“Walitti bu’iinsa amantii dawoo godhachuun godinichatti taasifamaa ture dhaabuu keessatti shoora olaanaa bahachaa turre” -Haadholii Siinqee Godina Baalee

Aadaafi duudhaan Oromummaa ganamaa irraa baratamuu qabaniifi dhaloota ittaanuuf dabarfamuu qaban hedduu sababa haala jiruufi jireenya hammayyummaafi aadaa alaa dhufaa kanneen birootiin sirnaan taasifamuu dhabeen hawaasicha gatii kanfalchiisaa jiraachuu namoota heddutu irratti waliif gala. Hammayyummaa akka waan aadaafi duudhaa ganamaa akkuma jirutti dagachuun yookiin immoo lagachuudhaan gara aadaa alaa dhufaa hammayyaa qofatti hirkachuutti kan hubatanis hindhabaman.

Qaroomina fooyya’aafi dimokraasii dhugaa barbaacha guutummaatti duudhaa ganamaarraa maqanii kitaaba Faranjiirraa warri barbaaduunis ta’ee isaan aadaa durii faayidaafi miidhaa inni bara keessa jirrutti hawaasichaaf qabu osoo hinmadaalle akkuma jirutti fudhatanis sirrii miti.

Aadaafi duudhaa durii isaan bara keessa jirru waliin adeemaniifi teknolojii barri fide of irraa dhiibuu osoo hintaane hammataniifi ittigargaaramanii faayidaa caaluuf oolan fudhatanii adeemuun dhaloota haaraatiifis dhaalchisuun murteessaadha.

Duudhaalee ganamaa Oromoon jiruufi jireenya guyyaa guyyuusaa keessatti walitti bu’iinsaafi waraana dhaabsisuuf itti fayyadamaa ture sirni siinqee waggoota hedduuf iddoowwan hedduutti adda cituusaatiin Oromoon miidhameera.

Kutaalee Oromiyaa hunda keessatti deebi’ee hundaa’uun duudhaa haadholii siinqee rakkoolee jeequmsaafi walitti bu’iinsaa ittisuufi nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuu haadholiin siinqee Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.

Aadde Faaxumaa Haaji Aliyyii Haadha siinqee Magaalaa Goobbaafi naannawichaati. Magaalaa Goobbaafi naannawasaa akkasumas guutummaa Godina Baaleetti daldalli siyaasaa kanaan dura amantiilee dahoo godhachuun taasifamaa ture haala olaanaadhaan hir’achuusaatiin har’a amantiilee gara garaa qabaatanis ija shakkiifi sodaatiin walilaaluun hafuusaa dubbatu.

Jeequmsaafi walitti bu’iinsa kanaan dura magaalaa Goobbaa dabalatee akka Godina Baaleetti adeemsifamaa ture kan kakaasaniifi ibidda qabsiisan warreen ergama addaatiin iddoo biraarraa dhufan yemmuu ta’u, kan sababa walitti bu’iinsaa sanaan lubbuun darbuufi qabeenyi jalaa barbadaa’u immoo olloota waggoota hedduufi nagaadhaan waliin jiraachaa turan ta’uun qoree marga keessaa ta’ee hawaasicha gatii hinmalle kanfalchiisaa turuu ibsu.

Akka yaada Haadha Siinqee Faaxumaatti; gochi duudhaa waliin jireenyaa ummata Baalee hinibsineefi waliin jiraachuufi waldanda’uu amantiilee hinibsine sun irra deddeebiidhaan naannawa sanatti uumamuun sun hawaasni hundi dhaabbatee ‘seexana’ gidduusaaniitti rakkoo kana uumaa jiru qalbii tasgabbii qabuun xiinxaluutti gadi taa’e.

Iddoo walga’iiwwan gara garaa adeemsifamanitti, afooshaatti, iddoo boo’aafi cidhaatti gochi duudhaa waliin jireenya hawaasaafi amantiilee godinichaa hinibsine kun maaliif maqaa godinichaa akka xureessaa ture walgaafachuun, mari’achuufi gochoota akkasii irraa of ittisuun nama hundaafuu akka hojmaneetti kenname. Gaafa walitti bu’iinsi wayii uumame immoo garee tokko deeggaranii garee kaanirratti duuluun dura sababa jarri irratti waldhabdeef adda baafachuuf yaaduunis akka baratamu taasifame.

Walitti bu’iinsa alatti adeemsifamu dhaabsisuuf yaaluun durammoo ijoolleen mana keessa jiran gara iddoo sanaatti imalanii balaan dabalataa akka hinuumne manatti ittisuun immoo hojii jalqabaa haawwan manatti raawwachuu qaban akka ta’e irratti waliigalamee haadholii hundaafuu hojmaneen kenname.

Haala kanaan magaala Goobbaas ta’ee naannawaanshee, akkasumas guutuun Godina Baalee rakkoolee dur maqaa hawaasa naannichaa xureessaa turan sana keessaa bahanii yeroo ammaa gara duudhaa waliin jireenya hawaasa godinichaa isa ganamaatti deebi’eera.

Gaafa hordofaan amantii musliimaa ayyaanasaa kabajatu hordofaan kiristaanaa ollaasaa jiru waan danda’e qopheessee jara waliin kabajuun, gaafa hordofaan kiristaanaa ayyaanasaa kabajatus hordofaan amantii musliimaa ollaasaa jiru waliin kabajuuniifi waliin dabarsaa jira.

