Dajanee Bulchaatiin
Torban darbe Ministirri Muummichaa Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad gaafilee adda addaa miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa isaaniif dhiyaateef deebii kennaniiru. Gaaffilee kanneen hunda kaasuu baannus isaan keessaa muraasni; dhimmoota nageenyaa, dinagdee, qaala’iinsa jireenyaa (keessumaa boba’aa, xaa’oofi sanyii falatamaa waliin walqabatee), hariiroo biyyoota alaa, hidha haaromsa laga Abbayyaafi seera kabachiisuu ka’aniiru.
Akkasumas, hanna qindaa’aa akka dhuunfaafi waajjiraalee mootummaa adda addaatti taasifamu, rakkoowwan bulchiinsa gaarii waliin walqabatan, haaromsi biyyattii sadarkaa maalirra akka jiru, gaaffilee misoomaafi invastimantii waliin wal qabatan, hoji dhabdummaa, akkasumas kanneen biroo hedduun ka’anii deebiin irratti kennameera. Ministirri muummichaas gaaffiilee kanneen hundaaf deebii quubsaafi bilchinaan deeggarame kennaniiru.
Akkasaan jedhaniitti, yeroon amma keessa jirru akkuma addunyaattuu yeroo qormaataa ulfaataafi walaxaxaati. Afrikaan immoo boodatti hafummaa hunda galeessa duraan qabdutti dabalamee yeroon kun daran akka ishee qoru taasiseera. Dinagdee Afrikaa durumaa miila lamaan dhaabachuu hindandeenyerratti dhukkubni Koviid-19 dabalamee waggoottan lamaan darbaniif hubeera.
“Yeroo dhiyoo asimmoo waraannii Raashiyaafi Yukireen Afrikaa qofa osoo hintaane Ameerikaa ishee guddoo waraanni kun akka jalqabuuf ga’ee guddaa ba’achaa turte dabalatee addunyaa guutuun raafamaa jirti. Keessumaa dhimmi xaa’oofi boba’aa kallattiinis ta’u alkallattiin dhimma nageenya biyyoota lammeen kanaa waliin kan walqabatuudha. Gama Afrikaatiinis yoo ilaalle dhiibbaan waraana biyyoota kanneen lamaanii dinagdee ardittii daran miidheera” jedhu.
Itoophiyaanis biyyoota Afrikaa dhama rakkoo kanaa dhandhamaa jiran keessaa ishee tokko ta’uu kaasanii, rakkoowwan gubbaatti ka’aniin dabalatattimmoo rakkoo biroo hedduun waggoottan lamaan darbaniif qormaata dabalataa ta’anii turuu himu. Kanneen keessaa buqqa’iinsi, hongeeniifi beelli, humnoonni hidhatan kutaawwan biyyattii hedduu keessa jiraachuun, akkasumas waraanni kaaba biyyattii siyaas dinagdee, hariiroofi ilaalcha biyyattiin ija addunyaa biratti qabdu dabalatee rakkoowwan kallattii hundaan biyyattiifi ummata miidhuu danda’an hedduuf sababa ta’uu ibsu.
Haa ta’u malee hoggansi biyyattii aangoorra jiru rakkoowwan kanneen eeramaniifi kanneen dabalataas keessa darbuuf mitii yaaduufuu namatti ulfaatan tooftaa, ciminaafi bilchina adda ta’een darbuufi ammas darbaa jiraachuu kaasu. Biyyoonni addunyaa hedduun karaa miidiyaa isaanii fayyadamuun qormaanni kunneen biyyattii gara diiguutti oofa jedhanii tilmaamanii, xiinxalanii, amananis biyyattiin haala nama ajaa’ibuun har’as guddinaafi badhaadhina egeree ijoolleen ishee jiraatan galmaan ga’uuf gara fuulduraatti tarkaanfachuu ishee itti fufuu himu.
Akka ibsa ministira muummichaatti, warreen sammuun isaanii qeeqa duwwaan guutame wantoota gaariifi biyyattiif faayidaa gaarii argamsiisaa jiran osoo ijji isaanii arguufi gurri isaanii dhaga’u garuu amanuun itti ulfaatee har’as hanqinuma qofa barbaadudhaan qeeqa isaanii itti fufaniiru. Yeroo baay’ee namoonni qeeqa baay’isan osoo carraan kun kan isaanii ta’ee akkuma itti fayyadamanillee hinbeekan. Taa’anii qeequun salphaadha. Gaaffiin guddaan jiru warreen qeeqan kunniin hagam hojjatan kan jedhuufi hagam hojjechuu danda’u kan jedhuudha.
Ciminni hoggansa tokkoo kan inni madaalamu dandeettii inni qormaata keessa ittiin darbuuni kan jedhan Doktar Abiyyi, yeroo qormaanni akkanaa heddummateefi walxaxaa ta’e dhufummoo dandeettii qofa osoo hintaane tooftaafi cimina addaa akka gaafatuufi qaamonni gara garaa jibbaafi inaaffaan keessa isaanii guutee waan jiruuf kana amanuun akka itti ulfaatu, maddi qeeqa isaanis tokko isa kana ta’uu himu.
Akkuma ministirri muummichaa jedhan jijjiiramoonni amanuuf namatti ulfaatan yeroo gabaabaa kana keessatti galmaa’aniiru. Sanumaa waqtii biyyattiifi addunyaan guutuun qoramaa jirtuu kanatti ta’uun isaammoo jijjiiramicha dinqii isa taasisa.
BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014