Fakkeenya turiizimii Oromiyaafi Itoophiyaa, Baale

Lafa Aadaafi seenaa, duudhaa ganamaafi madda Oromoota, madda hayyootaafi goototaa tan uumamaan badhaateefi aaliin eebbifamte.

Warra aadaa Oromtichaa isa ganamaa irraa hedduu hin fagaanne, sochii guyyaa guyyaafi simannaa keessummaa kamittuu keessatti uffannaa eenyummaasaa ibsuun faa’amuu hin daganne, ummata qaroome kan arjoome.

Warra aannan ituttuu ciiccoon nama obaasee nama hin hifanne, warra marqa qorii guddaan nama jala kaa’ee irra deddeebi’aa dhadhaa itti naqu warra arjaa biyya quufaa.

Qe’ee argama Oromoo ta’uusaa hubachuun Oromoota maraa hammatu, qe’ee hangafoota qabsaa’ota Oromoo ganamaa, iddoowwan aadaafi seenaa biyyarra darbee sadarkaa Addunyaatti beekkaman qabu, biyya omishaanis taanaan Ofirra darbee Oromoo nyaachisuun Itoophiyaa abdachiisu hunduu yoom wallaale, Baale.

Dachiin qabsoon Oromoo sirna gita bittoota sanyii Salamoonawaa irratti taasifamu keessaa keessatti eegalame, mootota Abisiiniyaatiif gabbaruu didanii ummatasaanii qindeessuudhaan diina qolachuun irratti jalqabame biyya Haaj Aadam Saaddoo, Useen Bunee, Generaal Waaqoo Guutuu, Koloneel Aliyyii cirri eenyu waamnee eenyu dhiisnaree namni dachee sanarratti dhalatee gootummaafi quuqamni sabasaa hanqatu hin qabdu jechuunuu kan danda’amuudha.

Lafti qabsooo hooggansiifi qabsaa’oonni hedduu Oromoofi Oromiyaadhaaf irratti wareegame Baale, hanga gumaacha qabsoo Oromoo keessatti qabdu sana, hanga qabeenya uumamaan qabduufi iddoowwan aadaafi seenaa hawata turiizimiitiif ooluu danda’an hedduu qabdu sana sirnoota yeroo adda addaatti biyyattii bulchaa turaniin xiyyeeffannoo misoomaa akka hin arganne namni har’a Baaleen daawwatu kamuu ragaa bahuu kan danda’uudha.

Biyya osoo omisha qamadii fi garbuu Oromiyarra darbee biyyattii sooruu danda’utti daandiin mijataan ittiin omisha gana iddoo tokkorraa gara iddopo biraatti sochoosu dhabamuun, biyya osoo iddoowwan hawata turiizimii biyyattii bira darbee akka Afrikaatti hin argamne qabdutti daandiin aspaaltii turistootni ittiin achi dhufan dhabamuufii bu’uraalee misoomaa biroo guuttachuu dhabde, biyya osoo bishaan uumamaa gahaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf carraa dhabdee bishaan biratti dhaabuu bulte Baale.

Torbee darbe sirni tokko biyya madda Oromootaafi haadha Oromoo maraa taate Baaletti gaggeeffamee waan tureef ilmaan Oromoo seektara aadaafi turiizimii godinootaafi magaalota Oromiyaa hundi iddoo jiruu wal waamee marii maatiitiif achitti wal argee ture.

Akkuma maqaansaatuu ibsu jillli sun jila aadaafi turiizimii Oromiyaati. Baaletti kan isaan walitti qabes raawwii hojii bara baajataa 2014 gamaaggamuufi karooraafi kallattii bara dhufuu akeekuuf ture.

Turiizimii madda galii cimaa ta’uusaa amananii xiyyeeffannoon akka irratti hojjatamu akeekuu, ilaalchootni gadaantummaa damee kanarra jiran akka geeddaramaniifi jijjiirama ilaalchaa fiduunis kaayyoo waltajjichaa keessaa isa tokko ture.

Maarree dhimmoota kanneen irratti mari’achuuf akkuma kanaan dura baramee Finfinnee kn Adaamatti Hoteela guddaa tokko keessatti guyyoota lamaa sadi walga’anii gamaa ggamma qofaan dhiiqga wal dhaabanii adda bahuu irra, magaalota gurguddoo keessaa bahanii gola Oromiyaa adda addaatti waa’ee Turiizimii Oromiyaa mari’achuun akkam bareeda! Sanuu iddoo hawata turiizimii akka Oromiyaa qofaa osoo hin taane akka biyyattuu beekkamtuu taate  Baaletti yemmuu qophaa’u immoo midhaagina dacha akka ta’u nama naannicha daawwatee beeku kamiifuu ifaadha.

Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromyaa immoo hojii akkanaa kan eegale har’a yookiin isa Baalee kanarrattii miti. Bara darbes haaluma walfakkaatuun gamaaggama hojii seektarichaatiif magaalota gurguddoo keessaa bahee qe’ee shaman gibeetti Godinootaafi Magaalota Oromiyaa hunda imalchiisee Buna ooyruu Abbaa Jifaar dhandhamsiise.

