Natsaannat Taaddasaatiin
Shamarree Yaneenash Araarsoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Jimmaa Gannatii, Magaalaa Haratootti dhalattee guddatte. Shamarreen umurii 30 kun meetira tokkoofi seenti meetira 95 (1.95m) kan dheerattu yoo ta’u, saala dhalaatiin dheerinaan akka Itoophiyaatti sadarkaa 1ffaa, akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa ta’uun galmee dinqisiisoo biyyattiirratti galmoofteetti.
Dargaggoo Awwaluu Buxxuulaa ammoo Godina Gujii, Aanaa Gooroo Doolaatti dhalatee guddate. Dargaggoon umurii 24 kun, dheerinni isaa meetira lamaafi seentimeetiraa 35 (2.35m) yoo ta’u, saala dhiiraatiin akka biyyaatti sadarkaa tokkoffaarratti argama.
Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa Magaalaa Maqiitti dhalatee kan guddateefi meetira lamaafi saantimeetira 25 (2.25m) kan dheeratu Dargaggoo Nagawoo Jimaa ammoo utuu Dargaggoo Awwaluun hinbeekamin dura dheerinaan akka Itoophiyaatti sadarkaa tokkoffaarratti eeramaa ture.
Shamarree Yeneenash gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasifteen akka jettutti, maatiishee ijoollee torba kan qaban yoo ta’u, isheen ijoollee ja’affaadha. Barumsashee sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhaloota isheetti barattee xumurte.
Akkuma kutaa 10ffaa xumurteen Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Ciroo obboleettiishee bira deemtee Kolleejjii Luusii irraa dippiloomaan akaakuu barnootaa ‘Human Resource Management’n eebbifamte. Yeroo sana waan ishee dhukkubaa tureef barumsashee ittifuftee barachuu waan hindandeenyeef maatii biratti deebi’uuf dirqamte.
Kanaan dura jilbashee dhukkubsachaa waan tureef deemuufi kontoonfachuuf rakkachaa akka turteefi akkasumas baay’ee funuunaa akka turte kan himtu Yaneenash, Hospitaala Xiqur Anbassaattis yaalamtee dhibeen ishee hormoonii xannachaa (Gland Hormone) waliin kan walqabatu ta’uufi biyya alaatti yaalamuu akka qabdu itti himame. Maatiinshee humna ittiin biyya alaatti geessanii yaalchisan waan hinqabneef yaalamuu akka hindandeenyeefi dhibeen kun itti hammaachaa akka dhufe dubbatti.
Baatiiwwan lamaan darban dhibee mormaa oliitiin qabamtee baay’ee dhukkubsachaa akka turte kan himtu shamarreen tun, maatiinshee qabeenya qaban gurguranii hanga danda’an yaalchisanis dhibeen ishee kun hormoonii xannachaa (Gland Hormone) waliin waan walqabatuuf biyya alaatti baqaqsanii yaaluu kan barbaadu ta’uu doktarrishee itti himuu dubbatti. Maatiinshee humna biyya alaatti ishee yaalchisuu waan hinqabneef Waaqayyoo kadhatteefi kadhachiifattee kan fayyite ta’uu dubbatti.
Yeroo ammaa dhibee lafee miilashee mirgaa walqabatuun qabamteen rakkachaa jiraachuu kan himtu Yaneenash, dhibeen kun kan duraaniirra itti hammaachaa jiraachuufi sababa kanaan miillishee danaasaa gadlakkisaa jiraachuus eerteetti. Dheerina isheen walqabatee uffata caalaa kophee argachuun kan ishee rakkisu ta’uus himteetti.
Kanaan dura rakkoo fayyaa namudatee turerraa ka’uun hojiilee gara garaa humni koo hojjechuu danda’urratti hirmaachaa hinturre kan jettu Yeneenash, ammaan booda hojii of dandeessee akka nama tokkootti ishee jiraachisu utuu argattee hojjechuuf qophii ta’uu eerti.
Ati dheertuu waan taateef utuu biyya keenya bakka buutee dorgomtee biyya keenya ni beeksifta turte naan jedhu hiriyoonni koo kan jettu shamarreen tun, “Ijoollummaa kiyyarraa kaasee dheertuufi qal’oo waanan tureef hiriyoota koo nan caalan ture. Hojjaafi umuriin koo caalaatti walmadaaluu kan dide umurii koo waggaa 14 booda” jetti.
Dheerina kootiin miira gammachuutu natti dhaga’ama. Kanaan dura waanan naannawa baadiyyaa tureef dheerina kootiin beekamee miidiyaarratti dhiyaachuuf carraa hinargannen ture kan jettu Yaneenash, beekamtii argatteenis Oromiyaarra darbee aadaa biyya koo beeksisuun barbaada. Kennaa Waaqayyo isheef kenne kanaanis biyya ishee bakka buutee sadarkaa Afrikaafi addunyaatti dorgomuu kan barbaaddu ta’uufi qaamni beeksisa gara garaa ishee hojjisiisu yoo argame waliin hojjechuuf qophii ta’uu dubbatti.
