‘FAYISA’S THEOREM’
Charinnat Hundeessaatiin
Dhalataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Jimmaa Gannatii Ganda Hundee Guddinaati. Barnootasaa sadarkaa jalqabaa naannawuma dhalootasaatti hordofe. Sadarkaa lammaffaa ammoo Godina Shawaa Lixaa, Mana Barnootaa Bakkootti kutaa 12ffaa barachaa jira.
Gaazexaan Bariisaas turtii barataa qaxalee, Fayyisaa Tafarii formulaa herregaa artimeetik sikuweensi jedhamu kalaqefi ittigaafatamaa Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Bakkoo wajjin taasise akka ittaanutti qindeessee dubbistootasaatiif dhiyeesseera.
Bariisaa:
Fayyiisaan maatiisaatiif ilma meeqaffaadha? Yoomis dhalatte?
Fayyisaa: Maatiin koo ijoollee lama horatanii, ani lammaffaadha. Obboleettii tokko qaba jechuudha. Bara 1995n dhaladhee, amma umriin koo waggaa 19.
Bariisaa: Barumsa keetiin sadarkaa akkamiirra turte, jirta?
Fayyisaa: Barumsaan keessumaa oggaan kutaa 8ffaatti baradhu barataa sadarkaafi dorgomaa cimaan ture.
Bariisaa: Ministiriitti qabxii hammamii galmeessisteeti kan gara kutaa 9ffaatti ceete? Daa’imummaa keetti hoo maalin ta’a jettee hawwaa turte?
Fayyisaa: Tole, kutaa 8ffaatti avireejiidhaan qabxii 85.4 galmeessiseen gara kutaa 9ffaatti darbe. Daa’imummaa kootti waanin dhalataa baadiyyaa ta’eef maatiin gargaaraa ture. Garuu waanti teknolojiidhaan walqabatu waan natti toluuf hordofaan ture. Ergan Magaalaa Baakkoo dhufeeyi kanin caalaatti dhimmicharratti xiyyeeffadhe.
Bariisaa: Akaakuuwwan barnootaa keessaa kam jaalatta ykn kamiif caalaatti xiyyeeffannaa kennaa turte, jirta?
Fayyisaa: Akaakuun barumsaa caalaatti jaaladhu barnoota saayinsii uumamaati. Keessumaa barnoota herregaa baay’een jaaladha. Qabxii gaariis ittiin galmeessisaan dhufe. Kemistiriifi baayolojiis akkasuma sirriittin jaaladha.
Bariisaa: Turtiin kee mana barnootaa sadarkaa lammaffaa hoo maal fakkaata, akkamittis ibsama?
Fayyisaa: Sadarkaa jalqabaarra barnoota sadarkaa lammaffaattin qabxii olaanaa galmeessisaa ture. Barattoota waliigalaa keessaa tokkoffaafi lammaffaan baha ture.
Bariisaa: Tole, erga seensaaf hammana jennee mee gara waa’ee kalaqakeetti haa deebinuutii Fayyisaan maal kalaqe?
Fayyisaa: Kanin kalaqe akaakuu barnootaa keessaa waan herregaan walqabatuudha. Kutaa herregaa keessaa boqonnaa jalqabaarra matadureen ‘Aartimeetik Sikuweensi’ jedhamu jira. Ida’ama lakkoofsotaati. Lakkoofsota akkamiin karaa gabaabaatiin lakkaa’uun danda’ama, akkamittis argachuu dandeenya kan jedhuudha. Innis waan yeroo dheeraa fixuuf haalatti karaa gabaabaatiin isa bira ga’uun danda’amuun kalaqe, bira ga’e.
Bariisaa: Dubbisaa keenyaaf sirriitti akka ifa ta’uuf xiqqoo bal’istee otoo ibsitee? Karaa gabaabaa herregni ittiin hojjetamun argadhe jettee akkamitti?
