun barnoota qulqullina qabu waliin gahuun dhaloota qorannoofi qo’annoon rakkoo hiikuu danda’u omishuuf humna guutuun hojjetaa jira. Kanaanis ejjennoo Jeneraal Taaddasaa Birruu “dhaloonni hinbaranne mirgasaaf falmachuu hindanda’u” jedhu galmaan gahuuf kaayyeffatee kan ka’e fakkaata.

Yeroo ammaattis dhaabbilee barnoota olaanaa biyyattii garagaraa keessatti ijoolleen Oromoo qabxii daran olaanaa galmeessisuun eebbifamaa jiru. Kanamalees dargaggoonni kalaqa gara garaan beekamtii argatan hedduu akka biqilan ta’aa jira.

Tibbana Yunivarsiitii Amboo Kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa keessatti hiriyoonni sadi Muummee Saayinsii Kompiitaraarraa eebbifaman qabxii afur galmeessisuun yunivarsiiticha maqaa waamsisaniiru.

Hiriyoonni kunneen sadan turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin sadanuu biyyasaaniif mul’ata jijjiiramaa akka qaban kaasaniiru. Dargaggoo Eeliyaas Hirphaasaa Godina Wallagga Lixaa, magaalaa Gooriitti dhalatee kan guddate yoo ta’u kutaa gadiirraa kaasee xiyyeeffannoo kennee barachaa turuu kaasa. Kutaa 10ttis ta’e 12tti qabxii gaarii fidee Yunivarsiitii Amboo Kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa galuu eeree, mul’ata biyyasaaf abdii isa taasisu milkeeffachuuf of kennee hojjetaa turuu hima.

Turtii achii keessatti dabarseenis yeroosaa haalaan itti fayyadamaa turuu himuun hiriyyoota isa fakkaataniifi mul’ata gaarii qabanitti michoomuun waliin qo’achuun qabxii daran olaanaan eebbifamuuf hojjetaa turuu hima.

Haaluma kanaanis mul’atasaa milkeeffachuuf humna guutuun hojjechaa turuun akaakuu barnootaa hundatti (40) A+, qabxii 4 fiduun seenaa hojjechuu danda’eera.

Hiriyyaa gaarii qabaachuun takkaan ejjennoo cimaa akka qabaataniif lammaffaammoo caalanii argamuufi dorgomaa akka ta’an nama gargaara jedha dargaggoon kun. Dorgommii isaan taasisan gidduusaanii qofatti osoo hintaane hojii cimaa ta’e hojjechuun biyya ofii maqaa waamsisuuf kutannoon hojjechuun milkaa’inni kun dhufuu danda’uu ibsa.

Qabxiin isaan galmeessisan kan nama onnachiisu ta’uu kan ibsu Eeliyaas, caalaatti barnootaan of cimsuuf karaa qaama mootummaa carraan iskoolaarshiippii akka kennamuufiif carraaqaa jiraachuu hima.

“Yoo carraa iskoolaarii arganne anis ta’e hiriyoonnikoo barnoota Nageenya Saayberii (Cyber security)fi ‘Artificial Intelligence’ digrii 2ffaa barachuuf fedhii qabna. Dandeettiifi ga’umsa qabnu kana teknolojiin deeggaramnee dabalataan barnoota ammayyaan osoo of ijaarre bu’aa guddaa biyyaaf buusna. Isa kanaaf mootummaan humna waan qabuuf nu deeggaruu qaba” jedha.

Akka Eeliyaas jedhuutti, dargaggoonni sammuu cimaa qabaniifi dandeettii kalaqaa qaban hedduun duubarra jiru. Xiyyeeffannoon isaaniif kennaamu yoo cime damee hundaan dhaloota ga’umsa qabu horachuun ni danda’ama.

Yeroo ofii haalaan itti fayyadamuun gamnummaadha kan jedhu dargaggoon kun wantota waayee hinbaasnetti dabarsuun takkaan hirkattummaa babal’isuu danda’a lammaffaammoo umrii ofiitti taphachuu ta’ee waan mul’tuuf dargaggoonni of kennanii hojjechuu akka qaban dhaama.

Dargaggoo Baqqalaa Yaadasaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Aanaa Sabbataa Hawaas Magaalaa Awaash Malkaa Qunxurree jedhamutti dhalatee guddate. Mana barumsa sadarkaa 1ffaa hanga 2ffaa achumatti baratee erga xumureen booda Yunivarsiitii Amboo galuun Muummee Saayinsii Kompiitaraan eebbifameera.

Turtii achi keessatti dabarseen koorsiiwwan 46 fudhate keessaa 37 A+, sagal ammo A fiduun qabxii afur galmeessisuun eebbifamtoota urjii yunivarsiitichaa ta’eera. Kun bu’aa ifaajiifi mul’ata ganamuma isa keessa ture ta’uufi hiriyootasaa isa waliin qabxii walfakkaatu fidan lameen kana waliin kutannoon hojjechaa turuu hima.

Namni kamuu mul’atasaa galmaan ga’achuuf karoorsee humna guutuun yoo hojjete ofis ta’e biyyasaa gargaaruu akka danda’u kaasee, milkaa’ina inniifi hiriyoonnisaa galmeessisan dargaggoota biroof fakkeenya gaarii akka ta’u dubbata. Karoorsuu qofti gahaa akka hintaaneefi kaayyoo qabatanii ka’an sana galmaan ga’achuuf yerootti haalaan fayyadamuun murteessaa ta’uus ibsa.

