Aadaan karaawwan garagaraa ibsama; uffata, nyaata, sirba, rifeensa filannaa ykn dha’annaafi kkftiin. Yeroo ammaa namoonni baay’een keessumaa mana uffataafi nyaata aadaa Oromoo bakkeewwan garagaraatti banuun galii argachuurra darbanii duudhaa beeksisurratti qoodasaanii ba’ataa jiru. Hojiin kun biyya keessatti qofa kan daangeffame otoo hintaane alattillee babal’achaa jira.
Waggaa lama duras Yunaayitiid Arab Imireet, Magaalaa Dubaayitti manni nyaataa aadaa Oromoo bifa aadaadhaan miidhagee banamee tajaajila kennaa jira. Mana kanatti namoonni dhimma hojiif akkasumas, bashannanaaf deeman utuu hingoriin akka hindhufne baay’eensaanii suura feesbuukiisaaniirratti maxxansanirraa hubachuun ni danda’ama. Nutis haadha qabeenyaa Mana Nyaataa Kiiloleefi ambaasaaddara aadaa Oromoo kan ta’an Aadde Sooyyomee Abdiisaa keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa; dubbisa gaarii.
Bariisaa: Hayyee, galatoomaa jechaa mee dubbistoota keenyaan walbaraa.
Aadde Sooyyomee: Tole, Sooyyomee Abdiisaa Cawwaaqaan jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteetti yoo ta’u, barnootakoo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas achumattin baradhe. Akkuman barnootakoo xumureen waggaa 10 dura biyyaa ba’een gara Dubaay dhufee ammas achiin jiraadha.
Bariisaa: Mee egaa yeroo dhihoo as miidiyaa hawaasaa baay’eerrattillee argaa jirra. Mana Nyaataa Kiilolee bantanii nyaata aadaa Oromoo dhiheessaa jirtu. Kiiloleen yoom eegale? Yaadnisaawoo maalirraa madde?
Aadde Sooyyomee: Sababni ijoon Kiilolee itti eegale, akkuma beekamu Oromoon aadaa bal’aa qaba, saba guddaadhas. Itoophiyaatti qofa osoo hintaane bakkeewwan garagaraattillee ni argama. Oromoon biyyoota addunyaa adda addaa keessa jiraata. Garuu akka qabeenyaafi beekumsasaatti aadaansaa, hinbeekamne. Kanaaf hamma humnakoo aadaasaa kana karaa Kiiloleetiin addunyaatti yoon agarsiise jedheen yaade. Kanaanis nyaatasaa, faayaafi qabeenyasaa addaddaa gadi baasee addunyaatti ituun mul’isee jedhee yaadeen eegale.
Bariisaa: Adeemsa waa tokko jalqabuu keessatti wantoonni nama rakkisan hindhiban. Isinoo Kiilolee banuu keessatti wanti baay’ee isin rakkise maal ture?
Aadde Sooyyomee: Bu’aa ba’ii baay’ee qaba ture. Yeroon ani Kiilolee bane sun yeroo reefu Koronaan seenu ture. Anillee hojiidhuma kanaaf gara biyyaa dhufee achin ture. Wantoota na barbaachisan bibbitadhee gaafan Dubaayitti Kiilolee eegaluuf jedhu wantoonni hundi cufaa turan. Waa hundumtuu dukkanaa’aa ture. Dhuguma abdiinkoo na keessatti uumamee jiru waan raawwatamu hinfakkaatu.
Erga haa ta’u jennee oggaa manicha saaqnee sisirreessuutti kaanummoo dizaayiniisaarraa kaasee namni na gargaaru tokkollee hinturre. Anumaafi abbaa warraa koo qofa. Erga haala ulfaataadhaan sisirreessinee fixnee boodammoo nama hojicha na gargaaree hojjetun dhabe. Namoota na waliin hojjetan Itoophiyaadhaa fiduun dirqama waan ta’eef yeroonsaa rakkisaa ture. Sababnisaas biyya kanaa Imbaasiin cufamee namni Itoophiyaadhaa dhufuu hindanda’u.
Kanarraa kan ka’e gatii guddaan itti kaffale. Ji’a torba guutuu hojii tokko malee kiraa manaan itti kaffale. Mana kiraa qofa miti, intarneetiin ni gala, inni ni lakkaa’a. Meeshaaleen kanneen akka ‘AC’ galuu qaba, innis ni lakkaa’a. Biiliiwwan addaddaallee akkanuma narratti lakkaa’aa turan.
