Obbo Tafarraa Ta’eeraa: Hayyuu Finfinneetti Afaan Oromoo waggoota 30f barsiisaa jiran

Bayyanaa Ibraahimiin

Nama yeroo dheeraadhaaf Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo barsiisaa turaniidha. Qubeen Afaan Oromoo qubee Sabaatiin osoo hintaane Laatiniidhaan akka qubeeffamuuf falmaa turan.

Afaan Oromoo magaalattiitti barsiisuun akka badiitti lakkaa’amee hiriyoota hedduu itti dhaban. Ofiisaaniitiifis kutaa itti barsiisutti kashlabbeedhaan dhaanamuurraa hanga manasaaniitti itti seenamee cuupheedhaan waraanamuutti ga’an. Kan akka maraatuutti itti kolfameefi akka wallaalaatti itti qoosame abbaa kaayyoo cimaa.

Doorsisaafi sodaachisa isaan qunnamaa tureef osoo hinjilbiiffanne waggoota 30 darbaniif itti cichanii Finfinneetti Afaan Oromoo barsiisaa jiran, qabsaa’aafi nama kaayyoo cimaa Obbo Tafarraa Ta’eeraa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Gaafdeebiin isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhihaateeraa dubbisa gaarii!

 Bariisaa: Duraan dursinee yaada nuu kennuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa

Obbo Tafarraa: Isinis na affeeruu keessaniif galatoomaa

Bariisaa: Iddoo dhalootaafi haala guddina keessanii nuu ibsaamee?

Obbo Tafarraa: Tolekaa! Tafarraa Ta’eeraan jedhama. Iddoon dhaloota koo Shawaadha. Haala moggaasa ammaatiin Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wanciittin dhaladhe. Akkuma ijoollee Oromoo baadiyyaa kamittuu waan akka loon tiksuufi hojiiwwan umriin keessa jiru naa eeyyamu hundaan maatii koo deeggaraan guddadhe.

Abbaankoo Ta’eeraa Cimsaa jedhamu. Naannawa ittidhaladhetti nama beekamaa turan. Yeroo sanatti ijoolleen naannawa sanaa hedduun carraa barnootaa dhabdus ani jabinaafi fedhii abbaankoo barnootaaf qaburraa kan ka’e carraa barachuu argadheera.

Bara sirna mootii Hayilasillaasee Oromootni hedduun sababoota gara garaatiin barnootarraa dhiibamaa turan sanatti abbaan koo Waliso na geessee akkan baradhu waan na taasiseef kutaa tokkoffaarraa kaasee hanga kutaa saddeettaffaatti Walisotti baradheera.

Sana boodammoo yeroo sana manni barumsaa sadarkaa lammaffaa naannawa sana waan hinturreef carraan ture lama qofa. Takkaan gara manneen barnootaa sadarkaa lammataa jiranitti imalanii barachuu (hangamis fagaatu) jechuudha. Takkaan immoo barnoota addaan kutanii manatti deebi’uu ture.

Kutannoo abbaan koo barnootaaf qabuun anis Finfinnee dhufee barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 8ffaa hanga 12ffaa) baradheera. Sana booda waanin qabxii kolleejjii nama galchu argadheef waggoota sadiif Yunivarsiitii Finfinnee, kolleejjii Komersiitti barumsakoo hordofee damee Akkaawuntiingiitiin eebbifame.

Bariisaa: Finfinneetti yoom Afaan Oromoo barsiisuu eegaltan?

Obbo Tafarraa: Ani jalqabumarraa kaasee qabsoo Oromoon mirga abbaa  biyyummaasaa gonfachuuf taasisaa ture itti dhiheenyaan hordofaa hamma danda’ameenis hirmaachaan ture. Afaan Oromoo barsiisuu kootiin dura qabsoo qubee Afaan Oromoo horachuu keessatti hirmaachaan ture.

