Mar’ummaan qal’aafi furdaan kutaa qama keenyaa keessaa bullaa’iinsaafi xuuxamuu nyaataa keessatti qooda olaanaa taphata. Mee dhibeewwan mar’ummaan qal’aafi furdaa hawaasa keenya biratti baratamaa tahe keessaa muraasa isaa haa ilaallu.
1. ‘Appendicitis’ (Tirf-anjetii) kulkula appeendiksii
Appeendiksiin kutaa qaama keenyaa keessaa jalqaba mar’ummaan furdaarratti rarraatee kan argamtuufi garaa keenya gama mirgaatiin gara gadiitti argama.
‘Appendicitis’ kulkulli appeendiksii baay’inaan namoota umuriin dargagummaa keessa jiran jechuun umuriin 15-30 gidduu jiran kan hubudha. ‘Appendicitis’ ykn kulkulli appeendiksii kan nama mudatus yeroo sagaraan mar’ummaan furdaa keessaa, raammoowwan, baakteeriyaanifi kkf appeendiksii keessa seenuun erga cufanii booda kulkula ykn infeekshinii dhufudha.
Mallattoowwan ‘appendicitis’ (kulkula appeendiksii) maalfa’i?
* Dhukkubbii garaa jalqaba naannoo handhuura keenyarraa jalqabee sa’aatii muraasa booda garaa keenya gara mirgaa handhuuraa gadiitti kan darbu
* Ho’ina qaamaa
* Nama haqqisiisuu balaqqamsiisuu ykn ol nama tuquu
* Fedhiin nyaataa hir’achuu
* Nama hollachiisuu
* Darbee darbee namoota tokko tokkorratis garaa kaasaa fiduu danda’a.
Namoonni mallattoo kanneen qabdan calluma jettanii faarmaasiirraa qoricha bittanii fayyadamuurra mana yaalaa deemtanii ilaalamuun gaariidha. Sababnisaas akkuma beekamu yaaliin kulkula appeendiksii yaala baqaqsanii hodhuutiin kutanii baasuu waan taheef yoo namarra ture Appeendiksiin sun dho’uun infeekshiniin kun qaama namaa keessa faca’uun lubbuu namaa dabarsuu danda’a.
2. Garaa kaasaa
Garaa kaasaan sababa rifachuu maar’immaan qal’aafi furdaa irraan kan ka’e kan namatti dhufudha. Garaa kaasaa sababoota garaagaraa irraa kan ka’e, kan namatti dhufuufi yoo hedduummachuun namarra ture miidhaa guddaa namarraan geessisuu ni danda’a.
Wantootni baayyeen garaa kaasaaf nama saaxilu. Wantootni garaa kaasaaf nu saaxilan kunniinis:
* Infeekshinii mar’imaanii. Infeekshiniin mar’imaanii sababa jarmoota garaagaraa irraan kan ka’e namatti dhufuu danda’a. Jarmooliin kunis vaayirasii, baakteeriyaafi paarasaayitaawwan garaagaraati.
* Raammoo mar’imaanii
* Walsimannaa dhabuu mar’imaan keenyaaf nyaataa (food intolerance). Akka fakkeenyaatti kan kaasnee ilaallu, namoonni baay’een yeroo aannan dhugan garaa kaasaa hamaan isaan mudata. Kunis sababnisaa, aannan isaan dhugan sun garaachaafi mar’imaan isaanii waliin walsimachuu dhiisuurraan kan ka’e, aannan sun utuu xuuxamee gara dhiigasaaniitti hindabalamin yeroo bifa garaa kaasaan gara bakkeetti ba’u jira.
* Qorichoonni tokko tokko kan yaala biraaf nuuf kennaman
* Faalamuu nyaataa
* Dhibeewwan mar’imaanii garaagaraa kanneen akka baay’ee madaa’uun mar’immaaniifi kaanserii mar’ummaanillee namatti ni fidu.
Garaa kaasaan baay’inaan yoo namarra ture, dhangala’aa qaama keenya keessa jiru baay’inaan fixaa deemuun, sadarkaa dhiibbaan dhiigaa gadi bu’uun amma ‘shock’ keessa nama galchuutillee ni ga’a. Yeroo kanammoo, hammi dhangal’aa qaama keenya keessa jiru yoo hir’ate, onnee keenya, sammuu keenya, kalee keenyaafi qaamolee keenya kan biraa miidhamuun dhiibbaa biraa nurraan geessisuu danda’u.
