Ajjeechaafi buqqaatiin akka dhaabatuuf qaama furmaataa haa taanu

Abbaan koo qonnaan bulaadha, siyaasa keessa hinjiru. Qonnaan bulaa adda dureedha. Jaarsummaadhaan beekama. Nama gumaa walitti araarsuun beekama. Garee shororkeessaan laga keessa jiraatu saamicha nurrati raawwate. Yeroo lammaffaaf halkan sa’aatii 5:00tti dhufanii manaa fuudhani deeman. Sababasaa hinbeeknu. Ganama sa’aatii 4:00tti ergaa, ‘ajjeesneerraa boo’aa’ jedhu dhageenye. Oggaa reeffasaa fudhachuuf dhaqnu nurratti dhukaasan. Obboleessa koo garmalee reeban. Waan goonu wallaallee dhiisne.

Qabeenya qabnu hunda saamamneerra, abbaa keenyas dhabneerra. Abbaan koo ijoollee torba qaba. Ijoolleen shan dirree barnootaarra jiru. Garuu kana booda barachuus hindanda’an. Rakkoo guddaaf saaxilamne. Inumaayyuu abbaa koo isa du’e wayya. Nuti utuu jirruu akkà hinjirre taane. Gocha gara jabeenyaa dhala namaarratti hinraawwatamnetu nurratti raawwatame”.

Ergaan seensarratti eerre kun kan jiraataan Oromiyaa lixaa tokko miidiyaaleef waggaa tokko dura ibsaniidha. Ajjeechaan, gidiraafi rakkoon miseensi maatiin miidhamaa yeroo sana ibsan har’as otoo bifa hinjijjiirratiin ittifufeera. Ajjeechaan, buqqaatiin, gidiraan dhala namaatiif ni mala jedhamee hinabjootamne ammas ittifufeera.

Haleellaa tibbana Naannoo Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuziifi Oromiyaa Lixaatti raawwatameen lubbuu marartuun namoota baay’ee galaafatameera. Gochi sukanneessaafi hammeenyaan guutameefi lammiilee biyyattii rifaasise kun haaluma kamiinuu akka eessattuu, yoomiyyuu irra hindeebi’amneef hunduu gama gamasaatiin qoodasaa bahachuu qaba. Tarkaanfiin keessa deebii hinqabnes haaluma eegalameen cimee ittifufuun irra jiraata.

Gocha sukanneessaafi gara jabinaa raawwatame kana ilaalchisuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa ittaanu dabarsanii turan. “Haleellaan humnoota alidileefi seeraan ala ta’aniin namoota nagaarratti raawwatamuufi waan isaan ittiin jiraatan barbadeessuun fudhatama hinqabu. Yeroo dhihoo as Naannolee Beenishaangul Gomuziifi Oromiyaatti gochi suukanneessaa lubbuu namootaa galaafate qaamota kaayyoonsaanii guddaan hawaasa shororkeessuu ta’een raawwatame kan obsaan bira darbinu miti. Naannoowwan haleellaan itti  raawatametti nagaafi tasgabbii deebisuun hojii ammas dursa kenninuufiidha” jedhan.

Kanaaf, hojiin nageenya mirkaneessuu dursi kennameefii hojjetamaa jiru kun akka milkaa’uuf qaamoleen hundi jechuunis ummanni murnoota badii saaxiluufi naannawasaa dammaqinaan eeggachuun, qaamolee bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiran, paartiilee morkattootaafi dhimmamtoonni kaan sirnaan dirqamasaanii bahachuun qaama furmaataa ta’uu qabu.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You