Arsiin ilma Ambattoo Dayyooti. Gosa Oromoo bal’ina lafa qubateefi baay’ina ummataatiin guddaa ta’eedha. Arsiin ilmaan lama qaba; Sikkoofi Mandoo.
Sikkoo ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):
I. Bullaala
II. Jawwii
III. Ilaani
IV. Wocalee
V. Waaji
Mandoo ilmaan torba qaba (Torban Mandoo):
I. Raayyaa
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu
Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti Waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida’aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.
Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida’aa
* Laangannoo fi
* Dambal jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta’u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babal’a jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.
Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijjoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shireefi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamuuti.
Arsiin ummata waliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa bal’aafi cululuqaa qabu. Ka tuqan malee nama hingeenne. Ka haqaaf dhugaa isaa irratti du’u. Deegu ka wolii hirphu. Beela’u ka midhaan wolii fe’u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaaf gosa soddaa kabaju. Woyyomaaf Siiqqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu. Jaarsi Arsii keessatti kabaja guddaa qaba. Ka dubara dhiiratti fuudhu jaarsa. Ka dubbii hawaasumaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa. Jaarsi Arsii biratti ulfaata, kabajaamaa, jaalatamaadha.
Oromoo Sikkoofi Mandoo biratti aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti sirnootni Gabbaraafi Geega’oo jedhaman sirnoota kennaan cidha sana waliin walqabatanii ittiin kennamuudha. Gabbarri karaa ittiin dargaggeessi maatii intala irraa fuudhuutiif maallaqa yookan qabeenya kennuudha.
Aadaan gabbaraa kun Oromoota Sikkoo Mandoo biratti waggoota hedduurraa hanga ammaatti kan itti fufee jiru ta’us, moggaasniifi akkaataan itti adeemsifamu garuu barsiifataan kan dhufe ta’uu maanguddoon Arsii ni dubbatu.
Gabbaara jechi jedhu bu’uurrisaa kan hawaasaa Oromoo irraa madde miti. Yeroo durii sirna bulchiinsa ‘Baranbaraasiifi Ciqaa Shuumii’ sana bulchitoota dammaafi waan adda addaa kennuudhaan gabbaruutu ture. Barmaatiilee keessa gara kanatti dhufee fuudhaafi heeruma keessa kan seene ta’uus jaarsoliin Arsii ni himu. Akka aadaafi duudhaa Oromootti kennaan cidhaaf walii kennamu durirraa kaasee kan jiru ta’ullee maqaa ‘Gabbara’ jedhu kanaan ibsamaa akka hinturres ni ibsama.
Haata’uu malee, waggoottan dheeraa sirna abbootii lafaatii kaasee turan keessatti sirni cidhaa fuudhaafi heerumni ilmaan sikkoo mandoo ‘Gabbaraafi Geega’oon’ adda bahee hinbeeku. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalametti ‘Gabbara’ jechuun kennaawwan warri gurbaa warra intalaatiif kennan jechuudha. Gabbarri kun immoo loon, maallaqa, huccuu, dammaafi wantoota adda addaa kan dabalatu yemmuu ta’u, baay’inni loonis ta’ee maallaqa kennamuu kun garuu humna yookaan qabeenya warra intalaa irratti kan hundaa’uudha.
Sababnisaas; warri intalaa yoo harka qalleessa ta’e gabbarris hanguma humna warraatti ta’a. Yoo warri dureessa ta’es gabbarri ni guddata jechuudha. Warri intalaa gabbara looniifi maallaqaa guddaa fudhate taanaan Geega’oon isaan gaafa intalti heerumtu warra gurbaatiif kennanis guddaa ta’uutu isarra jiraata. Geega’oo jechuun, akka sirna aadaa fuudhaafi heeruma Oromoo Sikkoo Mandootti kennaa maatiin intalaa misirroota mana bahaniif guyyaa cidhaa sana kennuudha. Geega’oon kunis akkuma gabbaraa sana loon, meeshaa manaa, huccuu intalaafi gurbaa, dhadhaafi wantoota biraa dabalachuu kan danda’uudha.