Garaa kaasaa salphaa ta’e baay’inaan yeroo muraasa qofaaf, nurra turee kan nurraa deemu yoo tahu, mana keenyatti salphaatti of yaaluu ni dandeenya. Kanaaf shoorbaa soogiddaan danfe dhuguun elementoota karaa garaa kaasaa bahan bakka buusuuf dhangal’aa bahe bakka buusuu keessatti gahee guddaa qaba. Akkasumas wantoota mi’aawaa tahan irraa yeroof of qusachuun baay’ee barbaachisaadha. Sababnisaas wantootni mi’aawaa ta’an guddachuufi wal hormaata baakteriyaa keessatti gahee guddaa qaba. Akkasumas dhangala’aawwan kanneen akka ‘ORS’ jedhaman faarmaasirraa bitachuun fayyadamuunis gaariidha.
Namni tokko yoo akkam ta’e mana yaalaa deemuu qaba?
* Garaa kaasaan guyyaa lamaa oliif yoo isarra ture
* Sababa garaa kaasaa hamaan yoo of dadhabe
* Garaa kaasaa dhiigaan walqabate yoo ofiratti arge
* Garaa dhukkubbii hamaan yoo isa dhukkube
* Ho’ina qaamaa olaanaan yoo qabame
Garaa kaasaan daa’imman bay’inaan kan qabu yoo tahu, irra caalaan garaa kaasaa daa’immanii sababa vaayirasii irraa kan ka’e kan dhufudha. Kanaaf daa’imman garaa kaasaan qabate tokko harmeen tokko sirriitti harma hoosisuu qabdi. Akkasumas, wantoota mi’aawwaa ta’an kennuufiirraas of eeggachuu qabdi.
Garaa kaasaa ofirraa dhorkuuf maal gochuu qabna?
* Harka keessan yeroo hundaa bishaaniifi saamunaan dhiqachuu
* Qulqullina nyaataa sirriitti eeggachuu
* Daa’immaniif talaallii kennuu
3. Gogiinsa garaa (Constipation)
Gogiinsi garaa sababa mar’imaan yeroodhaa yerootti kottoonfachuu dhabuurraan kan ka’e, kan dhufudha. Nyaatni nuti nyaannu, sadarkaa daakamuuf bullaa’iinsa nyaataa hedduu keessa darba. Garaachi keenya sadarkaa caccabuuf bullaa’iinsa nyaataa keessatti asiidiiwwaniifi inzaayimoota nyaata hurreessuuf barbaachisan hedduu gadi dhiisuun, nyaata erga bulleesseefi hurreessee booda gara mar’imaan qal’aa keenyatti dabarsa.
Mar’imaan qal’aan bakka xuuxamni nyaataa itti gaggeeffamudha. Albuudonni akkasumas dhangala’aafi bishaan kutaawwan qaama keenya hedduuf barbaachisan mar’imaan qal’aa keessaa xuuxamuun gara Tiruu keenyaa kan warshaa qaama keenyaa ta’e deemuun erga sadarkaa hedduu keessa darbanii booda, gara onnee keenyaa deemuun kutaawwan qaama keenya hedduuf raabsamu. Wantootni qaama keenyaaf hinbarbaachifne ammoo gara mar’imaan furdaatti darbuun karaa sagaraa ykn udaanii akka bahan tahu.
Mallattoowwan gogiinsa garaa maali?
* Torbanitti yeroo 3 gadi sagaraa ykn udaan namaa ba’uu dhabuu
* Sagaraa ykn udaan baay’ee jajjabaa ta’e haguu
* Yeroo mana fincaanirraa taa’an garmalee ittanuu
* Miirri akka waan waanti buubbuu ykn munnee keenya cufeetti nutti dhaga’amuu
* Sagaraa ykn udaan isiniif bahuu didee baasuuf garaa keessan gadi dhiibuu ykn quba harkaa keessan keessa galchitanii baasuuf yaaluudha.
Gogiinsi garaa kan nama mudatu xuraa’aan ykn udaan xuuxamuu nyaataa irraa hafan mar’imaan qal’aa irraa gara mar’imaan furdaatti ykn mar’imaan furdaa irraa gara buubbuuf munnee deeman suuta yoo deeman ykn yeroo dheeraaf achi keessa turuun dhangala’aa isaan qaban keessaa xuuxamuun yeroo gogudha.
