“Hojjechuuf yoo kutatte rakkoo kuttee keessa tarta; yoo sodaatte karaatti hafta” – Obbo Taaddasaa Edemaa

Saamraawiit Girmaatiin

Akkuma torban torbaniin namoota damee garagaraatiin hojii milkaa’aa hojjetanii fakkeenya ta’uu danda’an isinii dhiheessinu maxxansa kanaanis keessummaa Bariisaa taasifachuu kan barbaanne Obbo Taaddasaa Edemaa, abbaa qabeenyaa Hoteela KENNAA dhiheenya kana Handhuura, Oromiyaa Finfinneetti ijaaruun ummatasaaniif kennaniidha.

Abbaan qabeenyaa kun qarshii namarraa liqeeffatanii albuuda daldaluun hojii biiznasii kan eegalan yoo ta’u, har’a Hoteela KENNAA dabalatee dameewwan biiznasii addaddaarratti hiraamatanii jiru. Keessumaa dhaabbanisaanii BARKUMEE ‘Coffee Export’ jedhamu lafee dugdaa biiznasiisaaniiti. Nutis muuxannoofi muudannoosaanii dubbistoota keenyaaf qooduu yaalleerra, dubbisa gaarii! (Barreeffamni kun akkaatuma dubbii keessummaa keenyaatiin kan dhiyaateedha).

Bariisaa: Hayyee Fayyaa ta’aa, ulfaadhaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Eessatti dhalattanii guddattan, barnoota keessanis hordoftan?

Obbo Taaddasaa: Ani Taaddasaa Edemaa jedhama. Kan itti dhaladhe Godina Gujii Lixaa, Aanaa Qarcaa, Ganda Gurraachuu Jalduu jedhamutti. Barnootakoos hanga sadarkaa lammaffaa Qarcaadhummattin baradhe. Sadarkaa lammaffaammoo Diillaattiin hordofe.

Bariisaa: Isin maatii keessaniif ilma meeqaffaadha, obbolaa meeqa qabdu?

Obbo Taaddasaa: Abbaan kiyya niitii sadii qaba. Ijoollee 29 qaba. Haati kiyyammoo ijoollee 10 qabdi, ani ilma sadaffaadha.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa lammaffaa booda ittifuftan moo, daldalatti seentan?

Obbo Taaddasaa: Ani akkuma barnoota sadarkaa lammaffaa xumureen ganna keessa albuuda komishiniidhaan daldaluuttin seene. Kan jechuun namarraa qarshii fuudhee baadiyyaa deemee, albuuda bita. Giraama tokkorraa qarshii lama laman argadha. Yoon giraama 500 bite birrii kuma tokko, kiiloo tokko yoon bite qarshii kuma lama argadha. Kun jechuun yeroo sanatti horii guddaadha. Akkasumaan utuu komishinii hojjedhuu, qarshii walitti qabadhuu, aniyyuu daldala warqii keessa seene jechuudha. Daldala warqiis erga gara waggaa lama sadii hojjedhee booda gara daldala bunaatti ka ce’e.

Bariisaa: Hojii albuudaa keessaa guutuutti baatan jechuudhaa?

Obbo Taaddasaa: Eeyyee, amma guutummaatti guutuutti daldala bunaarratti hojjechaa jira. Buna dhiheessuurraa hanga alatti erguttiin hojjechaa jira. Kana cinaattimmoo daldala biraa keessas seeneera. Hoteela, raabsaa bobo’aa bakkeewwan sadan tokkoo nan qaba. Amma haala kanaan hojjetaa jira jechuudha.

Bariisaa: Yaadni daldalaa ijoollummaadhumaan isin keessa bule moo, erga keessa seentanii jaallattanii keessatti haftan?

Obbo Taaddasaa: Akka tasaa osoo hintaane durumaan yaada. Yommuun barnoota xumuree gara daldala albuudaatti seenu qarshiin tokko lama, lama sadii akka taatu yoggaan baru daldalli caalaatti bu’aaqabeessa akka nam taasisu hubadhee inni na hawwannaan keessatti hafe. Utuman daldala keessa jiruummoo hojii kiyya barnootaan cimsuuf digrii kiyya maanaajimantii baradhe.

