Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad (PhD) tibbana gaaffiilee miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniifiif deebiifi ibsa bal’aa kennaniiru.
Ibsi isaan ragaalee qabatamaadhaan deeggaranii dhimmoota dinagdeefi siyaasaarratti xiyyeeffachuun kennan kun burjaajii heddu kan qulqulleesseedha.
Keessumaa ibsi isaan qo’annoorratti hundaa’uun olola moggaasa ‘Taranyaa’ jedhamufa’irratti kennan daran gaariidha. Kaayyoon olola kanaas sabaafi sablammoota walshakkisiisuu kan bu’ureeffate ture. Biyya diigamuuf qarqararra geessee turte deebisee ijaaruusaatiin Oromoon taranyaadha jedhamuu hinqabu. Inumaayyuu galateeffatamuu qaba. Kanaafis qorannoon adeemsifameen dhugaa jiru ifatti kaa’uun waan dansa.
Oppireeshiniin nageenyaa naannoleetti adeemsifamaa ture naannoleedhaan kan gaggeeffame ta’uurrattis ibsi kennan kan yeroosaa eeggateefi murteessaadha. Utuu haalli qabatamaan kana ta’ee jiruu humnoonni tokko tokko akka waan gochi faallaa kanaa adeemsifamaa jiruutti miidiyaarratti bahanii jette jettee hafarsaa turaniiru. Ibsiifi deebiin haala bilchina qabuun kenname burjaajii naannawa kana tures kan qulqulleessedha.
Haala nageenya waliigalaatiin walqabatee keessumaa olola dhimma irradubbannoo TPLF irratti kennan daran gaariidha. Kanas akkana jechuun ibsan, “Akkuma ifatti lolaa turre araarris ifatti ta’a malee” jechuun TPLF waliin mariin dhoksaan adeemsifamu akka hinjirre eeran. Kanaafis koreen ministira muummee ittaanaadhaan hogganamu hundaa’ee sochiirra jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis waanti ummata Itoophiyaa jalaa dhokfamee kophaatti adeemsifamu akka hinjirres eeran.
“Ilaalchi biyyoolessummaa yeroo TPLF biyya bulchaa turte hinjirre yeroo ammaa cimee hawaasa keessaa mul’ata. Yoomiyyuu caalaa ummanni Itoophiyaa tokkoomeera. Kun akka waan gaariitti ka’uu qaba” jedhan.
Dhimmoonni irranatti eeraman caalaatti cimanii akka lafa qabataniif qabxiileen ittaanan xiyyeeffannaa argachuu akka qabanis cimsanii gorsan Doktar Abiyyi.
- “Dimokraasiifi nageenya
- Dhimmoota biyyaafi sabaa
- Mirga matayyaafi garee
- Seenaafi qormaata kaleessaa
- Faayidaa biyyaalessaafi hariiroo biyyoolessaa”. Qabxiileen kunniin dhimmoota madaallii eeggatanii deemuu qabaniidha.
- Kanneen faccifamuu qaban ammoo
- • Masluufummaafi ofittummaa
- • Cabsiinsa hamilee keessumaa hanna
- • Dhiibbaa alaa hinmalle, kan faayidaa biyyaalessaa miidhuufi misooma gufachiisu
- • Oggaa jaarmiyaan ijaaramu ilaalchi sabummaa, amantiifi siyaasaa akka hinballeessineef of eeggannoo gochuu barbaachisa
- • Ilaalcha jibbiinsa misoomaafi hojii
- Kanaaf, keessumaa qabxiileen akka madaalliinsaanii eegamaniif irranatti tarreeffaman akkuma jedhame madaalliisaanii eegaa, kanneen faccifamuu qaban faccisaa nageenya waaraafi tasgabbii biyya keenyaa caalaatti haamirkaneessinu.
BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014