Waggoota dheeraaf Afaan Oromoo akka hinbarsiifamneef erga dhoorkamaa turee booda, “Ittiin barsiisaa garuu qubeen ittiin barsiisuu qabdan immoo qubee Saabaati” jedhanii qubee nuti ittiin barsiifnu nuu filatan. Kun immoo waan ta’uu hindandeenye waan ta’eef, qubeen Saabaa Afaan Oromootiif mijataa akka hintaane, hayyoonniifi beektonni Oromoo biyya keessaafi ala turan dursanii waan nu habachiisaniif nutis isumarra ejjannee mormaa turre.

Bariisaa: Yeroo sanatti Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin akka barreeffamuuf akkamiin murtaa’e?

Obbo Tafarraa: Haalumti uumama qubee Saabaa afaan Oromoo qubeessuufis ta’e dubbisuuf akka hinmijannetti uumame. Qubeen Saabaa Afaan Oromoo qofaaf osoo hintaane, afaanota hortee Kuush hundaafuu kan mijatuu miti. Afaanota kanneen akka Sidaamaa, Sumaalee, Affaariifi kanneen birootiif mijataa miti. Kanarraa ka’ameeti qabsoo yeroo dheeraa booda erga mootummaan abbaa Irree, Darguun kufee booda bara 1984tti Afaan Oromoo qubee Laatiniin akka barsiifamu murtaa’e.

Anis erga wanti qabsaa’aa turreef deebii argatee booda bakka turerraa ka’ee bara 1985tti Afaan Oromoo barsiisuuf gara magaalaa Finfinneetti dhufe jechuudha.

Bariisaa: Eessaa dhuftan? Jechuunis dura eessa teessanii afaanichaaf qabsaa’aa turtan?

Obbo Tafarraa: Isa naa obsi hinhimamuu (kolfa dheeraa)

Bariisaa: Hayyee isa bira dabarre. Yeroo jalqabaa sana haallis xiqqoo waan ulfaatuuf Finfinneetti Afaan Oromoo barsiisuun hincimuu?

Obbo Tafarraa: Maal sitti fakkaate. Gaafa gaaffiin qubee Laatiniitiin qubeessuu deebii argatu sana namootni magaalaa keessa taa’anii dhimma kanarratti hojjataa turantu

 akkan iddoon jiruu dhufee asitti afaanicha barsiisu nagaatafan. Kanaaf anis dhufee isaanitti dabalamee iddoo itti barsiifnu adda qooddannee gara hojii keenyaatti galle.

Koree cimaa ta’e tokkos hundeessinee qubee Afaan Oromoo Finfinneetti babal’isuuf kutannoon hojiitti galle. Gidduudhumaan garuu koreen sun gaafa tokko iddoo Waldaan Maccaafi Tuulamaa ittigaggeeffamu; galma Tagbaara’idiitti nu waamanii hojii barsiisummaa kana akka dhaabnuuf nu mariisisan. Sababa maaliif dhaabna jennaan “mootummaafi qaamoleen biroos akka ABOtti nu ilaalaa waan jiraniif hojii kana dhaabuu qabna” deebii jedhu naa kennan. Ani immoo caalaatti xiiqiin na qabee tasuma jalaa dhaga’uu hindandeenye.

Nutoo kan barsiisaa jirru qubeedha malee siyaasaa miti, qubee afaan ofii barachuuf immoo Oromoon waan mirga qabuuf akkan hojii koo hindhaabne itti himee kophaa koo barsiisuu ittifufe jechuudha.

Kutaalee barnootaa duraan nama hedduun barsiisaa turre hunda waanin kophaakoo haguuguu qabuuf osoon boqonnaa hinargatin daree tokkoo ba’aa isa kaan seenaa barsiisutti ittifufe. Barattoota koo gurmeessee aadaafi Afaan Oromoorratti cimuu akka qaban gorsuu duwwaa osoo hintaane, gaafan akka tasaa hidhame yookiin wareegame waanuma hanga ammaatti baratan dhaloota boodaatiif barsiisuu akka qabanis waadaa itti kennaan ture.