Bariisaa: Mee amma gara caalu hojii bunaarratti xiyyeeffattanii hojjetaa jirtu. Nutillee gaafiifi deebii kan taasifanne waajjira keessan Barkumee ‘Coffee Export’ keessatti. Waa’eesaa xiqqoo utuu nuu ibsitanii.

Obbo Taaddasaa: Akkuman qara sii kaase daldala bunaatti kanin seene albuudarraati. Konkolaataadhuma walakkaa bite gara giddugaleessaa dhiheessaa ture. Isuma bal’isaa deemeen booda Baankii Biyyaaleessaarraa qarshii liqeeffadhee gara industiriitti ce’e jechuudha. Kan jechuun bara 1989, 1990 ture. Isaa booda warshaa buna dhiquufi daaku horadhee hojicha jajjabeesse.

Utuman isa hojjedhuummoo Hoteela gamoo jalqabaa Bulee Horaarratti kan ijaare ana. Achirraa ka’een aanaa keessa jiraachaa ture qofa osoo hintaane, aanaa Uraagaa (amma kan Gujii Bahaa tahe)ttillee warshaa buna dhiquufi qulqulleessu ijaareen babal’ise. Kanneen malees, aanaa Booreetti warshaa daakuu bunaa ijaare.

Hojii damee biraatiin ammoo Adoolaatti raabsaa boba’aa itti raabsan ijaare. Kanallee babal’isee gara Nagallee Booranaatti raabsaa boba’aafi mana ciisichaa siree 20 qabu ijaareera. Haala kanaan hojii kiyya babal’isaa dhufee Arsii Nagaleettis raabsaa bobo’aa tokko ijaareen gara Finfinnee dhufe jechuudha.

Bariisaa: Finfinnee kan dhuftan yeroo dhihoodha jechuudhaa?

Obbo Taaddasaa: Lakkii dhihoo miti. Erga mana ijaarradhee itti galeeyyuu waggaa 14 ta’eera. Isa durallee mana kireeffadhee ijoollee kiyya barsiifachaan ture. Hojii kiyyas deddeebi’een hojjetaa ture. Isaa booda bara 1997 lafa liiziidhaan biteen Booleetti mana ijaarradhee bara 2000 ittigale jechuudha.

Bariisaa: Akkuma beekamu dhiheenya kana hoteela abbaa urjii afurii Finfinnee Booleetti ijaartanii eebbisiiftaniittu. Mee waa’eesaas utuu dubbistoota keenyaaf kaastanii.

Obbo Taaddasaa: Hoteela kana ijaaruu erga eegalee gara waggaa ja’aa ta’eera. Sababnisaas akkuma beekamu koviidiin gale. Koviidiin ammoo indastiriiwwan kanneen baay’ee miidhe. Yeroo sana keessa xumuruun rakkoo biraa keessa na galcha jedheen dhiisee ture. Gaafa haalli tasgabbaa’ee ijaarsatti deebi’a jedhummoo konteenaratu dhabame. Meeshaa waan alaa itti galchuutu dhibe. Akkasumas sharafni alaa dabaluufi dhabamuun walqabatee baay’ee rakkoo guddaatu ture. Ta’us waahunda keessa darbee xumuramee tajaajilaaf ooleera.

Hoteelichi abbaa urjii afurii yoo ta’u, lafa karee 500 irratti qarshii miliyoona 450n ijaarame. Kunis galmawwan walga’ii, sireewwan 56, baariifi reestoraantii, jiimii, maasaajii dhiiraafi dubartii, morokoo baazii, bakkee fiixee magaalaa ittii ilaalan ‘top view’fi wantoota hoteellii abbaa urjii afurii qabaachuu malu hunda qabateera.

Bariisaa: Hojiiwwan dameewwan garagaraa isin qabdan hunda keessatti namoota meeqaaf carraa hojii uumtaniittu?

Obbo Taaddasaa: Akka walii galaatti warshaalee, raabsawwan bobo’aafi hoteeloota dabalatee lakkoofsasaa sirrii eeruu baadhuus hojjetaan 300 ol dhaabbiidhaan carraa hojii argateera.

Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa qabeenya horachuu cinaatti dinagdee biyyaallee utubuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ni beekama. Gama kanaan hirmaannaan keessan akkamiin ibsama, amanamummaadhaan gibira kanfaluufaarratti maal fakkaattu? Akkasumas hojii tola ooltummaarratti akkamiin hirmaataa jirtu?

