Biyyiifi lammileen albuudarraa akka fayyadamaniif…

Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaatiin badhaate akka taate ni himamaaf. Keessumaa albuudoota akaakuu addaddaa baay’inaan qabdi. Ta’uus sababoota garagaraatiin faayidaa irraa argachuu qabdu argachaa hinturre. Inumaayyuu naannawa albuudi keessaa ba’u rakkoolee hawaas dinagdee hedduuf saaxilamaa ture.

Misoomni albuudaa biyyattii silaa lammileefi biyya fayyaduun dinagdee utubuu qabu waggoota dheeraaf giphii (kiisii) namoota dhuunfaa gabbisaafi kuufama qabeenyasaanii ta’aa tureera. Mootummaanis rakkoo kana hubachuun furmaata waaraa fiduuf keessumaa jijjiiramaa as damee albuudaarratti hojii riifoormii bal’aa hojjeteera. Ministeerri kallattiidhaan dhimmicha isa ilaallatu Ministeerri Albuudaa bakka hojii miidhagsuufi hawwataa taasisuurraa eegalee hojiilee dinqisiisoo hojjeteera.

Kanarra darbees albuudni dinagdee namootaa guddisuurra utubaa dingadee biyyaa akka ta’uuf hojmaataafi seera sakatta’uun kanneen fooyya’uu qaban fooyyessee kanneen sirrachuu qabanis sirreesseera. Seermaleessummaan cancala omishaafi daldalaa damichaas akka hiikamuuf hojmaata diriirseera. Kanneen hojmaata taa’ee eeganii hinhojjennerratti ammoo tarkaanfii barbaachisu fudhachuu eegaleera. Dhiheenya kanas abbootii eeyyamaa albuuda qorachuu, omishuufi alatti erguurratti bobba’aan 900 ol eeyyamasaanii guutummaatti haqeera.

Ministirri Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa akka jedhanitti, jijjiiramni akka biyyaatti taasifamu ijaarsa dinagdee daneessa bu’uura kan godhate yoo ta’u, kunis albuudni qonnaaf, maanifaakchariingiif, indastiriifi daldala alaaf waan ooluuf taatoonni damichaa hundi seera eeganii hojjechuu barbaachisa. Kana keessattis taatoonni sirnaan hojjetanii ofirra darbanii biyyas fayyadan akkuma jiran kanneen faayidaa dhuunfaasaanii qofaaf hojjetanis baay’eedha.

Kubbaaniyyoonni hojmaata albuudaatiif barbaachisu eeganii hinhojjenne kan qorataman yoo ta’u, akka of sirreessanii gara hojmaata seera qabeessaatti dhufaniifis yeroo ga’aan kennameefii turuu himanii, kanneen daandii sirriitti dhufuu hindandeenye garuu eeyyamnisaanii haqamuu kaasu. Haala kanaan kubbaaniyyoonni 972 hojii albuuda qorachuu, omishuufi aleergiirratti hirmaatan eeyyamnisaanii haqamuu dubbatu.

Kubaaniyyoonni qorannaa albuudaarratti hirmaatan yoo xiqqaate waggoota afuriifi shaniif hojicha keessa kan turan ta’ullee, imaanaa mootummaan itti kenneefi waliigaltee seenan dagachuun ittigaafatamasaa ba’achuu akka hindandeenye ibsu.

Akkasumas abbootiin eeyyamaa hojii albuuda baasuurratti hirmaatan ittigaafatama kennameef haalaan ba’achuu dhabuusaaniitiin biyyiifi ummanni faayidaa argachuu malu osoo hinargatiin tureera. Darbees abbootiin eeyyamaa aleergii albuudaarratti hirmaatan hojii seera qabeessa hojjechuurra daldala kontiroobaandiirratti bobba’uun albuuda biyyattii karaa seeraan alaa gara biyya alaatti gurguraa kan turanis eeyyamnisaanii haqameera.

