Waancaa liigii piriimeerii beetkiingi Itoophiyaa eenyutu fudhataa?

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii beetkiingi Itoophiyaa kan marsaa lammaffaa torban 28ffaa taphawwan saddeetiin gaggeeffamaniiru.

Shaampiyoonaan baranaa kun xumuramuuf kilaboota hunda taphawwan lama lama qofatu isaan hafa jedhamee eegama.

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti Qiddus Giyoorgisiifi bulchiinsi magaalaa Faasil mo’achuudhaan qabxii walitti dhihaatuun walduraa duuba waan jiraniif waancicha eenyutu fudhata? gaaffii jedhu uumeera.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti Qiddus Giyoorgis qabxii 61n, Magaalaan Faasiilis taphni lama isa hafuun qabxii 58n sadarkaa lammaffaarratti argama.

Qiddus Giyoorgis shaapiyoona ta’uuf walmorkiiwwan lamaan isa hafanitti mo’achuu qaba. Yookin ammoo tokkotti mo’amee tokkotti walqixa bahuutu irraa eegama. Kana ta’uu baatee tokkotti mo’amee tokkotti walqixa baanaan, Faasiil ammoo lameen isa hafanitti yoo mo’ate waancaan kansaa ta’a jechuudha.

Faasil shaampiyoona yoo ta’e Naannoon Amaaraa yeroo lammaffaaf walitti aansuudhaan waancaa liigii piriimeerii beetkiingi Itoophiyaa ni fudhata jechuudha.

Shaampiyoonaa baranaa kanarratti Finfinnee bakka bu’uudhaan kilaboonni Qiddus Giyoorgis, Bunni Itoophiyaa, Raayyaan Ittisaafi bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hirmaachaa jiru.

Naannoo Amaaraarraa Magaalaan Faasilifi Baahir Daar; Ummattoota Kibbaarraa Walaayittaa Dichaa, Magaalaa Arbaaminci, Hadiyyaa Hosaa’inaafi magaalaan Walqixxee; naannoo Sidaamaarraa Buna Siidaamaafi magaalaa Hawaasaa, Dirre Dhawaarraa bulchiinsi magaalaa Dirre Dhawaa hirmaachaa jiru.

Oromiyaarraa Magaalaan Adaamaa, Jimmaa Abbaa Jifaariifi bulchiinsi magaalaa Sabbataa hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, Adaamaarraa kan hafe lameensaanii gara liigii biyyaalessaatti deebi’uu isaanii mirkaneeffataniiru.

Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 23n, Sabbataan ammoo gonbisaa galchaa ta’uudhaan qabxii 21n shaampiyoona ta’uu kan dhihaate Qiddus Giyoorgisirraa qabxii 40n fagaatanii dhumarratti argamu.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You