Tola ooltummaa: Dirqama nammumaafi lammummaa

Yeroo hojiin gosa kamiifuu maallaqni gaafatamutti, yeroo maallaqnis kanfalamee immoo hojiin quubsaa ta’eefi qulqullina barbaachisuun yeroosaa eeggatee hinxumuramnetti, yeroo maallaqa hedduu baatanii waan xiqqoo bitanii galanitti, waqtii qaala’iinsi jireenyaa jaalala maatii jeeqaa jiruufi qormaata hawaasa hedduu ta’e kanatti, jechi ‘Tola ooltummaa’ jedhamu kun immoo hunda injifatee kophaasaa dirree diinagdee too’atee jira.

Waqtii namni maallaqayyuu baasee waan gaalcha qabu bituu dadhabetti akkamittiin tolaan waan tokko raawwachuun danda’ama gaaffiin jedhu immoo ka’uu hinooltu. Yeroo namni waan xiqqaa hojjatee maallaqa guddaa itti gaafatutti akkamittiin tola waan tokko raawwachuun danda’amaanis gaaffii biraa ta’uu danda’a.

Gaaffiiwwan kanneeniifi kanneen biroo ka’aniif deebiinsaa ‘Tola ooltummaa’ bira darbuu hindanda’u. Namni gaafa kaffaltii sababa inni waa tokko raawwateef kennituuf yeroo tokko tokko “Kanaa manna osoon tola siif raawwadhee wayya ture” yeroo jedhu waa lama agarsiisuu danda’a. Takkaa kaffaltii sana humna hojii inni ittibaaseen yemmuu wal madaalchisu itti xiqqaattee miira tuffiitiin akkas jechuu danda’a. Yookiin immoo hojiin inni raawwate sun kan ammaa inni raawwateef sana qofaa osoo hintaane, darbees kan kutaalee hawaasaa garaa garaatiif tajaajilu ta’uusaa hubatee ta’uu danda’a.

Akkasumas namni hojiin hojjatameef sun immoo nama umriidhaan deeme (manguddummaa) keessa seene, kan sababa garaa garaatiin miidhaalee qaamaa garaa garaa qabu, dubartoota ulfaafi kanneen kana fakkaatan garaa garaatiif erga waa tokko hojjatanii booda, yeroo kaffaltiin waan raawwatan sanaaf kanfalamuufitti haala jara sanaa ilaaluudhaan yaadasaanii geeddaranii “Namoota akkanaa kaffalchiisuurra natti haa hafu, hojiin kun tola ooltummaatti naaf laakka’amee bu’aasaas Waaqayyorraa malee namarraa hin barbaadu” kanneen jedhanis danuudha.

Haalli kun immoo waggoota sadiifi afran darban keessatti caalaatti babal’atanii kutaalee biyyattii hedduu keessatti waqtii akka amma keessa jirru ganna keessatti hojirra oolaa jiru.

Gama hojii tajaajila tola ooltummaa kanaan hojiin bara darbe akka naannoo Oromiyaatti raawwatame biyyattiif muuxannoofi fakkeenya gaarii yemmuu ta’u, abbootii qabeenyaa hirmaachisuudhaan manneen barnootaa ijaaruun, hawaasa garaa garaa hirmaachisuun manneen maanguddootaafi harka qalleeyyii hedduu diiganii haaroomsuuniifi kanneen birootiin hojii silaa osoo maallaqa mootummaatiin ta’ee humnasaatii ol ta’uu danda’u tajaajila lammummaatiin raawwachuun danda’ameera.

Oromiyaatti aansuudhaan hojii tajaajila tola ooltummaa hedduu hojjachaa kan ture Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yoo ta’u, keessattuu waggaa waggaadhaan manneen namootni harka qaleeyyiin keessa jiraatan haaroomsuurratti duulli waggaa waggaadhaan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad irraa kaasee caasaan hoggansaa sadarkaadhaan jiru marti irratti hirmaatu hojii fakkeenyummaa qabuudha.

Hojiin tajaajila tola ooltummaa kun yemmuu ka’u, kanaan dura wanti dursee gara sammuu namaatti dhufu isa dur barattoonni yunivarsitiiwwan gara garaa irraa waqtii gannaa boqonnaaf gara maatiitti yeroo deebi’an kanfaltii tokko malee barattoota barsiisaniifi qo’achiisaniidha. Ijoollee quxisuu barsiisuuniifi qu’achiisuun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa keessatti kan hammatamu ta’us, yeroo ammaa garuu sana bira darbuudhaan dabtaraafi qalama akkasumas yuunifoormii walitti qabanii maatiin isaanii harka qalleessa ta’aniif kennuun gargaaruun akkasumas hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa humna gaafatan kanneen akka mannneen barnootaa haaraa ijaaruufi kanneen moofa’an haaromsuurra ga’ameera.

