Feestivaala aadaafi aartii ummattoota Afrikaa Bahaa simannaa Itoophiyaanotaan dabaalame

Fiqaaduu Dheereessaatiin

Ummattoonni gaanfa Afrikaa keessa jiraatan hedduun isaanii aadaafi duudhaa akkasumas sona waliin jireenya walfakkaataa ykn walitti dhiheenya hedduu qabu. Sabni Oromoo Itoophiyaa keessa jiruufi Keeniyaa keessa jiru, sabni Affaar Itoophiyaafi Ertiraa keessa jiraatu, sabni Somaalee Itophiyaafi Somaaliyaa keessa jiru afaan, aadaafi duudhaa akkasumas, amantii wal fakkaataa kan qabu yeroo ta’u kanneen aadaafi duudhaa isaanitiin walitti dhihaatan hedduunis jiraachuu isaanii ragaawwan hedduun ni agarsiisu. Ummattoonni Afrikaa Bahaa kunneen aadaafi duudhaasaanii baroota hedduuf eeggatanii kan har’arra gahaniidha.

Aadaafi duudhaa ganamaa baroota hedduuf eeggatanii har’arra geessisan kana akka carraa guddaatti fayyadamuun ummattoota kanneen gama aadaa, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan walitti fiduuf yaaduun tibbana Feestivaalli Aadaafi Aartii ummattoota Afrikaa Bahaa Itoophiyaatti qophaa’era.

Qopheessummaa Ministeera Aadaafi Ispoortii akkasumas, Ministeera Dhimma Alaatiin Waxabajjii 7-12/2014tti kan qophaa’e Feestivaalli Aadaafi Aartii Ummattoota Afrikaa Bahaa, mata duree “Aartiifi aadaa walitti dhufeenya naannawichaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti qophaa’eera.

Biyyoonni Afrikaa Bahaa kudhan kan irratti hirmaatan feestivaalichi walitti dhufeenya ummattootaa cimsuufi dippiloomaasii aadaa uumuuf kaayyeeffamee akka qophaa’e himameera.

Sirna baniinsa feestivaalichaarratti ambaasaaddaroonni biyyoota hirmaatanii, anga’oota mootummaa olaanoo Itoophiyaa argamaniiru. Akkasumas, ambaasaaddaroonni aadaa biyyoota kanneenii argamuun agarsiisa aadaa biyyootasaanii kan agarsiisan yoo ta’u; gareewwan aadaa sabootaafi sablammoota Itoophiyaa adda addaa sirnichi bifa addaa akka qabaatu taasisaniiru.

Feestivaalichi walitti dhufeenya biyyoota Afrikaa Baha baroota hedduuf ture karaa gama aadaafi aartiin kan cimsuufi jabeessu akka ta’e Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa sirna baniinsaa Addababahii Masqalaatti taasifamerratti dubbataniiru. Feestivaalli qophaa’e kun ummattoonni kunneen karaa gama dinagdeefi aadaa isaanitiin walitti dhufuun itti fayyadamummaa isaanii dagaagsuu akka danda’u dubbataniiru.

Ummattoonni naannawichaa walitti dhufeenya obbolummaa jabaa akka qabaataniifi walitti dhufeenyi isaan amma gama aadaafi aartiin taasisaa jiran guddina dinagdee isaaniitiif shoora mataa isaa akka bahatu himaniiru.

Mootummaa Itoophiyaafi Ministeera Dhimma Alaa bakka bu’uun ergaa kan dabarsan Arraataan ministeerichaa dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii gamasaaniin feestivaalli aadaafi aartii ummattoota Afrikaa Bahaa dippiloomaasii gama aadaan taasifamurratti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Hoggantuu weellistootaafi leenjistuu shubbistoota Ugaandaa kan taate Tireen Mataran sirnicharratti argannee dubbifne Itoophiyaatti argamuu isheefi simannaa taasifameefitti hedduu gammaduu kaasuun, Itoophiyaa gama qabeenya aadaan, dhangaa nyaataafi qabeenya uumamaan hedduu dinqisifachuu himteetti. Feestivaalli kunis aadaafi duudhaa Itophiyaanonni qaban akka beeknu kan nu taasiseedha jechuun dubbatteetti.

Simpooziyeemiiwwan aadaafi aartii, fiilmii, feestivaaliwwan aadaafi ammayyaawaa, faayootaafi nyaata aadaa sablammiilee garagaraa, fakkiifi bobbocawwan, egzibishinoota gurgurtaafi daawwannaa kitaabilee, agarsiisawwan bashannansiisoo daandirraa, ispoortiifi agarsiisawwan adda addaa qaama sagantichaati.

Bakkeewwan filatamoo feestivaalichi itti adeemsifamaa jiru keessaas Daandii Charchil, Tiyaatira Biyyaalessaa Itoophiyaa, Addababayii Masqalaafi Paarkii Inxooxxoo akkasumas bakkeewwan birootti bifa hawwata qabuun kan adeemsifamaa jiru yeroo ta’u guyyaa boruu (Dilbata) xumura argata jedhamee eegama.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You