Maatiin intalaa ayyaana heerumaa yookiin guyyaa heerumaa san erga qabataniin booda kennaa qopheessanii intala isaaniitiin gaggeessuuf oliif gadi fiigu. Keessattuu gabbarri warri gurbaa isaaniif kenne guddaa yemmuu ta’e, haaluma warri gurbaa isaan gammachiiseen isaanis guyyaa cidhaa geega’oo gaarii ta’een warra soddaasaanii gammachiisuudhaaf tattaafatu.
Gaafa heeruma intalaa sana immoo wanti hir’ate yoo jiraate kan maqaan badu haadhaafi abbaa intalaa qofa osoo hintaane, gosa bal’aa, eessumaafi adaadaa intalaa kan dabalatu waan ta’eef gaggeessaa intalaatiif waan isaanirraa eeggamu hunda ni bahatu.
Geega’oodhaaf Oromoo Arsii biratti durii kaasee kennamaa kan tureefi jiru loon shanirraa kaasee hanga loon 100tti haalliifi iddoon itti kennamu kan jiru yemmuu ta’u, keessattuu gosti fuudhaafi heeruma sanaa walgara yoo ta’e loon kennamuufi fudhatamus baay’achuunsaa waan hin oolleedha. Yeroo ammaa garuu haala jireenyaa wajjin hammi beellada kennamuu akka xiqqaateefi irra caalaan uffataafi meeshaalee manaa irratti akka fuulleffachaa jirus ni mul’ata
Maatiin Gabbara fudhate Geega’oo kennuun dirqama qaba. Akka Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo jedhanitti, maatiin intala isaanii heerumsiisuuf gaafa Gabbara fudhatu gaafa cidhaa Geega’oo akka kennu ni beeka. Yoo Gabbara gaarii fudhate dirqama horii Geega’oo kenna. Yoo walbira qabnee ilaallu garuu Gabbaratu irra nama miidha. Gabbara yoo qabaatte gabbarta. Yoo dhabde niitii dhabda jechuudha. Gabbara nyaatee kan horii irraa hambisus jira.
Geega’oon yeroo kennamu miira dorgommii ofkeessaa waan qabuufii maqaa ofii olkaasuuf jecha baasii Gabbara sanii ol ta’u kennamaa jiraachuu garuu namni sirnicha dhiheenyatti beeku kamiyyuu ni hubata.
Baasiin Gabbaraafi Geega’oo yoo walbira qabame warra Geega’oo kennutu miidhama. Sababnisaa Gabbara guddaa kenne warri sun Geega’oo jabaa irraa eega. Akka aadaa naannawaa sanaatti ammoo namni Gabbaraan heerumsiise Geega’oo caalchisee deebisuu qaba kan jedhu waan jiruufi. Maatiin intalaa waan Gabbaraan fudhate caalaa Geega’oon deebisuu waan maluuf miidhamuu akka danda’anis warri yaadan muraasaa miti.
Sirni tokko yookiin aadaan baramaan tokko akkuma yeroon turtiisaa dheerachaa adeemuun jijjiirama hinmul’anne taasisaa adeemuunsaa waan hinoolleedha. Kana jechuun immoo sirna fuudhaafi heeruma Arsii keessatti Gabbarriifi Geega’oon tanaan dura ture yerorraa gara yerootti dabalaa dhufuusaatiin namootni sirna kanaan fuudhanis ta’ee heeruman hir’achaa dhufuu danda’u. Kun immoo namootni aadaa kanarraa baqatanii sirna fuudhaafi heerumaa fedhii gurbaafi intalaa qofarratti hundaa’eefi beekkamtii maatiis ta’ee hawaasa naannichaa hinqabne keessa akka galan taasisaa jira. Jarri beekamtii maatii gama lachuutiin alatti walfuudhe sun immoo gaafa waldhabe iddoo irratti kufu dhabuudhaan deebi’ee rakkoo hawaasummaa fiduu akka danda’amu hubachuun barbaachisaadha.
Walumaa galatti, sirna fuudhaafi heerumaa bareedaan kun yeroo ammaa gara waldorgommii qabeenyaatti galee sirna durii irraa akka hinmaqne taasisuun murteessaa ta’a. Maqaa gabbarri baay’ateetiin durbis heeruma dhiirris fuudha dhabuu hinqabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014