Fayyisaa: Tole. Kalaqni koo akkuman irranatti jedhe barnoota herregaa kutaa 12ffaa keessa waanti artimeetik sikuweensi jedhamu jira. Mataduree artimeetik sikuweensi jedhamu kana jala ‘Gow’s jira. Kanarra dhaabadheen waan daran fooyya’aa argadhe. Kanaafis maddawwaniifi sababan irraa ka’e hojjedheefin qaba.
Bariisaa: Dur bu’aa ykn furii artimeetik sikuweensii tokkoo argachuuf isteeppii dheeraaatu deemamaayyu. Kalaqni kee kun isteeppiiwwan sana hunda gabaabse jechuudhaa?
Fayyisaa: Eeyyee! Karaa gabaabaadhaan argama. Yeroollee baay’ee qusata. Waan dafee barataaf hubatamuufi qabamuudha. Barataa hinrakkisu jechuudha. Barattootattis miira kaka’umsaa olaanaa uuma jedheen amana. Keessumaa barattoota qormaata seensa yunivarsitiif qophaa’an daran fayyada. Formulaa kana barattoonni sirriitti qo’atanii qabachuu ykn ittifayyadamuu danda’u.
Bariisaa: Fakkeenyaaf qormaata herregaa kutaa 12ffaatiif yoo xiqqaate sa’aatii sadiitu kennama. Formulaan kee kana hammamiin gabaabsa? Asirratti gumaachi kalaqa keetii akkamittii ibsama?
Fayyisaa: Sirriidha. Bakka artimeetikii sikuweensi jedhamurraa gaaffiin dhiyaannaafiin yoo xiqqaate gaaffii tokkoo daqiiqaa jaha gadiin fixuun hindanda’amu ture. Formulaan ani argadhe garuu barataa cimaatti yoo akkam dheerate daqiiqaa lama caalaa ittihinfudhatu. Kun faayidaa formulichaati. Anis kun akka gabaabbatuufin xiyyeeffadhee irratti hojjedhe.
Bariisaa: Kalaqni kee kun sa’aatii gabaabsuun faayidaa tokko ta’ee gama biraatiin gabaabbachuunsaa kun waan nu dhabsiisu hinqabuu?
Fayyisaa: Formulichi kan hanbisu kan biraan artimeetik sikuweensiin kun waan tarmii xumuraa jedhamu qaba. Hojii keenya keessatti jalqabaafi dhumasaa beeknee waantota sadii barbaadna. Sadeen kanneen tokko tokkoon bardaaduurra jalqabaafi dhumasaa beeknee ittiin hojjechuu dandeenya. Isteeppiiwwan sadan hambiseera. Kunis bu’aa formulichaati jedhee kanin tilmaameedha.
Bariisaa: Formulaan kee kun qaama dhimmi ilaaluun mirkanaa’eeraa?
Fayyisaa: Bu’aa qabeessummaan kalaqa koo kun barsiisota muummee herregaa mana barnootaa kootiin mirkanaa’eera. Kunis sadarkaa aanaatti, yunivarsitiin Amboos mirkaneesseera. Adaamaattis waamamnee erga ilaalchifnee booddee ittiin dorgomee badhaafameera.
Bariissaa: Badhaasichi maal kan jedhuudha laata? Kalaqa kee kana qaamni dhimmi ilaallatu abbummaan sii galmeessiseeraa?
Fayyisaa: Eeyyee, waraqaan ragaa akka Oromiyaatti naa kennameera. Waa hundaafuu kalaqichi adeemsa dheeraa keessa darbee naa galmaa’eera. Beekamtiin sadarkaa biyyaatti jiru eegamaa jira. Kanaafis akkuma kan Oromiyaa dorgommiin ni jira jedhamaa jira.
Bariisaa: Irranattillee waa naa erteetta, waan kana kalaquuf maaltu si kakaase mee?
Fayyisaa: Sababiin koo inni jalqabaa yeroo tokko barsiisaan herregaa kutaa 6ffaa hojii daree lakkoofsota 1 hanga 100 dafanii ida’uu kenne. Barattoota sana keessaa ‘Gow’s yeroo gabaabaa keessatti formulaa gabaabaadhaan hojjetee dhiyeesse. Barataan kun daran xiqqaa ta’ee formulaa argachuunsaa kaka’umsa na keessatti uume. Anis akkamittin formulaa hinarganne jedheen hojjedhe.
