“Qorannoo 2011 hojjetameen dargaggoonni GAONF hedduun qubaan mallatteessaa turan. Amma hudhaa kana furaa jirra” – Obbo Firakiyyaa Kaasaahun

Jechamni, “Dhaloonni hinbaranne mirgasaatiif hinfalmatu” jedhu kan Jeneraal Taaddasaa Birruuti. Jeneraal Taaddasaan dhiibbaa sirnoonni darban lammiileerraan gahaa turanirraa ka’anii jechama ergaa cimtuu of keessaa qabu kana akka dubbatan hubachuun ni danda’ama. Jaarraa kana keessa dhaloota doofummaan nyaate arguu caalaa wanti nama gubu hinjiru.

Barri dukkanaa sun darbee sirni sirna nyaatee mul’anni Jeneraal Taaddasaa Birruu qabatee ka’e akka milkaa’uuf Oromiyaatti darbees guutummaa biyyaatti duulli misooma barnootaarratti gaggeeffamuu kan jalqabame yoo ta’u, keessumaa Oromiyaatti bu’aalee guguddaa galmaa’aa jiru jechuun dandahama. Manneen barnootaa moodeela ta’aniifi dhaloonni dandeettii kalaqaa qabu hedduu baay’achaa jiru.

Faallaa kanaammoo dargaggoonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee (GAONF) keessa jiraatan hedduun qubaan kan mallatteessan ta’uu qorannaan 2011 hojjetame agarsiisa.

Kun maaliif ta’e? Dargaggoonni kunniin yeroo ammaa maalitti jiru isa jedhuuf Gaazexaan Bariisaa Hogganaa Waajjira Barnootaa GAONF Obbo Firakiyyaa Kaasaahun Ganamoo dubbiseera; seenaa nama dhukkubu kana seenaa dubbisaa.

Bariisaa: Misoomni barnootaa GAONF laafaa akka ture himamaatii kun maalirraa madde? Tarkaanfiin gama kanaan fudhatame hoo maal fakkaata?

Obbo Firakiyyaa: Akka GAONFtti qorannoo 2011 hojjetmeen dargaggoonni hedduu qubaan mallatteessu. Kanaaf sababnimmoo hiyyummaan kan walqabatuudha. Dargaggoonni ganamumaa kaasanii jireenyasaanii mo’achuuf warshaalee naannawasaaniitti argamanitti hojii humnaa hojjechaa bara lakkaa’aa turaniiru.

Abbootiin qabeenyaa warshaa faaydaasaanii mirkaneeffachuun alatti fayyadamummaa dargaggootni gama barnootaan argachuu malan lafa qabsiisuurratti hanqina guddaatu jira. Kanarraa kan ka’e dargaggeessi hedduun qubaan mallatteessaa jira.

Jaarraa kana keessa yeroo baruu barsiisuun babal’ataa jirutti dargaggoota qubaan mallatteessan arguun daran ulfaataadha. Sochii misooma barnootaa mootummaan taasisaa jiru cinatti kan abbootii qabeenyaas murteessaa waan ta’eef keessumattuu warreen Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessatti argaman hudhaa dargaggootaa kana furuun komii jalaa bahuuf kutannoosaanii agarsiisuu qabu.

Bariisaa: Bara barnoonni gaheessotaafi barnootni idileen duraa babal’atetti dargaggoonni godinichaa hedduu qubaan mallatteessuun maal jedhama?

Obbo Firakiyyaa: Dhugaadha, dhimma daran nama dhukkubuudha. Qorannaa bara 2011 hojjetameen dargaggoonni GAONF hedduun qubaan mallatteessu jedheera.

Dhaloonni kun doofummaadhaan akka nyaatamu kan godhemmoo faayidaa battalaa isaan warshaa naannawasaanii jirurraa argataniidha. Sababni faayidaa battalaatti isaan oofemmoo maatiin dargaggoota kanneenii harka qal’eeyyii ta’uudha.

Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa godinicha keessatti warshaalee gara garaa misoomsuun irraa fayyadamaa jiran damee barnootaarratti hawaasa tajaajiluurratti maal fakkaatu?