 Osuma haala sodaachisaa ta’e kana keessa jirruu boodarra haalli biraa uumame. Innis bara 1986tti Gumiin Dagaagina Aadaafi Afaan Oromoo guddaan tokko Finfinnee keessatti hundaa’e. Namoota barataniifi Afaan Oromoo barsiisuu danda’an walitti qabuudhaan tokko tokkoo keenyaaf manneen barnootaa lama lama filannee akka barsiifnu taasifame.

Animmoo sanaan durayyuu naannawa Baalchaatti waanin jalqabeefi mana barnootaa tokko qabuuf, naannawa Faransaay Lagaasiyoonii mana barnootaa tokko dabaladhee barsiisummaa koo ittifufe.

Naannawa Faransaay Lagaasiyoon maaliifin filadhe seeta? Hiriyaa tokko achii qaban ture. Nama sabboonaafi aadaafi Afaan Oromootiif daran dadhabaa ture tokkotu achi ture. Isa wajjin taanee hojii guddaa tokko afaan kanarratti hojjanna jedheen achi filadhe. Akkuman yaadetti bifa si’ataa ta’een osoo nuti Afaan Oromoo barsiisaafi babal’isaa jirrutti waahilli kiyya kun na biraa wareegame.

Yeroodhaaf anis gaddasaatiin xiqqoo yaadda’us kaayyoo inni irratti wareegame fiixaan baasuuf onnee caaluun hojii koo ittifufeera.

Bariisaa: Afaan Oromoo Finfinnee keessatti barsiisuun waan wareegama kana hunda gaafatu ture jechuudhaa?

Obbo Tafarraa: Har’a yeroo akkanatti taa’anii dubbatan waan salphaa fakkaataa mitii? Inni kun bar waan mana barnootaa  tokko waliin barsiifnuuf malee namni qubee Afaan Oromootiif wareegame lakkaa’amee kan dhumuu mitii.

Isa wareegame duwwaa osoo hintaane, manneen hidhaa gara garaa keessatti dararaawwan hedduu argaa turanii bar. Keessattuu dhaloonni har’aa qubeen har’a ittiin barachaa jiran wareegama beektotaafi gootota Oromoo hedduun akka dhufe tasuma dagachuu hinqaban.

Ana mataakoo bar hanga yeroo dhihootti lafa ani adeeme barsiisu hundatti na duukaa adeemanii akka sareetti natti iyyuu, akka maraataatti natti kolfu, akka nama biyya diiguuttis maqaa natti baasanii jiru.

Keessattuu boodarra erga naannawa 1995 yeroo Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneedhaa bahee Adaamaatti akka galu murtaa’e sanatti qormaannikoo daran dabalee ture.

Bariisaa: Maaliif?

Obbo Tafarraa: Warreen durumayyuu jibbiinsa Oromoofi Afaan Oromootiin maraachaa turan carraa sanatti fayyadamuun anas afaan naqabanii hojii koos na dhaabsisuu yaadanii turan. “Mootummaan Oromiyaa Adaamaatti waan galeef atis deemii achitti galii barsiisi; maal asii goota ?” jedhanii bahaa gala na dhorkan.

Otoon mana barnootaa naannawa Hospitaala Baalchaa jiru tokkotti barsiisaa jiruufaa daree keessatti dhakaa natti darbatu, qorqoorroo narratti rukutuudhaan akka barattoonni tasgabbiidhaan hinbaranne taasisu. Duuriyyee maallaqaan natti bitanii dhakaa natti darbisiisu, na rukuchiisu.

Doorsisaafi sodaachisasaaniitiif jilbiiffachuu didee jennaan gaaf tokko halkan manakoo marsanii isaan keessaa tokko ol seenee cuupheedhaan na waraaneera. Iddoon gaafa sana cuupheen na waraanan sun hanga ammaatti godaannisnisaa hinbadne; ni jira.