Bariisaa: Hojii kee kana milkeeffachuuf waanti akka addaatti dubbistee akka maddaatti fayyadamte jiraa?
Fayyisaa: Eeyyee, kalaqni kun adeemsa olaanaa keessa darbeera. Formulaa kana argachuun waantin hinraawwanne hinjiru. Gaaf tokko garuu barsiisaan fala mataasaaniitiin akkaataa barattoonni ittiqo’atan otoo barsiisuuti kanin ishee kana argadhe. Darbees baay’een dubbisa.
Bariisaa: Kalaqni kee kun barattoota herregarraa qoollifatan hamman fayyada? Furmaata akkamiis ta’a jettee yaadda?
Fayyisaa: Barnoota herregaa keessatti keessumaa formulaan kun joolleen qormaata mataduree kanaan walqabatee dhufeef haala yeroosaanii qusachuu danda’uun isaan gargaaru danda’a.
Bariisaa: Dubbii keenyarratti siif herregni maalinni?
Fayyisaa: Ani herrega baay’een jaaladha. Qabxiin koo inni olaanaanillee isuma. Filannoon koo jalqabaas isa ture. Ani maatimaatishiyaanii ta’uun barbaada. Kanaaf herregni ana biratti sadarkaa olaanaa qaba.
Bariisaa: Namoonni tokko tokko herrega bashannansiisaadha, tapha jedhu. Warri kaan ammoo dhukkubbii mataati jedhu. Ati hoo maal jetta?
Fayyisaa: Anaaf isa jalqabarratti jetteedha. Herregni anaaf bashannana. Oggaan herrega bira ga’u keessi koollee ni boqota jechuudha.
Bariisaa: Maqaan kalaqa kee maal jedhamee moggaafame?
Fayyisaa: Isaanillee na hingaafanne garuu kanin ofii kootii moggaafadhe nan qaba. Innis, ‘TATAFI’ kan jedhuudha. Kunis Tabaroo Addaa Tarree Addunyaa Fagootti Ife jechuudha. Sababiin kana jedheefis inni jalqabaa Tabaroo jechuun kabaja ykn ulfina jechuudha. Maatiifi bakka ani irraa dhufellee baay’ee murteessaadha.
Ani ilma qonnaan bulaati. Kanarraa ka’ee ilaalchin ofiif qabu baay’ee gadi bu’aa ture. Amma garuu sun jijjiirameera. Tabaroo ta’ee natti mul’atee jennaan Tabaroo Addaa Tarree Addunyaa Fagootti Ife jedhee moggaase. Isa fagootti yaadamaa turen as dhiyeessaa jira jechuudha.
Bariisaa: Kalaqa kee kana teknolojii wajjin walitti madaqsuun ni danda’amaa?
Fayyisaa: Eeyyee sirriitti danda’ama.
Bariisaa: Barsiisonni kee akkamiin si gargaaraa turan?
Fayyisaa: Keessumaa barsiisaan herregaa Alamaayyoo jedhaman ispoonsara koo cimaa turan. Yeroon Adaamaa dorgommiif deemellee konkolaataa na qabsiisanii akka abbaatti kan wajjin deemaa ture isaani. Kan hojii koorrattis na gargaaraa dogoggora koo nasirreessaa turan isaani. Isaan nama ‘riiskii’ hunda naa baataniidha.
Bariisaa: Ijoollee akka keetiif maal dhaamta mee?
Fayyisaa: Tole, dhaamsin qabu, barattoonni oggaa waantota ‘chaaleenji’ isaan godhan bira gahan akka abdii hinkutanne. Yeroo ittifudhatanii akkamitti karaa gabaabaa argachuu dandeenya jedhanii mala haa barbaadanin jedha. Kana malees haa dubbisnu.
Bariisaa: Ani gaaffii koo fixeeraa yoo dhaamsa qabaatte?