Ani aduu gaditti Waaqayyoon malee homaa hinqabu kan jettu shamarreen kun, namoonni of danda’an utuu nagargaaranii hojjechuufis ta’e barumsa ishee itti fufuuf qophii ta’uu eerti. Namoonni na gargaaruu barbaadan yoo jiraatan karaa lakkoofsa bilbila mobaayilii koo 0917837416 na argachuu danda’u jetti.
Obboleettiin hangafaa Yaneenash Kuulii Araarsoo akka jettutti, dheerinni Yaneenash waggaa 14 booda ifatti bahee beekamuu jalqabe. Baay’ee dheerachaa ykn hojjaan ishee daran dabalaa deemuun ammoo hojii, deemsa, barumsaafi fayyaasheerratti dhiibbaa uumeera. Hojjaanshee garmalee dabaluun dhiibbaa waan irraan gaheef maatiin dheerinasheetti gammaduurra gaddaa ture. Yaalii barbaachisu sirriitti akka argattu gochuufii waan hindandeenyeef akka maatiitti nutti dhaga’ameera jetti.
Dheerinni Yaneenash dabalaa deemuun barnootaanis ta’e hojiidhaan isheefi hiriyootashee gidduutti garaa garummaa guddaa uumeera kan jettu Kuuliin, kun isheettis ta’e nutti akka dhaga’amu taasiseera. Hiriyootashee biraa hafuun ammoo haamileenshee akka tuqamee manatti akka deebitu ishee taasiseera jetti.
Yaneenash yeroo ammaa dheerinasheetti kan boontuufi Waaqayyoon itti galateeffattu ta’uushee kan eertu obboleettiin ishee, uumaan Waaqayyoo dinqisiisaa ta’uufi Waaqayyo waan hundumaatti galateeffamuu akka qabu sirriitti hubattee dheerina isheetti gammaddee jiraachaa akka jirtuufi ummannis waa’ee dheerinashee dinqisiifachaa jiraachuun miira gammachuu ishee keessatti kan uume ta’uufi Rabbiin galateeffachaa kan jirtu ta’uushee dubbatti.
Yaneenash hojii harkaa baay’ee akka dandeessu kan eerte obboleettiin ishee, jilbi ishee waan dhukkubuuf akka fedhasheetti oliifi gad sochootee waa hojjechuu garuu hindandeessu. Dheerina isheetiin Itoophiyaarraa sadarkaa tokkoffaa, Afrikaarraa sadarkaa lammaffaafi addunyaarraa immoo sadarkaa sadaffaarratti waan argamtuuf biyya ishee sadarkaa Afrikaafi addunyaatti beeksisuuf carraa bal’aa waan qabduuf abdii akka maariitti guddaa qabna jetti.
Dheerinaan Itoophiyaarraa sadarkaa tokkoffaarratti kan argamu Dargaggoo Awwaluun gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhutti, dheerinni isaa meetira lamaafi saanti meetira 35 (2.35m) yoo ta’u, ulfaatinnisaa ammoo kiiloogiraamii 125. Maatiinsaa ijoollee ja’a kan qaban ta’uufi maatiisaaf mucaa dhumaa ta’uu dubbata.
Obboloonni koo hangafummaan nadursanis hojjaadhaan kan nadursan hinjiran kan jedhu Awwaluun, barumsa hanga kutaa 9ffaatti addaan kutee hojii qonnaa eegale. Obboloonnisaa hangafaa hundi baratanii maatiirraa waan adda bahaniif abbaan maatiin kiyya baradhee akkan irraa fagaadhu waan hinbarbaanneef barumsa koo akkan dhiisu nataasisan jedha.
Namoonni hundi dheerinakoo waan dinqisiifataniif duraan hojjaa koo kanatti gammadaa hinturre kan jedhu dargaggoon kun, ergan dheerina kootiin beekamee miidiyaalee gara garaarratti dhiyaachuu jalqabee garuu dheerina koo jaalachuufi itti gammaduun jalqabe. Dheerinni koo kennaa Waaqaa waan ta’eef ittin gamnada, ittiinan boonas jedha.
Dheerinni koo namoota guguddoo waliin akkan walbaruufis carraa gaarii naaf uumeera kan jedhu Awwaluun, namoonni kennaa addaa qaban biroonis gara miidiyaatti dhufanii beekamtii argachuufi galmee dinqisiisoorratti galmaa’uun biyyasaanii addunyaatti beeksisuu akka qabaniif gaafateera. Kana yoo godhan kan hojjaan na caalullee argamuu danda’a jedha.
Hojjaan koo dheeraa waan ta’eef hawaasni ani keessatti dhaladhee guddadheefi namoonni biroon na kabaju, najaallatu, na dinqisiifatus kan jedhu Awwaluun, ofiisaatiis nama kan kabajuufi jaalatu ta’uu dubbata.
Ani ogummaafi beekumsa kootiin utuu hintaane kennaa Waaqayyo naaf kenneenan beekame kan jedhu dargaggoon kun, dheerrinni koo namoota hedduu waliin waan wal nabarsiiseefi na beeksiseef Waaqayyoon nan galateeffadha jedha.
Awwaluun dargaggoo fuudhee mana dhaabbate yoo ta’u, namootni hojii, beeksisaafi dhimma biroof na barbaadan karaa lakkoofsa mobaayilii koo 0919515158 na argachuu danda’u jedha.
BARIISAA Waxabajjii 25 / 2014