“Waggoota 10tti kitaabota jaha qopheessus qaama na deeggaruun dhabe” – Barsiisaa Nuuraddiin Ibraahim

 Bayyanaa Ibraahimiin

Dargaggoo waggoota kudhan keessatti kitaabota barnoota jaha qopheessuudhaan ummataaf gumaache. Kan osoo barsiisuu, barreessu, osoo barreessuu immoo barsiisu. Qacalee dhaloota qubee, kan hanqinni mallaqaa hamilee hube.

Barsiisaa Nuuraddiin Ibraahim jedhama. Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Asaasatti dhalate. Barnootasaa hanga sadarkaa 2ffaa naannawaadhuma dhalootasaatti xumuruun barnoota olaanaasaa Yunivarsiitii Adaamaatti kan hordofe. Sanaan booda immoo barumsasaa xumuruudhaan hojii barsiisummaasaa Godinuma Arsii Lixaa, Aanaa Qoreetti eegale.

Hojii barsiisummaasaatiin cinatti immoo gara hojii kitaaba barreessuutti kan ce’e barsiisaa Nuuraddiin, hojii bu’uraa kitaaba barreessuuf isa dandeessisu garuu gaafa barataa turerraa kaasee itti yaadaa akka tureefi yaadota garaa garaa walitti qabachaa akka ture dubbata.

Akka ibsa Barsiisaa Nuuraddiinitti, hojii baruufi barsiisuutiin cinatti fedhii jalqabarraa kaasee keessoosaa ture fedhii kitaaba barreessuu adeemsisaa waggoota 10n darbaniif manneen barnootaa garagaraa keessatti barsiisaa tureera.

“Hanga ammaatti ogummaa baradheefi ittiin hojjachaa jiru barsiisummaa cinatti kitaabota jaha barreesseera. “Guyyaa guyyaan daree seenaa barsiisaa kitaabota jaha barreessuun hinulfaatuu?” gaaffiin jedhu namoota hedduu biraa ni dhihaata. Garuu yommuu hojii tokko hojjannu kan nama dadhabsiisuufi namattis ulfaatu hojicha caalaa yaada dursinee gara sammuu keenyaatti fidnuudha” jedha.

Miira dadhabbii inni namarratti fiduu danda’u sana of dagachiisanii onnee guutuudhaan waa hojjachuuf yommuu ka’an garuu wanti nama ittisu akka hinjirre eeree, keessattuu hayyoota Oromoo seenaa Oromoo dhaloota har’aatiif dabarsuudhaaf dhama’aa turan of duuba deebi’amee daandii dadhabsiisaafi nuffisiisaa isaan keessa darban yommuu yaadatan, qubee isaan bu’aa ba’ii hedduun booda dhalootaaf uumanii darbanitti fayyadamuun kitaabota hanganaa barreessuun akka hinulfaanne hima.

Afaan Oromootiin barreessuu mitii dubbachuunuu yeroo gatii nama kanfalchiisu sanatti isaan wareegama hedduu keessatti waan heddu dabarsan sana yaadachaa hojii waggoota kurnan darbanitti kitaabota jabaa barreessuu kanatti hagas mara waan nama boonsu akka hintaane kan ibsu Barsiisaa Nuurraddiin, inumaayyuu hayyoota Oromoo haala mijataa hinta’iin keessatti waan baay’ee hojjatanii darban yommuu yaadatan waggoota kurnan darbanitti waan amma hojjate caalaa hojjachuun akka irra ture dubbata.

“Waggaa kudhanitti kitaabota jaha qofa akkan qopheessu kan na taasise inumaayyuu warren ani naa gulaalaa jedhee itti kennu waan baay’ee najalaa tursiisaniifi. Yeroo ani barreessuudhaaf gubu caalaa kan jarri naaf gulaalanii hamma naaf deebisaniif turantu yeroo dheeraa narraa fudhataa ture. Wanti beekamuu qabu garuu hanga ammaatti kitaabonni qophaa’anii sababa humna dhabuutiin osoo hinmaxxanfamin hafanis jiraachuusaaniiti. Kitaabota qophaa’anii sababa hanqina maallaqaatiin osoo hinmaxxanfamiin hafan keessaa inni tokko kitaaba hiikkaa jechootaa ‘Qubee Harmee’ jedhamuudha” jedha.

Kitaabni inni biraa kan hanqinuma maallaqaatiin osoo hinmaxxanfamin hafe immoo kitaaba seenaa Artistiifi Qabsaa’aa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa irratti qophaa’e ta’uu himee, kitaabichis akka warra boochisuu barbaadaniitti kan boochisu ykn akka isaan sirbuu barbaadaniittis kan sirbisiisu osoo hintaane irra jireessaan waa’ee Aartii Oromoofi barnoota aartii manneen barnootaa sadarkaa gadii keessatti kennaman irratti kan xiyyeeffatu ta’uu hima. Kitaabichi, xiyyeeffannoon yeroo ammaa barnoota kanaaf manneen barnootaa keessatti kennamaa jiru laafaa ta’uusaa kan agarsiisu ta’uu ibsa.

Akka barsiisaa Nuuraddiin jedhutti, qabxiin barnoota kanaayyuu fedhii barsiisaa irratti hundaa’ee kennama malee wanti qabatamaan baratanii qoratamuun isaaniif kennamu hinjiru. Kanaaf kitaabni amma qopheesse kun barnoota muuziqaa manneen barnootaa adda addaa keessatti kennamu aartiifi muuziqaa Oromootiin deeggaranii kennuudhaan barattoonnis fedhii guutuu ta’een akka hordofaniif carraa kan banuudha. Haa ta’u malee kitaabicharratti erga maatiisaa dubbiseen boodatti yeroo kanatti waa’eesaa dubbachuu akka hindandeenye natti waan himaniif yeroodhaaf tursiisee jira.