Kanaaf, gatiin qubee Afaan Oromoo barsiisuuf keessattuu Finfinneetti hayyoonni Oromoo kanfalaa turan waan dubbatamee dhumuu miti.

Bariisaa: Doorsisa hanga cuubeedhaan waraanamuutti ga’e kana akkamitti dandamattanii barsiisuu ittifuftan?

Obbo Tafarraa: Maal Oromoodhaaf duuti waan guddaa hinturree bar. Hiriyyaan kiyya sila sii kaase sun na biraa wareegamee, isa duwwaa osoo hintaane beektonni nu caalan hedduun sirna yeroo sana tureefi warroota afaaniifi aadaa Oromoo jibbaniin bakka argamanitti sababa itti barbaadaa ajjeeffamaa jiranitti ani akkamittin sodaadhee barsiisuu dhiisa? Osoon sodaadhee hojii beektonni Oromoo hedduun irratti wareegaman sana dhiiseera ta’eetii dhiigni wareegamtootasanii na dhiisa turee? Kun tasuma waan yaadamus hinturre. Anis guyyaa tokko na ajjeessu jedhee sodaachuudhaan hojii koo dhaabee hinbeeku.

Wanti sidhibu gaafas kan hayyoota Oromoo Afaan Oromoo barsiisanitti duulaa ture warra kaan qofa osoo hintaane, gowwaafi bitamaa Oromoos kan dabalatuudha.

“Namtichi bakka akkanaatii dhufe kun  ergama Itoophiyaa diiguu qabatee dhufe” jedhaniiti maqaa na balleessu. Ani garuu lixarraa hindhufne jiddugala biyyaarraan dhufe. Jarri lachuu ilmaan abbaa tokkooti Oromoodha. Kun immoo tarsiimoo ummata magaalaa narratti kakaasuufi Oromoo lagaafi iddoo dhalootaatiin adda qooduu ture.

Keessumaa haalli yeroo bulchiinsi naannoo Oromiyaa Finfinnee bahee gara Adaamaatti akka adeemu taasifame sana keessa dabarre yeroo daran ulfaataafi ijjannoo cimaa nama gaafatu ture.

Wanti biraa hafee yeroo sanatti naannawa itti barsiisuufi iddoo jireenya kootti bunallee amanee hindhugu ture. Sababnisaas namoonni hedduu na ajjeesuuf akka yaadan waanin beekuuf shakkiin ture olaanaadha.

Bariisaa: Filannoo bara 1997n walqabatee yeroo Bulchiinsi Oromiyaa gara Finfinneetti deebi’etti waanti isiniif geeddarame tureeraa?

Obbo Tafarraa: Baay’ee malee. Mootummaan ADWUI yeroo sana gurmaa’ee dhufuu humnoota tokkummaa Itoophiyaa lalisanii sanaan rifatee murtee Oromoo fayyadu dabarse jechuun ni danda’ama. Ministirri muummeen yeroo sanaa, Mallas Zeenaawii immoo nama abshaala waan ta’eef, sochii jarri filannoo bara sanaarratti taasisaa turaniifi gurmaa’uun jaraa aangoosaatiifis sodaa waan uumeef “Finfinneen abbaa qabdii adabadhaa” jedhee bulchiinsa naannoo Oromiyaa dura gara Adaamaatti ari’ee ture waamee Finfinneetti ol deebise.

Murteen sun kan Oromoof yaadamee murtaa’e ta’uu baatus Oromoof carraa guddaa uumeera. Keessattuu hayyoota dhimma Oromoorratti hojjatan, kanneen akkuma keenya aadaafi Afaan Oromoo barsiisaniif, cinqiifi dararaa jaraa jalaa nu baasee amma tokko hamilee nutti horeera.

Durriyyeen magaalaa dur akka maraatuu nutti iyyaa turteefi dhagaa nutti darbitu rakkoo filannootiin walqabatee hirbaata ulee Mallas Zeenaawii taate. Haala mijataa yeroo sana uumametti fayyadamuudhaanis Waldaan Dargaggoota Oromoo Magaalaa Finfinnees hundaa’e. Kun immoo eenyuyyuu caalaa anaaf hamilee guddaa ta’e.