Hojii fakkeenyummaa qabu kana immoo baranas itti fufsiisee jilasaa guuttatee lafa aadaafi duudhaa gabbataa qabdu qe’ee ilmaan sikkoo mandoo Baaletti walitti qabee Itittuufi marqa jala qabe.

Guyyaa jalqabaa ummanni seektara aadaafi turiizimii Oromiyaa godinootaafi Magaalota Oromiyaa hundarraa Baaletti walga’e sana sirni simannaan Hawaasni Baalee Oromoota guutuu Oromiyaa irraa dhufaniif taasisan sun, simannaa haati ijoolleeshee sababoota garaa garaatiin gar gar faca’anii turuudhaan gaafa gara maaatiitti deebi’anii dabalaman haati taasiftuuf kan fakkaatu ture.

Dhugumatti immoo Baale haadha Oromoota hundaa ta’uusaa qabatamaan mirkaneessitee jaalalaan haawaasa daawwannaaf achu dhufe sana jaalalaan miira keessa galchitee maraachite. Simannaadhaaf dadiiqaa 40 ol dhaabbatanii sirboota aadaa simannaa keessummaa sikkoo mandoo garaa garaatiin namni iddoo dhaabbatetti akka mugu taasisanii, gaafa sirna simannaa xumuranii cireedhaaf ummata ol naqan immoo haalli ture nama bakka sana tureen alatti yemmuu namni biraa nammatti himu amanuudhaaf wantoota namatti ulfaatan heddutu ture.

Yeroo amma keessa jirru kanatti namni dhadhaa nyaachuun hafee zayitiin birrii kuma galee namattis bitaa gale kanatti, Baale marqa keessummoota hangas baay’atan kana jalatti tuulanii, dhadhaan bassaa ykn baqeefi aannan hoo’aaniifi itittuun immoo gosa gosaan akka fedhii namootaatti kennamaafi.

Hunda caalaa immoo wanti nama dhibu. Marqichi yeroma dura namaaf kennamuyyuu gidduusaatti dhadhaan baqe guuttameeti. Yeroo nyaatamee xiqqoo dhadhaan sun akka waan hir’atuu ta’e immoo dubartootni dhadhaa baqe san ‘jeyii’ yookiin immoo qabee dhadhaa bassaa sana qabatanii keessa adeemuudhaan iddoo dhadhaan marqa keessaa hir’ate jedhanii yaadanitti dabalu, osoo dhadhaan jalqaba marqicha keessa jiru hin dhumne fa’a irrumaan dhabalanii sadarkaa dhadhaa malee marqi dhadhaadhaan liqimfamee marqicha bira gahuun ulfaatuutti itti naqu.

Kun immoo namoota hedduu ajaa’ibsiisee miira addaa keessa seensiseera. Yeroo zayitiin akka qorichaatti xiqqeeffamtee ittoofi wantoota garaa garaatti naqamaa jirtutti, warri baddaa Baalee dhadhaa hanga marqicha ijaan arguu dadhabdutti itti naqanii ummata maalalchiisan.

Namni keessummaa ta’ee baaletti imale immoo waan asii olitti tarreeffame kana immoo qabatamaan arguunsaa waan hinoolle.

Ummata gamaaggama hojii waggaatiif achitti walga’e dursee nyaachisee obaasuun iddoowwan qabeenya uumamaatiin badhaadhan kan daawwachiisan ilmaan Waaqoo, paarkii gaarreen Baalee kan shimbirrootni gosa garaa garaa itti argaman, bineensotni akkuma Addunyaatti iddoo biraatti hin argamne keessatti qubatan, gaarri Tullu Diimtuu Itoophiyaa keessaa dheerinaan sadarkaa 2ffaa irratti argamu keessa jiruufi paarkii diinshoo daawwachiisee gara waan dhufaniitti bobbaase.

Godinootnifi magaalootni Oromiyaa dame kanarratti xiyyeeffannoon hojjatan akkuma jiran, kanneen damichaaf xiyyeeffannoo gahaa kenuu dhabuun raawwiin karoorasaanii gadi bu’es hedduudha. Godinootni akka Bunnoo Baddallee,Shawaa Kibba lixaa,Baale,Arsii lixaafi Harargee Bahaa raawwii walii gala seektarichaatiin godinoota wal duraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa bahan yemmuu ta’an, magaalootni akka Shaashamannee, Adaamaa, Ambo, Roobeefi laga xaafoo immoo raawwii seektarichaatiin walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa magaalota bahaniidha.

Oromiyaan waggoota lamaafi sadeen kana keessatti dame turiizimii irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuusheetiin bu’aawwan hin yaadamne argachaa kan jirtu yemmuu ta’u, akka baay’ina iddoowwan hawata turiizimii qabduutiin hojjannaan immoo galii olaanaa ta’e argachuudhaan dhugumatti turiizimiin madda galii ta’uusaa mirkaneessuun salphaadha.

Walumaa galatti, hojiin seektarri turiizimii gamaaggama hojii waggaas ta’ee walga’iiwwan garaa garaatiif gara gola Oromiyaa garaa garaatti taasifamu mataansaatuu akka daawwataatti kan ilaallamu waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Seektarootni biroo kanneen yeroo hunda magaalaa Finfinneefi Adaamaa bira hin dabarres fakkeenya kana hordofuun barbaachisaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You