Yunivarsiitiin umrii itti jiruufi jireenya ofiif bu’uura buusan ta’uu kan himu Baqqalaan barataan kamiyyuu ilaalcha kamiinuu otoo of hindagiin caalanii argamuuf cimanii hojjechuu akka qaban kaasa. Babal’achuun teknolojiin akkuma dhaloonni dandeettii waa kalaquu qabaatuuf gargaaru haalaan itti fayyadamuudhaa baannaan balaa akka ta’es ni eera. Akka fakkeenyaatti feesbuukiifi kanneen biroo haalaan yoo itti fayyadamame malee faayidaasaarra miidhaansaa akka caalu kaasa

“Yeroo baay’ee barataan yunivarsiitii erga galee kaayyoo ganama qabatee manaa bahe sana teknolojiin kan isa dagu ta’uu hinqabu. Yunivarsiitiin bakka jireenya hawaasummaan, barnootaan, teknolojiin itti cimanii argaman akkasumas bakka itti beekumsa hidhatanii jijjiiramaaf ka’an waan ta’eef xiyyeeffannoofi haalaan yeroo ofiitti fayyadamuun barbaachisaadha” jedha.

yoo ta’uudhaa baate yunivarsiitii gallee eebbifamuuf qofa kan hojjennu yoo ta’e biyyaa fi maatii ofiif miti mataa ofiifuu ba’aa ta’uun waan oolu miti. Kun waan ta’eef barattoonni wayita yunivarsiitii galan kaayyoo qabatanii manaa bahan dagachuu hin qabani, maatiinis ta’e biyyi ofii jijjiirama addaa kan namarraa eegan ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Kun hamma hintaanetti ofis ta’e biyya jijjiiruun waan hindanda’amneef wantoota yeroon fiduun osoo hin gowwomiin barumsaafi ga’umsaan ijaaramanii eebbifamuun sana boodas hojiifi bu’aa sammuun itti quufuu danda’u akkasumas biyyi ofii itti waamamuu danda’u hojjechuuf of qopheessuu akka barbaachisu hima.

Inniifi hiriyoonnisaas turtii yunivarsiitii keessatti dabarsineen bu’aa galmeessisuuf karoorfatanii ka’uun milkeessuusaanii eeree, kana boodas taanaan deeggarsa mootummaan isaaniif taasisuun bakka fedhiisaanii ga’uun ofiifi biyyasaanii tajaajiluuf qophii ta’uu ibsa.

Miirri kutannaafi tattaaffiin jiraannaan wanti bira higahamne hinjiru kan jedhe dargaggoon kun ammallee imalli ciccimaa isaafi hiriyootasaa dura akka jiruufi kanaafis “dadhabne mudhukne” osoo hinjedhiin yeroosaanii haalaan fayyadamuun bu’aa addaa galmeessisuun biyyasaa tajaajiluuf kutannoon socho’aa jiraachuu kaaseera.

Dargaggoo sadaffaan qabxii afur galmeessisuun yunivarsiitii Amboo keessatti raajii hojjete Zaruubaabeel Malaakuu yoo ta’u, Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuutu Oromiyaaf gumaache. Innis sadarkaa tokkoffaarraa kaasee barnootasaaf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa turuusaatiin yunivarsiitii seenee qabxii olaanaa galmeessisuu danda’uusaa dubbata.

Erga yunivarsiitii Amboo galee hiriyootasaa lameen waliin qo’achuu pirojektii gara garaa hojjechuun tokkummaan dhumasaanii bareechuu eeree, inniifi hiriyyoonnisaa yeroosaanii haalaan itti fayyadamuun bu’aa cululuqaa kana galmeessisuu kaasa.

Dorgommii isaan yunivarsiiticha keessatti taasisaa turan waliisaanii gidduutti akka hintaane himee, sadansaniiyyuu qabxii nama gammachiisu kan walfakkaatu galmeessisuun eebbifamuun daran akka isa gammachiise dubbata.

“Nuyi ijoollee qaxalee yunivarsiitichi qabu keessaa muraasa. Ijoolleen urjii ta’aniifi yunivarsiiticharra darbee biyyattii keessatti qabxii biyya boonsu galmeessisan kumaatamni jiru” jedha. Qabxii cululuqaa galmeessisuunsaanii qofti gahaa waan hintaaneef mul’ata isaan qabatanii ka’an akka milkaa’uuf mootummaan deeggarsa barbaachisaa taasisuufii akka qabus gaafata.

Akka fakkeenyaatti mootummaan naannoo Oromiyaa waadaa isaaniif galuu kaasee, kunis hojiitti yoo jijjiirame barattoonni biroollee kan onnatan ta’uu hima. Onnachiistuun gama mootummaan taasifamu miira ofitti amanamummaa dargaggoonni qaban kan dabalu, hirkattummaafi eeggattummaa kan dhabamsiisu waan ta’eef kan jajjabeeffamu ta’uu hima.

Akka dargaggoon kun jedhutti, dhaloonni akka biyyaatti jiran haalotaan osoo hingowwomfamiin yeroosaanii sirriitti fayyadamuufi kaayyoosaanii galmaan ga’achuuf aadaa qo’achuu, kan isaaniif hingalle gaafachuufi abdii biyyisaanii isaanirraa eegdu milkeessuuf kutannaan hojjechuun irra jiraata.

Mul’ata dargaggoonni kunneen qabatanii ka’aniifi bu’aa isaan galmeessisaa jiran dhaloota duuba jiruuf fakkeenya gaariidha. Kanamalees onnachiistuun isaaniif taasifamu dhaloota gidduutti dorgommii kan uumu, biyyas maqaa kan waamsisu waan ta’eef mootummaan humna qabuun akka isaan cina dhaabbatu hawwii qabna.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You