Shaampiyoonaan atileetiksii Afrikaa eessaa ka’ee eessa jira?

Finfinnee: Ardii Afrikaatti kubbaa miilaatti aanee hirmaattotaafi hordoftoota hedduu horachuudhaan kan beekamu Ispoortii Atileetiksii yoo jedhamu dhugaarraa fagaachuu miti.

Keessumaa edda Abbabaa Biqilaa Olompikii Roomaa kan ALA bara 1960 Xaaliyaanitti qophaa’e fiigicha maaraatonii kiiloo meetira 42.195 miila duwwaa fiiguudhaan injifannoo dachaa gonfatee kaasee ta’uusaati.

Abbabaa Biqilaa Olompikii Tokiyoo kan ALA bara 1964 Jaappaanitti adeemsifamettis maaraatoniidhaan sa’aatii haaraa galmeessisuudhaan yeroo lammaffaaf mo’achuusaatti dargaggoota Afrikaaf kaka’umsa guddaa uumeera.

Olompikii Meeksiikoo kan bara 1968 adeemsifametti ammoo Maammoo Waldee Abbabaa bakka bu’uudhaan Maaraatoniidhaan yeroo sadaffaaf mo’achuusaatti injifannoorratti injifannoo argamsiiseera.

Daandii injifannoo Abbabaan saaqe, Maammoon bal’isuusaatti dargaggoonni Afrikaa kumaatamatti lakkaa’aman yeroo gabaabaa keessatti akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatiin dhunfaanis ta’u gareedhaan addunyaa to’achuu jalqaban.

Iddoowwan irratti hirmaatan marattis meedaaliyaawwan heddu hammaarrachuudhaan beekamtii olaanaa argachaa dhufanii biyyoota adda addaatti afeerraa dorgommii argataniiru.

Wanti nama dinqu dargaggoonni Afrikaa duraan taa’anii atileetota adii jajaa turan yeroo gabaabaa keessatti gara galtiidhaan kanneen biroo osoo of jidduu hingalchin tartiibaan mo’annaa dachaa gonfachudhaan ammaan tana dabareedhaan jajamaa jiru.

Atileetonni Afrikaa, keessumaa kanneen biyyoota Bahaaf giddugaleessa Afrikaa Olompikii dabalatee shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaan, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa addunyaa, dhunfaanis ta’u gareedhaan mo’annaansaanii dabalaa jira.

Fakkeenyaaf dorgommiiwwan maayilii lamaa kaasee hanga maaraatoniitti adeemsifamanitti Afrikaanonni riikardiiwwan addunyaa dabaree dabareedhaan walharkaa fuudhaa jiru.

Keessumaa dorgommiiwwan kiiloo meetira 10, kuma shanii, fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiifi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaatti atileetonni biyyoota lixaa hangana waan hinmoo’anneef dorgommiiwwan kanneen ispoonsara gochuurraa duubatti harkifacaa jiru.

Injifannoo dargaggoota Afrikaa kanaaf ammoo bu’uura kan ta’e shaampiyoonaan atileetiksii Afrikaa caalaa gumaacha guddaa godheera.

Oggantummaa Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaatiin kan gaggeeffamu shaampiyoonaan atileetiksii Afrikaa kun ALA bara 1979 magaalaa guddoo Senegaal, Daakaaritti edda jalqabamee kaasee Afrikaanonni Atileetota beekamoo horachuudhaan caalaatti addunyaarratti beekamtii argataniiru.

Shaampiyoonaa waggoota 43 lakkoofsise kanarratti biyyoota Afrikaa 54 keessaa gabatee meedaaliyaa keessa kan galan 45n qofa.

Waggoota kaanneen keessatti biyyoota gabatee keessa galan kanneeniif meedaaliyaawwan kumni lamaafi 756 badhaasaaf dhihaataniiru. Isaan keessaa warqiin 920, meetiin 925fi nahaasni 911 ta’uusaati.

Keeniyaan meedaaliyaawwan 405 fudhachuudhaan biyya duraati. Naayijeeriyaan meedaaliyaa 379, Afrikaan Kibbaa 375n lammaffaafi sadaffaa, Itoophiyaan ammoo walumaagalatti meedaaliyaawwan 170 argachuudhaan sadarkaa jahaffaarratti argamti. Meedaaliyaawwan kanneen keessaa warqiiwwan 45, meetiin 63, nahaasni 62. Meedaaliyaawwan warqii keessaa 25 dhiiraan, 18 dubartootaan argaman.

Shaampiyoonichi baranas turban darbe yeroo 22ffaaf Morishas, magaalaa Poorti Lowusitti gageeffamerratti hirmaachuudhaan meedaaliyaawwan warqii afur, meetii jahaafi nahaasa afur walumaagalatti meedaaliyaawwan 14 kan argamsiise jilli atileetiksii Itoophiyaa Roobii darbe oggaa gara biyyaatti deebi’u simannaa ho’aafi afeerraan irbaataa taasifameeraaf. Badhaasnis kennameeraaf.

Mootummaan Itoophiyaafi Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas walumaagalatti qarshii miiliyoona tokkofi, kuma 148fi 500 badhaasaniiru. Meedaaliyaa warqii lama kan argamsiise atileet Hayilamaariyaam Amaaraa qarshii kuma 80 badhaafameera.

Atileetonni miniimaa guttatan shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa ALA Adoolessa 15-27 bara 2022 Ameerikaa, magaalaa Eguweetti adeemsifamurratti hirmaatu.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You