Obbo Firakiyya: Abbootiin qabeenyaa tokko tokko misooma barnootaarratti hojjetanillee irri jireessisaanii faayidaasaanii malee faayidaa dhalattoota godinichaa eeguurratti laafoodha.

Waamichas taasisneerra. Kan iyya hawaasaa dhagahee deeggarsa taasise garuu muraasa. Dacheesheerraa nyaachaa dhaloota achi keessa jirummoo doofummaaf saaxilaa bara lakkaa’uun seeraanis seenaanis nama gaafachiisa.

Jaarraa kana keessa dargaggeessi qubaan mallatteessuun fafummaadha. Abbootiin qabeenyaa of qusatanis dadammaqinsa barnootaa taasifameen xiiqii hawaasa keessa buleen jijjiiramoonni jajjabeessoon galmaa’aa jiru.

Bariisaa: Manneen barnootaa xiiqii isin keessa buleefi hirmaannaa hawaasaatiin ijaaraman maal fakkaatu, amma maalirras jiru?

Obbo Firakiyyaa: Bara darbeefi barana manneen barnootaa moodeela ta’an ijaaruuf xiyyeeffannoo kenninee hojii hojjenneen bu’aa guddaan galmaa’eera. Yeroo ammaattis manneen barnootaa moodeela ta’an 12 dallaasaanii waliin qarshii miliyoona 120 oliin iajaarree tajaajilaaf oolchineerra.

Bariisaa: Manneen barnootaa kunniin deeggarsa eenyuutiin ijaaraman?

Obbo Firakiyyaa: Hundisaanii hirmaannaa hawaasaatiin kan ijaaramaniidha. Qarshiin mootummaa tokkollee ittihinbaane.

Bariisaa: Dhaloonni qubaan mallatteessu kun barnootatti deebi’eeraa laata?

Obbo Firakiyyaa: Bu’uuruma qorannoo keenyaa hordofuun hudhaalee jiran dabalataan sakatta’uun hojii hojjenneen jijjiiramni guddaan dhufeera.

Keessumaa barnoota idileetiin duraa babal’isuu, barnoota ga’eessotaa si’eessuun hojii hojjetameen duula, “Hunduu gara barnootaatti” jedhamu bannee hudha kana furuuf tattaafataa jirra.

Bariisaa: Murteessitoota qulqullina barnootaa keessaa istaandaardiin daree isa tokko. Gama kanaan manneen barnootaa keessan maal fakkaatu?

Obbo Firakiyyaa: Manneen barnootaa moodeelaa hirmaannaa ummataatiin ijaaraman kunneen istaandardii daree kan giddugaleeffataniidha. Kanamalees meeshaalee deeggarsa barnootaafi kitaabilee barataa gahaadhaan akka guutaman taasifamaniiru.

Bariisaa: Baasiian ijaarsa manneen barnootaa moodeela 12 kanneeniif bahe hammami?

Obbo Firakiyyaa: Akkuman sila sii kaase ijaarsi manneen barnootaa kanneenii hirmaannaa ummatan kan gaggeeffame yoo ta’u, waliigalaan qarshiin miliyoonni 634 ittibaheera. Kanaafis hawaasni daran galateeffamuu qaba.

Sababnisaas dargaggoota qubaan mallatteessan kana duguugee barnootatti fiduufis ta’e ilmaansa oladeemoo barnoota ammayyaa akka argataniif xiiqii isaan keessa buleen injifannichi argameera.

Bariisaa: Deeggarsa manneen barnoota Finfinnee barattootasaaniif taasisan jechuunis kan nyaataafi uffata seeraa sababeeffachuun barattoonni keessan Finfinneetti barachuuf kaka’aa akka turan himamaatii kun amma maalirra jira?

Obbo Firakiyyaa: Dhugaadha. Dur barattoota Finfinneetiif tajaajilli nyaataafi uffata seeraa tola ta’uu hordofee miirri barattoota keenyaa garas ture. Kanarratti deeggarsi kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanachi Abeebee nuu taasisan olanaadha.