Wantootni sagaraan akka mar’imaan qal’aa keessa hindeemneef cufan gogiinsa garaaf nama saaxilu.
Wantootni kunniinis
* Baqaquu ykn tarsa’uu haguugduu haphii keessa munneetti argamuu
* Mar’imaan gudunfamuu
* Kaanserii mar’imaanii
* Dhiphachuu keessoo mar’imaanii
* Kaanserii buubbuu
* Kaanserii garaa keessaa kan guddachaa deemuun mar’imaan dhiibuun mar’imaan akka cufamu godhan.
Taateewwan ykn wantootni gogiinsa garaaf nama saaxilan maalfaadha?
* Dulluma
* Dhiira caalatti shamarran gogiinsa garaaf saaxilamu
* Bishaan baay’inaan dhuguu dhiisuu
* Nyaata faayibarii baay’inaan of keessaa hinqabne soorachuu. Kana jechuun nyaati (nyaanni) faayibarii hedduu of keessaa qaban kanneen akka kuduraafi fuduraa akkasumas nyaati callaan gogiinsa garaa namarraa dhorku jechuudha.
* Sochii qaamaa gochuu dhiisuu ykn sochii qaamaa gahaa hintaane gochuu
* Rakkoo dhiphuu sammuu
* Qorichoonni tokko tokkos kan gogiinsa garaa fidan baay’een jiru. Qorichoonni kunniinis qoricha dhukkubbiif oolan, qorichoota dhiibbaa dhiigaaf kennamaniifi qorichoota hirribaaf kennaman faadha.
Gogiinsi garaa dhiibbaa akkamii namarraan gahuu danda’a
* Dhibee kintaarotiif nama saaxila. Namni tokko sababa gogiinsa garaaf yeroo bay’inaan ittanu, ujummoon dhiigaa naannoo buubbuuf munneetti argaman dhiita’uun dhibee kanaaf nama saaxilu.
* Baqaqauu ykn tarsa’uu haguugduu keessoo munneefi gogaa naannoo isaa jiranii, sababa goginsa garaa irraan kan ka’e sagaraan ykn udaan namaa gogaa waan ta’uuf udaan jajjabaan kun, haguugduu keessoo munneef gogaa naannoo munneetti argamanii baqaqsuun miira dhukkubbiif miirri dhiiguu akka namatti dhaga’amu godha. Kana qofa osoo hintaane, yeroo haguugduun keessoo munneef gogaa naannoo sanatti argaman baqaqanillee namni sababa dhukkubbii irraan kan ka’e mana fincaanii ykn sagaraa dhaquu waan sodaatuuf gogiinsa garaa daraan jabeessaa adeema.
* Sagaraan baay’ee jajjaboo mar’imaan keessatti argamanis, walitti kuufamaa deemuun mar’imaan cufuu danda’u.
* Gara alaattii gadi bahuu buubbuu (rectal prolapse). Sababa gogiinsa garaa irraan kan ka’e namoonni mana fincaaniirra taa’anii baay’ee waan ittananiif, mar’imaan ykn buubbuuf munneen gara alaatti bahuu danda’u.
Gogiinsa garaa ofirraa dhorkuuf maal gochuu qabna?
* Nyaata faayibarii hedduu of keessaa qaban kanneen akka: baaqelaa, atara, boloqqee kuduraaf fuduraafaa baay’inaan soorachuu.
* Bishaan hedduminaan dhuguu. Guyyaatti bishaan burcuqqoo 6-8 dhuguu, namoonni baay’een keessayyuu waqtii gannaa na dheebossaa hinjiru jechuun bishaan hindhugan. Kun rakkoo fayyaa garaagaraaf nu saaxiluu danda’a.
* Sochii qaamaa gahaa tahe gochuu. Namni tokko sochii qaamaa guyyaatti daqiiqaa soddomaaf, torban keessaa ammoo guyyaa shaniif gochuu qaba.
* Akkuma miirri sagaraa nu qabeen, mana fincaanii deemuu qabna.
* Nyaatawwan faayibarii xiqqoo of keessaa qaban kanneen akka: nyaata zayita of keessaa qabaniif nyaata bu’aa foonii ta’an xiqqeessanii nyaachuu.
Fayyaa hindhabinaa
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014