Obbo Taaddasaa: Gama kanaan gaaffii mootummaatinis ta’u ummataan akkasumas kaka’umsa ofii keenyaan hojiilee garagaraa hojjenna. Daandii hojjechuu, manneen barnootaa ijaaruun hojii keenya ijoodha; dirqama keenyas. Akka fakkeenyaatti yoo sii kaase Aanaa Uraagaatti mana barumsaa ijaarree barattoota cufaaf ammoo bara baraan dabtaraafi peennaa bitee ninkenna.

Ammammoo keessumaa namoota nyaachisuu waliin walqabatee mootummaan karaa addaddaa waamicha taasisaa jira. Isa keessattis nutillee kan ga’ee keenyaa ba’achuuf qophoofneerra. Kanallee gaafa eebba Hoteela KENNAA bakka kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach jiranitti waadaa seeneen ture.

Haaluma kanaan Adoolessa dhufurraa kaasee akkaataa kutaan magaalaa filatee naa kenneen ammaaf namoota hanga ta’e ji’a ja’aaf Hoteelli KENNAA nyaata dhiheessuuf qophii xumureera. Kanas kutaan magaalaa adda baasaa waan jiruuf dhiheenyatti hammam akka ta’an kan naa ibsan ta’a. Ji’a ja’a boodas haalarratti hundaa’uun bal’isnee ittifufuu dandeenya.

Kan gibiraa walqabatee yeroo eegnee seeraan gibira keenya ni kaffalla. Kanaanis yeroo garagaraa waraqaa ragaa, badhaasaafi beekamtii arganneerra. Namoota biroofillee fakkeenyummaan eeramna.

Bariisaa: Isin hojii biiznasii keessa waggoota baay’ee turtaniittu. Yeroo isin itti seentan ammoo yeroo Oromoon biiznasii irraa itti dhiibamu ture. Isin dhiibbaa sana dandamattanii akkamiin milkaa’uu dandeessan?

Obbo Taaddasaa: Haalonni turan daan rakkisaa turan. Akkuma beekamu nammi keenna dinagdee kana akka qabatu hin eeyyamamuuf. Haaluma rakkisaa sana keessa mataa gadi qabannee, dhokonneetu kan hojjetaa turre. Akkuman reefu sitti hime ani Bulee Horaan jiraadha. Bulee Horaarraa Uraagaa, Uraagaarraa Adoolaa, Adoolaarraa Nagellee deemaan hojjataa ture.

Aanaalee addaddaarratti hojjechuun kun akka ani tokkorraa tokko bira deemee dhokadhu, bara rakkoo sana gara biraa deemee dhokodhee akkan hojjedhu carraa naa uume jechuudha. Yoo ati bakkee tokko teettee hardhallee, borullee, iftaanillee si argee waan keetii yaaduu dhiisuu hindanda’u. Gaafa ati duraa achi siqxuu waan keeti hin yaadu.

Kanaaf gaafa Bulee Horaarratti haalli wayii natti toluu dide, Uraagaan deema, gaafa Uraagaan natti hintollemmoo Nagellee Booranaan deema. Gaafa Nagellee Booranaatti haalli xiqqoo toluu diddemmoo gara Adoolaa dhufa. Akkasuma jechaa yeroo dabarsinee asiin baane malee, rakkoo cimaatu ture. Sababa kanaan hiriyyoonni kiyya baay’een eessa ga’uu ka danda’an karaarratti hafanii jiran.

Bariisaa: Finfinnee keessattihoo haalli ture maal fakkaata?

Obbo Taaddasaa: Anaaf Finfinnee keessa hamma tokko haala gaariitu ture. Maaliif yoo jette Finfinneen bal’oodha, sabaafi sablammii hedduu waliin jiraanna. Namni sitti xiyyeeffatee addaan si baasee sirratti hojjetu baay’ee hinjiru. Kana maleemmoo namoonni nu caalan baay’een waan jiranuufi namni hagasillee xiyyeeffannaa sirratti hingodhu. Jibbiinsi garuu akkuma jiruun jira; ni wayya jedha malee Finfinneen. Galaana marroo taateef dhokochuuf baay’ee si fayyada.

