“Humnooti qabsoo hidhannoo gaggeessan faayidaa ummataaf jecha qabsoo karaa nagaa filachuu qabu” – Obbo Araarsoo Biqilaa (Hayyuduree ABO)

Finfinnee: Humnooti qabsoo hidhannoo filatan faayidaa ummatasaaniif jecha haalduree tokko malee qabsoo karaa nagaa filachuu akka qaban hayyu dureen ABO, Obbo Araarsoo Biqilaa beeksisan. Sababa qabsoo hidhannootiin miidhaa ummatairra ga’aa jiru balaaleffataniiru.

Obbo Araarsoon ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsanitti; qabsoon hidhannoo gidduutti ummata dararaa waan jiruuf humnooti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran faayidaa ummattasaaniif jecha qabsoo karaa nagaa filachuu qabu.

Yeroo ammaa kanatti wanti qabsoo hidhannoo keessa nama galchu hinjiru. Injifannoo dhiigaan dhufe cimsachaa isa hafeefi immoo karaa nagaan tokkoomanii qabsaa’uun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu murna hidhatee lolurratti wayita fudhatu gidduutti ummati Oromoofi sabooti biroon Oromiyaa keessa jiraatan gaaga’amaa jiru. Kanaaf, qabsoon hidhannoo yeroo ammaatti barbaachisaa miti.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) qabsoo hidhannoo kan filatee bosona seeneef miidhaa ummata Oromoorra ga’aa ture qolachuuf ture. Haata’u garuu mootummaa federaalawaa Itoophiyaa waliin mari’atee yeroo biyya keessa seenetti gaaffii oromoo hafe deebisuuf karaa nagaa qabasaa’uuf biyya keessa seenee qabasaa’aa jira. Karaa nagaa qabsaa’uun addichaa maraamartoo lolaa keessaa biyya baasuun faayidaa ummattoota biyyatti kabachiisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Carraan karaa nagaa qabasaa’uu amma argame kun aadaa sirna gadaanis akka daggeramu eeruun yeroo ammaa kana obboleessi obboleessarratti hidhatee walajjeesuun, waldiiguu, walabarauun, walqooduun duudhaa Oromoo miti. Karaa nagaan qabasaa’uun mareen rakkoo naannichaa furuurra darbee rakkoo Itoophiyaa furuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Sababa qabsoo hidhannootiin nageenyi naannchaa boora’uun barataa, daldalaan hojiisaarraa gufachaa jira. Qonnaan bulaan lammiisaatiin qe’eesaarraa buqqa’uun rakkoo hawaasi dinagdee garagaraaf saaxilamaa jira.

Gaaffiin Oromoo yeroo ammaa jiru rakkoo qawwee nama fudhachiisu miti kan jedhan Obbo Araarsoon, waan hanqate mariin furuun fala akka ta’u ibsaniiru. Qabsoon hidhannoo amma jiru biyya sirnaa ala taasisuuf waanta raawwatamaa jiru waan ta’ef sabuma kamiifuu hinfayyadu. Kanaafis Sumaaliyaan dhalooti ishee magaalaafi baadiyyaa walfixuun hanga ammaatti biyya ta’uu akka hindandeenye akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Rakkoon biyya kanaa walii obsuufi waldanda’uu dhabuudha. Lola kaabaa karaa nagaan furmaata ittilaachuuf fedhi mootummaan agarsiise gaarii ta’uu ibsanii, akka fiixaan ba’uufis hawwii qaban ibsaniiru. Yeroo waraanni kaabaa eegalame irraa eegalee ABOn karaa nagaa malee qabsoon hidhannoo furmaata akka hintaane irra deddeebi’ee ibsaa turuu yaadachiisuun karaan nagaa eegalame maraammartoo lolaa keessa biyya baasuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Oromoon injfannoo argame qabatee isa hafe ammoo gara fuulduraatti dhawata dhawataan akka deeffatuuf humnooti qabsoo hidhannoo gaggeessa jiran haala duree tokko malee qabsoo karaa nagaa akka filataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Rippoortara Gaazexichaan

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You