Gatiin nageenyaa meeqa?

Oromiyaan uumamaan biyya waan hundaan badhaateedha. Jalqabuma yeroo uumamtu dachee kanatu sitti hafa hinjedhamne, waamaraan guutuu taateefi haadha qabeenya hedduuti.

Dacheen ishee yoo qotanii facaasan/irra dhaaban dachaan kan namaaf laatuufi kan nama hin qaanessine, ijoollee isheerra darbee alagaa kan beela baasu, fooniifi aannan loowwan ishee nyaatamee dhugamee kan hinquufamne, mukeenshee kan damma of keessatti baatan sun guddinni jirmasaanii ajaa’iba kan nama jechisiisuudha.

Akkasumas, haroofi laggeen dhedheeroofi mimmiidhagoo biyya dheebuu baasan, ilmaanshee maanguddootaafi abbootii Gadaa jalatti beekumsa sooramaa guddatan kan sammuun qaraa sun dabalataan yoo baratan beektota, hayyoota ta’anii rakkoo biyya ofiirra darbee kan ormaa furuuf dandeettii cimaa qaban, yoo weellisan kan sagalee kiiloleen dhaga’amee hinquufamne, yoo fiigan warqiifi meedaaliyaawwan hammaaranii biyya boonsan, yoo lolan kan gootummaan mo’anii galan, yoo hojjatan kan milkaa’an, kan bareedinnisaanii ilaalamee hinquufamneedha.

Ummanni Oromoo ummata aadaafi seenaa dheeraa qabu, ummata garalaafessaafi hammataa ta’e kan safuufi safeeffannaa qabu, kan jaalala malee jibba hinbeekne, ummata nama miidhuuf tasumaa hin yaadneefi hammeenyi keessasaa hinjirreedha. Ummanni keenya seera uumamaa sodaatee seera namtolcheemmoo kabajee nageenyaan ummata jiraachuu fedhuudha. Oromoon nagaa, misooma, guddina, waldanda’uu, walkabajuufi kkf labsa.

Nageenyi ummata Oromootif barbaachisaa qofa osoo hintaane waamara. Kan Oromoo caala nageenya fedhu, nageenyaaf hojjetu, nageenyaaf waardiyyaa dhaabbatu, nageenya hawwu hin jiru. Ofiif qofa osoo hintaane hundaaf nagaa hawwa. Nageenyi akka hingaaga’amne yeroo mara dhama’a. Namaaf qofa osoo hin taane nageenya lubbu qabeeyyii maraaf iddoo guddaa kenna.

Sirnoonni darban hundi ummata kanaafi dachee isaa nagaa dhorkaa turaniiru. Ajjeesaa, hidhaa, qaamaa miidhaa, haadholii Oromoo ilmaan irraa ajjeesanii boochisaa, abbootii Oromoo gidirsaa, saamaa, darban. Laftiifi qabeenyi Oromoo halagaadhaan nyaatamaa tureera, gaddiifi booyichi mallattoo Oromaa sadarkaa fakkaachuurra ga’ee ture.

Qonnaan bulaan, barataan, beekaan saba kanaa akkuma ga’ee ga’ee isaatti gidirfameera. Dararaa hedduun boodas ummanni kun osoo boquun isaa hin cabin, abdii osoo hinkutatin, onneesaa sibiilarra jabaatu sanaan waan hunda danda’ee har’arra gaheera.

Baroottan darban hedduuf sabni kun hacuuccaafi cunqursaa isarratti raawwatamu hunda danda’ee osoo hinjilbeenfatiin falmatee roorroofi gidiraa isarra dhaqqabaa ture qolachaa jiraate.

Har’ammoo kana hunda booda Oromoon carraa guddaa argatee biyyasaa hogganee ummata keenyaaf aduun baatee gaaffiin isaa baroota dheeraa deebii argatanii; nageenyaan jiraachuun osoo irraa eegamuu faallaa isaatiin walii isaatiin walwaraanee, walxiqqeessee, walsalphisee, waltuffatee, walitti duulee walcabsuuf hirriba dhaba.