Akka nama biiznasii jalqabu tokkootti bu’aa argachuuf, fuuldurakeetti hojjedheen horii walitti guduunfadhaa deema jetta malee waan akkanaa na mudata jettee hin yaaddu. Erga bu’aa ba’ii danuu keessa darbee boodammoo nama dhabuunkoo baay’ee hamileekoo cabse. Baay’ee na gaddisiisee xiqqooshee gara boodaattillee waan na deebise natti fakkaata. Hamman tarkaanfachuu danda’u nan tarkaanfachiifne.
Bariisaa: Manni nyaataa keessan faayawwan aadaatiin daran miidhagfameera. Kun biyyuma keessattuu walitti qabuuf ni ulfaataatii akkamiin meeshaalee kanneen walitti qabachuu dandeessan?
Aadde Sooyyomee: Dhugaa dubbachuuf daran ulfaataadha. Ani ergan mana nyaataa aadaa kana nan bana jedhee yaadee bubbuleera; gara waggaa shanii ni ta’a. Garuu ijoollee guddisuu wajjin waan naa hinmijanneef hamma kana ture.
Meeshaalee kanneen kanin walitti qabadhe ofiidhumakoo biyya dhufee faayawwan kanneen iddoowwan addaatti tokko tokkoon sassaabbadhe. Iddoon takkaa dhaqee hinbeeknellee deemee, lafa dheeraallee miilaan deemee bu’aa ba’ii guddaadhaniin walitti qabadhe. Meeshaalee kanneen bakka tokkoo argchuun as mitii Finfinnee ta’aaniiyyuu rakkisaadha.
Bariisaa: Fe’anii geessuurratti waan isin mudate hinjiru? Fakkeenyaaf kun maali? Kana hinfeenu, wantoonni jedhan hinturree?
Aadde Sooyyomee: Jira malee. Wantootan walitti qabadhe keessaa kan achitti na jalaa hafellee jira. Meeshaalee baay’ee kanneen akka marga citaallee naa darbanii dhagaan midhaan itti daakan na jalaa hafe. Dhagicha dabarfachuuf bakkawwan barreeffamuu qaban hundarraa waraqaa barreessiffadhee dhumarratti Ministeerri Albuudaa dhagaan waan albuuda ta’eef biyyaa hinba’u naan jedhe.
Anis “Dhagaa kana mitii anuu biyyaan ba’eewoo, maaliif hinba’u?” jedheen gaafadhe. Isaanis “Ati dubartii cimtuudha. Yeroo jalqabaatiif nama dhagaan biyyaa baafadha jettee kan nu gaafatteedha. Garuu hineeyyamamu” naan jennaan haala kanaan utuun dhagicha hinfidatiin hafe. Yoo fedha ministeerichaa ta’e sichis nan fudhadha.
Bariisaa: Mee Kiiloleen tajaajila akkamiiti kan kennu? Maaltummoo adda taasisa jettu?
Aadde Sooyyomee: Kiiloleen tajaajila nyaataafi dhugaatii aadaati kan kennu. Nyaatawwan aadaa kanneen akka Cumboo, Cororsaa, Ancootee, Ukkaamsaa, Qocqocaa, Micciirraa, Marqaa, Buna Qalaa, Caccabsaafi kkftu jira. Dhugaatiin ammoo kanneen akka bulbula dammaa, maqaasaa Afaan Oromootiin gaafadhellee nan dhabe ‘kenneettoo’ isa jedhanfaatu jira.
Waantonni Kiilolee adda taasisan baay’een jiru. Yunaayitid Arab Imireet keessa manneen nyaataa hedduun jiru. Manneen nyaataa kanneen keessaa garuu manni nyaataa aadaa Oromoo Reestoraantii Kiilolee keessatti qofa argama. Kiiloleen kan sabaa ta’uunsaas adda isa taasisa. Kan sabaati yommuun siin jedhu, Kiiloleen gammachuudhaan, gaddaan, yaada biiznasii kennuufi tajaajiloota birootiin sabasaa bira ni dhaabbata. Ijoollee Yunaayitiid Arab Imireet keessa jiran qofa osoo hintaane namoonni garagaraa Itoophiyaarraa gara keenya ni dhufu.
Kana malees Ameerikaarraa, Kaanaadaafi biyyoota garagaraarraa nuu bilbilaniifi nuu barreessanii ni dhufu. Yommuu dhufanis kanneen yaada biiznasii barbaadan yoo jiraatan ni kenninaaf. Darbees namoonni tokko tokko amanamummaadhaan horiillee abaluutti nuu ergaa jedhanii yommuu nutti ergan ykn nu bira kaa’atanillee ni jira.