Bariisaa: Hoteelli KENNAA yommuu eebbifame tarii argitaniittu yoo tahe miidiyaa hawaasaarrattis miidiyaa idileerratti ajandaa ho’aa ta’ee ture. Bifa lamaan; kan gammadeefi kan aareen. Keessumaa Oromoottillee hamilee waan hore fakkaata. Gaafa duubdeebii namaa ilaaltan maaltu isinitti dhaga’ame. Eegdaniittuummoo?

Obbo Taaddasaa: Baay’ee nama ajaa’iba; sadarkaa kanatti hineegne! Maafii? Ani waan addaa hinjaarre. Finfinnee keessa akkuma argitu hoteelonni baay’een ni jiran. Garuu wanni adda ta’e tokko wannin yaadu, ani kutadhee maqaa kana asirratti barreessuun kiyya sammuu namaa keessumaa Oromoon akka baay’ee gammade achirraan hubadhe.

Maqaa kana asirratti barreessuun wajji walqabatee akkuma beektu indastirii kana keessa kan fayyadamullee nama biraati. Namooti keenya baay’ee asirratti fayyadamuu hinbeekan. Gaafan jalqabuuf jedhu namoonni baay’een na gorsaa turan. Lakkii sitti haa hafu, namni keenya hindubbata malee dhufeellee sirraa fayyadamuu hinbeeku, kan fayyadamu saba biraati. Waan kun dhiibbaa sirratti uuma naan jechaa turan. Haa ta’u malee, jalqabbiin yoo jiraate malee jijjiiramuu hindanda’u.

Bu’aafi haalli hojiisaa fuulduratti barama. Ta’us dhiibbaa kan natti fidullee yoo ta’e, waa tokko kutadhee yoon karaatti hinbaniin namatti abdii horu waan hindandeenyeef, maqoota akkasii immoo marroo eenyummaa of keessaa qabaniif murteesseeti kan itti seene. Waan dhufu cufa fudhadhee liqii baankii liqeeffadhee bane. Yoo hoteelli kun kanfaluu dadhabe ani buna daldala, waa biraallee daldala. Achirra hojjedhee kanfaleen maqaan kun tokko, lama, sadii hanga jedhamee lakkaa’amu marrootti hindhiisu jedheen kutadhee itti seene.

Erga eebbifamee boodallee duubdeebiin jiru gaariidha. Biyya alaarraa namoonni baay’een siree qabataa jiru dhufuufi. Isaan sagantaasaaniitiin dhufaa jiru, garuu Hoteele KENNAAtti boqochuuf fedhii guddaa qaban jechuudha. Akka waliigalaatti duubdeebiin jiru namoonni keenya xiqqaatus guddatus qabeenya horataa dhufanii jiran. Kan ala jiranis of beekanii jirani. Namootumaan kun yoo itti fayyadaman, biirooleen Oromiyaa yoo sagantaa keessatti qopheeffatan nuuf waan guddaadha; gama kanaan ammoo sodaas shakkiis hinqabu.

Bariisaa: Gaafa eebba hoteelichaa jilli abbootii qabeenyaa pirezdaantii Naannoo Kibbaa Obbo Dastaa Leedaamoon durfamu kennaa jaalalaa isinii fidanii, haala miidhagaadhaan hirmaatanii turan. Sun maalirraa madda, maaliis agarsiisa?

Obbo Taaddasaa: Ummanni Sidaamaafi Ummanni Gujii achitti waliin hojjeta. Amalli ummata Sidamaa kunii akkuma keenna. Ani Gujii, Bulee Horaattiin hojjedha. Isaanis gara keenna dhufanii wajjii hojjenna, wajjii daldalla. Yommuun gara Bulee Horaa deemu Hawaasaa buleen isaan bira bulee darba. Namoota biiznasii hojjetan cufa waliin walbeekna. Ammallee ollummaan ni jira. Ummattoota Oromoofi Sidaamaa carraa kanaan walitti fiduu qabna jennee hojjenneetu eebba hoteelichaarratti haala kanaan kan hirmaatan.

Bariisaa: Kun dhaloota ammaa maal barsiisa laata?

Obbo Taaddasaa: Ummata ollaa wajjinillee nagayaan waliin hojjechuufi jiraatamuu akka danda’u. Saganticharratti sabaafi sabalammiin biroos waan argamaniif kanuma irraa baratu jedheen yaada.