Fedhii barattoota keenyaa eeguun barnootasaaniitti akka cimaniif deeggarsa uffata seeraafi sagantaan nyaachisa barattootaa godinichatti hojiirra ooluunsaa maatiif tasgabbii kenneera.

Barattoonni keenyas miira ofitti amanamummaa horachuun barnootasaaniitti cimanii qabxii olaanaa galmeessisaa jiru.

Ilmaan kaleessa hojii humnaa hojjechuun jireenya mo’achuuf dirqamaa turan har’a akkuma hiriyyootasaanii carraa barachuu argatanii qabxii gaarii galmeessisaa godinasaaniis ta’e biyya maqaa waamsisuurra gahaniiru.

Bariisaa: Oggaa waa’een waliingahinsa barnootaa ka’u Barnoota Idileen Duraafi Barnoota Ga’eessotaa Qindaa’aa Gocharratti xiyyeeffate isaan ijoodha. Hojin gama kanaan hojjetame maal fakkaata?

Obbo Furakiyya: Daa’imni kaleessa jabbilee eegdu har’a carraa barnootaa idileen duraa akka argatan ta’eera. Kanamalees ga’eessonni dargaggoonni kanaan dura carraa barnoota dhabanii qubaan mallatteessaa turan barreessuufi dubbisuu akka dandahan taasisaa jirra.

Daa’imman Barnoota Idileen Duraa baratan har’a bifaanis miidhaganii uffata seeraasaaniin faayamanii manneen barnootaa keessa wayita burraaqan arguun daran nama gammachiisa. Yeroo ammaattis manneen barnootaa 300 akka godinichaatti jiranitti barattoonni kuma 180 ol tajaajila uffata seeraafi nyaachisa barattootaa argachaa jiru.

Bariisaa: Misoomni manneen barnoota bu’uura boruu fuilduratti ijaaruuf jirtan hammami? Qophii akkamiis taasisaa jirtu?

Obbo Firakiyyaa: Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa 70 hirmaannaa ummataafi abbootii qabeenyaatiin akka ijaarruuf kallattii kaa’eera. Nuti garuu 188 ijaaruuf sochiirra jirra.

Yeroo ammaattis konfiraansii hawaasaafi abbootii qabeenyaa hirmaachisu gaggeessaa jirra. Dadmmaqinsa goonee manneen barnootaa sadarkaasaanii eeggatan ijaaruuf qophiitti jirra.

Akkuman duraan sii kaase abbootiin qabeenyaa hedduun teessumasaanii Finfinnee godhatanii godina addaarraa warshaafi hojii albuuda baasuurratti bobbahan faayidaa argatan cinatti tajaajila hawaasaafi misooma barnootaarratti hirmaannaa taasisuu akka qaban waamicha taasisneerra.

Of fayyadaa faaydaa hawaasaa booddeetti dhiisuun hindandahamu. Kanaaf hirmaannaa akka taasisaniif kallattii keenyeerra.

Bariisaa: Mana barumsaa bultii addaa ijaaruuf sochiin jiru maal fakkaata?

Obbo Firakiyyaa: Mana barumsaa moodeelaafi addaa babal’isaa jirru cinatti barattoota keenya gidduutti dorgommii uumuuf ijaarsi mana barumsaa bultii addaa akka godina keenyaatti eegalleerra.

Yeroo ammaattis qarshiin miliyoona 18 ol baasii ta’ee manni barumsaa bultii addaa GAONF bakka Koyyee Faccee jedhamutti ijaaramaa jira. Ijaarsisaas dhibbantaa 65rra kan gahe yoo ta’u, bara barnootaa 2105tti tajaajila akka kennuuf cichinee hojjetaa jirra.

Bariisaa: Gama barsiisota ga’umsa qaban hojiitti bobbaasuutiin maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Firakiyyaa: Barsiisota ga’umsa cimaa qaban bobbaasuun barattoota cimoo horachuuf gargaara. Kanaaf nutis ulaagaa barbaachisu keenyee simannee bobbaasneerra.