Inni biraan namoonni yommuu wal’aansaaf gara biyya kanaa dhufan utuu nu hinbeekiin, Oromoo ta’uu keenya qofa ilaalanii nuu bilbilanii kan nu bira dhufan ni jiru. Nutis waan dandeenyuun gargaarree wal’aansasaanii fixanii fayyanii kan ba’aan illee ni jiru. Kan duukaa rakkannee lubbuudhaan darbanis ni jiru. Namoonni biyyuma taa’anii qorichallee bitaa nuu ergaa jedhanii nuu bilbilanii, horii nutti erganii ykn horii keenyaanillee binnee erginuuf jiru. Waliigala Kiiloleen nyaata dhiheessuu caalaa sabasaaf kan dhaabbateedha jechuudha.
Bariisaa: Wantoota nyaataafi dhugaatiif isin fayyadan kanneen akka dammaa, daakuu garbuufi kkf achumaa argattu moo, Itoophiyaadhaa isinii dhufa?
Aadde Sooyyomee: Biyyaa fichisiifanna. Damma Wallaggaa, daakuu garbuu marqaaf ta’ummoo Arsiirraa nuu ergama. Isuman marqaafis micciirraafis fayyadama.
Bariisaa: Nyaatawwaniifi dhugaatiiwwan kanneen ofii keessanii hojjettumoo ogeessonni jiru? Hojiisaawoo akkamiin bartan? Fakkeenyaaf nyaatawwan dhihaatan kunneen godinaalee garagaraatti beekaman waan ta’aniif akkamitti baruu dandeessan?
Aadde Sooyyomee: Waan si dhibu harmeenkoo kaamettiidha, ogeettii cimtuudhas. Obboleettiinkoo hangaftis akkuma kana. Ogummaawwan baay’ee maatiidhumakoo jalattin baradhe jechuudha. Ijoolleen na bira hojjetan kanneen hunda hinbeekan. Anumatu leenjii kenneefii hojjechiisa. Micciirraammoo gaafa meeshaa walitti qabachuuf gara Arsii deeme isaan biraan bare. Meeshaalee babbareedoo Kiiloleen ittiin miidhagellee baay’inaan kanin fide achumaayi.
Bariisaa: Qaaraa qocqocaaf fayyadamtanoo achumaa argattumoo, biyyaa isinii dhufa? Mi’eessituuwwan itti daddabalaman kanneen akka baala dimbilaalaa, bassoobilaa, cilaaddamafaa eessaa argattu?Aadde Sooyyomee: Baay’eensaanii asittis ni argamu. Mi’eessituuwwan xixiqqoo qofa kanin biyyaa fichisiisu.
Bariisaa: Kiilolee keessatti namoota meeqaaf carraa hojii uumtaniittu?
Aadde Sooyyomee: Waliigalaan namoonni 12 dhaabbiidhaan mindeeffamanii hojjetaa jiru. baay’inni kun namootan dhaabbiidhaan meeshaalee addaddaa irraa fudhadhu hindabalatu. Fuuldurattimmoo yommuu babal’isaa deemnu akkanuma dabalaa deema jechuudha.
Bariisaa: Fuulduratti Kiilolee eessaan ga’uuf karoora qabdu?
Aadde Sooyyomee: Amma manni nyaataa keenya guyyaatti sa’aatii saddeet hojjetaa jira. Gara fuulduraatti garuu tajaajila sa’aatii 24:00 akka kennuuf hojjetaa jirra. Kiilolee guddisuuf Waaqayyo waliin waan baay’ee yaadaa jirra; garuu ogguma yeroonsaa ga’u dubbachuu wayya.
Bariisaa: Mee duubdeebiin namootaa maal fakkaata? Itoophiyaadhaas, isin biraas, akkasumallee biyyoota biroorraa? Deeggarsisaaniwoo?
Aadde Sooyyomee: Duubdeebiin namootaa harki caalaan baay’ee bareeda. Namoota biyya Yunaayitiid Arab Imireet keessa jiran qofa osoo hintaane Ameerikaa, Kaanaadaafi biyyoota birootiillee carraa argameen Kiilolee daawwachuu dhufu. Kan si dhibu yommuu dhufanii argan gammachuurraa kan ka’e namoonni boo’anillee jiru.