Bariisaa: Kanaan walqabatee namoonni biiznasii xiqqaarraa eegalee guddaarratti hirmaatan magaalaan guddittii Oromiyaa, Finfinneen keessumaa biiznasiidhaan akka isheen Oromoo Oromoo urgooftuuf maal gochuu qabu, maal gorsituun?

Obbo Taaddasaa: Waanin kaasu, namoonni keenya kutatanii hojjechuuf ka’u. Gaafa kutattee itti seentu rakkoo (risk) biiznasii keessa jiru keessa darbuu dandeetta. Hojjechuuf yoo kutatte rakkoo kuttee keessa tarta. Yoo sodaatte qofa karaarratti hafta. Wanti kun biiznasii qofa osoo hintaane ummata keenyaaf siyaasallee. Kanaaf, ummata kana mataa ol qabachiisuuf kutattee itti seentee hojjechuun barbaachisaadha. Gaafa sammuun kee fudhatee kutattee hojjette waanni keessa hintarre hinjiru. Wanti ati hininjifanne hinjiru. Kana waan ta’eef nammi cufti sammuunsaa ilaaluu qaba.

Yoo sammuun kee waa hinlallaaliin, as hinlaaliin waa arguu hindandeettu. Bakkuma sammuun kee jiru deemta. Garjii yoo jette Garjii, Labuu yoo jette Labuu deemta. Nutis akkuma jara kaanii kutannee bakkee barbaanne ilaaluu qabna. Yoo ilaallee itti seenne bakka yaadne qaqqabuu dandeenya jedheen yaada.

Bariisaa: Hojii biiznasii addaddaarratti hirmaachuu waliin walqabateewoo namoota yaada biiznasii qabaniif maal gorsiitu. Isumaan walqabateemmoo waan jalqaban tokkotti keessumaa dargaggoonni dafanii abdii kutachuun waan mul’atuuf muuxannoo keessan utuu nuu qooddanii.

Obbo Taaddasaa: Waa hunda dura namni hojii hojjetu abdii kutachuu hinqabu. Maaliif jennaan bor guyyaa biraati. Yeroo mara namni kan jiraatu abdiidhaani. Biiznasii dhiisii nutiyyuu abdiin jiraanna malee, bor jiraachuu keenya beeknaa? Kanaafuu biiznasii yoo hojjette abdiin hojjechuu qabda; kun tokko.

lammaffaa, biiznasii addaddaarratti hirmaachuun bu’aansaa yoo sababa addaatiin tokko dadhabe tokko tokko gargaara. Kana marroo ta’eef biiznasii addaddaarratti hirmaachuun gaariidha. Fakkeenyaaf nuti hojiin keenya ijoon buna. Bunni sababa addaddaatiin bara tokko yoo rakkoo keessa gale, yoo hoteelli jiraate hoteelli nugargaara. Boba’aa jechuun nyaata geejibaa yeroo hundaati; yeroo mara barbaachisa. Inni kaan gargaara. Fakkeenyaaf yommuu koviidii hoteelli dadhabe akkuma reef siin jedhu bunni kaan gargaara. Cufti gaariillee yoo ta’emmoo walqabatee deema.

Sana qofa osoo hintaane muuxannoowwan addaddaa horatta jechuudha. Namni buna daldalu waa’ee hoteelaas muuxannoo argata. Nuti aleergii qofa osoo hintaane omisha alaa galchuullee ni hojjenna. Kanallee walitti hiitee bu’aqabeessa goota jechuudha. Kanaaf biiznasii akaakuu addaddaa hojjechuun bu’aa olaanaa qaba.

Bariisaa: Namoonni baay’ee hojii dhabanii yommuu taa’an “maaliif kana ykn sana hinhojjettan?” jedhaman deebiin isaanii “Qarshii hinqabu”dha. Dhuguma qarshii dhabuun hojii eegaluuf danqaa isa duraatii? Muuxannoo keessan irraa ka’uun keessumaa dargaggootaan maal jettu?

Obbo Taaddasaa: Gaafa biiznasii eegaluu yaaddu qarshii hinqabu jechuun sirrii miti. Qarshii beeki kama jiru guddista malee yeroo tokko qarshii guddaa yoo sitti kenname bulchuu hindandeettu. Fakkeenyaaf qarshii qara argitee, lakkooftee, hinbeekne hojjettee miliyoona yoo hingodhiin yoo ani miliyoona tokko sitti kenne maal goota? Miliyoona tokko baankiirraa utuu liqeeffattee dhala qaba.