Aadaafi duudhaan amantaalee walii kabajuufi gaafa inni tokko ayyaana wayii qabaate waliin kabajuu kun immoo waan waggoota dhihoo kana keessatti uumaman osoo hintaane, aadaafi duudhaa ummanni Oromoo akka waliigalaattiifi Godinni Baalee immoo yeroo dheeraaf ittiin beekamu ture.

Gidduudhaan qaamootni ergama siyaasaafi kanneen biroo qaban garuu duudhaa beekamaa hordoftoonni amantiiwwan gara garaa waliin qaban kana balleessuudhaan hordofaan amantii tokkoo isa biraa ija shakkiitiin akka ilaalu taasisanis, har’a kutannoo siyaasaafi hubannoo hawaasa bal’aatiin, keessattuu deebi’ee hundaa’uu haawwota siinqeetiin rakkoon sun furamee gara duudhaa waliin jireenyaafi waldanda’uu ganamaatti deebi’uun danda’ameera.

Walitti bu’iinsi amantii dawoo godhachuun Magaalaa Goobbaas ta’e naannawashiitti taasifamaa ture akka dhaabbatu taasisuu keessatti gaheen haadha Siinqee iddoo olaanaa akka qabu kan himan Haati Siinqee Faaxumaan, deeggarsi qaamolee bulchiinsaa addaan hincitne isaaniif taasifamaa turuun immoo jabaatanii iddoo waldhabdeen xixiqqoon uumamu kamittuu dafanii bobba’uudhaan jaarsolii biyyaa waliin ta’anii dubbii akka furaniif isaan gargaaruu dubbatu.

“Siinqeen meeshaa waraanaa Haadha siinqeeti” kan jedhan haati siinqee tun, gaafa walitti bu’iinsiifi waraanni fedhe uumame wanti waraana sana dafee furuu danda’u haadha Siinqeefi meeshaa waraanaashee/ siinqee/ qofaa ta’uu himu.

Aangoo haati siinqee takka siinqee sanarraa argatetti fayyadamuun walitti bu’iinsa ittisuu qofa osoo hinta’in, akka hinuumane dursanii hojjachuudhaan yeroo ammaa Godina Baalee walitti bu’iinsa amantii irraa bilisa taasisuun hojii fakkeenyummaa qabuufi warreen biroos muuxannoo irraa argachuu qaban akka ta’u ibsu

Kanumarraa ka’uunis oduun walitti bu’iinsa amantii dawoo godhachuun iddoowwan tokko tokkotti mul’ataa ture Godina Baaleetti kan hindhagamne ta’uu kan himan immoo haadha Siinqee Magaalaa Goobbaafi naannawashee biroo Aadde Abbaay Baqqalaati.

Isaanis, yeroo ammaa ummanni godinichaa oduu akkasii kan dhagahaa jiru godinasaatti uumamee osoo hintaane, naannoo biroofi magaalaa birootti ta’uu dubbatu.

“Walitti bu’iinsa amantii dawoo godhateen hawaasni nagaa gatii hinmalle kanfalaa ture eenyumayyuu caalaa barumsa guddaa irraa argateera” kan jedhan haati Siinqee tun, wanta raawwatamaa turerraa barumsa fudhateen immoo yeroo ammaa walitti bu’iinsa amantii sadarkaa hinjiru jechuun nama dandeessisurraan gahuun danda’amuu ibsu.

Akka yaada Haadha Siinqee Abbaayitti; Kiristaanummaafi Islaamummaan amantiiwwan waggoota dheeraaf jaalalaafi kabajaan waliin turan ta’uun osoo beekamuu, ergamtoonni jeequmsaa gaafa duudhaa kana nama dagachiisanii walitti diraa turan sanattis taanaan miidhaa hordofaa amantii tokkoo irra ga’eef kan waan qabu gumaachaa tureefi balaa irra gaherraa dandamachiisaa ture hordofaa amantii biraa kan ollaasaa jiruudha.

Haalli keessa turame sirrii ta’uu dhabuu qofa osoo hintaane kan balaaleeffamuufi sirrachuu qabu ta’uu dursanii hubachuudhaan hawaasni naannawichaa gocha akkasiirraa akka of fageessuufi daldaltoota siyaasaa amantii dawoo godhanirraa of eegu taasisuudhaan duudhaan waliin jireenya amantiilee godinicha keessa jiranii iddoo dur ittiin beekamutti akka deebi’u taasisuu keessatti shoorri haawwonni siinqee bahachaa turan kan bakka bu’ummaa hinqabneedha.

Duudhaa siinqeefi aangoon siinqeen rakkoolee walitti bu’iinsaafi waldhabdee furuu keessatti qabdu hubachuudhaan deebi’ee hundaa’uun sirna haadha siinqee, walitti bu’iinsa uumamuu malu furuu qofaafis osoo hin taane, dhaloota haaraatiifis sirnicha bifa guutuu ta’een dabarsuudhaan akka jireenyasaa guyyaa guyyaa keessatti fayyadamu taasisuuf qooda guddaa kan qabuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014

Recommended For You