Duula diinni nurratti gaggeessu caala duulli nuti walirratti gaggeessinu cimaa dhufeera. Duula diinaa irree tokkoon ofirraa qolachuun kan danda’amu tokkummaadhaan ta’us nuti garuu iddoo baay’eetti waal qoodnee diinaaf karaa bannee haala mijataa uumneerra.

Yeroo kana guddinniifi milkaa’inni tokkoo isa biraatti dhibee ta’ee, yoo inni tokko gammadu kuunimmoo gammachuu kanaatti gaddaa yeroo jirurra jirra. Walgargaaranii walutubanii waliin dhaabachuu Oromoon ittiin beekamuu har’a jijjiiramee faallaa ta’ee hunduu bitaaf mirgaan adda adda fiiga. Karaa nagaa ta’een, karaa kabaja qabuun dogoggora walii walitti himanii walsirreessuun hafeera. Hunduu walyakkee walbuusuuf walitti gama.

Beekaan, hayyuun, jaarsi, abbaan Gadaa, haati Siinqee Oromoo bara itti kabaja dhaban keessa jirra dur dur waldhagahuu, walamanuun, waliif abboomamuun aadaafi safuu Oromooti. Jaarsiifi abbaan Gadaa waan namaan jedhe dhagahanii, waan namatti murteesse fudhatanii waliin jiraatu. Xiqqaan guddaa kabajee, wallaalaan hayyuu irraa baratee, ofiif mitii kaaniif akka fakkeenyaatti fudhatama ture.

Dachii uumaan tolchee uume waan hundi barbaadamee irraa hindhabamne kan ilmaan isheerra darbitee orma jiraachisuu dandeessurra osoo jirru garuu nuti waliin jiraachuun nutti cimaa dhufeera. Sabni keenya ani siif haa du’u jedhee waliif falmee caba walii waliif okkolaa ture har’a garuu walcabsee walajjeesaa jira. Jaalalliifi amantiin ummata keenya gidduu ture suuta suutaan gara jibbaafi walshakkiitti jijjiiramaa jira.

Yeroo ammaa diinni garaagarummaa nugidduutti uumame hubatee ajandaa xiqqoo argate guddisuun maqaa dachii eebbifamtuu kanaa guyya guyyaan abaaraa oola. Jibbitoonni Oromoofi finxaaleyyiin afarsoofi olola maqballeessii miidiyaa idileefi midiyaalee hawaasummaa gaggeessaa jiru. Sanuu dachii Oromooti kan isaan abaaran dachii irratti hojjetanii irratti jijjiiramanii irratti nama fakkaatan.

Lubbuun namaa eessumattuu haa ta’u yoomiyyuu darbuun gadda nama keessatti uumuun waanuma jiru. Garuummoo gatiin lubbuu namaa walhincaalu. Lubbuu darbuuf quuqama qabaachuun sirruma ta’ee lubbuu isa kaanii gatii dhabamsiisaafi ajjeesaa kan isa kaaniif ammo maraachuun fayyummaa miti.

Booyichi yeroo ammaa mul’atus lubbuu dabarteef osoo hintaane maqaa balleessii ta’uun isaa ifadha. Gama biraatin qaamni kamuu maqaa Oromoo dhahatee lubbuu namootaa balleessummoo gochaa badii isaa kanarraa ofqusatee gara seeraatti akka deebi’uufi rakkoo jiru akkuma Oromdurii kara seera qabeessa ta’eefi haala miidhagina qabuun furachuutu barbaachisa.