Fayyisaa: Hiriyoonni koo barsiisaa koo biratti na gargaaraafi na jajjabeessaa turan jiru. Keessumaa Qabsoo Addaamuufi Magarsaa Cimdeessaa formulaa kanatti fayyadamanii qormaata haala gaariidhaan deebisaniiru.
Dogoggora ture sirreessuudhaanis na gargaaraniiru. Isaanis galateeffachuu barbaada.
Barsiisaa Balaay Bayyanaa Ittigaafatamaa Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Baakkooti. Isaanis waa’ee kalaqa barataa Fayyisaa Tafarii irratti haasofsiisnee yaada ittaanu nuu kennaniiru.
Bariisaa: Mee waa’ee Barataa Fayyisaafi kalaqasaa nuu ibsaa.
Barsiisaa Balaay: Fayyisaan barataa saayinsii uumamaa kutaa 12ffaati. Formulaa haaraa, kan kana dura jiruurraa adda ta’e kalaqe. Nutis barsiisaa Herreegaasaa wajjin taanee akka muummeetti madaaluun dhiheessine. Kanarraa ka’uun barsiisota saayinsii uumamaa hunda ilaachisnee madaallee ifatti akka dhiheeffatu taasifne. Isarraa ka’uun erga yaadichi sirrii ta’uu mirkaneeffannee aanaaf gabaasne. Aanaanis irra deebi’ee bakka barattoonni hundi jiranitti akka dhiheessu taasise. Haaluma kanaan godinaaf dhiyaatee godinnis gara naannootti dabarse jechuudha. Formulaasaa kanaanis akka Oromiyaatti sadaffaa ba’ee badhaafameera.
Bariisaa: Biyyis ta’e Oromiyaan barataa kanarraa maal eegdi? Maal irraa hubattan?
Barsiisaa Balaay: Barataan kun abdii boruu
biyyaati. Barataa manni barnootaa keenyas ta’u biyyi qabxii olaanaa fida jettee abdattu keessaa isa tokko. Kanaafis nuti gamanumaa kaasnee jajjabeessaafi gorsaa jirra. Darbees akka mana barumsaatti deeggarsa barbaachisu taasisaafii jirra. Haala amma jiruunillee akka mana barnootaa keenyaatti qabxii olaanaa kan qabu isa.
Barisaa: Barnoota Herregaatiin qofamoo kanneen kaaniinis jechuudha?
Barsiisaa Balaay: Qabxiinsaa akaakuu barnootaa hundaanuu 94-100tti. Kutaadhuma saglaffaarraa kaasee keessumaa barnoota saayinsii uumamaa jalatti ramadamanirratti qabxiinsaa olka’aadha.
Bariisaa: Kalaqnisaa kun barattoota akaakuu barnootaa Herregaarraa duubatti jedhaniif ergaa akkamii qaba?
Barsiisaa Balaay: Ergaansaa guddaadha. Formulaa inni kalaqes shallaggii herregaa sadarkaa dheeraa qabuufi argachuuf nama rakkisuuf furmaata kan ta’u yoo ta’u, kan inni amma argate bifa salphaa ta’een barataan kamuu hubatee kan ittifayyadamuu danda’uudha. Kalaqnisaa kun salphaafi ifaa yoo ta’u, shallaggii herregaa kamiinuu kan walhinfaalleessineedha.
Bariisaa: Kalaqni barataa kanaa sadarkaa barbaadamurra ga’ee bu’aa akka fiduuf eenyurraa maaltu eegama jettu?
Barsiisaa Balaay: Ijoolleen kennaawwan garagaraa qabaniifi dhokotanii jiran baay’een jiraachuu malu. Kanneeniifis deeggarsi barbaachisu yoo godhameef bu’aa guddaan biyya fayyadu argamuu danda’a. Kanaaf qaamni sadarkaa sadarkaatiin dhimmichi ilaallatu mana barumsaarraa kaasee hanga Ministeera Saayinsiifi Innooveeshiniitti deeggarsi barbaachisu taasifamuufii qaba. Akka ka’umsaatti nuti Yunivarsiitii Amboo wajjin wanti dubbataa jirru jira.
BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014