Ati miliyoona tokkoon utuu waa tokko bittee hingurguriin dhalli qarshii san callaa sirraa nyaatee fixa jechuudha. Sitti kennameef bulchuuyyuu hindandeettu. Kanaaf kaappitaala jechuun kan ati jalaa hojjettee guddisaa ol fidde malee yeroo tokkoon guddatee bulchuuyyuu hindandeettu; muuxannoo barbaachisa marroo ta’eef.

Kanaaf waanuma qaban sana guddisaniitu malee kaappitaala kan godhanuu wanna guddaterratti miti kaappitaalli kan uumamu. Waan ta’eef nami waanuma diqqoon jalqabee muuxannoo irratti horatee guddisaa deemuu malee yeroo tokkoon namni kaappitaala namatti kenneetii miti. Adoma sitti kennamellee bu’a qabeessa hintaatu ati. Maaliif, bulchitee waan hinbeekneef aduu sana bittinneessitee balleessita jechuudha. Kanaaf kaappitala jechuun waanuma harkaa qaban jechuudha.

Bariisaa: Waggaa dheeraa biiznasii keessa turtaniitii, akkuma wantoonni gaarii jiran wantoonni rakkisoofi abdii kutachiisoo ni jiraatu. Hundattuu daandiidhuma qajeelaarra deemtanii as hingeenye. Of duuba deebitanii yommuu yaadattan yeroon hindaganneefi abdii kutachiisaadha jettan ni jiraa laata?

Obbo Taaddasaa: Jira. Gaafuma jalqabarra albuuda daldalurraan jalqabee karaarratti shiftaadhaan saamamnee turre; qarshiillee warqiillee jechuudha. Tokko isa kana yoomillee hindagadhu, anaaf miidhaan narraan ga’e guddaa ture. Lammaffaa yommuu hojii bunaa keessa seennee daldallullee tarii yoo miidiyaadhaan dhageettee jiraatte bara cheekii gogaan namoonni saamaman tokko nullee saamamnee turre. Buna nurraa fudhatanii cheekii nutti kennan. Boodarra waan irra ga’ameef jarrillee kasaaranii, nullee buna keenna kasaarre.

Kanaaf biiznasiin rakkoo ykn qormaata hinqabne hinjiru. Garuu waan sanatti abdii kutachuu dhabuurraan tartee cimtee yoo hojjette horii kiisii keessa seenu dheedhii dhabnee waan abdii hinkutatiiniif sadarkaa kana geenyeerra jechuudha. Yoomillee namni biiznasii hojjetu abdii kutachuu hinqabu.

Bariisaa: Inni biraa hojii hojjechuu haalaan qabsiisuutu mul’ata. Fakkeenyaaf amma haalli biyyi keenya keessa jirtu ni beekama. Namni baay’een hojii hojjetee jijjiiramuuf haalli biyyaa sirrii miti jedha. Isinimmoo isuma keessatti hojjettanii milkaa’aa jirtuuti, kanarratti yaada akkamii qabdu?

Obbo Taaddasaa: Haalli yeroo mara hojii gadi. Ta’uu kan qabu siyaasa warra siyaasaaf dhiisuudha. Amma rakkoo uumaa ka jiru walitti makuudha. Daldalaan daldala ofii hordofuu, achi keessatti rakkoo dhufu fudhachaa deemuu malee gaafa ati walmakuutti seente rakkoo keessa galta. Yoo walitti hinmakiin, yoo gara biraa hinlaaliin hojiikee qofa laalte injifattee irra tarta jechuudha.

Bariisaa: Tarii miidiyaa hawaasummaa yoo ni hordoftu ta’e, biyyi isheen miidiyaa hawaasummaarra jirtuufi lafarra jirtu addadda. Keessumaa miidiyaan hawaasummaa biyyi kun abdi tokkollee akka hinqabnetti dhiheessa. Gama biraatiin isinimmoo hojjettannii milkaa’aa jirtuutii, dhuguma biyyi kun abdii hinqabduu?

Obbo Taaddasaa: Anii miidiyaa hawaasummaa kana baay’ee hinfayyadamu. Garuu warra abdii hinqabneetu biyya abdii dhorga. Kunneen ofiif fedhii addaa qabaachuu danda’u. Kanaafiin siin jedheem; ati waan sinlaalle laaluu hinqabdu. Biyyittiin akka abdii qabdu keessa jirra ni beenna.