Barsiisonni keenya muuxannoo yeroo dheeraa kan qaban ga’umsaanis kan guutaman yoo ta’u, barattoota urjii akka horannuufi maqaan waajjira barnootaa keenyaa sadarka Oromiyaatti akka waamamu nu taasisaniiru.

Hojii gama barnootaatiin galmeessisneen sadarka argannee BBOn badhaasa nuu kenneera. Gabaabaatti seenaa qorannoo 2011 dargaggoonni godinichaa qubaan mallatteessu jedhu hambisaa jirra jechuun danda’ama.

Bariisaa: Simannaa barsiisotaatiin walqabatee barsiisaan dorgomee GAONF galuuf matta’aaf maallaqa guddaa kaffalaa akka ture, kana malees firaan walharkisuun akka jiru himamaatii kana hammam quba qabdu?

Obbo Firakiyyaa: Dur barsiisaan tokko jijjiirraanis ta’e ramaddiin GAONF galuuf maallaqa guddaa gaafatamee kennaa turuu anis nan dhagaha.

Yoon mudannoodhuma koorraa sii kaase barsiisaa ta’ee jijjiirraa laayisansiitiin haadha warraa koo wajjin akka walitti dhufnuuf waajjiran amma keessatti muudamee hojjedhu kana dhufee wanti hundi firaafi maallaqaan akka raawwatamu ergan hubadhee imimmaankoo buusee booheera.

Har’a sun hunduu darbee bakkan imimmaankoo buusee boohe sanatti hogganaa ta’ee yeroon argu waan baay’eetu natti dhagahama.

Waanan ofiikoo mudannoo akkasii qabuuf eenyuyyuu taanaan qabxiinsaa akkasumas ulaagaa manni hojichaa kaa’een seera qabeessaan dorgomee akka mindeeffamuufi akka dogoggorri darbe irra hindeebi’amneef hojjechaan jira.

Bariisaa: Yeroo gara hoggansa waajjira barnootaatti dhuftan sana warreen maallaqa fudhachuun jijjiirraafi mindeessa barsiisaa gaggeessa turan akkamiin sirreessitan?

Obbo Firakiyyaa: Hudhaan sun kan hammaatu irraa jalqabee yoo ta’u, keessumaa hanni koree jijjiirraafi ramaddiin qaqqabaa ture hammaataa ture.

Barsiisaan jijjiirraa seerri eeyyameefiin osoo fayyadamaa ta’uu maluu mindaadhuma xiqqoo argaturraa ofii agabuu bulee matta’aa kennee yeroo dhimma raawwachiifatu garaan nagubataa ture.

Bakka rakkoo kanaa waanan beekuuf koree waliin ta’uun warreen gocha akksii raawwatu bakkarraa kaasaa naamusaan adabaa hojmaanni seera qabeessi ulaagaan deeggarame hojiirra akka oolu, komiin akka salphatu taasisaa turreerra ammas ittuma jirra.

Bariisaa: Fedhiin barsiisonni godina addaa galuuf qaban olaanaadha jedhama. Kanarraa kan ka’e mindeeffamuufis ta’e gara godinichaatti jijjiirraa argachuuf matta’aa kennuun hammaateera jedhamaatii kun hammam dhugaadha?

Obbo Firakiyyaa: Eeyyee, fakkeenyaaf waggaa darbe fedhiin nuti akka godinaatti gaafanne barsiisota 18 qofa ture. Kanneen iyyataan godinicha gaafatan garuu kuma torba oli. Kun fedhiin gara godinichaa dhufuu sadarkaa olaanaadhaan jiraachuu agarsiisa.

Dhimma kanaan walqabatee hanni akka hinqaqqabne; barsiisonni buleeyyiin madaallii bu’aa hojiisaanii waliigalaatiin dorgomanii akka galan taasifama. Warra haaraan ammoo calalamanii erga qormaata dabalataa fudhatanii booda ramaddiin bakkaa taasifama. Hamma tokko hannatti karaa cufaa jirra.

