Waggoota muraasa dura pirojektoonni misoomaa eegalaman xumuramanii eebbifamanii osoo hintaane waggaa hamma kana harkifataniitu oduu miidiyaa ta’aa ture. Pirojektoonni misoomaa dhagaan bu’uuraa kaa’ameefii dhadhaa abidda buute ta’aanillee hedduu turan. Tibba tokko irra deemanii dhagaa bu’uuraa kaa’uun baay’achuurraa kan ka’e ijaaruu mitii dhagaa bu’uuraa kaa’ame funaanuufuu ulfaataadha jedhame itti qoosamaa ture.
Erga waggaa dhihoo as keessumaa mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufee as garuu pirojektoonni ajab jechiisiisan isayyuu yeroo gabaabaa keessatti xumuramuunii tajaajilaaf oolaa jiru. Kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin hojiin eegalame Oromiyaatti akkuma ho’inasaa eeggatetti itti fufee jira. Mootummaan naannichaa pirojektoota buleeyyii hatattamaan xumursiisuurra darbee pirojektoota haaraa kumaatamaan lakka’aman wagga waggaan eebbisiisuu aadeeffateera.
Keessumaa hojiin misoomaa barnootarratti hojjetamaa jiru namoota baay’ee kan afaan qabachiiseefi dinqisifannaa kan argateedha. Manneen Barnootaa Ifa Boruu, bultii addaafi, bu’uura boruu ijaaramaa jiran mootummaan naannichaa hammam barnootaaf xiyyeeffannaa akka kenne kan agarsiisaniidha. Mootummaan naannichaas bajata olaanaa ramadee pirojektoota hedduu hojjetaa kan jiru yoo ta’u, hawaasnis qarshii, beekumsa, dandeettii, muuxannoofi humna qabuun misoomicha deeggaruun qaama guddina biyyaa ta’aa jira.
Mootummaan naannichaa barana pirojektoota manneen barnootaa, bishaanii, daandii, fayyaa, oolmaa dargaggootaa, giddugalawwaniifi kanneen biroo baay’inaan eebbisiiseera. Eebbi pirojektoota kunneenis Waxabajjii 20 irraa eegalee kan adeemsifamaa ture yoo ta’u, Pirezdaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaarraa eegalee hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiran pirojektoota naannicha keessatti hojjetamanii xumuraman eebbisiisaa jiru.
Obbo Shimallis Absiisaa haasaa sirna eebba pirojektootaarratti taasisaniin akka jedhanitti, bara bajataa 2014 keessa qormaatonni hedduun osoo jiranuu mootummaan naannichaa pirojektoota misoomaa jiruuf jireenya ummataa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa taphatan kuma 20fi 70 ta’an baasii qarshii biliyoona 42.65 oliin saffisaafi qulqullina barbaachisaa ta’een ijaarsisee goolabuun tajaajilaaf qaqqabuu ibsaniiru.
Pirojektonni ijaarsi isaanii xumurame kunneenis karaa qindaa’aa ta’een sadarkaa naannoo, godinaafi aanaatti Waxabajjii 20 bara 2014 irraa eegalee eebbisiifamuun tajaajila ummataaf kan banaman ta’uu eeranii, milkaa’inni kun kan argame humna ummataa, bajata mootummaafi deeggarsa dhaabbilee misoomaan ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara bajataa 2014 inisheetivota haaraa 17 ta’an akka pirojektiitti ilaaluun hojjeteenis bu’aaleen gama omisha qamadii, avokaadoo, muuzii, bunaafi kanneen biroon argaman rakkoo kamiyyuu keessa taa’amee injifannoo galmeessisuun akka danda’uuf ragaadhaa kan jedhan Pirezdaantiin Shimallis, hoggantoota, hojjettootaafi ummata rakkoo kana keessa taa’uun bu’aa kana milkeessaan galateeffataniiru.
Godinaalee Oromiyaa addaddaa keessa deemuunis pirojektoota garagaraa kan eebbisiisan pirezdaantiin naannichaa, “Misoomni amma Oromiyaatti argitan kun tiifuudha. Roobni guddaan fuulduratti dhufaa jira. Sichi caalaatti Oromiyaa misoomsina. Misoomni keenya fuulduratti dhufaa jiru akka lolaa waktii gannaa lolaa’ee hindhaabu. Iccitiin kun Ormaaf galeera, Oromoo tokko tokkoof ammayyuu hingalleef. Kanaaf, hojii dhiisee olola odeessaa oolee bula. Ummanni keenya yeroo kamiyyuu caalaa olola asiifi achi nurratti odeeffamaa oolu dhaggeeffachuu dhiisee misoomasaarratti akka fuulleffatu waamichakoon dhiyeessaa” jedhu.
Kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo dinagdeedhaan mataa olqabuu ta’uu eeranii, kanaanis ummanni kun hiree isaa mirkaneeffachuu danda’uufi mootummaa walqixxummaa Oromoofi sabootaaf dhaabbatu bu’uureffatees ittiin bulaa jiraachuu kaasu. Sababni injifannoo badhaadhinaa dhugaafi hirmaannaa ummataa ta’uu himanii, sabboonummaa Oromoo, tokkummaa, dinagdee cimaa, seenaa hojjetu tarkaanfachiisuuf hojjatamaa akka jirus himaniiru.
Pirojektoota eebbifaman keessaa siidaan yaadannoo Gootota Oromoo kanneen akka Taaddasaa Birruu, Abdiisaa Aagaa, Onesmoos Nasiib (Abbaa Gammachiis), Magarsaa Badhaasaa (Abuna Pheexiroos), Roobaa Qawweessaa (Tsaggaayee Gabramadiin)fi kanneen biroon manneen barnootaa godinaalee adda addaa keessatti ijaaraman keessatti ijaaramaniiru. Kanneen irrattis yaada kan kennan Obbo Shimallis, oolmaa gootaatu seenaa ummataa ta’a, gooti ummatasaaaf hojjeta, dhiifama beeka, jaalala qaba, kan boriif bu’uura kaa’ee darba malee madaa darbe hooquun ummata boossisaa hinjiraatu jedhu.
“Oromoon gootota hedduu qaba, siidaa isaanii kanas kan keenyuuf dhaloonni har’aa irraa barachuun seenaa mataasaa hojjetee akka darbuufi. Oromoon kaleessa rakkoofi gadadoo keessatti gootota horate, har’ammoo carraa injifannoo arganne kanatti fayyadamnee ummata keenyaaf hojjechuuf gootota misoomaa baayifachuuf hojjechuu qabna” jechuun kaasu.
Akka Obbo Shimallis ibsanitti, Oromoof waan gurguddaa sadii hojjechuu barbaachisa, dhaloota saayinsaafi teknolojiin cimsuu, sirna cimaa ummata fayyadu ijaaruu, dinagdeen cimsuudha. Oromoon gootota biyya kanarra darbee, Ardii Afrikaaf gumaachan horatee jira, ammas dhaloonni har’aa kun dhaloota seenaan boonu malee, dhaloota seenaan booyu ta’uu hinqabu.
Waliigala hojiileen misoomaa Oromiyaa keessatti hojjetaman jajjabeessoo yoo ta’an, akkuma hiyyummaarratti hojjetame, nageenyarrattis kutannoodhaan yoo hojjetame bu’aan caalu argamuu waan danda’uuf xiyyeeffannaa fuulduraa ta’uu qaba jenna.
(Qindeessituun Saamraawiit Girmaa)
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014