Utuu eeyyamni abbootii daldalaa kun hinhaqamiin dura yeroo ga’aan irratti fudhatamee qorannoo bal’aan irratti adeemsifamuu kaasanii, kana keessattis kanneen hojjetan jajjabeessuuf, kanneen seeraan ala hojjetan ammoo tarkaanfii seeraa irratti fudhachuuf murtoo irra ga’aamuusaa dubbatu. Keessumaa damee aleergiirratti kanneen hirmaatan hojii isaan hojjetan yakka waan ta’eefis qaamolee seeraa waliin haalli itti gaafachiisuun danda’amurratti hojjetamaa jiraachuu himu.

Ministeerichi hudhaalee dame kanaa hiikuuf hojiiwwan riifoormii hojjete keessaa baay’een dhorkaawwan garagaraa kaasuu akka ta’e kan dubbatan Injinar Taakkalaan, keessumaa kotiroobaandii waliin walqabatee gara caalu kaayyoon isaa maallaqaa baay’ee argachuu waan ta’eef mootummaan gatii warqii giraama tokkoo baankiin biyyaaleessaa bitee gabaa addunyaaf dhiheessuurratti kan % 29 ture % 35 dabalataan akka bitu murtaa’eera, kunis dhiheenya gara naannooleetti buufamuun hojiitti hiikamuu kan eegalu ta’uu ibsu.

Inni biraan abbaan eeyyamaa tokko warqee kiloogiraama shan baankii biyyaaleessaaf dhiheessuu qaba inni jedhu giraama shantamatti gadi buufamuun isaa hojii seeraan alaa hir’isuu keessatti shoorri isaa olaanaa ta’uu eeranii, adeemsa kanana dura tureen kubbaaniyyoonni seeraan ala hojjetaa turan bitanii kuusuun gatii fooyya’aa yommuu argatan kotiroobaandiidhaan alatti baasanii gurguraa akka turan himu. Hojmaanni kun sirrachuusaatiin kanaan dura inni daldalaaan qofti fayyadamaa ture hafe omishaanis kallattiidhaan fayyadamaa akka ta’uufi cancalli gabaa gidduu jiru akka gabaabbatu ta’uusaa addeessu. Kana jechuun omishaan warqee tokko warqee giraama 50 fuudhee gara baankii biyyaaleessaa yoo deeme gabaa idil addunyaarraa % 35 dabalataan gurguratee gala jechuu akka ta’u addeessu.

“Hojii kotirobaandii qaamolee nageenyaafi boordarii cufuun qofa ittisuun hindanda’amu; inni mala tokko ta’uus. Inni murteessaan gatii fooyya’aa barbaachaaf kanarratti waan hirmaatamuuf isa sirreessuudha” jedhu.

Kubbaaniyyoonni eeyyamnisaanii haqame baay’een kan argaman Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz keessatti kan argaman ta’uu kan ibsan ministirichi, kubbaaniyoonni kunneen waggaa torbaa saddeet caalaa eeyyama baafatanii keessa jiraatanis ofirra darbee bu’aa biyyaaf buusan akka hinqabne himu. Adeemsa biyyattiin amma irra jirtuun ammoo hojmaanni qabeenya biyyattiirratti qoosuu kan hineeyyamamne ta’uu hubachiisu. Sababnisaa haalli biyyoolessaafi biyyaalessaa amma itti jiraamus hojmaata kanaaf mijataa akka hintaane eeru.

“Sababa abbootii eeyyamaa eeyyamnisaanii haqameetiin hariirii Itoophiyaan biyyoota biroo waliin qabdu rakkoo keessa akka hinseenneef xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetame. Kubbaaniyyoonni kunneen eeyyamnisaanii akka haqamu kan murtaa’e ji’a ja’aa dura.

Garuu dhimmisaanii Ministeera Hajaa Alaa akkasumas ministeerootaafi ambaasaaddaroota biyyootasaanii waliin mari’achuun hanga nurraa eegamu caalaatti isana gargaaruuf yaalleerra. Kanarra darbee kubbaaniyyaan mooraalii qabaatee Itoophiyaa ceepha’u hinjiraatu” jedhu.