Bariisaa: Barsiisonni haaraa mindeeffamanii darban dhaabbilee barnoota olaanaatti qabxii olaanaa galmeessisanii dhufanillee wayita hojiitti bobbahan hamma yaadame hingahan, kana akkamiin furaa jirtu?

Obbo Furakiyyaa: Warreen haaraa yunivarsiitiirraa bahan yoo ta’e akkuma mindeeffamaniin hordoffiifi deeggarsi ni taasifamaaf. Innis ‘meenteefi meentorii’ jedhama’ gorfamaafi gorsaa jechuudha.

Barsiisaa buleessi turtii madaqiinsaa xumure warra haaraa madaqsa jechuudha. Akkaataatti hawaasa mana barumsaatti madaqan, hojiilee karoora baasuurraa hanga madaluutti jiranirratti akka cimaniif deeggarsi karaa gorsaa, daarektaraa, suupparvaayzaraafi kkf kennamaaf.

Kanamalees yoo appilaayidiidhaan eebbifaman ta’e mala baruu barsiisuu (‘PGDT’) koorsii mala baruu barsiisuu fudhatanii dandeettiisaanii akka gabbifataniif ganna yunivarsiitiitti ergamu.

Bariisaa: Qulqullina barnootaa lafa qabsiisuu keessatti qabxii barataa ol guddisuu kan jedhamu akka safartuutti taa’eera. Kanamalees barsiisaanis itti madaalama. Qabxii barataa guddisuu jechuun qabxii dabalanii dabarsuudhamoo akkami?

Obbo Firakiyyaa: Qabxii barataa guddisuu jechuun qabxii dabalanii barataa dareerraa dareetti dabarsuu osoo hintaane akka barataan cimee bahuuf sirriitti barsiisuu jechuudha. Kunimmoo qabxii barataan sun bilchina sammuutiin galmeessiseen kan mirkanaa’udha malee dabaluu jechuu miti.

Bariisaa: Qabxii barataa guddisuu kan jedhu ulaagaa madaallii barsiisaa keessa waan jiruuf barsiisonni madaalliisaanii ol guddifachcuuf lafaa ka’anii barataa homaa hinbeekneef qabxii dabalu jedhamaatii mudannoon kun hinjiruu?

Obbo Firakiyyaa: Mudannoon kun dur dur daarektara ta’ee namudateera. Wayita sanatti, barsiisaan akkas godhe adabameera. Har’a garuu wanti akkasii hinhojjetu. Barsiisaan barataasaa barumsaan gahoomsuun qabxii seera qabeessa haqamaafi laaqama malee dhiyeessa.

Kunis kallattiilee gara garaatiin hordoffiin ni taasifama. Hordoffii guddaan qabxii barataan sun galmeessiseefi hubannoo barataan sun qabu hammam walmadaala isa jedhuun ilaalama.

Gama kanaan barsiisonni nuti of harkaa qabnu hedduunsaanii buleeyyii, warra akaakuu barnootaasaaniitti bilchaataniifi hanga digrii lammaffaatti barataniidha.

Bariisaa: Barsiisaan gara hoggansaatti keessumaa gara daarektarummaafi supparvaayzarummaatti dhufuuf deeggaraa ykn miseensa dhaabaa ta’uu qaba ulaagaan jedhu dur tureera; barsiisonnis komachaa turaniiru. Amma hoo akkamiin gaggeeffamaa jira?

Obbo Firakiyyaa: Dhugaadha. Barsiisaan tokko daarektara, ittanaa ykn supparvaayzarummaaf dorgomuuf ulaagaan dorgommii inni tokko miseensa dhaabaa ta’uudha ture.

Amma sun hinjiru. Dirreen keessa jirru kan barnootaati. Kanaaf barsiisaan qormaata qoramee ga’umsasaatiin gara hoggansaatti dhufa malee ilaalcha siyaasaatiin daarektara ykn supparvaayzara ta’uun hinjiru; ulaagaa akkasiis hinqabnu.

Bariisaa: Akka GAONFtti barsiisota meeqa qabdu, manneen barnootaa keessanoo?