Egaa haala hojii keessatti duubdeebiin karaa lamaan sii dhufuu danda’a. Kanneen yaada biraa kennanis ni jiru. Nutimmoo lamaansaayyuu nu jabeessa waan ta’eef fudhannee hojjetaa jirra. Biyya kanatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoofi Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaallee dhufanii ilaalanii daran itti gammadanii; na jajjabeessaniiru. Fuuldurattillee ambaasaaddara aadaa ta’uu akkan qabullee yaada naa kennaniiru.
Bariisaa: Hojii mana nyaataa kana cinaattimmoo Oromummaarratti ejjennoo cimaa akka qabdan odeeffanneerra. Ijoolleen keessan achitti dhalatanii guddatan Afaan Oromoo sirriitti danda’u, darbeellee ni dubbisu. Biyya akkasii keessa taa’anii haala kanaan eenyummaa ofiirratti hojjechuu kanarratti maal jettu mee?
Aadde Sooyyomee: Ani kanin jedhu, namni tokko erga Oromoo ta’ee dhalatee afaansaafi eenyummaasaa ijoolleesaa barsiisuun dirqama. Amma baay’inaan yoo agarteetta ta’e qaroomina nutti fakkaatee afaan keenya dhiifnee afaan biraati ijoollee keenya kan barsiisnu. Ijoolleen keenya afaan isa kaan karaarrattiyyuu, mana barumsaayyuu baruu ni danda’u.
Afaan maatiisaanii, Afaan Oromoo garuu yoo nuti barsiisne malee baruu hindanda’an. Yoo Afaan Oromoo barsiisnee, ijoolleen aadaafi eenyummaasaaniillee waliin baraa deemu. Yoo akkas ta’e ijoolleen keenya baratanii egere oggaa iddoowwan guguddaa ga’an biyya kan tajaajilan ta’u jechuudha. Yoommoo afaaniifi aadaasaanii beekan bor oggaa lafa guddaa ga’an isaaniyyuu sabasaaniif hojjechuu barbaadu.
Haala kanaan hinguddisne, afaan hinbarsiisne taanaan garuu ammas deebisanii biyya ormaa gargaaru jechuudha. “Dhaqii biyyakee tajaajili, ati achitti dhalatte” yoo jettenillee “ani afaan hinbeeku, aadaa hinbeeku, akkamittiin deema?” jedhu. Isa kana ani yeroo baay’ee namoota addaddaarratti argeera.
Kanaaf, dhaamsi koo maatiin Oromoo ijoolleesaanii afaan, aadaafi eenyummaasaanii isa bareedaa kana akka barsiisaniidha. Barsiisuunsaanii kun egere faayidaa olaanaa qabaata; bor isaanuma, ollaasaaniifi biyyasaanii gargaaru waan ta’eef. Hinta’u taanaan garuu bor akkuma biyyaattiyyuu nama dhabuu dandeenya jedheen yaada. Namuma nu gargaaruyyuu dhabuuf deemna jechuudha.
Bariisaa: Keessumaa biyya alaatti maatiin hojiidhaan baay’ee waan ko’ammataniif yeroon ijoolleesaaniif kennan xiqqaadha. Asirratti isin yaada akkamii qabdu?
Aadde Sooyyomee: Qabeenyi maatii tokkoo inni guddaan ijoolleesaaniiti. Maatiin tokko qabeenya horadheera yookiin milkaa’eera kan jechuu danda’u yommuu ijoolleensaa bakka qabatanitti. Kanaaf, nuti ijoollee keenya sirriitti hordofna. Oolmaasaanii guyya guyyaa hordofnee gargaarra.
Ani bakka hojiikoos ta’u dabareedhaan fidee dhufeen yeroo hojiin xiqqoo naaf hir’atu qayyabachiisa. Ijoolleen daa’imummaasaaniitti waan baay’ee qabachuu waan danda’aniif keessumaa waggaa 10 dura sirriitti irratti hojjechuu barbaachisa. Fakkeenyaaf ijoolleenkoo Afaan Oromoo, Ingiliffaafi Afaan Ispaanish sirriitti danda’u. Arabiffas hamma tokko beeku. Kanaafis deeggarsi keenya olaanaadha.
Kanaaf maatiin ijoolleesaanii dagachuu hinqaban. Hubatteerta yoo ta’e maatiin ijoolleesaatiif bilbila yookaan taableetii bitanii kennu malee garagalanii hinilaalan. Nuti garuu sagantaadhaan isumayyuu waan isaan barbaachisu ofii filanneefii kenninaaf. Caalaatti hariiroo isaan nu waliin qabantu murteessa waan ta’eef hamma dandeenyetti yeroo ni kenninaaf.
