“Dinagdeen keenya rakkoo aadeffannaa hojii keenyaatiin gaaga’amaa jira” – Obbo Adam Kamaal

Waasihun Takileetiin

“Hojiin nama barbaada; namni hojii barbaada” jedhu hayyoonni miirri kutannaa dinagdeen of jijjiiruu nama keessa jiraannaan hiyyummaa seenaa gochuun akka dandahamu eenyumaafuu mul’ata dhokate miti.

Aadaa gaarii qabna, aadaa qabnu sana deebisnee madda galii goonee dinagdee keenya fooyyessuu osoo dandeenyuu aadeffannaa hojii laafaa fi gadi bu’aa ta’e jirurraa kan ka’e hiyyummaaf harka kennanii beelahuun mudata.

Rakkoo aadeffannaa hojii keenyaa jijjiiruun egeree dinagdee nama dhuunfaas ta’e kan biyyaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa kan taphatu waan ta’eef hojiin dadammaqinsaa taasifamuu akka qabu waltajjii Marii Hayyotaa Gumii Balal maarsaa 23ffaa tibbana gaggeeffamerratti ka’eera.

Maricharratti barreeffama kan qopheessan hogganaa ittaanaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Adam Kamaal hojiin nama barbaada namni hojii barbaada, lamaanuu waljala lufuun waakkatama jedhu.

Akka Oromiyaatti eenyumtuu carraa hojii uummachuu osoo dandahuu inni barates inni hin barannes mootummaarraa yeroo eeggatu mul’ata jedhu. Haala mijataa qilleensa naannawaa qabna, lafas qabna, laga qabna, madda galii ta’uu kan dandahan qabna ta’us miirri hojii filannaafi hojii tuffannaa dhaloota keessa jiru daran hammaataa ta’uu kaasu.

Dhaloonni barumsa baratee dhaabbilee olaanaarraa eebbifame waajjira mootummaa keessa seenee yoo hojjeteen alatti hojii uumee hojjechuun hojii isatti hin fakkaatu, kunimmoo aadeffannaa hamaa dinagdeenis ta’e xiinsammuun nama miidhudha.

Yeroo bay’ee dhalataa biyyaa caalaa kan biyya ormaarraa dhufee hojjetuuf haalli yeroo mijatu argama. Kun kan ta’eefis namni biyyaa bahe sodaa tokko malee osoo hojii hintuffatiin sadarkaa barnootasaan osoo of hindaangessiin maallaqa argachuuf waan hojjetuuf milkaa’uu danda’a.

Dhalataanimmoo maal jedheen biyya abbaakoo keessatti hojii humnaa hojjedha? Maal jedheen kophee haxaa’a, maal jedheen daldala ilaalcha jedhuun hojiilee maallaqa argamsiisuu daandahan dhiisee biyyaa bahuu filata.

Kun aadeffanna hammaataadha. Mana maatii ofii keessa taa’anii baasii malee hojii uummatanii hojjetanii milkaa’uun osoo jiruu fedhiin diida ilaaluu waan dabaluuf dinagdeen milkaa’uu hindanda’u.

Akka ibsa Obbo Adamitti, namoonni yeroo godansanis ta’e seera qabeessaan biyyaa bahan bakka deeman sanatti dirqama jiraachuuf jecha hojii osoo hintuffatiin itti bu’anii hojjetu.

Yunivarsiitiirraa eebbifamee wayita biyyaa bahu mana fincaanii dhiqee, re’ee tiksee, waardiyyaa ta’ee maallaqa gahaa argachuun jireenyasaa jijjiiruuf of kennee hojjeta.

Namni kun kan biyya ormaatti re’ee eegee maallaqa argatu; jimaa aramee maallaqa argatu biyyasaa keessatti hojii kanarra fooyya’aa hojjetee ofis ta’e osoo dinagdee biyyasaa cimsuu dandahuu carraasaa kan komatu aadeffannoo hojii hamaa keessa waan jiruufi.

Namoonni tokko tokko oggaa akka hojii uummataniif gorfaman lakkibboo kun qe’ee mortuuti, namni hojjetu hinduroomu ilaalcha jedhuun fedhii hojjetanii jijjiiramuu waljalaa ajjeesu.

Kaanimmoo halkanii guyyaa dhama’ee dafqa xuruurfatee yeroo milkaahu lakkibboo namni kun mortuudha, guurtuu qaba ilaalcha jedhuun mogolee walbuusuuf jechaan walmiidhuun jira.

Kun aadeffannaa hojii keenya miidhan keessaa isaan ijoodha kan jedhan Obbo Ahmad ilaalcha badaa akkasiin qorqalbii dinagdee waljaamsuun dogoggora sirrachuu malu ta’uu kaasaniiru.

Hojjetaan mootummaa takkaa mana hojii mootummaa keessatti mindeeffamee hojii mootummaa cinatti hojii uummachuurratti akkasumas gadhiisee hojii mataasaa hojjechuurratti hanqina guddaa qaba.

Hojii gadhiisee kan dhuunfaasaa hojjechuuf deegee kan badu isatti fakkaata. Kanarraa kan ka’e hojii dhuunfaasaa hojjetee dinagdeesaa jijjiiruurra sadarkaa hojiisaa fooyyeffatee umriisaa sooramaaf qopheessa.