Obbo Firakiyyaa: Barsiisota kuma afuriifi 612 akkasumas manneen barnootaa 300 qabna.

Bariisaa: Barsiisonni hammi kun of kennanii yeroosannii aarsaa godhanii dhaloota kana qaraa jiru. Imalasaanii kana keessatti haala mijataa uumuufiif keessumaa mana jireenyaatiin akka of dandahaniif hojiin hojjetamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Firakiyyaa: Tattaaffii rakkoo lafa mana jireenyaa barsiisotaa GAONF furuuf taasifameen barsiisonni dhibbantaa 90 lafa mana jireenyaa argataniiru. Kan warreen hafanis adeemsarra jira. Baadiyyaatti ammoo manni jireenyaa hawaasaan ijaarameeraaf.

Bariisaa: Barsiisaan amma of harkaa qabadaniifi misoomni manneen barnootaa saffisaa jiru hammam walsimata?

Obbo Firakiyyaa: Akkuma duraan sii kaase manneen barnootaa bu’uura boruu 188 akka godinaatti ijaaramaa jiru. Bultiin addaas waggaa haaraatti simannaa taasisa. Kanaafis barsiisaan baay’ee nu barbaachisa. Karoora keenya dhiyeessinee bajata nuu ramadame bu’uureffannee mindeessaafi jijjiirraan simachuun dirqama ta’a.

Bariisaa: Simannaan barsiisota bultii addaa galaniifi kan barattootaa akkamiin gaggeeffama?

Obbo Firakiyyaa: Simannaan barsiisaas ta’e kan barataa ulaagaa bultiin addaa baasuun raawwatama. Barataas ta’e barsiisaan mana barumsichaa galu ga’umsarratti bu’uureffatee ulaagaa taa’eeni. Isa kanaafimmoo Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO akka galteetti nutajaajila. Nutis gamanumaa itti qophaa’aa jirra.

Bariisaa: Kanaan dura rakkoo bajataatiin walqabatee wayita hanqinni barsiisaa isin mudatutti akkamiin furaa turtan?

Obbo Firakiyyaa: Akka fakkeenyaatti bara bajataa 2014 kana keessa hanqina barsiisaa numudate furuuf tola ooltota 100 olitti fayyadamuun baruu barsiisuun akka hingufanne taasisneerra.

Bariisaa: Manneen barnoota dhuunfaa godina keessan keessa jiran kaarikulamii barnootaa Oromiyaan baase hordofuurratti maal fakkaatu?

Obbo Firakiyyaa: Dhugaa dubbachuuf manneen barnootaa dhuunfaa kaarikulamii BBO baase hordofanii barsiisan jiru; kanneen hinbarsiisnes jiru.

Warra warra kaarikulamii naannichaatti hinfayadamnerratti akeekkachiisa kennineefii kanneen sirreessan jiraatanis kan didan ammallee jiru. Kanneen hafan sirreesuuf humna guutuun hojjetaa jirra.

Hamma naannoo Oromiyaa keessa jiranitti kaarikulamii biirichi baafateen alatti barsiisuun hindanda’amu.

Bariisaa: Dhaabbileen barnootaa dhuunfaa akka Afaan Oromoo hinbarsiisnes ni dubbatamaatii kana hoo quba qabduu? Kanamalees hanga hoggansisaanii Afaan Oromoo hinbeeknetti leenjii barnootaa akka godinaatti kennamu akkamiin milkaa’a?

Obbo Firakiyyaa: Sirriidha. Rakkooleen kunniin akka jiran irra geenyeerra. Hordoffii taasisneen kan sirrate jira. Kanneen ammallee hordoffii barbaadan jiru. Abbaan qabeenyaa damee barnootaa irratti bobbahe kamuu kaarikulamii naannoon itti fayyadamu hojiirra oolchuuf dirqama qaba. Ta’uu baannaan tarkaanfiin irratti fudhatama.

Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif galatoomaa.

Obbo Firakiyyaa: Isinis sochii misooma barnootaa godina keenyaa sakatta’uun deeggarsa ogummaa nuu taasifataniif galatoomaa! Horaa Bulaa!

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You