Bariisaa: Biyyoota addaddaa keessa Oromoon baay’eetu jiruutii, akkuma keessan kana aadaa ofii mul’isuufi beeksisuurrattis akka xiyyeeffataniif ergaa akkamii dabarsituuf?
Aadde Sooyyomee: Isaanin kanin jedhu, hunda dura namni tokko of ta’uu qaba. Sooyyomeen Sooyyomee ta’uu qabdi. Sooyyomeen yoo Sooyyomee taate eenyummaashee, aadaasheefi naannawashee jaalatti jechuudha. Gaafa sana ammoo waantota jaalattu keessaa abjuun dhufa. Kanaaf hunduu ka’ee hojjechuuf of jaalachuufi of ta’uu qaba.
Sababiinsaas amma yoo calluma jettee aadaa Oromoo hubatte faayaawwansaa daran miidhagoodha. Faayaawwan ummata kanaa akaakuuwwan baay’eedhaan jiru. Qodaan nyaataa, cidhaa, marqaafi kkf qaba. Oromoon aadaasaa keessatti safeeffannaawwan adda addaa qaba. Kabaja guyyoota gara garaallee ni qaba.
Fakkeenyaaf gaafa saani dhaltu calluma jedhee aannanshee elmee hindhugu. Aannan elmee walitti kuuseetu raasee dhadhaa baasee buna qalaa qalee ollaasaa waammatee sa’a dhaabbata, eebbisiifata. Aadaa bareedaa qabna. Fuudhaafi heeruma akkasuma du’a keessattillee duudhaa miidhagaa qabna.
Kanaaf, amma kan fayyada jedhee yaadu dhaloonni yoo aadaasaa gadi bu’ee bare gaariidha. Ammayyummaanis achuma keessa jira jedheen yaada. Sababiibsaas aadaa miidhagaa ittihinbu’amne qabna. Ani kana ‘natural beauty’ jedheen ibsa. Kanaaf, akka aadaa kanarratti haahojjennuun jedha; nan jajjabeessas.
Bariisaa: Oromoon waan kabaju baay’ee qaba kan jettaniin walqabatee isinis dhiyeenyuma kana Shanan haala aadaa sabichaa daran calaqqisiisuun (mucaa anqalbaadhaan dugdatti baattanii, dhadhaa addaannoo dibattanii) kabajjanii turtan. Amma ‘beebii shaawor’ jedhamee kan warra lixaati kan leellifamaa jiruutii kana keessaa bahee gara duudhaa ganamaatti akka deebi’amuuf maaltu si kakaase, akkamittis kana yaadde?
Aadde Sooyyomee: Egaa akkuman jalqabarratti siin jedhe, hojiin koo ykn Kiiloleen mataansaa aadaa, afaan, qodaafi bulfata Oromoo mul’isuurratti kan xiyyeeffateedha. Qabeenya Oromoo cimaa kana hawaasa addunyaatiif ibsuudha. Aadaan Oromoo akkuma biyyaattuu ykn Itoophiyaattuu sirriitti hinbaramne. Ani ammoo achi keessaa bahee biyya guddatteefi qaroomte tana keessatti mul’isuu kanin barbaade aadaafi duudhaa bareedaa kana.
Gaafa Shananii ati na gaafatteef, dubartiin tokko deessee guyyaa shanitti Shanan ykn Hashkutii jedhama. Gaafa sana egaa addooyyeen ykn hiriyoonnishii ykn haadhashiifi maatiin itti naanna’anii ykn dhufanii dubartii sana baalawwan urgaa’an adda addaatiin dhaqna dhiqu; itti uffisaniis urgeessanii gadi baasu. Kan ittiin urgeessanis shittoo ammayyaatiin miti. Muka urgaa’uun ulanii gadi baasu jechuudha; dubartittii tana. Oggaa gadi baatu kana meeshaalee adda addaa akka siinqee, urgooftuufi margafaa qabatteeti. Erga baatees dhadhaa muudu.
Yeroo kana, “Illaancoo koo baga hiikamtee, baga oofkalte” jedhanii faarsu; marqaanis ni dhiyaata. Dubartiin tun oofkaltee dubartoonni gammadanii, walga’anii faarsu jechuudha. Dur Maaramiidhaan faarsaa turan. Dubartoota keessaa beekamtuudha mitiiree. Maaramiitu Iyyasuus Kiristoosiin godhate. Kanaaf, waan Maaram nagaadhaan hiikamteef faarsu. Isaanis ammoo dubartii tanaan baga nagaan deesse jedhaniitu illaancoo kanaan walharkaa fuudhanii faarsuun. Gaafa sana amooleenillee ni dhiyaata. Dubartoonni isa ittinyaatan ol fuudhanii ililchu.