Kana waan ija keetiin argitu akkamiin miidiyaan abdii biyyaa sitti hima; anatoo keessa jiraate waan jiru qabatamaan argaa jira. Anatu isaanitti hima malee. Kanaaf namni biyya keessa jiru warra kana ilaaluu dhiisuu, hojii ofii hojjechuudha. Yoo ati hojii hojjette jijjiirama as keessa jiru qabatamaan argita jechuudha.

Warri biyyi abdii hinqabdu jedhu yoo isaan hinbulchiin warra abdii dhorgu. Yoo namni biraa bulchee biyyi abdii hinqabdu. Yoo isaan bulchan ammoo biyyi abdii horatti.

Bariisaa: Hojii keessan walii galaarratti deeggarsi gama mootummaatiin jiru maal fakkaata? Utuu sirratee wanti jettan yoo jiraates utuu nuu kaastanii?

Obbo Taaddasaa: Mootummaan yeroo hunda nu deeggara. Yoo ati hojjette sirraa bu’aa argata. Gibira gabbarta, taaksii kanfalta. Ati guddatte jechuun waan inni sirraa argate guddate jechuudha. Kanaaf mootummaan si deeggara.

Gara biraatiin mootummaan yoo kana naaf hingodhiin kana hingodhu jedhanii eeggachuu ofirraa balleessuun barbaachisaadha. Ati hojii kee hojjette; hojii kee keessatti deeggarsa barbaaddu ni gaafatta. Kanarra taree ati cimtee yoo hojjette gargaarsa dhiisii atiyyuu nama biraa gargaarta. Garuu yoo hojjette gibira guddaa akka kanfaltuu marroo sirraa barbaaduuf mootummaan yeroo mara si deggara.

Bariisaa: Gara fuulduraattoo maal hojjechuu yaaddu? Keessumaa eebba hoteela KENNAA wajjiin walqabatee ummannis mootummaanis imaanaa guddaa isinitti waan kenneef.

Obbo Taaddasaa: Kana caalaatti waan ummata keenya mataa olqabachiisu magaala kana keessatti hojjechuun yaada. Kanaafis lafa dabalataa mootummaa gaafadhee naa kennuufi waadaa naa seenanii, dhumaa jira. Kanaan akka daldalaan Oromoo tokko ykn namni keenya waa godhuu danda’u agarsiisuun barbaada.

Bariisaa: Haala maatii keessanii utuu nuu ibsitanii. Ijoollee keessan keessaa kan daldalatti seene jiraa?

Obbo Taaddasaa: Ijoollee saddeetiin qaba; dhiira ja’aafi dubara lama. Gurbaa tokkootu barnoota xumuree eebbifameera. Intalti ittaantu Ameerikaatti barnoota yunivarsiitii waggaa sadaffaa baratti. Warri kaan barnoota hinxumurre. Inni barnoota xumuree sun amma biiznasii keessa seenee na gargaaruutti jira.

Bariisaa: Dhumarratti utuun kana jedhee jettanii ergaa dabarsuu barbaaddan yoo qabaattan carraa isinii kenna.

Obbo Taaddasaa: Wanni ani jedhu, keessumaa daldaltoota keenyaaf, kanaan qara yeroo dheeraa xiinsammuudhaan mataa gadi nu qabachiisaa turan. Wanti kun akka nuti waa sodaannu, hojiin kan nama biraa qofa akka ta’e, nuti hojjechuu akka hindandeenye nu taasisaa turanii jiran. Amma yeroo sana keessaa marroo baaneef nam cufti gara jiddugaleessa dhufee hojjechuuf of qopheessuu, qarshii qofaan osoo hintaane xiinsammuufi hamileedhaan of qopheessuu qaba.

Dhufee giddugaleessa kana hojjechuuf gaafachuu qaba. Mootummaan yoo ati hingaafatiin sii gochuu hindanda’u. Amma lootarii utuu hinmuriin argachuu dandeettaa? Hindandeettu. Qara utuu sammuu keetiin hin yaadiin waa tokko godhuu hindandeettu. Kanaaf daldaltoonni keenya of qopheessuu qaban.  

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You