 Warri duraan “Tafarrannaa qubee yiwodmaal” naan jechaa natti dhaadachaa ture hundaa’uu waldaa kanaa booda afaan tokko natti baafachuu sodaatan. Dargaggoonni Oromoo guutuu magaalattii keessa jiran yeroo yeroon walga’anii babal’ina aadaafi Afaan Oromoorratti mari’atu.

Waldichi immoo beekamtii seeraas kan argate waan ta’eef namni qaama kanatti bu’u tokkollee hinturre. Warri OPDOs yeroo sana waan xiqqoo humna horataniif keessaan sirriitti nu gargaaru ture. Kunoo ergasii kaasee hanga har’aatti ani Afaanuma Oromoo barsiisuurran jira; waggoota soddoma darabaniif jechuudha.

Bariisaa: Mee dhimmuma kanaan walfakkaaturratti Ministirri Muummee Doktar Abiyyis Kibxata darbe otoo afaanonni biyya alaa Finfinneetti barsiifamaa jiranii warri Afaan Oromoo baratamuusaatti mufatan jiraachuu kaasanii isin kana akkamitti ilaaltu?

Obbo Tafarraa: Ammayyuu jibbi Afaan Oromoo bar magaalattii keessaa hinbadnee. Warri kaleessa guddinaafi dagaagina aadaafi Afaan Oromoo magaalattii keessatti taasifamu mormaa turan sun bar ni mugan malee hinrafnee. Sababa kanaaf carraafi haala mijataa eeganii duula maqballeessiifi jibbiinsa gaggeessu.

Afaan tokko barachuun faayidaa malee miidhaa tokkollee waan hinqabneef namni tokko afaan saba biyya tokko keessa waliin jiraatuu dhiisiitii afaan biyya alaatuu barachaa jira mitii? “Finfinnee keessatti alaabaa Oromoo arguufi mana barnootaatti Afaan Oromootiin faarfatamuun gurra isaan quuquu hinqabu”.

Kanaaf, jibbi akkanaa waanuma kaleessaati malee waanti har’a akka haaraatti uumame hinjiru. Garuu wanti xiqqoo garaa nama nyaatu; yeroo Oromoon miidhaalee sirnoota Itoophiyaa dhufaa darbaan irratti raawwatamaa jiran garaatti qabatee tokkummaa biyyattii itti fufsiisuuf Itoophiyummaa lallabaa jirutti keessattuu hoggansi Doktar Abiyyi yeroo hunda godaannisa darbe dagatanii tokkummaa biyyaatiif halkanii guyyaa dhama’aa jiranitti warri har’as dogoggora kaleessaa irraa barachuu hindandeenye jibbasaanii dhokfachuu dadhabanii hanga paarlaamaatti geessuusaaniiti.

Wanti ta’uu qabu jibba namoota muraasaatiin dhimma biyyattii dhiisanii kan ofii qofarratti xiyyeeffachuunis biyya miidhuudha. Hojiin tokkummaa biyyattii, walqixxummaa sabaafi sablammoota biyyattiirratti hundaa’e dhugoomsu cimee ittifufuu qaba.

Bariisaa: Gaaffii dhumaa, dhaloota Qubeetiif yoo dhaamsa qabaattan?

Obbo Tafarraa: Qabsoon Oromoo kana booda of duubatti hindeebi’u jedhanii namoonni hedduu ni amanu. Ani garuu akkasitti hinamanu. Dhaloota har’aa kana kutaafi godinaan adda qoodanii tattaaffiin tokkummaa Oromoo diiguuf taasifamaa jiru salphaa miti. Kanaaf, dhaloonni har’aa afaaniifi aadaasaa tikfachaa tokkummaasaas jabeeffachuu qaba.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You