Maatiinsaa dhimmuma seenaafi jireenya Haacaaluurratti kitaaboonni hedduu eeyyamaafi beekumsasaaniitiin alatti qophaa’anii gara gabaatti galaa akka jiran waan itti himaniif, eeyyamasaanii osoo hinargatiin hin maxxansu jedhee kaa’uusaa dubbata.

“Kitaabichi yeroo ammaa qophaa’ee lafa jira. deeggarsiifi beekamtiin maatiisaa argamnaan immoo torbanuma sana keessattis waan gadi dhiifamuu danda’uudha. Wanti biraa hafee galiin gurgurtaa kitaabichaa irraa argamus akkuma ijoolleesaatiif oolutti yaadamee kitaabichi qophaa’e. Kitaabonni jahan waggoota kurnan darbanitti ogummaa barsiisummaa kootiin cinatti yeroo itti kennee barreesse kunniinuu irra jireessaan gara ummata bal’aatti hingeenye. Dhimma kanaaf silaa caasaalee barnootaa fayyadamuun akka barbaachisaa ta’e hubachuudhaan karaa Biiroo Barnoota Oromiyaatiin barattoota bira akka qaqqabuuf sochii garagaraa yeroo adda addaatti taasisaa tureera. Isaanis yeroo adda addaatti beellama naaf qabanis hanga ammaatti qaamaan dhimma kanarratti mari’annee wanti furre hinjiru” jedha.

Kun isa qofa osoo hintaane, hamilee barreessitoota boodaa dhufaniis miidhuu akka danda’u kan himu Barsiisaa Nuuraddiin, namni har’a isaa kitaaba barreessee nama irraa fuudhee raabsu dhabee rakkatu argu boru hamilee ittiin kitaaba barreessuu danda’u akka hinqabne dubbata.

Kanaaf kitaaba dadhabbii nama dhuunfaatiin qophaa’e kana caasaa mana barnootaatti fayyadamanii barattoota biraan gahuun faayidaa kallattii hedduu akka qabu hubachuun barbaachisaa ta’uus ni kaasa.

“Deeggaruu dhabuun Biiroo Barnootaa ga’uumsaafi qulqullina kitaabota sanaa ta’innaa laata?” gaaffii jedhuuf immoo Nuuraddiin deebii yommuu kennu, kitaabonni kunneen akkanumaan kan barreeffaman osoo hintaane, ulaagaa kitaabni tokko guutuu qabu eeggatanii, gulaallii barreessitootaafi beektota afaanii keessa darbanii kan qophaa’an waan ta’aniif ga’uumsaafi qulqullinasaanii irratti gaaffiin ka’uu akka hindandeenye ibsa.

Hanga ammaatti kitaabonni oolmaa daa’immanii gulantaa 1ffaa, 2ffaafi 3ffaa tajaajiluu danda’an, maxxansiifamanii tokkoon tokkoonsaanii koppii kuma shan shaniin, walii galaan kooppiin kumni 15 baay’ifamee jiraachuu kan himu barsiisaan kun, kutaa sagalii hanga 12ffaatti warreen barataniif kan tajaajiluu danda’u immoo koppii kuma sadiin baay’ifamee jiraachuu hima. Kitaabota kanneen yommuu maxxansu garuu humna qabaatee osoo hintaane, qaawwa kitaabotaa baruufi barsiisuu keessa jiran qabatamaatti waan hubateef, wantoota furmaata rakkoo kanaa ta’an immoo liqiidhaanis ta’u hojjachuuf itti galuu ibsa.

Isaan yeroo ammaa maxxanfamanii baay’ifaman kunneenis maallaqa qabaatee osoo hintaane, liqii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin maxxansiisuu ibsee, baankichis hojiisaa qofa ilaaluun osoo waa tokka hinqabsiisiin deeggarsa taasiseefis galateeffateera.

“Kanaan dura sadarkaa naannoo Oromiyaatti kan hundeeffame manni maxxansaa Meelbaa barreessitoota rakkoo akkasii qabaniif bilisaan akka maxxansiisu himamaa ture sanatti fayyadamuudhaaf maaltu sidhorke ?” gaaffii jedhuuf yemmuu deebii kennu immoo, anis kanaan dura odeeffannoo kana dhaga’een isaan argachuudhaaf yaaliin ani hin taasifne hinjiru. Boodarratti dadhabnaan karaa Waajjira Pirezdaantii Naannoo Oromiyaatiin yoo argadheef jedhee gamasiinis yaalee homa tokko argachuu hindandeenye. Yeroo tokko Waajjira Pirezdaantiirraa gara Biiroo Barnootaatti xalayaan naaf barraa’ee isa geessees karri mana maxxansaa Meelbaa banamuu hindandeenye jedha.

Walumaagalatti, dargaggeessa umriisaatiin olitti dhaloota egeree ittiin qaruuf kitaabilee barnootaa adda addaa qopheffatee nama irraa fudhatee raabsuufi nama maxxansiisu dhabuun qaanii waan ta’eef hojiiwwan akkanaa jajjabeessuudhaan dhaloonni akka itti tajaajilamu gochuun murteessaadha.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You