Sabni kun safuu qaba. Lubbuu namaa qaalii mitii kan bineensaafi beelladaallee ofkaltii gaafateeti kan ajjeesu. Sabni kun muka arge hundallee hibmuru. Oromoon waan hundaaf kabaja qaba. Haa ta’uutii maqaa bareeda saba kanaa xureessuuf carraa argatan hundatti fayyadamuuf yaalu. Kanammoo kan haala isaanif mijeessu numa mataa keenyadha. Akkuma muummichi ministiraa Doktar Abiyyi yeroo darbe jedhan “jibbitoonni Oromoo boquu ummata kanaa cabsuuf waanti isaan hingodhin waanti isaan hinyaalin hinjiru”.

Akkuma baran har’as duula kana ittifufaniiru. Inaaffaafi dhiphinni isaan keessa jiru boqonnaa isaan dhowwee halkanii guyyaa waan yaraa ummata kanarratti yaadaafi karoorsaa jiraatu. Diinni keenya yoomiyyuu hinrafu. Yeroofi haala mijataa eegee karaawwan danda’ameef maraan maqaa saba kanaatti cilee dibuuf dhama’a.

Seenaa biyyattii baroota darban keessa barreeffamanirratti seenaan saba guddaa kanaa xuraa’ee maqaansaas badee dhalootasaanii har’aatiif darbeera. Garuummoo yeroosaa eegee seenaan dhugaa ba’ee seenaa sobasaanii awwaalee akka itti qaana’an isaan taasiseera.

Yeroo ammaas waanti isaan raawwachuuf yaalaa jiran kan kanaa gadii miti. Saboonniifi sablammoonni mirgi bakka fedhiisaanii jiraachuuf qaban akka baduuf olola hafarsuun sabni tokko saba biraa ija shakkiitiin akka ilaalu ciminaan hojjechaa jiru.

Akka nageenyi guutummaa biyyattiitti mirkanaa’uuf Oromiyaan darbees naannoleen biyyattii hundi nagaa ta’uutu irra jiraata. Abiddi iddoo tokkotti boba’u suuta suutaan guutuu biyyaa keessa labuun waan hafu miti.

Kanaaf abidda iddoo tokkotti qabate boba’aa itti firfirsuurraa ofqusatanii karaalee itti dhaamsuun danda’amurratti cimanii hojjechuutu murteessaadha. Gartuu finxaaleyyii jibbaafi walwaraansa labsanimmoo mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu eegale cimsee ittifufuu qaba.

Warreen qarqara dhaabbatanii nageenya dhabne, nageenyi boora’e, nageenyi biyyattii nuyaaddesse jedhanis gara gidduutti dhufanii dhimma nageenyaa irratti mariyatanii mariyachiisuu, irratti hojjechuufi waardiyyaa nageenyaa ta’uutu irraa eegama.

Gaafa nageenyi jiru guddinni, misoomni, wal morkuun, darbees jireenyi jiraata. Biyya nageenyi hinjirre keessatti diigamsa malee ijaarsi hin jiraatu. Nageenyi waan maraaf wabiidha. Kanaaf hundi keenya nageenya walii keenyaatiif dhaabachuutu nurraa eegama.

Walumaagalatti dachii qananiituufi ummata kabajamaa kanarraa uumamnee maqaa saba keenyaafi dachii keenyaa kabajnee kabachiisuu, misooma ishee ariifachiisuu, garaagarummaafi adda addummaa nugidduu jiru bifa ammayyaa’aa ta’een mariin furuu akkasumas walkabajuufi waliif yaaduutu nurraa miidhaga.

Dogoggora walii walitti himaa walsirreessaa, gaarii walii waljabeessaa, laafina walii walutubaa deemuutu aadaa keenya. Warreen dogoggora keenya eeganii maqaa keenya bareedaa xureessuuf dhama’aniif ulaa banuun aadmaleedha.

Haa tokkoomnu. Ciminni keenya tokkummaa keenya. “Qunceen walgargaartee arba hiiti” akkuma jedhamu walgargaarree Oromiyaa keenya nageenyaafi tasgabbii isheetiif waardiyyaa haataanu.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You