Hojiin tajaajila tola ooltummaa kun dhaabbilee barnootaa olaanoo keessattis bifa dhaabbataa ta’een barattoota qindeessanii iddoo irraa dhufanitti yemmuu deebi’an waan hojjachuu qaban irratti qindoominni jiraachuu akka qabu kan himtu Yuunvarsiitii Finfinneetti Barattuun waggaa 2ffaa muummee Ikonomiksii Yaabsiraa Taklamaarqoos, haalli tajaajilichi itti kennamu ifatti taa’ee jennaan hojii tajaajila tola ooltummaa gannaa kanarratti hirmaachuuf fedhii guutuu kan qabdu ta’uu dubbatti.

Mana barnootaa sadarkaa gadiirraa eegaltee ganna ganna yeroo manni barnootaa cufamutti ijoollee nannawashee jiran walitti qabdee qo’achiisaafi barsiisaa turuushii kan himtu barattuu Yaabsiraan, akkuma umriin dabaluufi sadarkaan barnootaashee dabaluunis tajaajilli tola ooltummaa isheen waqtii gannaatti raawwattus dabalaafi bal’achaa dhufuu dubbatti.

Akka isheen jettutti, mooraa yuunvarsiitii keessatti gurmuuwwan garaa garaa jiran keessatti hirmaannaa guddaa taasisaa jirti. Gumiiwwan ani keessatti hirmaadhu kunniin immoo kallattiidhaan barnoota Ikonomiksii ani baradhu waliin walitti hidhamiinsa tokko hinqaban. Garuu hojii kallattii kamiinuu ummata fayyaduu danda’u keessatti hirmaachuufi qooda kiyya bahachuu amaleeffadheera.

Mooraa yuunvarsiitiin alattis maallaqa barattootarraa walitti qabuudhaan dhaabbata gargaarsaa Gergesinoon jedhamuuf kennaa turre. Hojii kana immoo qofaa koo osoo hintaane barattoonni akkuma koo hojii tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachuu barbaadaniifi sababuma kanaan wal barre hedduu waan jiraniif, anis isaanuma waliin ta’uudhaan waan ummata gargaaruu danda’u kamirrattuu hirmaannee waan nurraa eeggamu yemmuu bahanutti boqonnaa sammuu adda ta’e arganna jetti.

Namoonni hedduun hojii tola ooltummaa kana akka ajandaa siyaasaafi mootummaa faarsuutti hubatu. Garuu dubbichi akkasi miti. Biqiltuun namni tokko har’a tajaajila tola ooltummaa gannaa kanaan dhaabu gaafa ga’ee firiinsaa nyaatamu mootummaan amma jiru kun hinjiraatu. Kanaaf waan mootummaan biqiltuu dhaabuu ajandaa godhateef dhimmicha isa qofaaf dhiisuun sirrii miti. Biqiltuus ta’u hojiiwwan tola ooltummaa biroo mootummaa waliin raawwachaa gaaffii qaban gaafachuun ni danda’ama.

Ganna darbe barattoonni mooraa yuunvarsiitichaa gurmaa’uun osoo boqonnaaf addaan hinfacaane ashaaraa magarisaarratti hirmaachuun qoodasaanii bahachaa turuu kan kan himtu ammoo barattuu Maqdalaawit Darajjeeti. Akka isheen jettutti, haalli tajaajilli tola ooltummaa itti kennamu kun bifa bittinnaa’een osoo hintaane, bifa gurmaa’een osoo raawwatamee bu’aa caalu ni argamsiisa yaada jedhu kan qabdu ta’uu ibsiti.

Harka qalleessi kan rakkatu ykn manni isaa diiggamuu kan danda’u waqtii gannaa qofaa akka hintaane kan himtu barattuun kun, tajaajilli waqtii gannaa qofatti kennamuu qabu kanneen akka biqiltuu dhaabuufi barattoota isaaniin booda jiran qo’achiisuu akkuma jirutti ta’ee, hojiin haaroomsa manneen harka qalleeyyii garuu waqtiilee hunda keessattuu utuu hojjetamanii gaariidha jetti.

“Gama kootiin yeroon mooraa yunivarsiitii keessa jiru qofa osoo hintaane, ergan barnoota xumuree boodas waggaa waggaadhaan tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachuuf waadaa ofiikootii galeera” kan jettu barattuun kun, lammiileen biyyattii hundi waan danda’aniin dhimma kanarratti osoo hirmaatanii rakkoo biyyattii walakkaadhaan furuun kan danda’amu ta’uu himti.

Walumaagalatti, namni tokko biyya itti dhalateef yeroo qabu keessaa muraasa kaffaltiin ala tajaajila kennuun dirqama lammummaafi uumamaati. Biyyi tiyya maal naaf gootee caalaa ani biyya kiyyaaf maalan godhe gaaffii jedhu hojii tajaajila tola ooltummaa kanaan mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu hubatamuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014

Recommended For You