Hojii uumnee hojjechuuf dirqama maallaqa guddaa qabaachuun murteessaa miti jedhanii, miirri kutannoo yoo jiraate xiqqumarraa ka’anii miliyeenara ta’uun akka dandahamu kaasaniiru.

Qonnaan bulaan keenya hirkattummaa roobaatiin jiraachuu waan aadeffateef waggaatti takkaa qofa omishee harka maratee yeroo taa’u mul’ata. Kun deega ofitti farrisuu, darbeemmoo dinagdee ofii laamshessuudha jedhanii, ce’umsa gara manufaakcheriingii fi indastiriitti taasifamu milkeessuuf aadaan jallisii, makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isuu gabbachuu akka malu kaasaniiru.

Aadaan jallisii gabbate jechuun waggaatti lamaafi isaa ol omishuun waan dandahamuuf galiin ofiis bifuma sanaan dabaluu danda’a. Omishaalee dafanii gahan qorannoo qonnaan babal’achaa jiraniifi teknolojiin deeggarame fayyadamuun murteessaadha.

Gama kanaan sochiin mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaa jiru jajjabeessaa ta’uu kan kaasan Obbo Ahmad, qonnaan bulaan keenyas xiyyeeffannoo kennanii hojjechuu malu.

Kun hanga hintaanetti aadeffannaa hojii dur barreen waggaatti takkaa omishnee jireenya keenya injifachuuf yaaliin taasifamu kufaatii dinagdee qaqqabsiisuu danda’a.

Dargaggoonnis biyya abbaa ofiitti duroomuun hindandahamu ilaalcha jedhuun harka maratanii yeroo taa’an mul’atu kun hojmaata badaadha hojii tuffachuu keessaa baanee kan maallaqani itti argamu kamuu hojjechuun murteessaa ta’uu Obbo Ahmad kaasaniiru.

Milkaa’inni dinagdee kan dhufu kutannaan malee maallaqa baay’een hojjechuun miti kan jedhan ammoo Obbo Isheetuu Shifarraati. Obbo Isheetuun mudannoo mataasaaniirraa ka’anii wayita dubbatan barsiisaa TTIrraa ka’anii tattaafachuun har’a Bulee Horaatti abbaa kolleejjii Fayyaa ta’anii barsiisota isaan waliin dur barsiisaa turan deebisanii of jalatti mindeessuun dinagdeen of humneessuu dubbatu.

Haadha hiyyeessarraan dhaladhe kan jedhn Obbo Isheetuun kutannaa isheen jireenyashii mo’achuuf taasisaa turte; naanis na onnachiisnaan hojii mootummaa gadhiisee hojjedhee har’a dinagdeen of gaheera jedhu. Dhaloonni peeroliirraa mallatteessee nyaachuu bare hojii mootummaa gadhiisee kan mataasaa uummatee jiraachuun ulfaataa itti fakkaata.

Garuu miirri kutannaa jiraannaan jijjiiramuun akka dandahamu qabatamaan argeera jedhanii, biyya ormaatti badanii darararamuurraa asuma biyya abbaa ofii keessatti hojii osoo hintuffatiin eeggattummaa mootummaa jalaa bahuun murteessaa akka ta’e gorsu.

Albuuda qabna, dachee qonnaaf mijataa ta’e qabna, nama qabna garuutii aadaa hojii keenyaa jijjiiruu dhabuun har’a kufaatii dinagdeefi hiyyuma faarsaa jirra.

Nama garaa kutate bishaan raafuutu gabbisa akkuma jedhamu nama kaayyoo taanaan dinagdeen of ijaaranii namoota biroofillee carraa hojii uumuun nidandahama. Isa kanaafimmoo hojii tuffachuun nurra hinjiru kan jedhan Obbo Isheetuun dhiirris durbis dinagdeesaanii cimsuuf of kennanii hojjechuu malu jedhu.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad misooma biyyaafi aadaa hojii ilaalchisuun ibsa kennaniin dinagdee biyyaa daran kan miidhan keessaa hanni taaksii waliindhahuun, haqa dabsuun maallaqa hinmalle argachuuf warreen socho’an isaan kana. Kunimmoo misooma biyyaa kan sakaalu waan ta’eef dhaabachuu akka malu kaasaniiru.

Dargaggoonni keenya hojii filachuu dhiisanii aadaa hojii fayyadamaa isaan taasisuu dandahurratti bobba’u malu. Kanamalees alergii dabaluun meeshaa alaa galu biyya keessatti oomishuun rakkoo sharafa alaa mudachuu dandahu maqsuuf duuluun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Itoophiyaan kana booda kan qamadii kadhattu osoo hintaane kan alatti ergitu ta’aa jirti jedhanii, kun akka dhugoomuufimmoo makanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isuu aadaa hojii uumuu gabbisuufi badhaadhina lammiileefi biyyaa mirkaneessuun dirqama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

Walumaagalatti aadaa hojii keenyaa gabbisuun dinagdeen of ijaaruun miira kutannoon kan eegalu yoo ta’u, hojii tuffachuufi filachuun akkasumas hojii mootummaa malee jiraachuun hindandahamu jedhanii abdii kutachuun hiyyummaa labsuu waan ta’eef cimnee hojjennee dinagadeedhaan humnaa’uufi jireenya keenya egeree mijataa taasisuun mureessaadha.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You