Animmoo aadaa kana barsiisuufan sirna ashkutii kana qopheesse. Kan si dhibu qodaan barbaadu akkan barbaadetti hinarganne. Ta’us hammi dhiyaate daran naa jaalatameera. Dhadhaa biyyaan fide, baala kalaliyaa jedhamu asumaa kunne. Dhadhicha muuddadhee, rifeensa dha’adhee ashkutii jedhee dhaloota Oromoo kana barsiisuuf gadi ba’e. Duubdeebiin argadhe daran gaariidha; baay’ees jaalatame. Aadaan keenya kana fakkaata, daran miidhagaadha.
Dhaloonni amma waan ijoollee dugdatti baataniin kana hinbeeku. Haati Oromoo anqalbaa gogaarraa hojjetamuun ijoollee baatti. Anqalbichi daran cimaadha. Akka laafuuf dhadhaa ykn mooraan dubartii ogeettiidhaan sukkuumama. Mucaashii kanuma keessa keessee hojishee kamuu hojjetatti jechuudha.
Bariisaa: Anqalbicha eessaa argattan?
Aadde Sooyyomee: Anqalbicha biyyaan fichisiise. Haaluman irranatti eereen kan ogeettiidhaan sirriitti sukkuumamee qophaa’eedha. Ani mucaa koo isumaan baachuuf murteeffadheera.
Bariisaa: Mana nyaataa keessan maalirraa kaatanii Kiilolee jettanii moggaastan?
Aadde Sooyyomee: Sababiin Kiilolee jedhee moggaaseef, Kiiloleen maqaa mucaa ishee jalqabaa maatii keenyaati. Mucaa kanaaf ani adaadaattiin oola. Mucaan kun akkuma haadhasheetti na ilaalti. Mucaan tun daran carra qabeettiidha. Kiiloleen ammoo akkuma beekamu sagalee bareedaa jechuudha mitiiree?!
Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan carraa isinii kenne?
Aadde Sooyyomee: Yoo Waaqayyo nama gargaare malee waanti milkaa’u waan hinjirreef jalqabarratti Waaqayyon galateeffadha. Ittaansuun abbaa warraa koo, gorsaa koo ijoollee keenya kunuunsuurraa kaasee waa hundaan na duukaa tureefi jiru; Kiilolee sadarkaa kanaan ga’uu keessatti shoora guddaafi maalumaanuu bakka hinbuune, gumaache onnee koorraan galateeffadha. Maqaa ijoollee keenyaatiin galatoomin jedhaan. Waaqayyo nama wajjummaan aarrii baasu nu haa taasisu. Sin jaaladha abbaa ijoollee koo jechuuniin barbaada.
Akkasumas, maatiikoo aadaa, afaaniifi eenyummaakoo sirritti beekee akkan guddadhu na taasisan haadhaafi abbaakoo, akkasumas obbolootakoo baay’ee galateeffachuun barbaada. Utuu isaan haala kanaan na hinguddisne ta’ee, har’a ijoolleenkoos eenyummaasaanii hinbeekan, Kiiloleenis banamuu mitii hin yaadamtu. Kanaaf galannikoo isaaniif guddaadha.
Sadaffaarratti ijoollee, maamila, hiriyootaafi maatii keenya biyya Emereetota Gamtoomaniitti (UAE) keessa jiraatan argamanin galateeffadha. Akkasumas kanneen bakkuma jiranii bilbilanii, qaamaanis dhufanii nu jajjabeessan, kanneen lafee dugdaa Kiilolee ta’an guddiseen galateeffadha.
Dhumarratti, Kiiloleen nyaataafi dhugaatii qofa otoo hintaane biyyattiin biyya biiznasii waan taateef yaadallee ni gumaacha. Namoota haalota adda addaatiin gargaarsa barbaadan bira dhaabachuufis qophiidha. Kiiloleen qabeenya Oromoo sabasaatiif dhaabate waan ta’eef eenyuyyuu dhufee akka itti gargaaramu afeerra. Isin, warri Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaas qomoofi saba keenya jettanii na iyyaafattanii na dubbisuu keessaniif guddaan isin galateeffadha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014