Akka ibsa Injinar Taakkalaatti, kubbaaniyoonni hammi kun eeyyamnisaanii haqamuun hojii albuudaarratti dhiibbaa fiduu tokkollee hinqabu. Sababnisaa kubbaaniyyoonni seera eeganii hojjetan ga’aa ta’aan waan jiraniif.

Hojiin albuudaa warqee qofa osoo hintaane xaa’oo, keemikaala omishuufi kanneen kaanis ni dabalata. Warqeerratti ammoo kubbaaniyyaan alaa hedduu akka galu in barbaadamu. Kubbaaniyyoota lama sadii galchuun isa kaan bifa aadaatiin omishuun yoo danda’ame ga’aadha. Damee kanaan hanga waggoota shaniitti warqii toonii 30 omishuuf karoorfameera.

Omisha xaa’oo wajjinis walqabatee kubbaaniyyoonni 30 ol hojjechuuf dorgomuusaanii kan ibsan ministirichi, dogoggoorri akka Warshaa Xaa’oo Yaayyoo kanaan dura akka hinuumamneef garuu ofeeggannaa olaanaadhaan hojjetamaa akka jiru himu. Kanarrattis kanneen iyyatasaanii galchatan sakkatta’uun ulaagaa barbaachisu kanneen guutan hojiitti kan seena ta’uu eeranii, kanaafiis koreen teknikii dandeettii cimaa qabu hundaa’uu himu.

Adeemsa eeyyama kennuu keessatti kubbaaniyoonni naannawaarratti miidhaa akka hingeesisneef hojmaanni kanaan dura mootummaan federaalaa qofaasaa eeyyama kennaa ture jijjiiramee amma inni naannoorra jiruufi kan federaalaa waldubbisee akka hojjetu ibsu.

Fakkeenyaaf rakkoo kanaan dura Godina Gujii, laga Dambiirratti uumamee ture beekamtii naannootiin ala kan federaalaan kenname turuu himanii, adeemsa ammaatiin garuu isa naannoon hojjetu federaalli, isa federaalli hojjetammoo naannoon beekuun waldubbisuun akka hojjetamu kaasu.

Gama biraatiin omishaafi raabsa simintoo wajjiin walqabatee ministeerichi hojii bal’aa hojjetaa jiraachuu kan himan Injinar Taakkalaan, keessumaa rakkoo gabaa wayita ammaa mul’ataa jiru hiikuuf ejentoota gara 500 ta’an kallattiidhaan warshaadhaa fuudhanii gabaaf dhiheessaa kan turan yoo ta’u kunneen naannoo waliin kan wal hinbeekne ta’uu ibsu. Amma garuu naannoofi warshaan akka wal beekan taasisuun warshaaleen bakka naannooleen qopheeffatanitti akka buusan taasifamuu kaasanii, naannooleen haala qabatamaa naannoosaaniirraa ka’uun gabaaf akka dhiheessan ta’u dubbatu.

Akkasumas pirojektonni mootummaa kallattiidhaan omisha warshaadhaa akka fudhatan taasifamuu himanii, rakkoo ijoon damee kanarratti jiru garuu omishifi fedhiin simintoo biyyattii walsimuu dhabuu ta’uu himu. Haala amma jiruun biyyattiin waggaatti omisha simintoo meetiriik toonii miliyoona 50 ol kan barbaaddu ta’uus kan omishamaa jiru garuu meetriik toonii miliyoona shan omishamaa jiraachuu himu.

Kanaafuu simintoo waliin walqabatee furmaata waaraa kennuuf abbootiin qabeenyaa dhuunfaa biroonillee garasanatti akka seenan taasifamaa jiraachuu himanii, hangasitti garuu kanneen hojii keessa jiraniif deggarsi barbaachisu taasifamaa akka jiru himu.

Walumaagalatti biyyattiifi lammileen biyyattii faayidaa albuudarraa argamuurraa fayyadamoo akka ta’aaniif hojmaanni diriire sirnaan hojiitti akka hiikamuuf hunduu ga’eesaa ba’aachuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You